Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Miidhaa Gargar Baʼuun Keenya Narraan Geessise Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Miidhaa Gargar Baʼuun Keenya Narraan Geessise Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 31

Miidhaa Gargar Baʼuun Keenya Narraan Geessise Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Jiʼa jaʼaaf wal qorachaa turre, hiriyummaadhaan immoo waggaa shan dabarsineerra. Narraa gargar baʼuu akka barbaadellee natti hin himne. Akkuma tasaa na cufe. Akkan ganame natti dhagaʼame. Garmalee abdii kutadheen ture. Yeroo hunda ‘Maalan balleesse?’ jedheen of gaafadha.”—Reechal.

GARGAR BAʼUUN gammachuu kee gara gaddaatti jijjiiruu dandaʼa. Jeefii fi Suuzaan warra waggaa lamaaf wal qorachaa turan akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yeroo sanatti walitti dhufeenyi isaanii cimee ture. Jeef guyyaa guutuu Suuzaaniif ergaa jaalalaa ni erga ture. Darbee darbeemmoo waaʼee ishii akka yaadu argisiisuuf kennaa ishiidhaaf kenna. Suuzaan akkana jetteetti: “Jeef na dhaggeeffachuu fi miira koo hubachuuf carraaqqii guddaa godha. Miirri addaa akka natti dhagaʼamu godha ture.”

Utuma baayʼee hin turin Jeefii fi Suuzaan waaʼee gaaʼelaa fi erga wal fuudhanii booda eessa akka jiraatan haasaʼuu jalqaban. Jeef waaʼee qubeellaa Suuzaanillee gaggaafachuu jalqabee ture. Achiis akkuma tasaa walitti dhufeenya isaanii addaan kute. Suuzaan baayʼee gaddite. Sochii guyyaa guyyaatiin qabamuuf kan yaalte taʼus naasuudhaan akka hadoodde ishiitti dhagaʼame. “Sammuun koos taʼe qaamni koo bututee ture” jetteetti. *

Kan Nama Miidhu Maaliifi?

Haalli Suuzaaniin mudate wajjin wal fakkaatu si mudateera yoo taʼe, ‘Akka durii kootti deebiʼuu nan dandaʼaa laata?’ jettee yaadda taʼa. Akka dhiphattu beekamaadha. Solomoon Mootichi, “Jaalalli akkuma duʼaa cimaa dha” jedhee barreesseera. (Weedduu Weedduu Caalu 8:6) Kanaafuu, gargar baʼuun keessan haala gaddisiisaa hanga ammaatti si mudate keessaa tokko taʼuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko gargar baʼuun akka duʼaa akka nama miidhu dubbatu. Tarii miirawwan armaan gaditti ibsamanii fi kan biroon sitti dhagaʼamaa jiru taʼa:

Amanuu dadhabuu. ‘Kun taʼuu hin dandaʼu. Guyyaa tokko ykn lama booda yaada isaa ni jijjiira.’

Aarii. ‘Akkamitti akkas godha? Ija isaa arguu hin barbaadu!’

Dhiphina. ‘Namni na jaallatu hin jiru. Kana boodas eenyuyyuu na hin jaallatu.’

Amananii fudhachuu. ‘Haala isaa nan dandamadha. Gargar baʼuun keenya na miidheera, garuu akka durii kootti deebiʼuun koo hin oolu.’

Atis yeroo booda haala isaa amantee fudhachuu ni dandeessa. Yeroon sadarkaa kanarra gaʼuuf sitti fudhatu, yeroo wal qorachuudhaan dabarsitanii fi cimina hariiroo keessanii dabalatee wantoota garaagaraarratti hundaaʼa. Maarree, hammasitti gadda sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

Haala Isaa Dandamachuu

Namoonni tokko tokko ‘Madaan dhawaata fayya’ yeroo jedhan dhageessee beekta taʼa. Jalqaba yeroo gargar baatan yaanni kun si hin amansiisne taʼa. Kunis kan taʼe yeroon darbuun isaa furmaata akka taʼe kan siif galu yeroo booda waan taʼeefi. Fakkeenyaaf, madaa yoo qabaatte yeroon darbaa yommuu deemu kan fayyu taʼus amma si dhukkubuun isaa hin oolu. Dhiigni akka dhaabbatuu fi dhukkubbiin isaa akka hirʼatu gochuuf waa gochuun si barbaachisa. Infeekshinii akka hin qabaanne of eeggachuunis si barbaachisa. Madaan miiraas akkasuma. Amma si dhukkubuun isaa hin oolu. Taʼus, dhukkubbii isaa hirʼisuu fi akka hin hammaanne gochuuf tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuu ni dandeessa. Yeroon darbuun isaa jijjiirama fidu qaba; atoo gaʼee kee raawwachuu kan dandeessu akkamitti? Akkana gochuuf yaali:

Gadda kee hin ukkaamsin. Miira kee booʼichaan ibsuun dogoggora miti. Kitaabni Qulqulluuniyyuu “Booʼuun yeroo qaba,” akkasumas “Gadooduun yeroo qaba” jedha. (Lallaba 3:1, 4) Imimmaan dhangalaasuun kee dadhabduu akka taate hin argisiisu. Daawit inni goota taʼellee yeroo miirri isaa baayʼee miidhametti, “Halkan guutuu siree koo imimmaaniin nan jiisa; iddoo ciisichaa koos booʼichaan nan dhiqa” jedheera.—Faarfannaa 6:6.

Fayyaa kee eeggadhu. Sochiin qaamaa fi nyaanni madaalamaan humna sababa dhiphinaatiin dhabde deebifachuuf si gargaara. Kitaabni Qulqulluun, ‘Leenjiin qaamaa ni fayyada’ jedha.—1 Ximotewos 4:8.

Fayyaa keetiif xiyyeeffannaa kennuun kan si barbaachisu kallattiiwwan kamiini?

․․․․․

Hojiidhaan qabami. Wantoota si gammachiisan raawwachuu hin dhiisin. Keessumaa amma, warra kaanirraa adda of hin baasin. (Fakkeenya 18:1) Namoota siif yaadan wajjin yeroo dabarsuun wanta gaarii irratti xiyyeeffattu argachuuf si gargaara.

Galmawwan akkamii baafachuu dandeessa?

․․․․․

Miira sitti dhagaʼamu kadhannaadhaan Waaqayyotti himi. Kun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko yeroo gargar baʼan Waaqayyos akka isaan dhiise isaanitti dhagaʼama. ‘Hiriyaa gaaʼelaa argachuuf irra deddeebiʼee kadhadheera, amma garuu kunoo kanatu narra gaʼe’ jedhanii yaadu. (Faarfannaa 10:1) Garuu Waaqayyo samii keessa taaʼee namoota akka walitti fidu yaaduun sirriidhaa? Sirrii miti; namni tokko yeroo walitti dhufeenya sana dhaabuu barbaaduttis kan itti gaafatamu Waaqayyo miti. Waaʼee Yihowaa wanti beeknu tokko jira: ‘Inni siif yaada.’ (1 Pheexiros 5:7) Kanaafuu, miira sitti dhagaʼamu hunda kadhannaadhaan isatti himi. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa . . . nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.”—Filiphisiyus 4:6, 7.

Gadda gargar baʼuun keessan sirraan gaʼe dandamachuuf carraaqaa yeroo jirtu kanatti waaʼee maaliifaa kadhachuu dandeessa?

․․․․․

Waaʼee Gara Fuulduraa Yaaduu

Madaa keerraa erga fayyitee booda wanta hariiroo keessan isa kanaan duraarratti uumame qoruun kee gaarii taʼuu dandaʼa. Akkas gochuuf yeroo qophooftu gaaffilee saanduqa fuula 224 irratti argamuu fi “ Gargar Baʼuu Keenyarraa Maalan Baradha?” jedhu keessatti argamaniif deebii kennitu barreessuun si gargaaruu dandaʼa.

Hariiroon keessan akka yaadde siif hin taane. Garuu kana yaadadhu: Yeroo bokkaan cimaan roobu samii gurraachaʼee fi bokkaa rooburratti xiyyeeffachuutu salphata. Yeroo booda garuu bokkaan sun ni caama, samiinis ni qulqullaaʼa. Shamarran boqonnaa kana keessatti ibsamanis yeroo booda haala isaanii isa duriitti deebiʼuu dandaʼaniiru. Atis haala kee duriitti deebiʼuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Namoota miidhaa saalaa geessisanirraa of eeguuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeessa?

[Miiljalee]

^ Namoonni boqonnaa kana keessatti ibsaman dubartoota taʼanis, gorsi kenname dhiirotaafis ni hojjeta.

CAQASA IJOO

“[Yihowaan] warra garaan isaanii cabe ni fayyisa; madaa isaaniis isaaniif ni hidha.”—Faarfannaa 147:3.

GORSA GAARII

Suuzaan ishiin seensa boqonnaa kanaarratti ibsamte yeroo baayʼee dhiphattutti dubbisuuf caqasoota barreeffattee bakka salphaatti argachuu dandeessu kaaʼatte. Tarii atis caqasoota boqonnaa kana keessatti ibsaman tokko tokko barreeffattee akkas gochuu dandeessa.

KANA BEEKTAA?

Dargaggoota umurii waggoota kurnanii keessatti wal qoratan keessaa baayʼeen isaanii gaaʼela hin dhaabbatan; warra gaaʼela dhaabbatan keessaammoo baayʼeen isaanii wal hiiku.

WANTAN GOCHUU YAADE

Haala koo duriitti deebiʼuuf akkanan godha ․․․․․

Gara fuulduraatti wal qorachuu yeroon jalqabu hiriyaa gaarii taʼuuf wantan irratti hojjechuu dandaʼu ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Walitti dhufeenya keessan isa darberraa waaʼee ofii keetii maal baratte?

● Waaʼee saala faallaa hoo maal baratte?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 227rra jiru]

“Yeroon darbaa yommuu deemu ilaalchi kee jijjiiramaa deema. Oolee bulee gaddi sitti dhagaʼamu hirʼachaa waan deemuuf, waaʼee dhimmichaa ilaalcha madaalamaa qabaatta, akkasumas haalli nama dhiphisu sun akka darbe sitti dhagaʼama. Kana malees, eenyummaa kee fi nama hiriyaa gaaʼelaa siif taʼurraa maal akka eegdu caalaatti hubatta; gara fuulduraatti haalli akkasii akka hin uumamne maalirraa of eeguu akka qabdus ni hubatta.”—Kooriinaa

[Saanduqa fuula 224​rra jiru]

 Gilgaala

Gargar Baʼuu Keenyarraa Maalan Baradha?

Sababii itti sirraa gargar baʼuu barbaade sitti himeeraa? Taanaan, sababiin sun quubsaa akka taʼe sitti dhagaʼamuu baatus gaditti barreessi. ․․․․․

Wantoonni sababa taʼuu dandaʼu jettee yaaddu kan biroon maalfaʼi? ․․․․․

Duubatti deebitee yeroo yaaddu, kun akka hin taaneef wanti gochuu dandeessu jira turee? Taanaan, maal gochuu dandeessa turte? ․․․․․

Muuxannoo kanarraa karaa hafuuraas taʼe karaa miiraa guddina gochuun akka si barbaachisu hubatteettaa? ․․․․․

Gara fuulduraatti nama kan biraa wajjin yeroo wal qorattu wanti gochuu hin barbaanne jiraa? ․․․․․

[Fakkii fuula 223rra jiru]

Gargar baʼuun akkuma madaa nama dhukkubsuuti; si miidhuun isaa hin oolu, yeroo booda garuu ni fayya