Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 4

Hiika Addunyaa Haaraa Kan Maxxansine Maaliifi?

Hiika Addunyaa Haaraa Kan Maxxansine Maaliifi?

Koongoo (Kinshaasaa)

Ruwaandaa

Ciccitaa barreeffama Siimaʼaakas, isa

Faarfannaa 69:31rratti maqaa Waaqayyoo

qabate, Dhaloota Kiristos Booda

Dhugaa Baatonni Yihowaa waggoota kurnan hedduutti lakkaaʼamaniif Macaafa Qulqulluu hiika garaagaraatti fayyadamaa, maxxansaafi raabsaa turaniiru. Haataʼu malee yeroo booda, hiika haaraa namoonni hundi waaʼee ‘dhugaa’ Waaqayyo ‘beekumsa’ sirrii akka argatan godhu qopheessuun barbaachisaa akka taʼe hubanne. (1 Ximotewos 2:3, 4) Kanaaf, bara 1950⁠tti Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan ammayyaatiin qophaaʼe gar tokkoosaa maxxansuu jalqabne. Macaafni kun amanamummaadhaan afaan 130 oliin sirriitti hiikameera.

Macaafni Qulqulluun salphaatti hubatamuu dandaʼu barbaachisee ture. Afaanonni yeroodhaa gara yerootti guddachaa waan deemaniif, jechoonni hiikawwan hedduun qabatan, kan namaa hin galle ykn hubachuuf kan nama rakkisan turan. Akkasumas, barreeffamoonni durii caalaatti sirrii taʼaniifi harkaan qophaaʼan, hiikinisaanii warra jalqabaatti dhihaatan argamuunsaanii Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaa, Aramaayikiifi Giriikiitiin qophaaʼan caalaatti hubachuuf gargaaran argamanii turan.

Hiikni Dubbii Waaqayyootiif amanamaa taʼe barbaachisee ture. Namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan, isa Waaqayyo geggeessaa hafuuraatiin akka barreeffamu godhe fooyyessuu mannaa yaada barreeffamni inni jalqabaa qabateef amanamaa taʼuu qabu. Haataʼu malee, namoonni Caaffata Qulqullaaʼoo hiikan hedduun iddoo baayʼeetti maqaa Yihowaa jedhu hin galchine.

Macaafni Qulqulluun Abbaa Barroo kitaabichaatiif ulfina kennu barbaachisee ture. (2 Saamuʼel 23:2) Akkuma fakkii armaan gadiirratti mulʼatu, Hiika Addunyaa Haaraa keessatti maqaan Yihowaa jedhu iddoo gara 7,000 Macaafa Qulqulluu durii harkaan barreeffame keessa argamu hundatti deebiʼee akka galu godhameera. (Faarfannaa 83:18, NW) Macaafni Qulqulluun kun waggoota dheeraaf qorannaan irratti godhamee kan qophaaʼeefi yaada Waaqayyoo sirriitti kan dabarsu waan taʼeef macaafa kana dubbisuun nama gammachiisa. Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan keetiin qophaaʼe qabaattus qabaachuu baattus, Dubbii Yihowaa guyyaa guyyaadhaan akka dubbistu si jajjabeessina.—Iyaasuu 1:8; Faarfannaa 1:2, 3.

  • Hiikni Macaafa Qulqulluu haaraan akka barbaachisu kan murteessine maaliifi?

  • Namni fedha Waaqayyoo barachuu barbaadu kamiyyuu guyyaa guyyaadhaan maal gochuunsaa gaariidha?