Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fedhi Waaqayyoo Maalidha?

Fedhi Waaqayyoo Maalidha?

Waaqayyo lafa jannata taaturra nagaafi gammachuudhaan barabaraaf akka jiraannu barbaada!

Haataʼu malee, ‘Kun akkamitti taʼuu dandaʼa?’ jettee gaafatta taʼa. Macaafni Qulqulluun, Mootummaan Waaqayyoo kana akka raawwatu, namni hundi waaʼee Mootummaa kanaafi kaayyoo Waaqayyo nuuf qabu akka beeku fedhasaa akka taʼe dubbata.—Faarfannaa 37:11, 29, hiika bara 1899; Isaayaas 9:7.

Waaqayyo faayidaa akka argannu barbaada.

Akkuma abbaan gaariin tokko ijoolleesaatiif wanta baayʼee gaarii taʼe hawwu, Abbaan keenya inni samiis gammachuu barabaraa akka argannu barbaada. (Isaayaas 48:17, 18) Yihowaan, “Namni fedha Waaqayyoo raawwatu . . . bara baraan in jiraata” jechuudhaan abdii kenneera.—1 Yohannis 2:17.

Waaqayyo daandiisaarra akka adeemnu barbaada.

Macaafni Qulqulluun Uumaan keenya, “Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnu” kan barbaadu taʼuusaa ibsa. (Isaayaas 2:2, 3) Waaqayyo, fedhasaa guutummaa lafaarratti beeksisuuf, “saba tokko maqaasaatiif” gurmeesseera.—Hojii Ergamootaa 15:14, hiika bara 1899.

Waaqayyo tokkummaadhaan akka isa waaqeffannu barbaada.

Waaqeffannaan Yihowaa inni dhugaan namoota kan qoqqoodu utuu hin taʼin, jaalala dhugaatiin tokko akka taʼan kan godhudha. (Yohannis 13:35) Yeroo harʼaa namoonni hundi tokkummaadhaan Waaqayyoon akkamitti akka tajaajilan barsiisaa kan jiru eenyudha? Deebisaa argachuuf birooshura kana akka dubbistu si afeerra.