Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqeffannaa Koo Gammachiisaa Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Waaqeffannaa Koo Gammachiisaa Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 38

Waaqeffannaa Koo Gammachiisaa Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Dargaggeessi waggaa 16 Jooshuwaa jedhamu siree isaarra ciisee jira. Haati isaa balbalarra dhaabbattee jirti. Achiis nyaara guurtee “Jooshuwaa kaʼi malee! Walgaʼii akka qabnu hin beektuu?” isaan jette. Jooshuwaan maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti guddate; maatiin isaa yeroo hunda walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti ni argama. Yeroo dhihoodhaa asitti garuu Jooshuwaan walgaʼiirratti argamuu hin barbaadu.

“Harmee, dirqama deemuun qabaa?” jedhe.

Ishiinis, “Gungumuu kee dhiisii uffata kee jijjiirradhu. Harʼas barfachuu hin barbaadu” isaan jettee deemuu jalqabde.

Jooshuwaan utuu ishiin isa biraa hin fagaatin, “Harmee, wanti sii hin galle tokko jira. Kun amantaa keeti, garuu amantaa koo taʼuu dhiisuu dandaʼa” ishiidhaan jedhe. Yeroo kanatti haati isaa takka waan dhaabbatteef akka isa dhageesse beeka. Achiis deebii utuu isaaf hin kennin deemuu ishii itti fufte.

Jooshuwaan yeroo kanatti xinnoo isatti dhagaʼame. Matumaa haadha isaa gaddisiisuu hin barbaadu. Garuu dhiifama gaafachuus hin barbaanne. Wanti gochuu dandaʼu . . .

Jooshuwaan hafuura erga baafatee booda uffata isaa jijjiirrachuu jalqabe. Achiis sagalee isaa gadi qabee akkana jedhee gungume: “Gaaf tokko murtoo mataa koo gochuun koo hin oolu. Ani akka ijoollee gumii keenya jiran kaanii miti. Kiristiyaana taʼuu hin barbaadu.”

ATOO akka Jooshuwaa sitti dhagaʼamee beekaa? Yeroo tokko tokko warri kaan sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuun akka isaan gammachiisu, ati garuu sochiiwwan kana raawwachuu waan qabduuf qofa akka raawwattu sitti dhagaʼamaa? Fakkeenyaaf:

● Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun akkuma hojii manaa hojjechuu sitti taʼeeraa?

● Manaa gara manaa tajaajiluu hin jaallattuu?

● Yeroo baayʼee walgaʼii gumiirratti argamuun si nuffisiisaa?

Deebiin kee ‘Eeyyee’ yoo taʼe abdii hin kutatin. Gammachuudhaan Waaqa tajaajiluu barachuu ni dandeessa. Mee akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

HAALA RAKKISAA 1FFAA Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu

Salphaa kan hin taane maaliifi? Tarii qoʼachuu hin jaallattu taʼa. Xiyyeeffannaan kee waan hihiramuuf yaada kee sassaabbachuun sitti ulfaata. Kana malees, barumsa keetiif wanta qoʼattu hedduu akka qabdu sitti dhagaʼama taʼa.

Qoʼachuu kan qabdu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame qofa utuu hin taʼin, “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf [fayyada].” (2 Ximotewos 3:16) Kitaaba Qulqulluu qoʼachuunii fi wanta dubbisterratti xiinxaluun wantoota tokko tokko karaa kanaan dura hubattee hin beekneen akka hubattu si gargaara. Wanti faayidaa guddaa qabu tokko carraaqqii malee dhufuu akka hin dandeenye hubachuu qabda. Tapha ispoortii tokko sirriitti taphachuu yoo barbaadde seera isaa barachuu fi shaakaluu qabda. Fayya buleessa taʼuu yoo barbaadde sochii qaamaa gochuu qabda. Haaluma wal fakkaatuun, waaʼee Uumaa kee barachuu yoo barbaadde Dubbii Waaqayyoo qoʼachuun si barbaachisa.

Hiriyoonni kee maal jedhu? “Mana barumsa sadarkaa lammaffaa yeroon galu jireenya koo ilaalchisee murtoo gochuun na barbaachisa ture. Ijoolleen wajjin barannu wanta dogoggora taʼe hundumaa ni raawwatu; kanaafuu, gaaffilee armaan gadii ilaalchisee murtoo gochuun na barbaachisa ture: ‘Wantin gochuu barbaadu kanadhaa? Wanti warri koo na barsiisan dhugaadhaa?’ Gaaffilee kanaaf ofuma kootii deebii argachuun qaba ture.”—Tisheedzaa.

“Wantin baradhe dhugaa taʼuu isaa yeroo hunda nan amana; taʼus ofuma kootiin mirkaneeffachuun qaba. Akka amantaa maatii kootti utuu hin taʼin akka amantaa kootti ilaaluun qaba.”—Neliisaa.

Maal gochuu dandeessa? Fedhii kee fi wanta si barbaachisurratti hundaaʼuudhaan sagantaa qoʼannaa dhuunfaa baafadhu. Waaʼee maalii akka qoʼattu filachuu dandeessa. Maalirraa jalqabuu dandeessa? Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamtee Kitaaba Qulqulluu fi wantoota itti amantu maaliif hin qortu? *

Jalqabi! Mata dureewwan Kitaaba Qulqulluu armaan gaditti ibsaman keessaa caalaatti beekuu kan barbaaddu lama ykn sadi biratti mallattoo ✔ godhi ykn yoo barbaadde kan ofii keetii barreeffadhu.

□ Waaqni jiraa?

□ Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame mirkanaaʼaa taʼuu kanan dandaʼu akkamitti?

□ Jijjiirama tirannaatti utuu hin taʼin uumamatti amanuu kanan qabu maaliifi?

□ Mootummaan Waaqayyoo maalidha? Akka jiru mirkanaaʼaa taʼuu fi warra kaaniif ibsuu kanan dandaʼu hoo akkamitti?

□ Haala namoonni duʼan keessa jiran ilaalchisee wantan itti amanu ibsuu kanan dandaʼu akkamitti?

□ Duʼaa kaʼuun akka jiru mirkanaaʼaa kanan taʼe maaliifi?

□ Amantaa dhugaan kam akka taʼe mirkanaaʼaa taʼuu kanan dandaʼu akkamitti?

․․․․․

HAALA RAKKISAA 2FFAA Tajaajilarratti Hirmaachuu

Salphaa kan hin taane maaliifi? Waaʼee Kitaaba Qulqulluu namootatti himuun ykn yeroo tajaajiltu nama si faana baratu wajjin wal arguun si sodaachisuu dandaʼa.

Tajaajiluu kan qabdu maaliifi? Yesuus, “Namoota barattoota koo godhaa; . . . wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa” jedhee duuka buutota isaa ajajeera. (Maatewos 28:19, 20) Haa taʼu malee, akkas gochuuf wanti nu kakaasu kan biraanis jira. Qorannoowwan akka argisiisanitti naannoo tokko tokkotti dargaggoonni hedduun Waaqayyoo fi Kitaaba Qulqulluutti ni amanu. Taʼus, dargaggoonni kun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii dhugaa hin qaban. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu keetiin odeeffannoo hiriyoonni kee hedduun beekuu barbaadanii fi isaan barbaachisu qabda. Wanta itti amantu warra kaanitti himuudhaan ofitti gammaduu, hunda caalaammoo garaa Yihowaa gammachiisuu ni dandeessa.—Fakkeenya 27:11.

Hiriyoonni kee maal jedhu? “Hiriyaa koo wajjin taanee seensa buʼa qabeessa taʼe qophoofne; yaada mormii namoonni kaasaniif deebii kennuu fi deddeebii gaaffii gochuu akkamitti akka dandeenyus ni qophoofne. Tajaajilarratti hirmaachuuf carraaqqii dabalataa yeroon godhu caalaatti na gammachiisuu jalqabe.”—Neliisaa.

“Obboleettiin takka baayʼee na gargaarteetti. Waggaa jaʼa na caalti; tajaajila na fuutee baati, yeroo tokko tokkommoo ciree na affeerti. Caqasoota ilaalcha koo sirreessuuf na gargaaran natti argisiiste. Fakkeenya gaarii waan naa taateef amma warra kaan gargaaruun na gammachiisa. Yoomiyyuu oolmaa ishii deebisuu hin dandaʼu!”—Shoonteeyi.

Maal gochuu dandeessa? Warra kee heyyamsiisuudhaan gumii keessan keessaa nama umuriidhaan si caaluu fi wajjin tajaajiluu dandeessu barbaaddadhu. (Hojii Ergamootaa 16:1-3) Kitaabni Qulqulluun, “Akkuma sibiilli sibiila qaru namnis michuu isaa ni qara” jedha. (Fakkeenya 27:17) Namoota guguddaa muuxannoo hedduu qaban wajjin yeroo dabarsuun baayʼee si fayyada. Shamarreen waggaa 19 Aleeksis jedhamtu, “Namoota guguddaa wajjin taʼuun namatti tola” jetteetti.

Jalqabi! Maqaa nama gumii keessan keessa jiruu fi tajaajilarratti si gargaaruu dandaʼu tokkoo gaditti barreessi.

․․․․․

HAALA RAKKISAA 3FFAA Walgaʼii Gumiirratti Argamuu

Salphaa kan hin taane maaliifi? Guyyaa guutuu mana barumsaatti barachaa erga ooltee booda haasaa Kitaaba Qulqulluu saʼaatii tokkoof ykn isaa oliif dhaggeeffachuun si nuffisiisuu dandaʼa.

Walgaʼii gumiirratti argamuu kan qabdu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanotaaf gorsa akkana jedhu kenna: “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu isa duraa caalaa wal haa jajjabeessinu.”—Ibroota 10:24, 25.

Hiriyoonni kee maal jedhu? “Walgaʼii gumiitiif qophaaʼuun baayʼee murteessaadha. Yeroo tokko tokko of dirqisiisuun si barbaachisa. Yoo qophoofte wanta walgaʼiirratti dhihaatu waan beektuuf sitti tola, hirmaachuullee ni dandeessa.”—Eeldaa.

“Yeroo tokko walgaʼiirratti yeroon yaada kennu walgaʼichi caalaatti akka na gammachiisu hubachuun jalqabe.”—Jeesiikaa.

Maal gochuu dandeessa? Dursitee qophaaʼuuf yeroo ramadi, yoo dandeessemmoo yaada kenni. Kunis walgaʼicharratti gaʼee akka qabdu akka sitti dhagaʼamu godha.

Fakkeenyaaf, wanti caalaatti nama gammachiisu tapha ispoortii tokko televizyiniidhaan ilaaluu moo dirreerratti taphachuudha? Dhugaa dubbachuuf taaʼanii daawwachuurra irratti hirmaachuutu nama gammachiisa. Walgaʼii gumii wajjin haala wal qabateenis maaliif akkas hin gootu?

Jalqabi! Yeroo itti walgaʼiidhaaf qophaaʼuu dandeessu bakka duwwaa armaan gadiirratti barreessi; torbanitti daqiiqaa 30 qofa ramaduu dandeessa.

․․․․․

Dargaggoonni hedduun yaanni Faarfannaa 34:8 irratti argamuu fi “Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa” jedhu dhugaa taʼuu isaa jireenya isaanii keessatti argaa jiru. Waaʼee nyaata miʼaawaa tokkoo dhagaʼuun baayʼee nama gammachiisa. Nyaata sana ofuma keetii dhandhamuun immoo caalaatti nama hin gammachiisuu? Waaqa dhugaa waaqeffachuu wajjin haala wal qabateenis akkasuma. Sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuun hammam akka nama gammachiisu ofuma keetii dhandhamii ilaali. Kitaabni Qulqulluun namni dhagaʼee irraanfachuu mannaa wanta dhagaʼe hojiirra oolchu ‘wanta raawwatetti akka gammadu’ dubbata.—Yaaqoob 1:25.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Galma baafachuu fi irra gaʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

[Miiljalee]

^ Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe.

CAQASA IJOO

“Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.”—Roomaa 12:2.

GORSA GAARII

Yaadannoo qopheeffadhuutii walgaʼii gumiirratti qabxiilee ijoo barreeffachuu jalqabi. Akkas yoo goote yeroon isaa dafee sii deema, wanta barattu hubachuunis siif salphata.

KANA BEEKTAA?

Wanta itti amantu qoruun dogoggora miti. Gaaffii kaasuun kee fi qorannoo gochuun kee Waaqayyoon ilaalchisee wanti itti amantu dhugaa taʼuu isaa beekuuf si gargaara.—Hojii Ergamootaa 17:11.

WANTAN GOCHUU YAADE

Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf daqiiqaa ․․․․․ torban torbaniin walgaʼii gumiitiif qophaaʼuufimmoo ․․․․․ nan ramada.

Walgaʼii gumiirratti xiyyeeffannaadhaan hordofuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Dargaggeessi tokko sochiiwwan hafuuraa kan isa nuffisiisan maaliif taʼuu dandaʼa?

● Kutaawwan waaqeffannaa boqonnaa kana keessatti ibsaman sadan keessaa caalaatti irratti hojjechuu kan barbaaddu isa kami?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 278rra jiru]

“Amantaan hordofaa jiru amantaa warra kootii qofa utuu hin taʼin amantaa koo akka taʼettan ilaala. Yihowaan Waaqa kooti; wanta hariiroon isa wajjin qabu na jalaa balleessu kamiyyuu raawwachuu hin barbaadu.”—Samaantaa

[Saanduqa/Fakkii fuula 280 fi 281rra jiru]

Galma Baafataniiru

Kitaabni Qulqulluun, “Jireenyi keessan boru maal akka taʼu hin beektan” jedha. (Yaaqoob 4:14) Namni tokko dargaggummaa isaatti akkuma tasaa duʼuu dandaʼa. Muuxannoo Kaatiriinaa fi Kaayil yeroo dubbistu xinnummaa isaaniitti galma hafuuraa baafachuu fi irra gaʼuun isaanii Yihowaa biratti maqaa gaarii qabaachuuf kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe hubadhu.—Lallaba 7:1.

Kaatiriinaan umurii ishii waggaa 18​tti duute; yeroo waggaa 13 turtetti galmawwan bira gaʼuu barbaaddu barreeffattee turte. Galmi ishii tajaajila yeroo guutuu keessa galuu, biyya barsiisonni Kitaaba Qulqulluu caalaatti barbaachisanitti tajaajiluu fi ijaarsa Galma Walgaʼiirratti abbaa ishii wajjin hirmaachuu dabalata. “Jireenya koo Yihowaadhaaf murteesseera” jettee barreessiteetti. Kaayyoon ishii “akka ulaagaalee isaattii fi karaa isa gammachiisuun jiraachuu” ture. Sirna awwaalchaa ishiirratti Kaatiriinaan “shamarree bareedduu jireenyi ishii Yihowaa tajaajiluurratti kan xiyyeeffate akka taʼu gochuuf karoorfatte” akka taate ibsameera.

Kaayil xinnummaa isaatii kaasee galma akka baafatu barateera. Balaa konkolaataatiin umurii isaa waggaa 20​tti erga duʼee booda firoonni isaa yaadannoo galmi isaa irratti barreeffame argatan; yeroo umuriin isaa waggaa afur turetti galma akka baafatu kan isa gargaarte haadha isaa turte. Galmi isaa cuuphamuu, Galma Walgaʼiitti haasaa dhiheessuu fi waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa galee barreeffamoota namoonni waaʼee Waaqayyoo akka baratan gargaaran qopheessuurratti gargaarsa gochuu ture. Haati isaa yaadannoo Kaayil waggoota hedduu dura barreeffate erga ilaaltee booda, “Galma isaa hundarra gaʼeera” jetteetti.

Atoo galmawwan akkamii baafatte? Jireenyi kee boru maal akka taʼu hin beektu. Kanaafuu, guyyaa hunda hamma dandeesse hojjechuuf carraaqi. Akkuma Kaatiriinaa fi Kaayil hamma siif dandaʼame yeroo kee karaa hundarra wayyuun itti fayyadami. Fakkeenya Phaawulos ergamaa isa jireenya isaa gara dhumaarratti, “Lola isa gaarii loleera, dorgommicha irratti hamma dhumaatti fiigeera, amantiis eegeera” jedhee hordofi. (2 Ximotewos 4:7) Boqonnaan ittaanu kana gochuuf si gargaara.

[Fakkii fuula 274, 275rra jiru]

Fayya buleessa taʼuu yoo barbaadde sochii qaamaa gochuu qabda. Karaa hafuuraas fayya buleessa taʼuu yoo barbaadde Dubbii Waaqayyoo qoʼachuun si barbaachisa