Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barumsa Addaan Kutuun Qabaa?

Barumsa Addaan Kutuun Qabaa?

BOQONNAA 19

Barumsa Addaan Kutuun Qabaa?

Barumsa dhaabuu kan qabdu kutaa meeqatti jettee yaadda? ․․․․․

Warri kee hoo kutaa meeqatti akka dhaabdu barbaadu? ․․․․․

GAAFFILEE lamaaniif deebii wal fakkaatu kennitee? Deebiin isaa kan wal fakkaatuu fi ammayyuu barachaa kan jirtu yoo taʼellee yeroo tokko tokko barumsa addaan kutuu barbaadda taʼa. Akka dargaggoota armaan gaditti ibsamanii sitti dhagaʼamee beekaa?

“Yeroo tokko tokko baayʼee waanan dhiphadhuuf sireerraa kaʼuu hin barbaadu. ‘Mana barumsaa deemee wantootan matumaa itti hin fayyadamne barachuun kan na barbaachise maaliifi?’ jedheen yaada.”—Reechal.

“Yeroo baayʼee barumsi waan na nuffisiisuuf addaan kutee hojii argachuun barbaada. Mana barumsaa dhaquun homaa na fayyadaa akka hin jirre waan natti dhagaʼamuuf, hojii hojjedhee maallaqa utuun argadhee natti tola.”—Joon.

“Mana barumsa sadarkaa lammaffaa magaalaa gidduutti argamu yeroon deemu hiriyoota argachuun natti ulfaatee ture. Barumsi natti hin ulfaanne, garuu ijoolleen waan ofirraa na fageessaniif yeroo baayʼee kophaa koon dabarsa. Ijoolleen akkuma koo taʼanillee na haasofsiisuu hin barbaadan turan. Barumsa addaan kutuuf baayʼee qorameen ture.”—Raayaan.

“Guyyaa guyyaadhaan hojii manaa hojjechuudhaan saʼaatii afurin dabarsa. Assaayimantiin, piroojektiinii fi qormaanni natti baayʼatee humnaa ol waan natti taʼeef kanarraa obbaafachuu barbaadeen ture.”—Siindii.

“Mana barumsaa keenyatti boombiin ni dhooʼa jennee sodaachaa turre; barattoonni sadi of ajjeesuuf yaalaniiru, tokkommoo of ajjeeseera. Dargaggoonni gareedhaan yakka raawwatanis jiru turan. Yeroo tokko tokko haalli isaa waan hammaatuuf barumsa dhaabuun barbaada ture.”—Rooz.

Haalli rakkisaan kana wajjin wal fakkaatu si mudatee beekaa? Taanaan, haalli barumsa addaan kutuu akka barbaaddu si taasise isa kami?

․․․․․

Tarii amma barumsa addaan kutuuf karoorfachaa jirta taʼa. Haa taʼu malee, dhaabuu kan barbaadde barumsa gaʼaa akka argatte waan sitti dhagaʼameefi moo barumsi waan si nuffisiiseefi? Gaaffii kanaaf deebii kennuuf jalqaba barumsa addaan kutuu jechuun maal jechuu akka taʼe haa ilaallu.

Dhaabuu moo Addaan Kutuu?

Garaagarummaa barumsa dhaabuu fi addaan kutuu gidduu jiru ibsi.

․․․․․

Biyyoota tokko tokkotti dargaggoonni kutaa shanii hanga kutaa saddeetii gidduutti barumsa dhaabuun akka isaaniif heyyamamu beektaa? Biyyoota kaanittimmoo barattoonni yoo xinnaate hamma kutaa kudhaniitti akka baratan isaanirraa eegama. Kanaafuu, ijoolleen hamma umurii meeqaatti ykn hamma kutaa meeqaatti barachuu akka qaban ilaalchisee addunyaa maratti seerri wal fakkaatu hin jiru.

Kana malees, biyyoonni tokko tokko barattoonni barumsa isaanii hamma tokko ykn guutummaatti mana barumsaa deemuun utuu isaan hin barbaachisin manuma isaaniitii akka hordofan ni heyyamu. Barattoonni heyyamaa fi deggarsa warra isaaniitiin manuma isaanii taaʼanii baratan barumsa addaan kutaniiru jechuun hin dandaʼamu.

Haa taʼu malee, barumsa mana barumsaa deemtee barattus taʼe mana teessee barattu xumuruu kee dura addaan kutuuf yaadaa jirta yoo taʼe gaaffilee armaan gadiirratti yaaduu si barbaachisa:

Seerri biyyattii maal jedha? Akkuma olitti ilaalle, barataan tokko hamma kutaa meeqaatti barachuu akka qabu ilaalchisee mootummoonni seera garaagaraa qabu. Seerri naannoo kee yoo xinnaate hamma kutaa meeqaatti akka barattu ajaja? Maarree hamma seerri sirraa barbaadu baratteettaa? Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu ‘abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif akka bitamnu’ nuuf kenname tuffachuudhaan sadarkaa seerri sirraa barbaadu bira utuu hin gaʼin barumsa yoo dhiiste addaan kutteetta jechuudha.—Roomaa 13:1.

Galma koorra gaʼeeraa? Barumsa barattee galmawwan akkamiirra gaʼuu barbaadda? Waaʼee kanaa mirkanaaʼaa mitii? Taanaan, mirkanaaʼaa taʼuun si barbaachisa. Taʼuu baannaan garuu, akkuma nama bakka gaʼuu barbaadu utuu hin beekin baabura yaabbatuu taata. Kanaafuu, warra kee wajjin taaʼiitii gilgaala “ Galmawwan Koo” jedhuu fi fuula 139 irratti argamu guuti. Akkas gochuun kee galma keerratti akka xiyyeeffattuu fi hamma kutaa meeqaatti barachuu akka qabdu warra kee wajjin murteessuuf si gargaara.—Fakkeenya 21:5.

Barsiisonni kee fi warri kaan hamma kutaa meeqaatti barachuu akka qabdu ilaalchisee gorsa akka siif kennan beekamaadha. Kanas taʼe sana, murtoo isa dhumaa gochuuf aangoo kan qaban warra keeti. (Fakkeenya 1:8; Qolosaayis 3:20) Sadarkaa barumsaa atii fi warri kee murteessitanirra gaʼuu kee dura barumsa yoo dhaabde addaan kutteetta jechuudha.

Barumsa addaan kutuuf kan na kakaase maalidha? Akka of hin gowwoomsine of eeggadhu. (Ermiyaas 17:9) Gocha ofittummaa raawwachuuf sababa dhiheessuun amaluma namaati.—Yaaqoob 1:22.

Sababiiwwan sirrii barumsa xumuruu kee dura addaan kutuuf si kakaasan gaditti barreessi.

․․․․․

Sababiiwwan ofittummaarratti hundaaʼan tokko tokko gaditti barreessi.

․․․․․

Sababiiwwan sirrii taʼan akkamii barreessite? Tarii maatii kee maallaqaan gargaaruu ykn namoonni waaʼee Waaqayyoo akka baratan gargaaruu waan barbaaddeef taʼuu dandaʼa. Sababiin ofittummaarratti hundaaʼemmoo qormaata ykn hojii manaa jalaa baqachuuf taʼuu dandaʼa. Sababiin barumsa addaan kutuuf si kakaase inni guddaan maalidha? Sababiin kun hoo sirriidha moo ofittummaarratti kan hundaaʼedha kan jedhu adda baafachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa.

Sababiiwwan olitti barreessite irra deebiʼii ilaali; achiis sababiiwwan barumsa addaan kutuuf si kakaasaniif 1 hanga 5 keessaa lakkoofsa kenniif (sababii quubsaa hin taaneef 1 sababii quubsaa taʼeefimmoo 5 kenni). Rakkina jalaa baqachuuf jettee barumsa yoo addaan kutte wanti ati hin eegne si mudachuun isaa hin oolu.

Addaan Kutuun Rakkina Qabaa?

Barumsa addaan kutuun bakka deemuu barbaaddu utuu hin gaʼin baaburarraa utaaltee buʼuu wajjin wal fakkaata. Baaburri sun mijataa taʼuu dhiisuu dandaʼa; imaltoonnis amala gaarii qabaachuu dhiisuu dandaʼu. Haa taʼu malee, baaburicharraa yoo utaalte bakka gaʼuu barbaaddu hin geessu, miidhaa cimaanis sirra gaʼuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, barumsa yoo addaan kutte galma keerra gaʼuu hin dandeessu; akkasumas yeruma sanas taʼe yeroo booda rakkoowwan kanneen akka armaan gadiitiif of saaxiluu dandeessa:

Rakkoowwan yeruma sana si mudatan: Hojii argachuun caalaatti sitti ulfaachuu dandaʼa. Yoo argattemmoo mindaa utuu barumsa kee xumurtee argachuu dandeessuu gaditu sii kaffalama. Wantoota buʼuuraa jireenyaaf si barbaachisan argachuuf haala mana barumsaa caalaa ulfaataa taʼe keessa saʼaatii dheeraadhaaf hojjechuun si barbaachisuu dandaʼa.

Rakkoowwan yeroo booda si mudatan: Qorannoon akka argisiisutti namoonni barumsa addaan kutan dhibee fayyaa qabaachuu, mana hidhaa galuu fi gargaarsa mootummaatiin jiraachuuf dirqamuu dandaʼu.

Barumsa xumuruun kee qofti rakkoowwan kanarraa si eeguu akka hin dandeenye beekamaadha. Haa taʼu malee, utuu hin barbaachisin rakkoowwan kanaaf maaliif of saaxilta?

Faayidaa Barumsa Xumuruun Qabu

Qormaata yoo kufte ykn mana barumsaatti haalli rakkisaan si mudateera yoo taʼe abdii kutatta taʼa; tarii rakkoowwan gara fuulduraatti si mudachuu dandaʼan rakkina amma si mudachaa jiru wajjin yeroo wal bira qabaman salphaa sitti fakkaachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, tarkaanfii salphaadha jettee yaadde kana fudhachuu kee dura barattoonni seensarratti caqasaman barumsa addaan kutuu dhiisuun isaanii akkamitti akka isaan fayyade yeroo ibsan ilaali.

“Obsa baradheera, cimina sammuus horadheera. Wanta tokko hojjechuun akka na gammachiisu gochuu kan dandaʼu anuma akka taʼes hubadheera. Barumsa xumuruu kootiin ogummaa ergan barumsa xumuree booda itti fayyadamuu dandaʼu baradheera.”—Reechal.

“Amma jabaadhee yoon hojjedhe galmawwan koorra gaʼuu akkan dandaʼu hubadheera. Makaanikii taʼuu waanan barbaaduuf mana barumsa sadarkaa lammaffaa yeroon jirutti leenjii teeknikaa kanaaf na gargaaru fudhachaan jira.”—Joon.

“Barumsa koo waanan itti fufeef dandeettii dubbisuu fi barreessuu qabaachuu dandaʼeera. Mana barumsaatti yaada warri kaan naa kennanirraa fayyadamuu fi yaada koo karaa amansiisaa taʼeen ifatti ibsuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe baradheera; kunimmoo tajaajila Kiristiyaanaa koorratti na gargaara.”—Raayaan.

“Manni barumsaa rakkina daree keessattis taʼe bakka kan biraatti na mudatu furuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe barachuuf na gargaareera. Haala rakkisaa barumsarratti, hawaasa keessattii fi dhuunfaatti na mudatu furuu barachuun koo bilchina qabaachuuf na gargaareera.”—Siindii.

“Manni barumsaa haala rakkisaa bakka hojiitti na mudatuuf na qopheesseera. Haalawwan wantootan itti amanu qoruuf na dirqisiisan hedduunis na mudataniiru; kanaafuu, barumsa itti fufuun koo amanannaan amantaa koorratti qabu naaf cimseera.”—Rooz.

Solomoon inni mootii ogeessa taʼe, “Jalqaba wanta tokkoo irra dhuma wanta sanaa wayya. Of tuuluu irra obsuu wayya” jedhee barreesseera. (Lallaba 7:8) Kanaafuu, barumsa addaan kutuu mannaa rakkoowwan mana barumsaatti si mudatan furuuf carraaqqii godhi. Akkas yoo goote dhuma kee bareechatta.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Mana barumsaa deemuu kan jibbitu barsiisaa kee wajjin walii galuu waan hin dandeenyeef yoo taʼe hoo maal gochuu qabda?

CAQASA IJOO

“Warri jarjaran hundi . . . gara hiyyummaatti deemu.”—Fakkeenya 21:5.

GORSA GAARII

Haala rakkisaa mana barumsaatti si mudatu dandamachuun yoo sitti ulfaate, sagantaan barumsaa barumsa daftee xumuruuf si dandeessisu yoo jiraate mirkaneeffadhu.

KANA BEEKTAA?

Ijoolleen mana barumsaa hafan yeroo baayʼee barumsa addaan kutu.

WANTAN GOCHUU YAADE

Barumsi tokko yoo natti ulfaate addaan kutuu mannaa akkanan godha․․․․․

Barumsi waan na nuffisiiseef addaan kutuuf yoon qorame haala isaa dandamachuuf akkana gochuu nan dandaʼa․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Dubbisuu, barreessuu fi herreguu barachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

● Leenjii gaggabaabaa fudhachuun yeroo mana barumsaatti dabarsitu akka gaariitti itti fayyadamuuf kan si gargaaru akkamitti?

● Barumsa erga xumurtee booda hojii akkamii hojjechuu akka barbaaddu irratti yaaduun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 140rra jiru]

“Rakkina jalaa baqachuu hin dandeessu. Manni barumsaa rakkoowwan si mudatan ofuma keetii furuu akka barattu si gargaara; dandeettiin kunimmoo bakka hojiittis taʼe bakka biraatti si fayyada.”—Raamonaa

[Saanduqa fuula 139rra jiru]

 Gilgaala

Galmawwan Koo

Kaayyoon barumsaa inni guddaan hojii wanta ofii keetiifis taʼe maatii gara fuulduraatti godhattuuf barbaachisu guutuuf si gargaaru akka argattu si qopheessuudha. (2 Tasalonqee 3:10, 12) Hojii akkamii hojjechuu akka barbaadduu fi yeroon mana barumsaatti dabarsitu si qopheessuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe itti yaaddeettaa? Barumsi barachaa jirtu galma keerra gaʼuuf si gargaaraa akka jiru beekuuf gaaffilee armaan gadii deebisi:

Ciminni koo maalfaʼi? (Fakkeenyaaf, namoota wajjin akka gaariitti walii galuu dandeessaa? Hojii harkaa hojjechuun, waa kalaquun ykn suphuun si gammachiisaa? Rakkina tokko adda baafachuu fi furuurratti dandeettii qabdaa?) ․․․․․

Hojiiwwan cimina kootti fayyadamuuf na gargaaran kamfaʼi? ․․․․․

Naannoon ani jiraadhu carraa hojii kamfaatu jira? ․․․․․

Barumsa gara fuulduraatti hojii argachuuf na gargaaru akkamiin barachaa jira? ․․․․․

Carraa barumsaa caalaatti galma koorra gaʼuuf na gargaaru qabaa? ․․․․․

Kaayyoon kee barumsa yeroo booda itti fayyadamuu dandeessu barachuu akka taʼe yaadadhu. Kanaafuu, itti gaafatamummaa gaʼeessa taʼuun fidu jalaa baqachuuf jettee barumsarra turuu hin qabdu. *

[Miiljalee]

^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Jildii 2​ffaarraa Boqonnaa 38 ilaali.

[Fakkii fuula 138, 139rra jiru]

Barumsa addaan kutuun bakka deemuu barbaaddu utuu hin gaʼin baaburarraa utaaltee buʼuu wajjin wal fakkaata