Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 1

Dhugaa Baatonni Yihowaa Namoota Akkamiiti?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Namoota Akkamiiti?

Deenmaarki

Taayiwaan

Veenuzuweelaa

Hindii

Dhugaa Baatota Yihowaa meeqa beekta? Nu keessaa tokko tokko ollaakee kan taʼan, si wajjin kan hojjetan ykn si wajjin kan baratan taʼuu dandaʼu. Yookiinimmoo Macaafa Qulqulluu si wajjin mariʼanneerra taʼa. Maarree nuyi dhugumaan eenyudha? Waaʼee amantii keenyaa namootatti kan himnuhoo maaliifi?

Nuyi namoota adda taane miti. Namoota akkaataa guddinaafi haala garaagaraa qaban keessaa dhufnedha. Nu keessaa tokko tokko kanaan dura amantii garabiraa hordofaa kan turre siʼa taʼu, kaanimmoo Waaqayyotti kan hin amanne turre. Haata malee, hundi keenya Dhugaa Baatota taʼuu keenya dura yeroo ramadnee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu of eeggannoodhaan qorreerra. (Hojii Ergamootaa 17:11) Achiis wanta baranne fudhachuudhaan Yihowaa waaqeffachuuf dhuunfaatti murteessineerra.

Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan faayidaa arganneerra. Akkuma namoota kaanii nuyis, rakkinaafi dadhabina mataa keenyaa wajjin qabsoo goona. Haataʼu malee, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti hojiirra oolchuudhaan fooyyaʼiinsa ifatti mulʼatu gooneerra. (Faarfannaa 128:1, 2) Wanta gaarii Macaafa Qulqulluu keessaa baranne namootatti kan himnu kanaafidha.

Seera Waaqayyo baaseen geggeeffamna. Seerawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kun, amanamaa taʼuufi gaarummaa argisiisuu dabalatee, nageenya warra kaaniitiif yaaduufi isaan kabajuuf nu kakaasu. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kun, namoonni hawaasicha keessa jiran gaariifi buʼa qabeeyyii akka taʼan akkasumas maatiin tokkummaafi amala gaarii akka qabaatu gumaacha godhu. “Waaqayyo akka nama wal hin caalchifne” mirkanaaʼoo waan taaneef, sanyiidhaan wal qooduufi siyaasarraa walaba taʼuudhaan miseensa obbolummaa addunyaa maraa taaneerra. Dhuunfaatti namoota addaa taʼuu baannus, garee namoota adda taʼanii uumuu dandeenyeerra.—Hojii Ergamootaa 4:13; 10:34, 35.

  • Wanti Dhugaa Baatota Yihowaa namoota kaanii wajjin tokko godhu maalidha?

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan seera akkamii barataniiru?