Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubartoonni kan Na hin Jaallanne Maaliifi?

Dubartoonni kan Na hin Jaallanne Maaliifi?

BOQONNAA 28

Dubartoonni kan Na hin Jaallanne Maaliifi?

Baayʼee ishii ajaaʼibsiisuun koo hin oolu. Waaʼee koo wanta hundumaa itti himeera; wantan qabu, bakkan deemee fi namootan beeku itti himeera. Jaalallee koo taʼuuf baayʼee akka hawwite hin shakkisiisu.

Maal taʼa lafti baqaqxee utuu na liqimsitee! Homaa hin galuufii? Utuun isa hin mufachiisin akka na biraa deemu gochuu kanan dandaʼu akkamitti laata?

JAALALLEE qabachuuf umuriin kee gaʼeera. Shamarree si hawwattuu fi amantaa kee hordoftu utuu argattee sitti tola. (1 Qorontos 7:39) Kanaan dura jaalallee qabachuuf yaaltee kan turte taʼus homaa siif hin milkoofne. Rakkinni isaa maalidha? Shamarran hundi dargaggeessa miidhagaa qofa barbaaduu? Shamarreen Liisaa jedhamtu, “Dargaggeessi dhaabbii tolu na hawwata” jetteetti. Shamarran tokko tokko garuu kana caalaa wanti barbaadan jira. Shamarreen waggaa 18 Kaarii jedhamtu, “Dargaggoonni miidhagoo taʼan yeroo baayʼee amaloota gaggaarii hin qaban” jetteetti.

Amaloonni gaggaariin shamarran jaallatan maalfaʼi? Shamarree takkatti dhihaachuu yoo barbaadde wantoota akkamiirratti yaaduu qabda? Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu yaadachuu qabdu hoo kamfaʼi?

Wanta Jalqabarratti Gochuu Qabdu

Jaalallee qabachuuf murteessuu kee dura dandeettiiwwan buʼuuraa horachuun si barbaachisu tokko tokko jiru; dandeettiiwwan kun nama kamiyyuu wajjin michummaa uumuufis si gargaaru. Yaadawwan armaan gadii ilaali.

Naamusa gaarii horadhu. Kitaabni Qulqulluun jaalalli ‘amala naamusaan ala taʼe akka hin argisiisne’ dubbata. (1 Qorontos 13:5) Naamusa gaarii qabaachuun kee warra kaan akka kabajjuu fi bilchina akka qabdu argisiisa. Haa taʼu malee, naamusa gaarii argisiisuun akka uffata xiyyeeffannaa warra kaanii harkisuuf uffattee yeroo manatti galtu baafattuu miti. ‘Miseensota maatii koo wajjin yeroon taʼu naamusa gaarii nan argisiisaa?’ jedhii of gaafadhu. Taʼuu baannaan, namoota miseensota maatii kee hin taane wajjin yeroo taatu akkas gochuuf yaaluun fakkeessaa taʼuu dandaʼa. Shamarreen hubannaa qabdu eenyummaa kee isa dhugaa beekuuf akkaataa miseensota maatii kee itti qabdu akka ilaaltu yaadadhu.—Efesoon 6:1, 2.

Shamarran maal jedhu? “Dhiirri tokko wantoota xixinnoorrattis taʼe wantoota guguddaarratti naamusa gaarii kan argisiisu yoo taʼe, fakkeenyaaf balbala kan naaf banu, akkasumas ana qofatti utuu hin taʼin maatii koottis gaarummaa kan argisiisu yoo taʼe baayʼee na hawwata.”—Tiinaa.

“Dhiirri tokko akkuma wal barreen ‘Jaalallee qabdaa?’ ykn ‘Galmi kee maali?’ jedhee dhimma dhuunfaa kan na gaafatu yoo taʼe natti hin tolu. Naamusni gaarii hin taane akkasii na dhiphisa.”—Keetii.

“Dhiironni akka waan nuti miira hin qabneetti, akkasumas hundi keenyayyuu heerumuuf garmalee akka hawwinutti yaaduudhaan miira keenyatti taphatan dubartootaaf kabaja akka hin qabne natti dhagaʼama.”—Aleeksis.

Qulqullina kee eeggadhu. Qulqullina kee eeggachuun warra kaaniif qofa utuu hin taʼin ofiifis kabaja akka qabdu argisiisa. (Maatewos 7:12) Ofiif kabaja yoo qabaattemmoo warri kaanis si kabaju. Qulqullina kee hin eeggattu taanaan garuu carraaqqiin shamarree takka hawwachuuf gootu gatii dhaba.

Shamarran maal jedhu? “Gurbaan na jaallate tokko afaan isaa foolii gadhee qaba. Kana dandaʼuun baayʼee natti ulfaata.”—Keelii.

Dandeettii namoota wajjin haasaʼuu horadhu. Hariiroon tokko akka itti fufu gochuuf wanti baayʼee barbaachisaa taʼe akka gaariitti waliin haasaʼuudha. Wanta sitti tolu qofa utuu hin taʼin wanta hiriyaa keetti tolus haasaʼuu qabda. (Filiphisiyus 2:3, 4) Wanta ishiin dubbattu sirriitti dhaggeeffachuudhaan yaada ishiitiif iddoo guddaa akka kennitu argisiisi.

Shamarran maal jedhu? “Dhiirri tokko wantootan isatti hime kan yaadatuu fi gaaffii gaafachuudhaan haasaan keenya akka itti fufu kan godhu yoo taʼe natti tola.”—Kiristiin.

“Dhiironni wanta argantu isaan hawwata, shamarranimmoo wanta dhagaʼantu isaan hawwata jedheen yaada.”—Laawuraa.

“Kennaan yeroo naaf kennamu natti tola. Haa taʼu malee, dhiirri tokko akka gaariitti haasaʼuu fi dubbii isaatiin jajjabeessuu kan dandaʼu yoo taʼe baayʼee natti tola. Amalli akkasii nama hawwata.”—Eemii.

“Dargaggeessa nama kabajuu fi miira sirrii hin taane hin argisiisne tokko beeka. ‘Urgaan kee namatti tola’ ykn ‘Harʼa baayʼee bareeddeetta’ jechuun utuu isa hin barbaachisin akka gaariitti waliin haasaʼuu dandeenyeerra. Yeroon dubbadhu sirriitti na dhaggeeffata; shamarreen kamiyyuu wanti akkasii itti tola.”—Beet.

“Dargaggeessa qoosuu dandaʼu, garuummoo waaʼee dhimmoota barbaachisoo taʼanii garaadhaa haasaʼuu dandaʼutti dhihaachuun barbaada.”—Keelii.

Nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼi. Kitaabni Qulqulluun, “Namni hundi baʼaa ofii isaa baata” jedha. (Galaatiyaa 6:5) Shamarran dargaggeessa dhibaaʼaa taʼuu isaatiin ykn tapharratti yeroo dheeraa dabarsuu isaatiin kan kaʼe hojii hin hojjenne hin jaallatan.

Shamarran maal jedhu? “Dhiironni tokko tokko caalaatti itti gaafatamummaan kan isaanitti dhagaʼamu utuu taʼanii natti tola. Dhiirri itti gaafatamummaan itti hin dhagaʼamne nama hin hawwatu. Namni akkasii namatti hin tolu.”—Kaarii.

“Dhiironni tokko tokko galma ifa taʼe hin qaban. Shamarreen takka yoo isaan hawwattee fi galma ishii yoo beekan, ‘Nama dhiba, anis galmuma akkasiin qaba’ jedhu. Gochi isaanii garuu faallaa kanaati.”—Beet.

Akkuma olitti ibsame nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuun kee michummaa gaarii uumuuf si gargaara. Haa taʼu malee, shamarree takka jaalallee godhachuuf akka qophoofte yoo sitti dhagaʼame maal gochuu qabda?

Tarkaanfii Ittaanu

Dursa fudhadhu. Shamarreen dinqisiifattu takka hiriyaa gaaʼelaa gaarii siif taʼuu akka dandeessu yoo sitti dhagaʼame akka ishii jaallatte akka beektu godhi. Miira kee kallattiidhaan ifatti itti himi. Kun akka nama sodaachisu beekamaadha. ‘Na diddii laata?’ jettee sodaatta taʼa. Taʼus, dursa fudhachuuf fedhii qabaachuun kee nama guddaa akka taate argisiisa. Garuu wanti of eeggachuu qabdu tokko jira: Kun gaaffii gaaʼelaa miti. Kanaafuu hubannaa qabaadhu. Akkaataan itti gaaffii kee dhiheessitu ishii hawwachuu mannaa akka sirraa fagaattu gochuu dandaʼa.

Shamarran maal jedhu? “Wanta garaa namaa keessa jiru beekuu hin dandaʼu. Kanaafuu, namni tokko caalaatti na beekuu yoo barbaade kallattiidhaan ifatti natti himuu qaba.”—Niinaa.

“Namni itti dhihaattu tokko yeroo si gaafatu jalqabarratti nama burjaajessuu dandaʼa. Namni sun caalaatti na beekuu akka barbaadu yeroo natti himu caalaattin isa kabaja.”—Heelan.

Murtoo ishii kabaji. Shamarreen takka gaaffii kee yoo fudhachuu baatte hoo? Wanta barbaaddu akka beektuu fi gaaffii kee fudhachuu kan didde garaadhaa akka taʼe amanuudhaan akka ishii kabajju argisiisi. Gaaffii kee akka fudhattu dhiibbaa gochuu kee yoo itti fufte garuu bilchina akka hin qabne argisiista. Gaaffii kee akka hin fudhanne ifatti sitti himtus dhagaʼuu yoo didde, tariimmoo yoo aarte fedhii ishiitiif moo fedhii keetiif yaadaa jirta?—1 Qorontos 13:11.

Shamarran maal jedhu? “Dhiirri tokko akkan hin barbaanne ifatti ergan itti himee booda irra deddeebiʼee kan na gaafatu yoo taʼe na aarsa.”—Kooliin.

“Gurbaan tokko akkan hin barbaanne kanan itti hime taʼus lakkoofsa bilbilaa koo akkan isaaf kennu irra deddeebiʼee na gaafate. Isa mufachiisuu hin barbaannen ture. Miira isaa ibsuun isaaf salphaa akka hin taane naa gala. Yeroo booda garuu cimsee itti himuun na barbaachiseera.”—Saaraa.

Wanta Gochuu hin Qabne

Dhiironni tokko tokko salphumatti shamarran akka isaan jaallatan gochuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. Caalaatti xiyyeeffannaa shamarran hedduu kan harkisu eenyu akka taʼe argisiisuufillee hiriyoota isaanii wajjin wal dorgomu taʼa. Haa taʼu malee, dorgommiin akkasii gocha gara jabinaati; maqaa gadhee akka qabaattus gochuu dandaʼa. (Fakkeenya 20:11) Kanarraa fagaachuuf qabxiilee armaan gadii sammuutti qabachuun kee si gargaara.

Hin kolomsin. Kolomsuun dubbiidhaanis taʼe sochii qaamaatiin ibsamuu dandaʼa. Namni kolomsu walitti dhufeenya jaalalaa ulfina qabeessa taʼe jalqabuuf kaayyoo hin qabu. Gochii fi ilaalchi akkasii gorsa Kitaaba Qulqulluu “dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran akka obboleettotaatti qulqullummaa hundumaatiin” akka qabnu dubbatu wajjin wal faallessa. (1 Ximotewos 5:2) Namni kolomsu tokko hiriyaa gaariis taʼe hiriyaa gaaʼelaa gaarii taʼuu hin dandaʼu. Shamarreen hubattuu taate kana beekti.

Shamarran maal jedhu? “Namni tokko erga si kolomsee booda jiʼa tokko duras wantuma siin jedhe sana hiriyaa keetiin akka jedhe yeroo beektu baayʼee si jibbisiisa.”—Heelan.

“Gurbaa bareedaan tokko waaʼee ofii isaa odeessuudhaan na kolomsuu jalqabe. Shamarreen kan biraa yeroo dhuftu ishiidhaanis akkasuma jedhe. Ammas shamarreen kan biraa yeroo dhuftu akkasuma godhe. Haalli isaa baayʼee nama jibbisiisa.”—Tiinaa.

Miira ishiitti hin taphatin. Hiriyummaan shamarree takka wajjin qabdu hiriyummaa dhiira tokko wajjin qabdurraa adda akka taʼe yaadadhu. Maaliif? Hiriyaan kee tokko uffanni isaa akka bareedu yoo itti himte ykn yeroo hundumaa kan isa haasofsiistuu fi iccitii kee kan itti himattu yoo taʼe, miira jaalalaa akka isaaf qabdutti hin yaadu. Shamarreen takka garuu bifa ishii kan dinqisiifattu yoo taʼe ykn yeroo hunda kan ishii haasofsiistuu fi iccitii kee kan ishiitti himattu yoo taʼe miira jaalalaa akka ishiidhaaf qabdu yaaduun ishii nama hin dinqisiisu.

Shamarran maal jedhu? “Dhiironni shamarran akkuma hiriyoota dhiiraa isaaniitti qabuun akka isaanirra hin jirre waan hubatan natti hin fakkaatu.”—Sheeral.

“Gurbaan tokko lakkoofsa bilbilaa koo fudhatee ergaa naaf erguu jalqabe. Akkas kan godhu maaliifi? Yeroo tokko tokko ergaa walii barreessuudhaan hariiroo uumuu jalqabda, achiis wal jaallattu; garuu ergaa walii barreessuudhaan hammam wal beekuu dandeessa?”—Maalorii.

“Dhiirri tokko keessumaa kan namaaf yaaduu fi haasofsiisuun kan namatti hin ulfaanne yoo taʼe shamarreen takka salphaatti isa jaallachuu dandeessi; dhiironni garuu kana waan hubatan natti hin fakkaatu. Shamarreen takka nama akkasii kan jaallattu jaalallee qabaachuuf baayʼee waan hawwituuf miti. Shamarran baayʼeen nama sirrii isaaniif taʼu jaallachuu fi argachuu waan barbaadaniifi.”—Aliisan.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 3 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Garaagarummaa jaalalaa fi sinsinnii gidduu jiru beekuu kan dandeessu akkamitti?

CAQASA IJOO

“Namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffadhaa.”—Efesoon 4:24.

GORSA GAARII

Dandeettii barbaachisaan dargaggeessi tokko horachuu qabu maal akka taʼe akka sitti himan namoota bilchaatoo taʼan tokko tokko gaafadhu; achiis gama kamiin sirreeffama gochuun akka si barbaachisu yaadi.

KANA BEEKTAA?

Wanti iddoo guddaa qabu bifa kee isa alaan mulʼatu utuu hin taʼin eenyummaa kee isa keessaati.

WANTAN GOCHUU YAADE

Caalaatti naamusa gaarii qabaachuuf wantan fooyyessuu barbaadu ․․․․․

Dandeettiin namoota wajjin haasaʼuuf qabu fooyyeffachuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Ofiif kabaja akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

● Yaadaa fi miira shamarree takkaa akka kabajju argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 198rra jiru]

“Dhiironni tokko tokko shamarran hawwachuuf uffata taʼe tokko uffachuu ykn bifa taʼe tokko qabaachuu akka qaban isaanitti dhagaʼama. Kun hamma tokko dhugaa taʼus, shamarran baayʼeen caalaatti kan isaan hawwatu amaloota gaggaarii qabaachuu akka taʼe natti dhagaʼama.”—Keetii

[Fakkii fuula 197​rra jiru]

Naamusni gaariin akka uffata xiyyeeffannaa warra kaanii harkisuuf uffattee yeroo manatti galtu baafattuu miti