Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 6

Obboloota Keenyaa Wajjin Walgaʼuudhaan Fayyadamuu

Obboloota Keenyaa Wajjin Walgaʼuudhaan Fayyadamuu

Maadaagaaskaar

Noorweey

Libaanon

Xaaliyaanii

Bosona ykn qilleensa cimaa keessa kunnee deemuudhaan, yeroo hundumaa walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamna. Dhugaa Baatonni Yihowaa buʼaa baʼiin jireenyaa kan isaan mudatuufi hojii oolanii kan dadhaban taʼus, namoota hidhata amantiisaanii taʼanii wajjin walgaʼuuf carraaqqii akkasii kan godhan maaliifi?

Jireenya keenyaaf barbaachisaadha. Phaawulos, ‘Tuttuqnee yaada walii in kaasna’ jechuudhaan namoota gumii Kiristiyaanaa keessatti argamaniif barreesseera. (Ibroota 10:24) Yaanni kun “xiyyeeffannaa waliif kennuu,” jechuunis sirriitti wal beekuu argisiisa. Kanaaf wanti Phaawulos dubbate walii keenyaaf akka yaannu kan nu jajjabeessudha. Maatii Kiristiyaanaa tokkoo wajjin wal beekuun keenya rakkina nu mudachaa jiru akkamitti akka moʼan baruudhaan, nutis rakkina sana moʼuuf nu gargaara.

Michooma cimaa uumuuf nu gargaara. Obboloonni keenya warri walgaʼiirratti waliin hirmaannu, namoota halaalatti beeknu utuu hin taʼin michoota dhugaa kan nuuf taʼanidha. Walgaʼiidhaan alattis, yeroo gaarii waliin dabarsina. Michummaan akkasii faayidaa maalii qaba? Walii keenyaaf iddoo guddaa kennuu barachuuf nu gargaara; jaalala obboloota keenyaaf qabnus nuu cimsa. Kanaaf, rakkinni yeroo isaan mudatu, michooma cimaa waan qabnuuf battalumaan isaan gargaaruuf kakaana. (Fakkeenya 17:17, hiika bara 1899) Miseensota gumii keessa jiran hundaa wajjin michoomuudhaan, ‘qixxeetti walii keenyaaf akka yaannu’ argisiisna.—1 Qorontos 12:25, 26.

Namoota fedha Waaqayyoo raawwachaa jiran keessaa michoota akka filattu si jajjabeessina. Michoota akkasiimmoo Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa argachuu dandeessa. Kanaaf, wanti tokkoyyuu nu wajjin michoomuurraa akka si dhowwu hin heyyamin.

  • Namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin walgaʼiirratti argamuun kan nu fayyadu akkamitti?

  • Gumii keenyarratti yoom argamuuf yaadda?