Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Fakkeenya Taʼu—Yaaqoob

Nama Fakkeenya Taʼu—Yaaqoob

Nama Fakkeenya Taʼu—Yaaqoob

Yaaqoobii fi obboleessi isaa Esaawu waggoota hedduudhaaf wal dubbisanii hin beekan. Esaawu Yaaqoobiif jibba qaba ture. Yaaqoob balleessaa kan hin qabne taʼus, rakkinicha furuuf dursa fudhateera. Nagaa buusuuf jecha aarsaa kaffaleera. Kaayyoon isaa falmiirratti moʼuu utuu hin taʼin, obboleessa isaa wajjin araaramuu ture. Yaaqoob ejjennoo isaa hin laaffisne; taʼus, obboleessa isaa wajjin nagaa buusuuf dirqama dhiifama gaafatamuun akka isa barbaachisu isatti hin dhagaʼamne.​​—Uumama 25:​27-​34; 27:​30-41; 32:​3-22; 33:​1-9.

Atoo walitti buʼiinsa sii fi miseensota maatii kee gidduutti uumamu kan furtu akkamitti? Yeroo tokko tokko ati sirrii akka taate, obbolaan kee ykn warri kee garuu akka dogoggoran sitti dhagaʼama taʼa. Yeroo akkasiitti dursa akka fudhatan isaanirraa eegdaa? Moo akka Yaaqoob taʼuu dandeessa? Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu utuu hin cabsin nagaa buusuuf aarsaa kaffaluuf fedhii qabdaa? (1 Pheexiros 3:​8, 9) Yaaqoob koorri maatii isaa akka qoqqoodu hin heyyamne. Gad of qabuudhaan walitti dhufeenya obboleessa isaa wajjin qabu haaresseera. Atoo miseensota maatii kee wajjin nagaa buusuuf akkas gochuu ni dandeessaa?