Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Fakkeenya Taʼu-Ximotewos

Nama Fakkeenya Taʼu-Ximotewos

Nama Fakkeenya Taʼu-Ximotewos

Ximotewos manaa baʼuuf jedha; manaa kan baʼu garuu maatii isaa jalaa baqachuuf utuu hin taʼin Phaawulos ergamaa wajjin hojii misiyoonummaa hojjechuufi. Ximotewos dargaggeessa itti gaafatamummaan itti dhagaʼamuu fi “obboloota Lisxiraa fi Iqooniyum biratti maqaa gaarii [qabu] ture,” yeroo kanatti umurii dhuma waggoota kurnaniirra taʼuu hin oolu. (Hojii Ergamootaa 16:2) Phaawulos Ximotewos tajaajila Waaqayyoo keessatti wantoota guguddaa raawwachuu akka dandaʼu amanannaa isarratti qaba ture. Ximotewosis wantoota guguddaa raawwateera. Waggoota sana booda jiranitti iddoo garaagaraa deemuudhaan gumiiwwan hundeessuu fi obboloota jajjabeessuu dandaʼeera. Ximotewos amaloota gaggaarii waan qabuuf Phaawulos biratti jaallatamaa taʼeera; Phaawulos gara waggaa 11 booda obboloota Filiphisiyusiin, “Ani nama akka isaatti waaʼee keessan garaadhaa yaadu kan biraa hin qabu” jedheera.—Filiphisiyus 2:20.

Atoo Waaqayyo tajaajila isaa keessatti akka sitti fayyadamuuf of dhiheessaa jirtaa? Akkas yoo goote eebba hedduutu si eeggata. Yihowaan dargaggoota ‘fedhiidhaan of dhiheessaniif’ iddoo guddaa kenna. (Faarfannaa 110:3) Kana malees, Yihowaan ‘jalʼaa akka hin taanee fi hojii kee akka hin irraanfanne’ mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Ibroota 6:10.