Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garmalee Dhuguun Miidhaa Qabaa?

Garmalee Dhuguun Miidhaa Qabaa?

BOQONNAA 34

Garmalee Dhuguun Miidhaa Qabaa?

Gaaffilee armaan gadiitiif deebii akkamii kennita? Deebii kee biratti mallattoo ✔ godhi.

Hiriyoota kee keessaa utuu umuriin isaanii hin gaʼin ykn garmalee kan dhugan jiruu?

□ Eeyyee □ Lakki

Hiriyoonni kee dhugaatii alkoolii akka dhugdu dhiibbaa sirratti godhanii beekuu?

□ Eeyyee □ Lakki

Garmalee dhugdee beektaa?

□ Eeyyee □ Lakki

GARMALEE dhuguu jechuun maal jechuudha? Namoonni tokko tokko machaaʼuu qofa akka taʼetti yaadu. Dhaabbanni Yuunaayitid Isteetis keessatti argamu tokko “dhiirri tokko takkaatti burcuqqoo shanii fi isaa ol yoo dhuge, dubartiin takkammoo takkaatti burcuqqoo afurii fi isaa ol yoo dhugde” garmalee dhuganiiru jedhamuu akka dandaʼu gabaaseera.

Garmalee dhuguuf ykn umuriin kee utuu hin gaʼin dhuguuf yoo qoramte, qorumsa akkasii wajjin waldhaansoo kan godhu si qofa miti. Dargaggoonni baayʼeen dhugaatii alkoolii garmalee dhugu. * Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Sababiin itti dhuguu barbaadee fi dhiibbaa alkooliin narraan geessisuu dandaʼu dhuguma beekaa?’ Fakkeenyaaf, gaaffilee armaan gadiitiif deebii akkamii kennita? Deebii kee biratti mallattoo ✔ godhi, achiis dhugaa jiru ilaali.

a. Dargaggoonni kan dhugan dhandhama isaa waan jaallataniif qofadha.

□ Dhugaa □ Soba

b. Dargaggoonni fayya buleeyyii waan taʼaniif dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun isaanii hamma namoota guguddaa isaan hin miidhu.

□ Dhugaa □ Soba

c. Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun si hin ajjeesu.

□ Dhugaa □ Soba

d. Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii dhuguu ni dhoowwa.

□ Dhugaa □ Soba

e. Garmalee dhuguun kan miidhu fayyaa kee qofadha.

□ Dhugaa □ Soba

a. Dargaggoonni kan dhugan dhandhama isaa waan jaallataniif qofadha. Deebii—Soba. Qorannoon dhugaatii alkoolii ilaalchisee Awustiraaliyaatti godhame akka argisiisutti, dargaggoota gaafataman keessaa dhibbeentaa 36 kan taʼan adda durummaadhaan kan dhugan hiriyoota isaanii fakkaachuuf akka taʼe dubbataniiru. Qorannoon Yuunaayitid Isteetisitti godhame tokko akka argisiisutti dhibbeentaa 66 kan taʼan kan dhugan dhiibbaa hiriyaatiini. Haa taʼu malee, walakkaadhaa ol kan taʼan kan dhugan rakkina isaanii irraanfachuuf akka taʼe dubbataniiru.

b. Dargaggoonni fayya buleeyyii waan taʼaniif dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun isaanii hamma namoota guguddaa isaan hin miidhu. Deebii—Soba. Mata dureen barruu Discover jedhamurratti baʼe tokko, “Qorannoon haaraan akka argisiisutti dargaggoonni dhugaatii alkoolii dhugan fayyaa isaanii balaadhaaf saaxilu” jedheera. Maaliif? “Dargaggoonni garmalee dhugan sammuun isaanii akka dadhabu godhu.”

Yeroo dheeraadhaaf dhugaatii alkoolii dhuguun dhukkuba gogaa, gogaan umurii malee shushuntuuruu, ulfaatinni qaamaa dabaluu, araada dhugaatii alkooliitiin qabamuu fi araada qoricha sammuu hadoochuun qabamuu wajjin wal qabata. Kana malees, sirna narvii, tiruu fi onnee baayʼee miidhuu dandaʼa.

c. Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun si hin ajjeesu. Deebii—Soba. Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun sammuun oksijiiniin akka itti hanqatu godha, akkasumas kutaaleen qaamaa tokko tokko hojii akka dhaaban godha. Mallattoon isaa balaqqamuu, of wallaaluu fi akka gaariitti hafuura baafachuu dadhabuu dabalachuu dandaʼa. Yeroo tokko tokkommoo duʼaaf nama saaxiluu dandaʼa.

d. Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii dhuguu ni dhoowwa. Deebii—Soba. Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii dhuguus taʼe dargaggoonni akka hin bashannanne hin dhoowwu. (Faarfannaa 104:15; Lallaba 10:19) Garuu umurii seerri heyyamurra gaʼuu qabda.—Roomaa 13:1.

Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun garmalee akka hin dhugne nu akeekkachiisa. Fakkeenyi 20:1 “Daadhiin wayinii qoostuu, dhugaatiin alkooliis gadhiisii nama godha; namni isaaniin daandii irraa jalʼatu kam iyyuu ogeessa miti” jedha. Dhugaatiin alkoolii qoostuu si gochuu dandaʼa. Dhugaadha, yeroodhaaf si gammachiisuu dandaʼa; garmalee yoo dhugde garuu rakkoowwan hedduudhaaf si saaxiluudhaan ‘akkuma bofaatti si hidda.’—Fakkeenya 23:32.

e. Garmalee dhuguun kan miidhu fayyaa kee qofadha. Deebii—Soba. Yoo machoofte gudeeddii dabalatee miidhaa garaagaraatiif of saaxilta. Akkasumas amala sirrii hin taane argisiisuudhaan warra kaanis miidhuu dandeessa. Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti garmalee yoo dhugde “garaan [kee] wanta jalʼaa ni dubbata.” (Fakkeenya 23:33) Gabaabumatti, gowwaa of goota. Kana malees, walitti dhufeenyi warra kaan wajjin qabdu ni bada, mana barumsaattis taʼe bakka hojiitti buʼa qabeessa hin taatu, yakka raawwachuu dandeessa, akkasumas hiyyummaadhaaf saaxilamta.—Fakkeenya 23:21.

Hunda caalaammoo garmalee dhuguun karaa hafuuraa hammam akka si miidhu yaadi. Yihowaan sammuu garmalee dhuguudhaan miidhameen utuu hin taʼin “sammuu kee guutuudhaan” akka isa tajaajiltu barbaada. (Maatewos 22:37) Dubbiin Waaqayyoo “garmalee dhuguu” qofa utuu hin taʼin “affeerraa dhugaatii irratti [hirmaachuus]” ni balaaleffata. (1 Pheexiros 4:3) Kanaafuu, garmalee dhuguun fedhii Uumaa keenyaa wajjin wal faallessa, akkasumas Waaqayyo wajjin michummaa cimaa akka hin qabaanne gufuu sitti taʼa.

Filannaa Akkamii Goota?

Maarree akkuma hiriyoota keetii dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu filattaa? Kitaabni Qulqulluun “Nama kamiif iyyuu akka garbichaatti ajajamuuf yoo of dhiheessitan, nama ajajamtan sanaaf garbicha akka taatan hin beektanii?” jedha. (Roomaa 6:16) Hiriyoota keetiifis taʼe dhugaatii alkooliitiif garba taʼuu ni barbaaddaaree?

Haa taʼu malee, garmalee dhuguun kiyyoo sitti taʼeera yoo taʼe maal gochuu qabda? Warra kee ykn michuu kee bilchina qabu tokko dafii gargaarsa gaafadhu. Yihowaan akka si gargaaru cimsii kadhadhu. “Yeroo [dhiphinaatti] salphaatti isa biraa gargaarsa arganna.” (Faarfannaa 46:1) Yeroo baayʼee garmalee akka dhugdu ykn umuriin kee utuu hin gaʼin akka dhugdu dhiibbaa kan sirratti godhan hiriyoota kee waan taʼaniif filannaa hiriyaa keerratti sirreeffama gochuun si barbaachisuu dandaʼa. * Sirreeffama akkasii gochuun salphaa taʼuu baatus, gargaarsa Yihowaatiin milkaaʼina argachuu ni dandeessa.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Araada qoricha sammuu hadoochuurraa bilisa baʼuun ni dandaʼama. Akkamitti akka taʼe ilaali.

[Miiljaleewwan]

^ Saanduqa, “ Eenyufaatu Dhuga?” jedhuu fi fuula 249 irratti argamu ilaali.

^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Boqonnaa 8​ffaa fi 9​ffaa kitaaba kanaa fi Jildii 2​ffaarraa Boqonnaa 15 ilaali.

CAQASA IJOO

‘Namni machooftuun ni hiyyooma.’—Fakkeenya 23:21.

GORSA GAARII

Sababa itti dhuguu barbaaddu adda baafadhu. Achiis karaa gaarii bashannanuu ykn yeroo dhiphattu of tasgabbeessuu itti dandeessu kan biraa yaadi.

KANA BEEKTAA?

Qorannoon Yuunaayitid Isteetis keessatti godhame tokko akka argisiisutti, “namoonni yeroo baayʼee garmalee dhugan carraan barumsarraa hafuu, hojii manaa yeroo isaatti deebisuu dadhabuu, miidhamuu ykn balaan isaanirra gaʼuu, akkasumas qabeenya isaanii balleessuuf qaban namoota garmalee hin dhugnerra dachaa saddeetiin caala.”

WANTAN GOCHUU YAADE

Hiriyoonni koo dhugaatii alkoolii garmalee akkan dhugu yoo na affeeran akkanan isaaniin jedha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Hiriyoonni kee warri kaan isaan wajjin garmalee akka dhugan kan barbaadan maaliifi?

● Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun saala faallaa akka hawwattu gochuu dandaʼaa? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 250rra jiru]

“Ijoolleen na wajjin baratan dhugaatii alkoolii yeroo na affeeran bashannanuuf dhugaatii alkoolii dhuguun akka na hin barbaachisnen isaanitti hima.”—Maarki

[Saanduqa fuula 249rra jiru]

 Eenyufaatu Dhuga?

Qorannoon Ingilaandi, Iskootilaandii fi Weelsi keessatti ijoollee mana barumsa sadarkaa lammaffaa baratanirratti godhame tokko akka argisiisutti ijoollee umurii waggaa 13 fi 14 keessaa harka afur keessaa harka tokko kan taʼan “yeroo gabaabaa keessatti yoo xinnaate dhugaatii alkoolii burcuqqoo shan akka dhugan dubbataniiru.” Ijoollee waggaa 15 fi 16 keessaas walakkaan isaanii akkas akka godhan dubbataniiru. Dhaabbanni Yuunaayitid Isteetis tokko akka ibsetti “dargaggoonni gara miliyoona 10.4 taʼanii fi umurii 12 hanga 20 gidduutti argaman dhugaatii alkoolii akka dhugan gabaafameera. Isaan keessaa miliyoona 5.1 kan taʼan garmalee dhugu, miliyoona 2.3 kan taʼanimmoo yoo xinnaate jiʼatti yeroo shan garmalee dhugu.” Qorannoon Awustiraaliyaa keessatti geggeeffame akka argisiisutti biyyattii keessatti dhiirota caalaa dubartootatu garmalee dhuga; yeroo gabaabaa keessatti dhugaatii alkoolii burcuqqoo 13 hanga 30 dhugu.

[Fakkii fuula 251rra jiru]

Dhugaatiin alkoolii akkuma bofaa nama hidduu dandaʼa