Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Fakkeenya Taʼu—Ruut

Nama Fakkeenya Taʼu—Ruut

Nama Fakkeenya Taʼu—Ruut

Ruut amanamummaa argisiisuudhaan fakkeenya gaarii taati. Jireenya mijataa biyya ishii dhiistee amaatii ishii Naaʼomii ishii maanguddoo taate wajjin taʼuu filatteetti. Filannaan ishii kun carraa abbaa manaa argachuuf qabdu kan ishii jalaa xiqqeessu taʼus, Ruut waaʼee ofii qofarratti hin xiyyeeffanne. Jaalalli Naaʼomiidhaaf qabduu fi fedhiin saba Yihowaa wajjin taʼuuf qabdu hawwii gaaʼelaaf qabdurra ni caala ture.—Ruut 1:8-17.

Atoo waaʼee gaaʼelaa yaadaa jirtaa? Taanaan fakkeenya Ruut hordofi. Waaʼee miira keetii qofa utuu hin taʼin, amaloota gaggaarii gaaʼela keessatti argisiisuu dandeessu akkamii akka qabdu beekuuf of qori. Fakkeenyaaf, ati nama amanamaadhaa? Fedhii kee hoo aarsaa ni gootaa? Foon kee inni cubbamaan yeroo dhiibbaa sirratti godhuttillee ulaagaalee Waaqayyoo wajjin wal simtee ni jiraattaa? Ruut hiriyaa gaaʼelaa cimsitee barbaadaa hin turre. Haa taʼu malee, yeroo booda abbaa manaa bilchaataa akkuma ishii amala gaarii qabuu fi hundumaa caalaammoo Waaqayyoon jaallatu argachuu dandeesseetti. Atis hiriyaa gaaʼelaa akkasii argachuu ni dandeessa.