Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Fakkeenya Taʼu—Musee

Nama Fakkeenya Taʼu—Musee

Nama Fakkeenya Taʼu—Musee

Museen jireenya isaa keessatti carraawwan hedduu qaba ture. Masaraa mootummaa Faraʼoon keessatti guddate, ogummaa warra Gibxii hundas barateera. (Hojii Ergamootaa 7:22) Leenjii argatetti kan fayyadame akkamitti? Beekamtii, qabeenyaa fi aangoo argachuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, dhiibbaa hiriyoota isaatiin hin mooʼamne, murtoo ofittummaarratti hundaaʼes hin goone. Kanaa mannaa, filannaa namoota baayʼee ajaaʼibsiisee taʼuu dandaʼu godheera. “Saba Waaqayyoo wajjin rakkachuu filate.” (Ibroota 11:25) Maarree, Museen murtoo akkasii gochuu isaatiin wanti isatti hirʼate jiraa? Lakki. Waaqayyoon tajaajiluu fi namoota gargaaruu waan filateef jireenya gammachuu qabu jiraateera.

Barumsa buʼuuraa gaarii taʼe barachuuf carraa yoo argatte wanta barattetti fayyadamtee maal goota? Maallaqaa fi aangoo argachuurratti xiyyeeffachuu ni dandeessa. Yookiinimmoo akkuma Musee jireenya kee keessatti wanta gatii guddaa qabu raawwachuu dandeessa. Eeyyee, sammuu kee fi wanta qabdu kan biraatti fayyadamtee Waaqayyoo fi namoota tajaajiluu ni dandeessa. (Maatewos 22:35-40) Kana caalaa wanti gammachuu argamsiisu hin jiru.