Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 8

Yommuu Walgaʼii Deemnu Akka Gaariitti Uffachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Yommuu Walgaʼii Deemnu Akka Gaariitti Uffachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Aayislaandi

Meeksikoo

Giinii Bisaawu

Filippiinsi

Fakkiiwwan birooshura kanarra jiranirraa, Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼiisaaniirratti yeroo argaman akka gaariitti akka uffatan argitee? Akkaataa uffannaafi filannaa keenyaaf xiyyeeffannaa akkasii kan kenninu maaliifi?

Waaqayyoof ulfina akka kenninu argisiisuuf. Waaqayyo wanta bakkeedhaan mulʼatu qofa akka hin ilaalle beekamaadha. (1 Saamuʼel 16:7) Haataʼu malee, yommuu Yihowaa waaqeffachuuf wal geenyu, fedhiin keenya inni guddaan isaafis taʼe namoota hidhata amantii keenyaa taʼaniif ulfina akka qabnu kan argisiisudha. Abbaa firdii tokko duratti murtoodhaaf yoo dhihaanne, aangoosaatiif jecha uffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa akka kenninu beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, akkaataan nuti gumiirratti itti uffannu, Yihowaa isa ‘Abbaa firdii’ taʼeefi iddoo itti isa waaqeffannuuf bakka guddaa akka kenninu argisiisa.—Uumama 18:25.

Faayidaa seerri buʼuuraa ittiin jiraannu qabu argisiisuuf. Macaafni Qulqulluun, Kiristiyaanonni “maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis” akka uffatan jajjabeessa. (1 Ximotewos 2:9, 10) “Maal naan jedhuudhaan” uffachuu jechuun, uffata qullaa argisiisu, fedhii saalqunnamtii kakaasu ykn xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisu uffachuu dhiisuu jechuudha. “Of qabuudhaan” kan jedhummoo uffata ija namaati tolu ykn gara dhabaa hin taane filachuuf nu gargaara. Seerri buʼuuraa kun filannoowwan dhuunfaa hedduu kan qabatedha. Afaaniin dubbachuun utuu nu hin barbaachisin, uffannaan keenya inni bareedaafi gaariin, “barsiisichi waaʼee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mulʼatu” gochuudhaan namoonni ‘Waaqayyoof ulfina akka kennan’ gochuu dandaʼa. (Tiitoos 2:10; 1 Phexros 2:12) Walgaʼiiwwaniif akka gaariitti uffachuudhaan, namoonni waaqeffannaa Yihowaatiif ilaalcha sirrii akka qabaatan gochuu dandeenya.

Uffannaankee walgaʼii Galma Mootummaatti godhamurraa akka si hambisu hin heyyamin. Uffati keenya gatii guddaadhaan kan bitame taʼuu baatus, walgaʼichaaf kan malu, qulqulluufi kan namatti tolu taʼuu qaba.

  • Akkaataan uffannaa keenyaa waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa akkamii qaba?

  • Seerri buʼurraa uffannaafi filannaaf akka qajeelfamaatti nu gargaaru isa kamidha?