Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 19

Hojjetaa Amanamaafi Ogeessi Eenyudha?

Hojjetaa Amanamaafi Ogeessi Eenyudha?

Hundi keenya nyaata hafuuraa nuu qophaaʼurraa ni fayyadamna

Yesus, duʼuusaa yeroo muraasa dura ergamootasaa arfan jechuunis, Phexros, Yaaqoob, Yohannisiifi Indiriyaasii wajjin dhuunfaadhaan maree godhee ture. Yesus guyyaa gara dhumaatti mallattoo argamuusaa ibsu ilaalchisee gaaffii barbaachisaa, “Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naaʼota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaanii akka isaaniif kennuuf mana isaa irra kaaʼate isa kam ree?” jedhu kaasee ture. (Maatewos 24:3, 45; Maarqos 13:3, 4) Yesus ‘gooftaasaanii’ waan taʼeef qaama guyyoota gara dhumaa hundatti duuka buutotasaatiif nyaata hafuuraa qopheessu akka muudu isaaniif mirkaneessee ture. Hojjetaa amanamaan kun eenyu taʼa laata?

Duuka buutota Kiristos warra dibamoo taʼan kan argisiisudha. Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa “hojjetaa” sana taʼee tajaajilaa tureera. “Hojjetaan” kun namoota akkumasaa Yihowaa waaqeffataniif nyaata hafuuraa yeroosaatti kan dhiheessudha. ‘Hojjetaan kun nyaata hafuuraa yeroosaatti nu barbaachisu’ nuu kennuusaa waan itti fufuuf isatti ni amanamna.—Luqaas 12:42.

Warra mana Waaqayyoo taʼan kan geggeessudha. (1 Ximotewos 3:15) Yesus hojii kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarraa akka geggeessu hojjetaa kanaaf itti gaafatamummaa guddaa kenneera. Hojiin kunis qabeenyasaa eeguu, hojii lallabaatiif qajeelfama kennuufi gumiirratti nu barsiisuu dabalata. Kanaaf ‘hojjetaan amanamaaniifi ogeessi’ barreeffamoota tajaajilarratti itti fayyadamnu, gumiiwwaniifi walgaʼiiwwan gurguddaatti fayyadamee, yeroo barbaannutti nyaata hafuuraa nuu qopheessuudhaan wanta nu barbaachisu nuu dhiheessaa jira.

Hojjetaan kun, dhugaa Macaafa Qulqulluufi hojii misiraachoo akka lallabu isatti kennameef amanamaadha; akkasumas lafarratti akkaataa itti fedha Kiristos raawwatu waan beekuuf ogeessadha. (Hojii Ergamootaa 10:42) Yihowaan namoonni baayʼeen dhugaa akka dhagaʼaniifi nyaanni hafuuraa baayʼinaan akka qophaaʼu gochuudhaan hojicha eebbisaa jira.—Isaayaas 60:22; 65:13.

  • Yesus duuka buutotasaatiif nyaata hafuuraa akka dhiheessuuf eenyuun muude?

  • Hojjetaan kun amanamaafi ogeessa kan taʼe karaawwan kamiini?