Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hamma Tokko Bilisummaa Barbaaduun Dogoggoraa?

Hamma Tokko Bilisummaa Barbaaduun Dogoggoraa?

BOQONNAA 15

Hamma Tokko Bilisummaa Barbaaduun Dogoggoraa?

Deebii haala armaan gadiitiif kennitu biratti mallattoo ✔ godhi:

1. Kutaa kee keessa balbala cufattee utuu jirtuu obbolaan kee utuu hin rurukkutin fiiganii ol sitti seenan.

□ ‘Rakkoo hin qabu. Anis darbee darbee akkasuman godha.’

□ ‘Kun addaggummaadha! Uffata jijjiirrachaan jira utuu taʼee hoo?’

2. Akkuma mana geesseen abbaa fi haati kee gaaffiidhaan si muddan. “Eessa turte? Maal gochaa turte? Eenyu wajjin turte?”

□ ‘Rakkoo hin qabu. Wantan isaan dhoksu hin qabu.’

□ ‘Baayʼee nama aarsa! Na hin amanan jechuudha!’

TARII yeroo ijoollee turtetti waaʼeen dhimma dhuunfaa si hin yaaddessu ture. Quxusuun kee fiigee kutaa kee yoo seene homaa sitti hin fakkaatu. Warri kee yoo gaaffii si gaafatan mamii tokko malee isaaniif deebista. Yeroo sana namoonni waaʼee jireenya keetii akka beekan ni barbaadda turte. Amma garuu namoonni waaʼee jireenya keetii wanta hedduu akka beekan hin barbaaddu. Dargaggeessi waggaa 14 Koorii jedhamu, “Warri kaan waaʼee koo wantoota tokko tokko akka beekan hin barbaadu” jedheera. Mee haalawwan hamma tokko bilisummaa argachuun ulfaataa taʼuu itti dandaʼu lama haa ilaallu.

Kophaa Taʼuu Yeroo Barbaaddu

Sababiin kophaa taʼuu itti barbaaddu hedduun jira. Tarii ‘xinnoo boqochuu’ barbaadda taʼa. (Maarqos 6:31) Yookiin yeroo kadhachuu barbaaddu, akkuma Yesuus barattoota isaa gorse, ‘gara kutaa kee seentee balbala kee cufattee Abbaa kee kadhachuu’ barbaadda taʼa. (Maatewos 6:6; Maarqos 1:35) Rakkinni isaa yommuu kutaa kee cufattu (yoo qabaatte jechuudha), warri kee kadhachaa akka jirtu hin beekan taʼa. Obbolaan kees kophaa taʼuu akka barbaadde hin hubatan taʼa.

Wanta gochuu dandeessu. Kophaa taʼuun barbaada jettee falmuu mannaa wantoota armaan gadii godhi:

● Obbolaa kee ilaalchisee, yeroo itti kophaa taatu argachuuf seera muraasa baasuuf yaali. Barbaachisaa yoo taʼe gama kanaan warri kee akka si gargaaran gaafachuu dandeessa. *

● Warra kee ilaalchiseemmoo, ilaalcha isaanii hubachuuf yaali. Shamarreen waggaa 16 Ribeekaa jedhamtu akkana jetteetti: “Al tokko tokko warri koo na hordofu. Dhugaa dubbachuuf garuu, keessumaa yeroo harʼaa dargaggootarra qorumsi hedduun waan gaʼuuf anis utuun haadha taʼee ijoollee koo nan hordofa.” Atoo akkuma Ribeekaa warri kee maaliif akka yaaddaʼan hubachuu ni dandeessaa?—Fakkeenya 19:11.

● Akkana jedhii haqaan of gaafadhu: ‘Yeroon kutaa koo cufadhutti, warri koo wanta dogoggoraa raawwachaa jira jedhanii akka na shakkan wanti godhu jiraa? Warri koo waaʼee koo beekuuf mala dhokataa fayyadamuuf hanga dirqamanitti jireenyi koo baayʼee iccitiidhaa?’ Deebiin gaaffilee kanaaf kennitu ‘Lakki’ yoo taʼee fi warri kee ammayyuu kan si shakkan yoo sitti fakkaate, tasgabbii fi kabajaan wanta sitti dhagaʼamu isaanitti himi. Wanta isaan yaaddesse yeroo dubbatan garaadhaa dhaggeeffadhu; akkasumas ati wanta rakkinichaaf gumaacha godhu raawwachaa akka hin jirre mirkaneeffadhu.—Yaaqoob 1:19.

Yeroo Michoota Horattu

Umurii dargaggummaatti miseensota maatii keetii alatti hiriyaa qabaachuun waanuma jirudha. Warri kees hiriyoonni kee eenyufaa akka taʼanii fi yeroo isaan waliin taatu maal akka gootan beekuu barbaaduun isaanii sirriidha. Taʼus al tokko tokko warri kee garmalee akka yaaddaʼan sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Shamarreen waggaa 16 Eemii jedhamtu, “Warri koo eenyu waliin haasaʼaa akkan jiru na gaafatu jedhee ammaa amma utuun of irra hin ilaalin moobaayilii kootiin haasaʼuu fi iimeelii erguun barbaada” jetteetti.

Wanta gochuu dandeessu. Hiriyummaan warra kaan waliin qabdu warra keerraa akka si fageessu heyyamuu mannaa wantoota armaan gadii gochuuf yaali:

● Hiriyoonni kee eenyufaa akka taʼan hin dhoksin, warra kee wajjin wal isaan barsiisi. Hiriyoota kee beekuuf warri kee dhoksaadhaan akka si hordofan hin barbaaddu taʼa; taʼus hiriyoota kee hin beekan yoo taʼe filannaa maalii qabu? Warri kee namoota ati yeroo waliin dabarsitu caalaatti beekaa yeroo deeman, filannaa hiriyaa keetti caalaatti gammaduun isaanii akka hin oolle yaadadhu.

● Ofii keetiif amanamaa taʼi: Warri kee waaʼee jireenya kee wanta hunda akka hin beekne barbaadda moo, wanta isaan jalaa dhoksitu qabda? Shamarreen waggaa 22 Biritaanii jedhamtu akkana jetteetti: “Mana warra keetii kan jiraattu yoo taʼee fi wanti isaan yaaddessu jira yoo taʼe, ‘Wantin gochaa jiru gadhee miti erga taʼee dhoksuun kan na barbaachise maaliifi?’ jettee of gaafachuu qabda. Karaa biraatiin immoo, dhimma sana dhoksuun yoo si barbaachise rakkinni wayii jira jechuudha.”

Sii fi Dhimma Dhuunfaa Kee

Amma haalawwan dhimmi dhuunfaa kee si yaaddessu keessatti furmaata tokko tokko barbaaduuf carraa qabda. Gaaffilee tarkaanfiiwwan armaan gadiitti aananii jiraniif bakka duwwaa qophaaʼerratti deebii kee barreessi:

Tarkaanfii 1​ffaa: Dhimmicha adda baafadhu. Warri kaan dhimma dhuunfaa kee keessa akka hin galle kan barbaaddu haalawwan akkamii keessatti?

․․․․․

Tarkaanfii 2​ffaa: Ilaalcha warra keetii hubadhu. Wanti isaan yaaddesse inni guddaan maal taʼuu dandaʼa jettee yaadda?

․․․․․

Tarkaanfii 3​ffaa: Furmaata barbaadi. Rakkinichi akka hammaatu gumaacha gooteettaa? Taanaan rakkinicha furuuf jijjiirama akkamii gochuu dandeessa? Warri kee wanta si yaaddesse ilaalchisee maal akka godhan barbaadda?

․․․․․

Tarkaanfii 4​ffaa: Irratti mariʼadhaa. Waaʼee dhimma dhuunfaa kee warra kee haasofsiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe barreessi.

․․․․․

BOQONNAA ITTA AANURRATTI

Abbaa kee ykn haadha kee duʼaan dhabdeettaa? Taanaan, jajjabina eessaa argachuu dandeessa?

[Miiljalee]

^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Boqonnaa 6​ffaa kitaaba kanaa ilaali.

CAQASA IJOO

“Akka hojjetaa waan itti qaanaʼu tokko illee hin qabneetti, Waaqayyo duratti fudhatama kan qabu gootee of dhiheessuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi.”—2 Ximotewos 2:15.

GORSA GAARII

Warra kee wajjin waaʼee bilisummaa argachuu yeroo haasoftu komii hin dhiheessin. Kanaa mannaa yaaddoo kee ibsi. Garaagarummaan isaa maalidha? Komii yeroo dhiheessitu dogoggora warri kee hojjetaniiru jettee yaaddurratti xiyyeeffatta. Wanta si yaaddesse ibsuun kee garuu atis taate warri kee furmaata barbaaduuf isin gargaara.

KANA BEEKTAA?

Warra kee wajjin caalaatti iftoominaan kan haasoftu yoo taʼe isaanis baayʼee si hin shakkan.

WANTAN GOCHUU YAADE

Warri koo akka na amanan (ykn deebiʼanii akka na amanan) gochuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Warri kee waaʼee jireenya keetii si gaafachuuf mirga qabu kan jennu maaliifi?

● Carraaqqiin warra kee wajjin walii galuuf gootu yeroo booda namoota guguddaa wajjin walii galuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 108rra jiru]

“Warri kee rakkinni akka sirra gaʼu hin barbaadan; yeroo tokko tokko dhimma dhuunfaa kee keessa waan galan sitti fakkaachuu dandaʼa. Kunis sirrii akka hin taane sitti dhagaʼama taʼa. Dhugaa dubbachuuf garuu anis utuun haadha taʼee akkas gochuun koo hin oolu.”—Alaanaa

[Fakkii fuula 109​rra jiru]

Warri kaan amantii akka sirratti qabaatan gochuun akkuma mindaa argachuuti; lamaanuu carraaqqii gaafata