Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sijaaraa Xuuxuu Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?

Sijaaraa Xuuxuu Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?

BOQONNAA 33

Sijaaraa Xuuxuu Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?

Filannoowwan Armaan Gadii Keessaa Isa Miira Kee Ibsu Biratti Mallattoo ✔ Godhi.

□ Beekuuf hawwiin qaba

□ Dhiphinni natti dhagaʼamaa jira

□ Warra kaan biratti fudhatama argachuun barbaada

□ Furdinni koo na yaaddessa

FILANNOOWWAN fuula 237 irratti argaman keessaa isa tokkorratti mallattoo gooteetta yoo taʼe, wanta dargaggoota sijaaraa xuuxan ykn xuuxuuf yaadaa jiran wajjin wal si fakkeessu qabda. * Fakkeenyaaf:

Hawwii waa beekuuf qaban. “Sijaaraa xuuxuun maal akka fakkaatu beekuu waanan barbaadeef, mana barumsaatti intalli takka yeroo naaf kennitu nan fudhadhe; achiis dhokadheen xuuxe.”—Tireesii.

Dhiphina dandamachuu fi warra kaan fakkaachuu. “Mana barumsaatti ijoolleen, ‘Sijaaraan na barbaachisa’ jedhu; achiis ‘Amma narraa galeera, kana booda dandamachuu nan dandaʼa’ jedhu. Anis yeroon dhiphadhetti akkas gochuun barbaade.”—Niikii.

Furdina hirʼisuu. “Shamarran tokko tokko akka hin furdanneef sijaaraa xuuxu; kunimmoo nyaata dhiisuurra baayʼee salphata!”—Samaantaa.

Taʼus sijaaraa xuuxuu jalqabuu kee dura takka dhaabbadhuu yaadi. Akkuma qurxummii kiyyootti fiigduu hin taʼin. Qurxummiin sun wanti argattu jira, garuu lubbuu ishii ishii kaffalchiisa. Kanaafuu, gorsa Kitaaba Qulqulluu, ‘Sirriitti yaadaa’ jedhu hordofi. (2 Pheexiros 3:1) Gaaffilee armaan gadiitiif deebii kenni.

Sijaaraa Xuuxuu Ilaalchisee Maal Beekuu Qabda?

Deebii kee biratti mallattoo ✔ godhi.

a. Sijaaraa xuuxuun dhiphina koo naaf hirʼisa.

□ Dhugaa □ Soba

b. Aara isaa hunda of keessaa baasuu nan dandaʼa.

□ Dhugaa □ Soba

c. Sijaaraa xuuxuun hamman dulloomutti fayyaa koo hin miidhu.

□ Dhugaa □ Soba

d. Sijaaraa yoon xuuxe saala faallaa caalaattan hawwadha.

□ Dhugaa □ Soba

e. Sijaaraa yoon xuuxe kan miidhamu anuma.

□ Dhugaa □ Soba

f. Sijaaraa xuuxuu fi dhiisuun koo Waaqayyoon hin yaaddessu.

□ Dhugaa □ Soba

Deebii

a. Soba. Sijaaraa xuuxuun yeroodhaaf hamma tokko dhiphina hirʼisuu kan dandaʼu taʼus, saayintistoonni niikootiiniin sijaaraa keessatti argamu hormoononni dhiphina fidan akka dabalan akka godhu bira gaʼaniiru.

b. Soba. Qorannoowwan tokko tokko akka argisiisanitti paartiikiloota sijaaraa xuuxxe keessatti argaman keessaa dhibbeentaa 80 ol kan taʼan qaama kee keessatti hafu.

c. Soba. Hammuma sijaaraa xuuxxe miidhaan isaa dabalaa kan deemu taʼus miidhaa isaa yeruma sana hubachuu dhiisuu dandeessa. Namoonni tokko tokko sijaaraa tokko qofa xuuxanii araadaan qabamu. Sombi kee qilleensa baayʼee ofitti fudhachuu akka hin dandeenye godha; qufaa wal irraa hin cinneenis qabamuu dandeessa. Gogaan kee umurii kee malee shushuntuura. Sijaaraa xuuxuun rakkina saalqunnamtii raawwachuu wajjin wal qabateef, naasuu akka tasaatiif, akkasumas dhiphina sammuutiif si saaxiluu dandaʼa.

d. Soba. Qorataan Looyid Joonistan jedhaman dargaggoonni sijaaraa xuuxan ‘saala faallaa hedduu biratti baayʼee akka hin barbaadamne’ dubbataniiru.

e. Soba. Waggaa waggaadhaan namoonni kumaan lakkaaʼaman sijaaraa naannoo isaanitti xuuxamuun kan kaʼe ni duʼu; sijaaraa xuuxuun kee maatii kee, michoota kee fi beeladoota manaallee miidhuu dandaʼa.

f. Soba. Namoonni Waaqa gammachiisuu barbaadan ‘wanta foon xureessu hundumaarraa’ of qulqulleessuu qabu. (2 Qorontos 7:1) Sijaaraa xuuxuun qaama akka xureessu beekamaadha. Sijaaraa xuuxuudhaan of xureessuu fi ofis taʼe warra kaan miidhuu yoo filatte michuu Waaqayyoo taʼuu hin dandeessu.—Maatewos 22:39; Galaatiyaa 5:19-21.

Dhiibbaa Dandamachuu

Namni tokko sijaaraa akka xuuxxu yoo sii kenne maal goota? Yeroo baayʼee cimsitee, “Lakki, ani hin xuuxu” jechuun kee qofti gaʼaadha. Namni sun dhiibbaa sirratti gochuuf ykn sitti qoosuuf yoo yaale kun mirga kee akka taʼe yaadadhu. Akkana isaan jechuu dandeessa:

● “Fayyaa koo hammam akka miidhu waanan beekuuf xuuxuu hin barbaadu.”

● “Umurii koo gabaabsuu hin barbaadu.”

● “Mirga koo maaliif sarbita?”

Haa taʼu malee, atis akkuma dargaggoota jalqaba boqonnaa kanaarratti ibsamanii caalaatti dhiibbaa sirratti kan godhu fedhii ati qabdu taʼuu dandaʼa. Taanaan, gaaffilee akka armaan gadiirratti yaaduudhaan fedhii kana balleessuuf carraaquu dandeessa:

● ‘Sijaaraa xuuxuun dhuguma na fayyadaa? Fakkeenyaaf, warra kaan biratti fudhatama argachuuf jedhee yoon xuuxe, wanti isaan wajjin wal na fakkeessu kan biraa utuu hin jiraatin isaan biratti fudhatama argachuu nan dandaʼaa? Namoota fayyaa koo yeroon miidhu arganii gammadan fakkaachuu hoo nan barbaadaa?’

● ‘Sijaaraa xuuxuun baasii hammamii na baasisa? Fayyaa koo fi kabajan warra kaan biratti qabu kan na dhabsiisu hoo akkamitti?’

● ‘Sijaaraa xuuxuuf jedhee michummaan Waaqayyo wajjin qabu dhabuu nan barbaadaa?’

Araada sitti taʼeera yoo taʼe hoo? Araada keerraa bilisa baʼuuf maal gochuu dandeessa?

Dhiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

1. Of amansiisi. Sababiiwwan itti dhiistu barreessiitii wanta barreeffatte irra deddeebiʼii ilaali. Wanti hunda caalaa si kakaasu fedhii Waaqayyo duratti qulqulluu taʼuuf qabdu taʼuu dandaʼa.—Roomaa 12:1; Efesoon 4:17-19.

2. Gargaarsa gaafadhu. Dhoksaatti xuuxaa jirta taanaan amma warra kaanitti himuu fi gargaarsa gaafachuu qabda. Dhaabuuf carraaqqii gochaa akka jirtuu fi gargaarsa isaanii akka barbaaddu namoota dhoksaa turtetti himi. Waaqayyoon tajaajiluu yoo barbaaddemmoo akka si gargaaru isa gaafadhu.—1 Yohaannis 5:14.

3. Guyyaa itti dhaabdu murteessi. Torban lama ykn isaa gadi keessatti dhiisuuf murteessi; achiis guyyaa itti dhiisuuf murteessite kaalaandarii keerratti mallattoo godhi. Guyyaa itti dhaabdu sana maatii fi michoota keetti himi.

4. Barbaadii balleessi. Guyyaan itti dhaabdu sun gaʼuu isaa dura kutaa kee, konkolaataa kee fi kiisii kee keessa sijaaraan yoo jiraate barbaadi. Achiis balleessi. Laayitarii fi kibriitii ofirraa fageessi.

5. Miira dhaabuu keetiin sitti dhagaʼamu dandamadhu. Cuunfaa muduraa ykn bishaan baayʼee dhugi; akka gaariitti rafi. Miirri akkasii kan sitti dhagaʼamu yeroodhaaf akka taʼee fi faayidaan isaa garuu dhaabbataa akka taʼe hin dagatin.

6. Wantoota si qoranirraa fagaadhu. Haalawwanii fi iddoowwan sijaaraa akka xuuxxu si qoranirraa fagaadhu. Walitti dhufeenya namoota sijaaraa xuuxan wajjin qabdus addaan kutuun si barbaachisuu dandaʼa.—Fakkeenya 13:20.

Hin Gowwoomin

Waggaa waggaadhaan warshaaleen tamboo, beeksisaaf doolaara biliyoonaan lakkaaʼamu baasu. Warshaaleen kun adda durummaadhaan eenyurratti xiyyeeffatu? Dookumantiin warshaa tamboo tokko yaada, “Maamiltoonni keenya boruu ijoollee harʼaati” jedhu qabateera.

Namoonni sijaaraa oomishan maallaqa kee akka fixan hin heyyamin. Kiyyoo isaanii keessa maaliif seenta? Isaanis taʼan hiriyoonni kee warri sijaaraa xuuxan waaʼeen kee isaan hin yaaddessu. Kanaafuu, isaan dhagaʼuu mannaa gorsa Kitaaba Qulqulluu “si fayyadu” dhagaʼi.—Isaayyaas 48:17.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Hiriyoonni kee dhugaatii alkoolii akka dhugdu dhiibbaa sirratti godhuu? Daangaa kee beekuun kan si barbaachisu maaliif akka taʼe baradhu.

[Miiljalee]

^ Mata dureen kun waaʼee namoota sijaaraa xuuxanii kan dubbatu taʼus, miidhaan ibsame namoota tamboo alanfatanis ni ilaallata.

CAQASA IJOO

“Wanta foon . . . xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.”—2 Qorontos 7:1.

GORSA GAARII

‘Yeruma tokkon fudhadha’ jettee hin yaadin. Yeroo baayʼee namoonni akkas jedhanii yaadan sana boodas ni xuuxu.—Ermiyaas 17:9.

KANA BEEKTAA?

Tamboo alanfachuun sijaaraa caalaa nikootiinii hedduun gara qaamaatti akka seenu godha; tamboon alanfatamu wantoota summaaʼoo kaansarii fidan gara 25 of keessatti qabateera. Kanaafuu, namni tamboo alanfatu kaansarii afaanii fi qoonqootiif caalaatti saaxilama.

WANTAN GOCHUU YAADE

Namni na wajjin baratu akkan xuuxu dhiibbaa yoo narratti godhe akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Utuma miidhaa isaa beektuu sijaaraa xuuxuuf kan qoramtu maaliif taʼuu dandaʼa?

● Sijaaraa xuuxuun miidhaa akka qabu maaltu si amansiise?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 240rra jiru]

“Namni tokko sijaaraa akkan xuuxu yeroo na affeeru seeqeen, ‘Lakki galatoomi, kaansariin akka na qabu hin barbaadun’ jedhaan.”—Alaanaa

[Saanduqa/Fakkii fuula 241rra jiru]

Maariwaanaan Dhuguma Miidhaa Qabaa?

Elan ishiin Aayerlaandi jiraattu, “Namoonni tokko tokko maariwaanaa xuuxuun karaa itti rakkina jalaa baqatan akka taʼee fi miidhaa cimaa akka hin geessisnetti ilaalu” jetteetti. Namoonni waaʼee maariwaanaa wanta wal fakkaatu yeroo dubbatan dhageessee beektaa? Yaada dogoggoraa tokko tokkoo fi dhugaa jiru wal bira qabii ilaali.

Yaada dogoggoraa. Maariwaanaan miidhaa hin qabu.

Dhugaa jiru. Maariwaanaan dandeettii waa yaadachuu balleessuu, dandeettii barachuu hirʼisuu, dandeettii qaamni dhukkuba ofirraa ittisuuf qabu xiqqeessuu, akkasumas dhiirotarrattis taʼe dubartootarratti rakkina saalqunnamtii raawwachuu wajjin wal qabate geessisuu dandaʼa. Dhiphinaa fi dhibee sammuu garaagaraatiif nama saaxiluu dandaʼa. Daaʼimman dubartoota maariwaanaa xuuxanirraa dhalatan rakkina amalaa qabaachuu, akkasumas xiyyeeffannaa sassaabbachuu fi murtoo gochuuf rakkachuu dandaʼu.

Yaada dogoggoraa. Maariwaanaan hamma sijaaraa xuuxuu nama hin miidhu.

Dhugaa jiru. Namni maariwaanaa xuuxu nama sijaaraa xuuxu caalaa qaqaan (cileen) dachaa afur ujummoo qilleensaa isaatti qabata, akkasumas kaarboon monoksaayidii summaaʼaan dachaa shan dhiiga isaa keessa jiraata. Namni maariwaanaa shan xuuxe hammuma nama sijaaraa paakkoo tokko xuuxee wantoonni summaaʼoon kaansarii fidan gara qaama isaatti akka seenan godha.

Yaada dogoggoraa. Maariwaanaan araada nama hin qabsiisu.

Dhugaa jiru. Dargaggoonni rakkina sammuu ykn miiraa qaban araada maariwaanaatiin dafanii qabamuu dandaʼu. Kaanimmoo yeroo dheeraadhaaf erga xuuxanii booda araadaan qabamu. Kana malees, qorannoon akka argisiisutti dargaggoonni maariwaanaa xuuxan araada kanneen akka kookeeyiniitiin qabamuuf caalaatti saaxilamu.

[Saanduqa/Fakkii fuula 244 fi 245rra jiru]

Sijaaraan Qaama Keerratti Miidhaa Akkamii Geessisa?

Suuraa nama fayya buleessa beeksisa sijaaraarratti argituu miidhaa sijaaraa xuuxuun qaama keerratti geessisu wajjin wal bira qabi.

Afaanii fi qoonqoo Kaansarii fiduu dandaʼa

[Fakkii]

Arraba kaansariidhaan miidhame

Onnee Aartariin akka jabaatuu fi akka dhiphatu waan godhuuf onneen oksijiinii gaʼaa hin argatu; carraan itti dhukkuba onneetiin qabaman dachaa afuriin akka dabalu godha

[Fakkii]

Aartarii duude

Somba Karaxiitii qilleensaa miidha, ujummoo qilleensaa faala, akkasumas carraan itti kaansarii sombaatiin qabaman dachaa 23n akka dabalu godha

[Fakkii]

Somba nama sijaaraa xuuxuu

Sammuu Carraan itti istirookiidhaan qabaman dachaa afuriin akka dabalu godha

Gogaa Umurii malee nama dulloomsuu dandaʼa

Ilkaan Bifa ilkaanii balleessa

Garaa Kaansarii fida

Rajiijii Kaansarii fida

Afuuffee fincaanii Kaansarii fida

Kalee Kaansarii fida

[Fakkii fuula 239rra jiru]

Akkuma qurxummii kiyyootti fiigduu namni sijaaraa xuuxu wanti argatu jiraatus lubbuu isaa dhaba