Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiironni kan Na hin Jaallanne Maaliifi?

Dhiironni kan Na hin Jaallanne Maaliifi?

BOQONNAA 27

Dhiironni kan Na hin Jaallanne Maaliifi?

Dhiironni kan biroon akka na jaallatan waanan isatti himeef jaallatamtuu akkan taʼe beeka. Hiriyoonni koo tokko tokko hammam gowwoota akka taʼan yeroon itti himu baayʼee kolfe. Yeroo inni dubbatu waanan isa sirreesseef cimtuu akkan taʼe beeka. Dhiheenyatti na gaafachuun isaa hin oolu.

Bifti ishii ni bareeda, keessi ishii garuu duwwaadha. Waa akkan dubbadhu carraa naaf hin kennitu. Yeroon dubbadhummoo na sirreessiti. Yeroon ishii wajjin wal argu dafee biraa deemuun barbaada.

DHIIRONNI akka si hin jaallanne sitti dhagaʼamaa? Shamarran rakkina akkasii hin qaban jettee yaaddu dabalatee shamarran hedduun akkas isaanitti dhagaʼama. Mee shamarree Joʼaanaa jedhamtu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Joʼaanaan shamarree bareedduu fi cimtuudha, dandeettii dubbachuu gaariis qabdi. Taʼus akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee dhiironni akka na hin jaallanne natti dhagaʼama. Dhiironni ani jaalladhe tokko tokko yeroo muraasaaf xiyyeeffannaa kan naa kennan taʼus booda garuu na cufu.”

Dhiironni shamarree akkamii jaallatu? Shamarreen isaan hin jaallanne hoo kan akkamiiti? Dargaggeessa gaarii tokko hawwachuu kan dandeessu akkamitti?

Wanta Gochuu Qabdu

Of beeki. Umurii saal-lammeessoo keessa erga galtee booda dhiironni si hawwachuun isaanii hin oolu. Tarii dhiironni garaagaraa si hawwatu taʼa. Kun waanuma jirudha. Haa taʼu malee, dhiira jalqabarratti si hawwate daftee kan jaallattu yoo taʼe karaa miiraa fi hafuuraa rakkinaaf of saaxilta. Amaloota gaggaarii horachuun, ‘sammuu kee haaressuudhaan’ wantoota barbaachisoo taʼanirratti xiyyeeffachuunii fi galmawwan kee tokko tokkorra gaʼuun yeroo gaafata.—Roomaa 12:2; 1 Qorontos 7:36; Qolosaayis 3:9, 10.

Dhiironni shamarran ejjennoo cimaa hin qabne ykn bilchina hin qabne jaallatan hedduun akka jiran beekamaadha. Haa taʼu malee, dhiironni kun adda durummaadhaan kan isaan hawwatu eenyummaa shamarree sanaa utuu hin taʼin bifa ishiiti. Dargaggeessi bilchina qabu tokko kan barbaadu shamarree amaloota gaggaarii qabduu fi hirʼina isaa isaaf guuttudha.—Maatewos 19:6.

Dhiironni maal jedhu? “Shamarreen ejjennoo mataa ishii qabduu fi ofitti amanannaa qabdu na hawwatti.”—Jeemsi.

“Shamarreen wantan jedhu hundarratti walii galuu mannaa ilaalcha ishii haqaa fi kabajaan ibsitu na hawwatti. Shamarreen wantan dhagaʼuu barbaadu qofa dubbattu bareedduu yoo taatellee na hin hawwattu.”—Daaran.

Wanta dhiironni olitti ibsaman dubbatan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼame?

․․․․․

Warra kaaniif kabaja qabaadhu. Akkuma ati jaallatamuu barbaaddu dhiironnis kabajamuu barbaadu. Kitaabni Qulqulluun abbaan manaa haadha manaa isaa jaallachuu akka qabu, haati manaammoo abbaa manaa ishiitiif “ulfina guddaa” kennuu akka qabdu kan dubbatu kanaafi. (Efesoon 5:33) Qorannoon dargaggoota dhibbaan lakkaaʼamanirratti godhame tokko akka argisiisutti dhibbeentaa 60 ol kan taʼan jaallatamuu caalaa kabajamuudhaaf iddoo guddaa kennu. Dhiirota gaʼeessota taʼan keessaa dhibbeentaa 70 ol kan taʼanis filannaa akkasii godhaniiru.

Kabaja argisiisuu jechuun ilaalcha mataa keetii qabaachuu ykn yaada kee ibsuu hin dandeessu jechuu miti. (Uumama 21:10-12) Taʼus, akkaataan itti yaada kee ibsitu dargaggeessi tokko akka si jaallatu ykn akka si jibbu gochuu dandaʼa. Yeroo hunda kan isa mormitu ykn wanta inni dubbatu kan sirreessitu yoo taʼe akka isa hin kabajne isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, ilaalcha isaa kan kabajjuu fi yaadawwan gaggaarii taʼan kan kennitu yoo taʼe, yaada kee fudhachuu fi ilaalcha keetiif iddoo guddaa kennuun isaa hin oolu. Dargaggeessi hubannaa qabu tokko miseensota maatii kee fi warra kaan kan kabajju taʼuu fi dhiisuu kees ni ilaala.

Dhiironni maal jedhu? “Jalqabarratti kabajni baayʼee barbaachisaadha jedheen yaada. Jaalalli yeroo booda dhufuu dandaʼa.”—Adriyaan.

“Shamarreen takka kan na kabajju yoo taʼe, baayʼee akka na jaallattu natti dhagaʼama.”—Maarki.

Wanta dhiironni olitti ibsaman dubbatan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼame?

․․․․․

Uffata seera qabeessa uffadhu, qulqullina kees eeggadhu. Akkaataan uffannaa fi miidhaginaa kee wanta keessa kee jiru mulʼisa. Dargaggeessi tokko isa haasofsiisuu kee durayyuu uffannaa keerraa waaʼee kee wanta baayʼee hubata. Uffanni kee seera qabeessa yoo taʼe waaʼee kee ergaa gaarii dabarsa. (1 Ximotewos 2:9) Fedhii saalaa kan kakaasu yoo taʼee fi seera qabeessa miti taanaan garuu ergaa dogoggoraa dabarsa.

Dhiironni maal jedhu? “Shamarreen takka akkaataan uffannaa ishii jireenyaaf ilaalcha akkamii akka qabdu akka gaariitti mulʼisa. Uffata dhaqna mulʼisuu fi seera qabeessa hin taane kan uffattu yoo taʼe xiyyeeffannaa argachuuf garmalee akka hawwitu natti dhagaʼama.”—Adriyaan.

“Shamarreen rifeensa ishii kunuunsitu, foolii gaarii qabduu fi sagalee laafaa qabdu na hawwatti. Shamarree bareedduun takka na hawwattee turte, garuu qulqullina ishii waan hin eegganneef ishiirraan fagaadhe.”—Raayaan.

“Shamarreen takka uffata fedhii saalaa kakaasu kan uffattu yoo taʼe xiyyeeffannaa akka ofitti harkistu ifadha. Ani garuu shamarreen akkasii jaalallee koo akka taatu hin barbaadu.”—Niikolaas.

Wanta dhiironni olitti ibsaman dubbatan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼame?

․․․․․

Wanta Gochuu hin Qabne

Hin kolomsin. Dubartoonni dhiirotarratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼu. Dubartiin takka dandeettii ishii kana wanta gaariidhaafis taʼe wanta gadheedhaaf itti fayyadamuu dandeessi. (Uumama 29:17, 18; Fakkeenya 7:6-23) Atis dandeettii kanatti fayyadamtee dhiira argite hundarratti dhiibbaa gochuuf yoo yaalte nama kolomsuu jaallattu akka taatetti ilaalamuu dandeessa.

Dhiironni maal jedhu? “Shamarree bareedduu takka bira taaʼanii gateettii ishiirra harka kaaʼuuniyyuu nama gammachiisa; kanaafuu, shamarreen takka yeroo si wajjin haasoftu kan si tuttuqxu yoo taʼe kolomsaa akka jirtu natti dhagaʼama.”—Niikolaas.

“Shamarreen takka yeroo hunda dhiira tokko tuquuf carraa kan barbaaddu ykn dhiira argitu hunda irra deddeebitee seeqaa kan ilaaltu yoo taʼe kolomsaa akka jirtu natti dhagaʼama; shamarreen akkasiimmoo na hin hawwattu.”—Hoosee.

Namatti hin maxxanin. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti dhiirri tokkoo fi dubartiin takka yeroo gaaʼela dhaabbatan “foon tokko” taʼu. (Uumama 2:24) Yeroo kanatti lamaan isaaniiyyuu bilisummaa hedduu yeroo qeenxee turanitti qaban dhiisuudhaan fedhii waliitiif dursa kennu. (1 Qorontos 7:32-34) Dargaggeessa tokko wajjin wal baraa jirta taanaan garuu kana isarraa eeguuf mirga hin qabdu; innis sirraa eeguuf mirga hin qabu. * Hiriyoota isaa wajjin yeroo dabarsuuf mirga akka qabu kan hubattu yoo taʼe garuu caalaatti isa hawwachuu dandeessa. Akkaataa bilisummaa isaa kanatti fayyadamu irraas waaʼee isaa wanta baayʼee beekuu dandeessa.—Fakkeenya 20:11.

Dhiironni maal jedhu? “Shamarreen takka wantan godhu hundumaa beekuu kan barbaadduu fi yoon ani ishii faana jiraadhe malee jireenya hawaasummaarrattis taʼe sochiiwwan kan biroorratti hirmaachuu hin dandeessu yoo taʼe garmalee akka natti maxxante natti dhagaʼama.”—Daaran.

“Shamarreen dhiheenyatti wal barre yeroo hundumaa kan naa barreessituu fi eenyu faana akkan jiru kan na gaafattu yoo taʼe, keessumaa maqaa shamarran na wajjin jiranii yoo na gaafatte kun mallattoo akeekkachiisaa naaf taʼa.”—Raayaan.

“Shamarreen takka hiriyoota kee warra dhiiraa wajjin yeroo akka dabarsitu kan siif hin heyyamnee fi yeroo hunda akka si wajjin taatu yoo affeeruu baatte kan aartu yoo taʼe maxxantuu akka taate natti dhagaʼama.”—Adriyaan.

Wanta dhiironni olitti ibsaman dubbatan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼame?

․․․․․

Ofii Keetiif Kabaja Qabaadhu

Shamarran xiyyeeffannaa dhiira tokkoo harkisuu fi isa biratti fudhatama argachuuf wanta kamiyyuu godhan beekta taʼa. Kaanimmoo jaalallee, tariimmoo abbaa manaa argachuuf jedhanii ulaagaa isaanii gadi buusu. Haa taʼu malee, dhugaan buʼuuraa “Namni waanuma facaase sana haammata” jedhu haala kanaafis ni hojjeta. (Galaatiyaa 6:7-9) Ofii keetiifis taʼe ulaagaalee ittiin jiraattuuf iddoo guddaa hin kennitu yoo taʼe, kan hawwattu dargaggoota siifis taʼe ulaagaalee keetiif iddoo guddaa hin kenninedha.

Dhugaan jiru kanadha: Kan si jaallatan dhiirota hunda miti; kunimmoo gaariidha. Miidhagina kee isa alaatiifis taʼe isa keessaatiif xiyyeeffannaa kan kennitu yoo taʼe garuu, ‘Waaqayyo iddoo guddaa siif kenna,’ akkasumas dargaggeessa siif taʼu hawwatta.—1 Pheexiros 3:4.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Dhiira yoo taatemmoo ‘Dubartoonni kan na hin jaallanne maaliifi?’ jettee gaafattee beektaa?

[Miiljaleewwan]

^ Dhiirri tokkoo fi dubartiin takka wal kaadhimataniiru taanaan walii isaaniitiif caalaatti itti gaafatamummaan isaanitti dhagaʼamuun isaa sirriidha.

CAQASA IJOO

“Simboon soba dha, miidhaginnis wanta badu dha, dubartiin Yihowaa sodaattu garuu ni jajamti.”—Fakkeenya 31:30.

GORSA GAARII

Meekaappii dibachuu hin baayʼisin. Meekaappii baayʼisuun kee ergaa dogoggoraa dabarsuu dandaʼa; akka of jajju ykn xiyyeeffannaa argachuuf garmalee akka hawwitu argisiisuu dandaʼa.

KANA BEEKTAA?

Dhiirri tokko yeroo hunda si qofaaf xiyyeeffannaa akka kennu kan barbaaddu yoo taʼe walitti dhufeenya keessan balaadhaaf saaxiluu dandeessa.

WANTAN GOCHUU YAADE

Amalan fooyyeffachuu barbaadu ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Yaadaa fi miira dargaggeessa tokkoo akka kabajju argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

● Ofiif kabaja akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 190rra jiru]

“Yeroo baayʼee jalqabarratti shamarree bareedduutu na hawwata. Haa taʼu malee, shamarreen sun galmawwan gaggaarii hin qabdu yoo taʼe miirri koo dafee jijjiirama. Wanta jireenya ishii keessatti raawwachuu barbaaddu kan beektu yoo taʼe garuu, keessumaammoo galmawwan tokko tokkorra yoo geesse baayʼee na hawwatti.”—Daamiyen

[Fakkii fuula 191rra jiru]

Jaalallii fi kabajni akkuma gommaa biskileetii lamaaniiti; lachanuu barbaachisoodha