Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maaliifan Duʼee hin Obbaafadhu?

Maaliifan Duʼee hin Obbaafadhu?

BOQONNAA 14

Maaliifan Duʼee hin Obbaafadhu?

“JIRAACHUU mannaa duʼuu naa wayya.” Kana kan dubbate eenyu? Nama Waaqayyotti hin amannedhaa? Nama Waaqayyoon tajaajiluu dhiisedhaa? Moo nama Waaqayyo itti gaddedha? Lakki. Kana kan dubbate Yoonaas isa hinaaffaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa turedha; yeroo kanatti garuu baayʼee aaree ture.—Yoonaas 4:3.

Kitaabni Qulqulluun Yoonaas of ajjeesuuf yaadee akka ture hin dubbatu. Taʼus, wanti Yoonaas yeroo abdii kutatee turetti dubbate kun tajaajilaan Waaqayyoo tokkollee yeroo tokko tokko dhiphina guddaadhaan liqimfamuu akka dandaʼu nu hubachiisa.—Faarfannaa 34:19.

Dargaggoonni tokko tokko yeroo garmalee dhiphatan lubbuudhaan itti fufuun isaan jibbisiisa. Miira shamarree waggaa 16 Looraa jedhamtutti dhagaʼamee turetu isaanitti dhagaʼama taʼa; Looraan, “Waggoota hedduudhaaf dhiphinni sammuu natti deddeebiʼee na dararaa tureera. Yeroo baayʼee of ajjeesuufan yaada” jetteetti. Namni tokko of ajjeesuu akka barbaadu yoo dubbate ykn ati yaada akkasii yoo qabaatte maal gochuu dandeessa? Mee jalqaba yaanni akkasii uumamuu kan dandaʼu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

Sababiin Isaa Maalidha?

Namni tokko waaʼee of ajjeesuu akka yaadu wanti isa taasisu maal taʼuu dandaʼa? Sababii hedduu caqasuun ni dandaʼama. Tokkoffaa, ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa jiraanna; kanaafuu, dargaggoonni hedduun dhiibbaa cimaa isaan mudatu dandamachuun isaanitti ulfaata. (2 Ximotewos 3:1) Kana malees, cubbuun dhaalle dargaggoonni tokko tokko ofiifis taʼe warra kaaniif ilaalcha dogoggoraa akka qabaatan godheera. (Roomaa 7:22-24) Yeroo tokko tokko akkas kan isaanitti dhagaʼamu miidhaa isaanirra gaʼeen kan kaʼedha. Dhibeen fayyaas ilaalcha dogoggoraa akka qabaatan gochuu dandaʼa. Qorannoon biyya tokko keessatti godhame akka argisiisutti, biyyattii keessatti namoota of ajjeesan keessaa tilmaamaan dhibbeentaa 90 ol kan taʼan namoota dhukkuba sammuutiin dararamaa turanidha. *

Namni hundi rakkinni akka isarra gaʼu beekamaadha. Kitaabni Qulqulluun, “uumamni hundi . . . walii wajjin aadaa fi dhiphachaa akka jiru” ibsa. (Roomaa 8:22) Kunimmoo dargaggootas ni dabalata. Haalawwan armaan gadii dargaggootarratti dhiibbaa guddaa godhu:

Duʼa firaa ykn hiriyaa

Walitti buʼiinsa maatii keessatti uumamu

Qormaata kufuu

Jaalalleerraa gargar baʼuu

Miidhaa (qaamaa ykn saalaa)

Dargaggoonni hundi yeroo taʼe tokkotti haalawwan olitti caqasaman keessaa tokko ykn isaa ol isaanirra gaʼuun isaanii hin oolu. Maarree dargaggoonni tokko tokko haalawwan kana dandamachuun kan isaanitti ulfaatu taʼus tokko tokko dandamachuu kan dandaʼan maaliifi? Ogeeyyiin akka jedhanitti, dargaggoonni of ajjeesuu kan barbaadan namni isaan gargaaru akka hin jirree fi rakkinni isaanii furmaata akka hin qabne waan isaanitti dhagaʼamuufi. Karaa biraatiin, dargaggoonni akkasii abdii xinnoonillee isaanitti hin mulʼatu. Of ajjeesuuf kan yaalan dhiphina isaaniirraa boqochuu waan barbaadaniifi malee duʼuu waan barbaadaniif miti.

Furmaata hin Qabuu?

Nama jireenyi waan isatti hadhaaʼeef, ‘Utuun duʼee obbaafadhee’ jedhee yaadaa jiru beektaa? Taanaan maal gochuu dandeessa?

Hiriyaan kee tokko hamma duʼuu hawwutti baayʼee akka dhiphate yoo beekte gargaarsa akka gaafatu isa jajjabeessi. Achiis, namni sun nama kan biraatti akka hin dubbanne kan barbaadu taʼullee nama amanamaa taʼe tokkotti himuurraa duubatti hin jedhin. Hiriyummaan keenya addaan cita jettee hin yaaddaʼin. Dhimmicha warra kaanitti himuudhaan lubbuu hiriyaa kee baraaruu dandeessa.

Haa taʼu malee, atumtiyyuu waaʼee of ajjeesuu yaadaa jirta yoo taʼe hoo? Miira kee hin dhoksin. Warra keetti, hiriyaa keetti ykn nama siif yaaduu fi xiyyeeffannaadhaan si dhaggeeffatu kan biraatti himi. Rakkina kee namatti himachuun kee si fayyada malee wanta si miidhu hin qabu. *

Wanta sitti dhagaʼame dubbachuun kee qofti rakkina kee sii balleessa jechuu akka hin taane beekamaadha. Haa taʼu malee, namni miira kee itti himtu sun haala keessa jirtuuf ilaalcha madaalamaa akka qabaattu si gargaara taʼa. Tariimmoo furmaata qabatamaa taʼe akka argattu si gargaaruu dandaʼa.

Haalawwan ni Jijjiiramu

Haalli nama dhiphisu yeroo si mudatu kana yaadadhu: Haalli keessa jirtu abdii kan hin qabne fakkaatus, oolee bulee haalawwan jijjiiramuun isaanii hin oolu. Daawit faarfatichi inni rakkinni hedduun isarra gaʼe kadhannaa Waaqayyoof dhiheesserratti, “Gadda koo gara shubbisaatti jijjiirteetta” jedheera.—Faarfannaa 30:11.

Daawit yeroo hundumaa shubbisaa akka jiraatu akka hin eegne beekamaadha. Muuxannoo isaarraa rakkinni akka dhufuu fi akka darbu hubatee ture. Kun dhugaa taʼuu isaa jireenya kee keessatti hubatteettaa? Rakkoowwan tokko tokko ammaaf humna keetii ol akka taʼan sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus obsi. Yeroo baayʼee haalawwan ni fooyyaʼu. Tarii rakkinni si mudate karaa ati hin eegneen furmaata argachuu dandaʼa. Yookiinimmoo, karaa ati matumaa yaaddee hin beekneen rakkinicha dandamachuu dandeessa. Rakkoowwan si dhiphisan bara baraaf si wajjin hin jiraatan.—2 Qorontos 4:17.

Faayidaa Kadhannaan Qabu

Miira kee kadhannaadhaan Waaqayyotti himuun faayidaa hundarra caalu siif argamsiisa. Atis akka Daawit akkana jettee kadhachuu dandeessa: “Yaa Waaqayyo, akka gaariitti na sakattaʼi, garaa koos beeki. Na qori, yaadawwan na dhiphisanis beeki. Daandiin miidhaa geessisu akkamii iyyuu na keessa yoo jiraate ilaali, daandii bara baraa irras na geggeessi.”—Faarfannaa 139:23, 24.

Kadhannaan wanta si dhiphisu dubbachuudhaan karaa itti boqonnaa argattu qofa miti. Kanaa mannaa, karaa Abbaa kee isa samii ‘garaa kee akka isaaf bantu’ barbaadu wajjin itti walqunnamtudha. (Faarfannaa 62:8) Waaqayyoon ilaalchisee dhugaawwan buʼuuraa armaan gadii qalbeeffadhu:

Haalawwan akka dhiphattu si taasisan sirriitti beeka.—Faarfannaa 103:14.

Hamma ati of beektu caalaa si beeka.—1 Yohaannis 3:20.

‘Siif yaada.’—1 Pheexiros 5:7.

Addunyaa haaraa keessatti, “imimmaan hundumaa ija [kee] irraa ni haqa.”—Mulʼata 21:4.

Dhibee Fayyaa Yoo Taʼe

Akkuma olitti ilaalle yaanni of ajjeesuu kan dhufu yeroo baayʼee sababii dhibee fayyaatiin kan kaʼedha. Haalli kees akkas taanaan gargaarsa gaafachuuf qaanaʼuu hin qabdu. Yesuus namoonni dhukkubsatan ogeessi fayyaa akka isaan barbaachisu dubbateera. (Maatewos 9:12) Kan nama gammachiisu dhibeewwan fayyaa hedduudhaaf yaalii fayyaa argachuun ni dandaʼama. Yaalii argachuun kee fayyaan kee akka fooyyaʼu gochuu dandaʼa. *

Kitaabni Qulqulluun addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti, “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu” jechuudhaan abdii gammachiisaa kenna. (Isaayyaas 33:24) Waaqayyo haala yeroo sanatti jiraatu yeroo dubbatu, “Wantoonni duraanii hin yaadataman, garaa keessas hin taaʼan” jedheera. (Isaayyaas 65:17) Yeroo Waaqayyo murteessetti dhiphinni sammuu guutummaatti akka balleeffamu amanuudhaan, hamma yeroon sun dhufutti rakkina jireenya kee keessatti si mudatu dandamachuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi.—Mulʼata 21:1-4.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 9 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Warri kee wanta ati akka beekan hin barbaanne dabalatee waaʼee kee wanta hunda beekuu barbaadu. Maarree warri kee hamma tokko bilisummaa akka siif kennan gochuu kan dandeessu akkamitti?

[Miiljaleewwan]

^ Haa taʼu malee, dargaggoota dhukkuba sammuu qaban keessaa hedduun isaanii akka of hin ajjeesne hubachuun barbaachisaadha.

^ Kiristiyaanonni dhiphatan jaarsolii gumiirraas gargaarsa argachuu dandaʼu.—Yaaqoob 5:14, 15.

^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Boqonnaa 13​ffaa kitaaba kanaa ilaali.

CAQASA IJOO

“Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa . . . nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.”—Filiphisiyus 4:6, 7.

GORSA GAARII

Yeroo dhiphattu miilaan deemuudhaan qilleensa fudhadhu. Manaa baʼuunii fi ispoortii hojjechuun akka tasgabbooftuu fi miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu taasisa.

KANA BEEKTAA?

Namoonni of ajjeesan ofii isaanii qofa utuu hin taʼin namoota isaan jaallatanis ni miidhu.

WANTAN GOCHUU YAADE

Gatii akkan hin qabnee fi akkan hin jaallatamne yeroo natti dhagaʼamu naman miira koo itti himadhu (maqaa nama sanaa barreessi) ․․․․․

Eebbawwan jireenya koo keessatti akkan galateeffadhu na kakaasu keessaa tokko ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Rakkoowwan ciccimoo taʼanillee yeroodhaaf qofa kan turanidha. Kanarratti yaaduun kee si fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

● Namni tokko yeroo of ajjeesu namoota kaanis kan miidhu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 104rra jiru]

“Yeroo tokko tokko dhiphinni cimaan waan natti dhagaʼamuuf duʼuufan hawwa ture; taʼus, yeroo hundumaa kadhachuu fi gargaarsa yaalii fayyaa argachuu kootiin amma fayya buleessa taʼuu dandaʼeera.”—Haayidii

[Saanduqa fuula 100rra jiru]

Yeroo Dhiphinaan Liqimfamtu

Namoonni amanamoon Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamanillee yeroon itti baayʼee dhiphatan jira ture. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

Ribqaa: “Erga akkana taʼee, utuun duʼee naa wayya.”—Uumama 25:22.

Musee: “Maaloo ammuma na ajjeesi. . . . kana booda rakkina akkan argu hin godhin.”—Lakkoofsa 11:15.

Eeliyaas: “Yaa Yihowaa, ani abbootii koo irra waanan hin caalleef, lubbuu koo fudhadhu.”—1 Mootota 19:4.

Iyyoob: “Maal taʼa, Awwaala keessatti utuu na dhoksitee, . . . daangaa yeroos naaf keessee utuu na yaadattee!”—Iyyoob 14:13.

Haalli namoonni olitti caqasaman keessa turan yeroo booda karaa isaan hin eegneen fooyyaʼeera. Haalli ati keessa jirtus akka fooyyaʼu mirkanaaʼaa taʼi.

[Fakkii fuula 102rra jiru]

Dhiphinni akkuma duumessa cimaati; oolee bulee darbuun isaa hin oolu