Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 13

Qajeelchaa Jechuun Maal Jechuudha?

Qajeelchaa Jechuun Maal Jechuudha?

Kaanaadaa

Manaa gara manaatti

Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu

Qayyabannaa dhuunfaa

Yeroo baayʼee jechi “qajeelchaa” jedhu, namoota naannoo haaraa dhaquudhaan warra isaan booda dhufaniif karaa banan argisiisa. Yesus tajaajila lubbuu baraarsaa akka raawwatuufi karaa fayyinaa akka banuuf gara lafaatti waan ergameef qajeelchaa akkasii ture. (Maatewos 20:28) Yeroo harʼaa duuka buutonnisaa hamma isaaniif dandaʼame ‘bartoota gochuurratti’ yeroo hedduu dabarsuudhaan fakkeenyasaa hordofaa jiru. (Maatewos 28:19, 20) Babalʼistoonni tokko tokko tajaajila isa qajeelchaa jedhamee waamamurratti hirmaachuu dandaʼaniiru.

Qajeelchaan nama tajaajilarratti yeroo guutuu dabarsudha. Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi misiraachoo Mootummichaa labsu. Haataʼu malee, warri tokko tokko qajeelchaa taʼanii tajaajiluudhaan jiʼatti saʼaatii 70 hojii lallabaarratti dabarsuuf akkaataa jireenyaasaaniirratti sirreeffama godhaniiru. Kana gochuufis, hedduunsaanii yeroo hojiirratti dabarsan hirʼisanii saʼaatii muraasa qofa hojjechuuf murteessaniiru. Kaanimmoo qajeelchaa addaa taʼanii naannoo labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii jiʼatti saʼaatii 130 ykn isaa ol tajaajilarratti dabarsu. Qajeelchitoonni kun Yihowaan waan jireenyaaf isaan barbaachisu akka inni isaaniif guutu amanamuudhaan waan xinnoodhaan gammadanii jiraatu. (Maatewos 6:31-33; 1 Ximotewos 6:6-8) Babalʼistoonni qajeelchaa taʼuu hin dandeenyemmoo qajeelchaa gargaaraa taʼanii kan tajaajilan siʼa taʼu, hirmaannaasaanii guddisuudhaan jiʼatti saʼaatii 30 ykn 50 tajaajilarratti dabarsu.

Nama tokko qajeelchaa taʼuuf kan isa kakaasu jaalala inni Waaqayyoofi namootaaf qabudha. Akkuma Yesus, haala hafuuraa gaddisiisaa namoonni yeroo harʼaa keessa jiran ni hubanna. (Maarqos 6:34) Haataʼu malee, beekumsa yeroo harʼaa isaan gargaaruufi fuuldurattis abdii amansiisaa isaanii kennu qabna. Qajeelchaan tokko jaalalli inni namootaaf qabu yeroofi humnasaa guutuu warri kaan misiraachoo akka dhagaʼan gargaaruuf akka oolchu isa kakaasa. (Maatewos 22:39; 1 Tasaloniiqee 2:8) Kunis amantiinsaa akka jabaatu, gara Waaqayyootti caalaatti akka dhihaatuufi gammachuu guddaa akka argatu godha.—Hojii Ergamootaa 20:35.

  • Qajeelchaa jechuun maal jechuudha?

  • Babalʼistoota tokko tokko qajeelchaa akka taʼan kan isaan kakaase maalidha?