Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 3

Dhugaan Macaafa Qulqulluu Deebiʼee Kan Argame Akkamitti?

Dhugaan Macaafa Qulqulluu Deebiʼee Kan Argame Akkamitti?

Barattoota Macaafa Qulqulluu, baroota 1870⁠tti

Maxxansa Masaraa Eegumsaa isa jalqabaa, bara 1879

Masaraa eegumsaa is yeroo harʼaa

Macaafni Qulqulluun Kiristos erga duʼee booda, barsiisonni sobduun Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaa gidduudhaa kaʼanii dhugaa Macaafa Qulqulluu akka mancaasan raajii dubbatee ture. (Hojii Ergamootaa 20:29, 30) Raajiin kun yeroo booda sirriitti raawwatameera. Barumsa Yesus yaada amantii sobaa wajjin waan waliin makaniif Kiristiyaanummaan sobaa ni babalʼate. (2 Ximotewos 4:3, 4) Yeroo harʼaa wanta Macaafni Qulqulluun dhugumaan barsiisu ilaalchisee hubannaa sirrii akka qabnu mirknaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Yeroon Yihowaan dhugaa itti beeksisu gaʼee ture. Yihowaan, ‘bara isa dhumaatti, beekumsi dhugaan akka baayʼatu’ raajii dubbateera. (Daaniʼel 12:4, NW) Bara 1870⁠tti gareen namoota muraasa dhugaa barbaadan qabate tokko, barumsi manneen sagadaa hedduun Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe akka hin taane hubate. Kanaaf, namoonni kun barumsa Macaafa Qulqulluu isa jalqabaa barbaaduu kan jalqaban siʼa taʼu, Yihowaanis hubannaa hafuuraa akka argatan gochuudhaan isaan eebbiseera.

Namoonni garaa qajeelaa qaban of eeggannoodhaan Macaafa Qulqulluu qoran. Barattoonni Macaafa Qulqulluu garaa qajeelaa qabaniifi kanaan dura jiraatan, mala qayyabannaa hanga harʼaatti itti fayyadamaa jirru hordofaa turan. Macaafa Qulqulluu mataduree matadureedhaan irratti mariʼatu turan. Kutaan Macaafa Qulqulluu ulfaataa taʼe tokko yommuu isaan mudatu, yaada kana hubachuuf caqasoota garabiraa ilaalu turan. Caqasoonni sun kan walsiman taʼuusaanii erga amananii booda dhumarratti yaada xumuraa irra gaʼan ni galmeessu turan. Mala Macaafni Qulqulluun ofumasaatii akka of ibsu godhu kanatti fayyadamanii, waaʼee maqaa Waaqayyoofi Mootummaasaa, kaayyoo inni ilmaan namootaafi lafaaf qabu, namoonni duʼan haala akkamii keessatti akka argaman, akkasumas abdii duʼaa kaʼuu ilaalchisee dhugaasaa deebisanii argataniiru. Qorannaan isaan godhan amantii sobaafi gochasaarraa walaba isaan baaseera.—Yohannis 8:31, 32.

Bara 1879⁠tti Barattoonni Macaafa Qulqulluu yeroon dhugaan balʼinaan akka beekamu itti godhamu akka gaʼe hubatanii turan. Kanaaf bara sanatti barreeffama yeroo ammaa itti fayyadamaa jirru, jechuunis Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu maxxansuu jalqaban. Yeroo ammaa dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota biyyoota 240 ol taʼan keessa jiraniifi afaan 750 oliin labsaa jirra. Beekumsi dhugaan kanaan dura matumaa haala akkasiitiin baayʼatee hin beeku!

  • Kiristos erga duʼee booda dhugaan Macaafa Qulqulluu maal taʼe?

  • Dubbii Waaqayyoo keessaa dhugaa deebisnee argachuuf kan nu dandeessise maalidha?