Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garaagarummaan Aadaa Yeroo Jiraatu Maal Gochuun Dandaʼa?

Garaagarummaan Aadaa Yeroo Jiraatu Maal Gochuun Dandaʼa?

BOQONNAA 22

Garaagarummaan Aadaa Yeroo Jiraatu Maal Gochuun Dandaʼa?

Abbaan kee ykn haati kee baqattootadhaa?

□ Eeyyee □ Lakki

Afaan ykn aadaan mana barumsaatti argitu kan warra keetiirraa addadhaa?

□ Eeyyee □ Lakki

“Warri koo Xaaliyaanota waan taʼaniif jaalala isaanii ifatti ibsu. Amma kan jiraannu Biritaaniyaa keessadha. Asitti namoonni baayʼee of eeggatu. Nama Xaaliyaaniis nama Biritaaniyaas taʼuu waanan hin dandeenyeef gidduutti akkan hafe natti dhagaʼame.”—Zoozuwee, Ingilaandi.

“Mana barumsaatti barsiisaan koo yeroo inni dubbatu ija keessa akkan isa ilaalu natti hima. Abbaan koo garuu yeroo inni dubbatu ija keessa yoon isa ilaale ‘Naamusa hin qabdu’ naan jedha. Aadaa lama gidduutti waanan danqame natti fakkaata.”—Paatriik, Faransaayi keessatti dhalate, warri isaa baqattoota Aljeeriyaati.

WARRI kee yeroo biyya biraatti baqatan rakkina hedduutu isaan mudata. Namoonni argan hundi afaan, aadaa fi akkaataa uffannaa isaanirraa adda taʼe qabu. Warra kaanirraa adda taʼanii mulʼatu. Kanan kan kaʼes, namoonni isaan kabajuu dhiisuu fi halaalatti isaan jibbuu dandaʼu.

Siinis haalli akkasii mudateeraa? Haalawwan rakkisoon dargaggoota mudatan tokko tokko gaditti tarreeffamaniiru. Wanta caalaatti sitti ulfaate biratti mallattoo ✔ godhi.

Qoosaa. Nuur yeroo warri ishii Joordaan irraa gara Ameerikaa Kaabaatti baqatan xinnoo turte. Akkana jetteetti: “Uffanni keenya kan isaaniirraa adda waan taʼeef namoonni nutti kolfu turan. Qoosaa warra Ameerikaa hubachuun nutti ulfaatee ture.”

Gaaffii eenyummaa. Shamarreen Naadiyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Jarmanittin dhaladhe. Warri koo Xaaliyaanota waan taʼaniif Afaan Jarmanii yeroon dubbadhu loqodni koo addadha; kanaafuu ijoolleen mana barumsaa na arrabsu turan. Yeroon Xaaliyaanii dhaqummoo Afaan Xaaliyaanii kanan dubbadhu loqoda Jarmaniitiin akka taʼen hubadhe. Kanaafuu, eenyummaa mataa kootii akkan hin qabne natti dhagaʼame. Eessayyuu yoon deeme akka alagaattin ilaalama.”

Garaagarummaa aadaa mana keessa jiru. Aanaan yeroo maatiin ishii gara Ingilaanditti baqatan umuriin ishii waggaa saddeet ture. Akkana jetteetti: “Anii fi obboleessi koo Landan keessa jiraachuu yeruma sana barre. Warri koo garuu yeroo dheeraadhaaf odola xinnoo Madiiraa jedhamtuu fi Poortugaalitti argamtu keessa jiraachaa waan turaniif isaaniif salphaa hin turre.”

Vooyun warri ishii Kaamboodiyaadhaa gara Awustiraaliyaatti yeroo godaanan umuriin ishii waggaa sadi ture. Akkana jetteetti: “Warri koo dafanii itti baruun isaanitti ulfaatee ture. Abbaan koo ilaalchaa fi yaada isaa dafee waanan hin hubanneef yeroo baayʼee ni aara ture.”

Garaagarummaa afaanii mana keessa jiru. Iyaan warri isaa Ikuwaador irraa gara Niwu Yoorkitti yeroo baqatan umuriin isaa waggaa saddeet ture. Yuunaayitid Isteetis keessa waggaa jaʼaaf erga jiraatee booda akkana jedheera: “Amma Ispaanishii caalaa Ingiliffan dubbadha. Mana barumsaatti barsiisonni koo fi hiriyoonni koo Ingiliffa dubbatu; mana keessattis obboleessa koo wajjin Ingiliffa haasofna. Yeroo baayʼee Ingiliffaan waanan yaaduuf Ispaanishii irraanfachaan jira.”

Liin Awustiraaliyaatti dhalatte, warri ishii Kaamboodiyaadhaa dhufan; akkana jetteetti: “Dhimma tokko ilaalchisee miira koo warra kootiif ibsuu yeroon barbaadu afaan isaanii sirriitti dubbachuun na rakkisa.”

Nuur ishiin olitti caqasamte akkana jetteetti: “Abbaan koo mana keessatti afaan isaa akka dubbannu gochuuf carraaqqii guddaa godha; nuti garuu Afaan Arabaa dubbachuu hin barbaannu. Afaan Arabaa barachuun baʼaa hin barbaachisne akka taʼe nutti dhagaʼama. Hiriyoonni keenya Ingiliffa dubbatu. Sagantaawwan televizyinii ilaallu hundis Afaan Ingiliffatiin dhihaatu. Maarree Afaan Arabaa maal nuu godha?”

Maal Gochuu Dandeessa?

Akkuma olitti ilaalle haalli rakkisaan akkasii kan mudatu si qofa miti. Aadaa warra keetii guutummaatti dhiistee aadaa biyya keessa jiraattutti baruudhaan haalawwan rakkisoo akkasiirraa baqachuuf filatta taʼa. Haa taʼu malee, akkas gochuun warra kee mufachiisuu fi abdii si kutachiisuu dandaʼa. Maarree, rakkina si mudatu dandamachuu fi haala keessa jirturraa faayidaa argachuuf maaliif hin yaaltu? Yaadawwan armaan gadii ilaali:

Yeroo sitti qoosamu. Maaliyyuu yoo goote nama hundumaa biratti fudhatama argachuu hin dandeessu. Namoonni warra kaanitti qoosuu jaallatan yeroo hunda akkas gochuuf sababa barbaadu. (Fakkeenya 18:24) Kanaafuu, ilaalcha isaanii sirreessuuf yaaluudhaan yeroo kee hin gubin. Solomoon inni mootii ogeessa ture, “Namni qoostuu taʼe nama sirreeffama isaaf kennu hin jaallatu” jedhee barreesseera. (Fakkeenya 15:12) Dubbiin jibbaa wallaalummaa nama dubbatu sanaa mulʼisa malee dogoggora nama itti qoosamuu kan mulʼisu miti.

Gaaffiin eenyummaa yeroo sitti uumamu. Miseensa garee tokkoo taʼuu barbaaduun waanuma jirudha; fakkeenyaaf, maatii kee fakkaachuu ykn aadaa taʼe tokko hordofuu barbaadda taʼa. Haa taʼu malee, eenyummaa kee kan murteessu aadaa kee ykn maatii keessatti guddatte akka taʼetti yaaduun dogoggora. Namoonni kanarratti hundaaʼanii sitti murteessuu dandaʼu; Waaqayyo garuu akkas hin godhu. Pheexiros ergamaan, “Waaqayyo [hin loogu]; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba” jedhee barreesseera. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Yihowaa gammachiisuuf wanta dandeessu hunda yoo goote inni akka miseensa maatii isaatti si ilaala. (Isaayyaas 43:10; Maarqos 10:29, 30) Wanti kanarra caalu jiraaree?

Mana keessatti garaagarummaan aadaa yeroo jiraatu. Maatii hundumaa keessatti warrii fi ijoolleen garaagarummaa ilaalchaa qabaachuu dandaʼu. Garaagarummaan maatii keessan keessa jirummoo kanarrayyuu caaluu dandaʼa. Warri kee aadaa biyya isaanii akka hordoftu barbaadu; atimmoo aadaa biyya keessa jiraattaniitti baruu barbaadda. Haa taʼu malee, jireenyi kee akka milkaaʼu kan barbaaddu yoo taʼe “abbaa kee fi haadha tee kabaji.”—Efesoon 6:2, 3.

Duudhaan warra keetii waan sitti hin tolleef isaan mormuuf yaaluu mannaa, warri kee duudhaa isaanii kan kabajan maaliif akka taʼe hubachuuf yaali. (Fakkeenya 2:10, 11) Gaaffilee armaan gadii of gaafadhu: ‘Duudhaaleen kun qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessuu? Wal hin faallessan taanaan, duudhaalee kana ilaalchisee wantin hin jaallanne maalidha? Miira koo warra kootiif kabajaan ibsuu kanan dandaʼu akkamitti?’ (Hojii Ergamootaa 5:29) Afaan warra keetii sirriitti kan beektu yoo taʼe, isaan kabajuun, ilaalcha isaanii hubachuunii fi miira kee ibsuun caalaatti siif salphata.

Mana keessatti garaagarummaan afaanii yeroo jiraatu. Maatiiwwan tokko tokko mana keessatti afaan dhalootaa isaanii qofa kan dubbatan yoo taʼe, ijoolleen afaan lamaanuu barachuu akka dandaʼan hubataniiru. Atoo mana keessanitti akkas gochuuf maaliif hin yaaltu? Warri kee afaanicha barreessuu akka si barsiisanis gaafachuu ni dandeessa. Isteelis kan guddate Jarman keessatti taʼus afaan dhalootaa isaa Afaan Giriikiidha; akkana jedheera: “Warri koo guyyaa guyyaadhaan caqasa Kitaaba Qulqulluurratti na wajjin mariʼatu turan. Sagalee isaanii ol kaasanii naaf dubbisu, animmoo nan barreessa. Amma Afaan Giriikii fi Afaan Jarmanii dubbisuus taʼe barreessuu nan dandaʼa.”

Faayidaa kan biraa hoo qabaa? Zoozuween inni olitti caqasame akkana jedheera: “Afaan warra kootii kanan baradhe karaa miiraa, hunda caalaammoo karaa hafuuraa isaan wajjin walitti dhihaachuu waanan barbaaduufi. Afaan isaanii barachuun koo miira isaanii hubachuuf na gargaareera. Isaanis miira koo hubachuu ni dandaʼu.”

Akka Dallaatti Utuu hin Taʼin Akka Riqichaatti Ilaali

Garaagarummaa aadaa isin gidduu jiru akka dallaa gargar isin baasutti moo akka riqicha walitti isin fiduutti ilaalta? Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun garaagarummaa aadaa isaan gidduu jiru akka riqichaatti ilaaluuf sababii dabalataa akka qaban hubataniiru. Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo baqattoota kan birootti himuu barbaadu. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Saalomaawu inni umurii isaa waggaa shanii kaasee Landan keessa jiraachaa ture akkana jedheera: “Waaʼee Kitaaba Qulqulluu afaan lamaan ibsuu dandaʼuun baayʼee nama gammachiisa. Afaan dhalootaa koo irraanfachuu jala gaʼeen ture; amma garuu gumii Afaan Poortugaaliin geggeeffamu keessatti tajaajilaan jira. Ingiliffas taʼe Afaan Poortugaal sirriittin dubbadha.”

Nuur ishiin olitti caqasamte labsitoonni Wangeelaa Afaan Arabaa dubbachuu dandaʼan akka barbaachisan hubatte. Akkana jetteetti: “Amma afaanicha barachuu jalqabeera; wantootan irraanfadhe yaadachuuf yaalaan jira. Ilaalchi koo jijjiirameera. Amma afaanicha barachuu waanan barbaaduuf yeroo namoonni na sirreessan natti tola.”

Ifatti akka hubannutti, aadaa lamatti baruunii fi afaan lama ykn isaa ol dubbachuu dandaʼuun faayidaa guddaa qaba. Aadaa lama beekuun kee miira namootaa hubachuufis taʼe gaaffii Waaqayyoon ilaalchisee gaafataniif deebii kennuuf si dandeessisa. (Fakkeenya 15:23) Piriitiin Ingilaanditti dhalatte, warri ishii Hindiirraa dhufan; akkana jetteetti: “Aadaa lama hubachuu waanan dandaʼuuf tajaajilli caalaatti gammachiisaa naaf taʼeera. Wanta namoonni biyya lamaanuu itti amananii fi ilaalcha isaanii nan hubadha.”

Atoo haala keessa jirtu akka gufuutti utuu hin taʼin wanta si fayyadu akka taʼetti ilaaluu ni dandeessaa? Yihowaan kan si jaallatu biyya ati ykn maatiin kee irraa dhuftanirratti utuu hin taʼin, eenyummaa keerratti hundaaʼuudhaani. Akkuma dargaggoota olitti caqasamanii, beekumsaa fi muuxannoo keetti fayyadamtee namoonni aadaa warra keetii qaban Yihowaa isa Waaqa jaalala qabeessa taʼee fi hin loogne akka beekan gargaaruu ni dandeessaa? Akkas gochuun gammachuu dhugaa siif argamsiisa.—Hojii Ergamootaa 20:35.

CAQASA IJOO

‘Waaqayyo hin loogu.’—Hojii Ergamootaa 10:34.

GORSA GAARII

Hiriyoonni kee sababa aadaa keetiin yoo sitti kolfan atis kolfii bira darbi. Akkas yoo goote sana booda sitti qoosuuf fedhii hin qabaatan.

KANA BEEKTAA?

Afaan lama yoo dandeesse carraan hojii argachuuf qabdu ni dabala.

WANTAN GOCHUU YAADE

Afaan warra kootii caalaatti hubachuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Aadaa warra keetii beekuun kee waaʼee ofii keetii caalaatti hubachuuf kan si gargaaru akkamitti?

● Dargaggoota kaanirraa haala adda taʼeen carraa akkamii qabda?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 160rra jiru]

“Warra kaan gargaaruu dandaʼuun koo baayʼee na gammachiisa. Namoota Afaan Raashiyaa, Faransaayii fi Moldoovaa dubbataniif Kitaaba Qulqulluu ibsuu nan dandaʼa.”—Oleeg

[Fakkii fuula 161​rra jiru]

Garaagarummaa aadaa isin gidduu jiru akka riqicha walitti isin fiduutti ilaaluu dandeessa