Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 17

Daawwattoonni Olaanaa Aanaa Kan Nu Gargaaran Akkamitti?

Daawwattoonni Olaanaa Aanaa Kan Nu Gargaaran Akkamitti?

Maalaawwii

Tuuta tajaajilaa

Tajaajila dirree

Walgaʼii jaarsolii

Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Giriikii, Barnaabaasiifi Phaawulosiin irra deddeebiʼanii caqasu. Namoonni kun bakka addaddaa deemuudhaan gumiiwwan jaarraa tokkoffaa daawwatu turan. Maaliif? Nageenya obbolootasaanii warra hidhatasaanii taʼaniif garaadhaa waan yaadaniif ture. Phaawulos ‘deebiʼee dhaquudhaan akka amantoonni itti jiran ilaaluu’ akka barbaadu dubbateera. Dhaqee isaan jajjabeessuuf karaa kiilomeetira dhibba hedduutti lakkaaʼamu deemuuf fedhii qaba ture. (Hojii Ergamootaa 15:36) Daawwattoonni olaanaa yeroo harʼaa jiranis fedhii akkasii qabu.

Nu jajjabeessuuf dhufu. Daawwattoonni olaanaa aanaa hundi waggaatti siʼa lama gumii 20 ykn isaa ol daawwachuudhaan torban tokko tokko isaanii wajjin dabarsu. Muuxannoo obboloota kanaafi yoo gaaʼela godhataniiru taʼemmoo kan haadha manaasaaniirraa faayidaa gudddaa argachuu dandeenya. Obboloonni kun, gumii keessatti namoota umrii addaddaa qaban baruuf kan carraaqan siʼa taʼu tajaajilaafi qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti nuu wajjin hirmaachuuf fedhii qabu. Daawwattoonni kun jaarsolii wajjin taʼuudhaan babalʼistoota kan jajjabeessan siʼa taʼu, amantii keenya nuu cimsuuf, gumiifi walgaʼii gurguddaarratti haasaa nama jajjabeessu nuu dhiheessu.—Hojii Ergamootaa 15:35.

Obboloota hundaaf xiyyeeffannaa kennu. Haalli hafuuraa obboloonni keessa jiran daawwattoota olaanaa aanaa baayʼee yaaddessa. Guddina gumichi argisiise baruufi gorsa gaarii itti gaafatamummaasaanii baʼuuf isaan gargaaru isaanii kennuuf jaarsoliifi tajaajiltoota gumii wajjin walgaʼii godhu. Qajeelchitoonni tajaajilasaaniirratti milkaaʼina akka argataniif isaan gargaaru, akkasumas babalʼistoota haaraa wajjin wal baruufi guddina isaan godhan dhagaʼuuf fedhii qabu. Obboloonni kun hundi ‘nuuf hojjechuutti hidhata keenya’ taʼuuf bilisaan of dhiheessu. (2 Qorontos 8:23) Kanaaf amantii qabaachuufi Waaqayyoof buluurratti fakkeenyasaanii hordofuu qabna.—Ibroota 13:7.

  • Daawwattoonni olaanaa aanaa gumiiwwan kan daawwatan maaliifi?

  • Daawwannaasaaniirraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?