Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Deebii Isaaniif Kenname

Deebii Isaaniif Kenname

SEENSA

Deebii Isaaniif Kenname

‘Warra koo haasofsiisuu kanan dandaʼu akkamitti?’ ‘Hiriyoota argachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ ‘Namuma argan wajjin saalqunnamtii raawwachuun rakkina qabaa?’ ‘Hamma kana kanan gaddu maaliifi?’

Gaaffilee akkasii gaafattee beekta yoo taʼe gaaffii akkasii kan gaafatu si qofa miti. Tarii deebiiwwan wal faallessan argattee taʼuu dandaʼa. Dargaggoonni deebii amansiisaa akka argatan gargaaruuf barruu Dammaqaa! irratti mata dureen Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi “Gaaffii Dargaggootaa” jedhu Amajjii 1982 irraa kaasee walitti aansee baʼuu jalqabe. Waggoota hedduu boodas namoonni baayʼeen mata duree kanarraa fayyadamaa jiru. Mata dureewwan hundi kan baʼan qorannoon gadi fageenya qabu erga irratti godhamee boodadha. Barreessitoonni barruu Dammaqaa! ilaalchaa fi miira dargaggootaa hubachuuf dargaggoota dhibbaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman haasofsiisaniiru. Hunda caalaa garuu gorsi “Gaaffii Dargaggootaa” keessatti argamu Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼerratti kan hundaaʼedha.

Kitaabni amma dubbisaa jirtu kun jalqaba bara 1989​tti qophaaʼe. Haa taʼu malee, boqonnaawwan kitaaba kanaa dhimmoota yeroo harʼaatti mudatanirratti akka xiyyeeffatan gochuuf guutummaatti haareffamaniiru. Boqonnaawwan 30 ol kan taʼan “Gaaffii Dargaggootaa” mata dureewwan Dammaqaa! 2004 hanga 2011​tti baʼanirraa kan fudhatamanidha.

Kitaabni Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1​ffaan kun nama gaʼeessa itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuuf si gargaara. Gorsa isaa yeroo hojiirra oolchitu dargaggootaa fi gaʼeessota hedduu “wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisan” keessaa tokko akka taatu ni hawwina.—Ibroota 5:14.

Qopheessitoota