Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 20

Qaamni Olaanaan Yeroo Harʼaa Jiru Kan Hojjetu Akkamitti?

Qaamni Olaanaan Yeroo Harʼaa Jiru Kan Hojjetu Akkamitti?

Qaama olaanaa jaarraa tokkoffaa

Xalayaa qaamni olaanaa erge dubbisuu

Jaarraa tokkoffaatti, garee xinnoon ‘ergamootaafi jaarsolii Yerusaalem’ qabate, gumii Kiristiyaanota dibamoo yeroo sana turan hundumaa bakka buʼee, dhimmoota barbaachisaa taʼanirratti murtoo kennuudhaan akka qaama olaanaatti tajaajilaa ture. (Hojii Ergamootaa 15:2) Murtoo tokkorra kan gaʼan wanta Caaffanni Qulqullaaʼoon jedhanirratti mariʼachuufi geggeessaa hafuura qulqulluu hordofuudhaan ture. (Hojii Ergamootaa 15:25) Yeroo harʼaas Qaamni olaanaan fakkeenya kana hordofa.

Waaqayyo fedhasaa raawwachuuf qaama kanatti fayyadamaa jira. Obboloonni dibamoon Qaama Olaanaa taʼanii tajaajilan Dubbii Waaqayyootiif jaalala cimaa kan qaban taʼuusaaniirrayyuu, dhimmoota hafuuraafi kan biraaf furmaata kennuurratti muuxannoo guddaa qabu. Namoonni kun wanta obboloota addunyaa mara jiraniif barbaachisurratti mariʼachuuf torban torbaniin walgaʼii godhu. Akkuma jaarraa tokkoffaatti ture, qajeelfama Macaafa Qulqulluurratti hudaaʼe dabarsuuf xalayoota, daawwattoota olaanaafi mala kan biraatti fayyadama. Kunis, sabni Waaqayyoo yaadaafi ilaalchaan tokkummaa akka qabaatan godheera. (Hojii Ergamootaa 16:4, 5) Qaamni Olaanaan qophii nyaata hafuuraa olaantummaadhaan toʼata, hojii misiraachoo lallabuutiif jajjabina kenna, itti gaafatamummaa obbolootaaf kennamus adda durummaadhaan toʼata.

Qaamni kun qajeelfama hafuurri Waaqayyoo kennu hojiirra oolcha. Qaamni Olaanaan, Yihowaa isa Uumama Cufarratti Olaantummaa qabuufi Yesus isa mataa gumii taʼe biraa qajeelfama fudhata. (1 Qorontos 11:3; Efesoon 5:23) Miseensonni Qaama kanaa geggeessitoota saba Waaqayyoo akka taʼanitti of hin ilaalan. Isaanis akkuma Kiristiyaanota dibamoo warra kaanii “lafa hoolichi [Yesus] dhaqu hundumaatti isa duukaa buʼu.” (Mulʼata 14:4) Qaamni Olaanaan, isaafis taʼe milkaaʼina hojiisaatiif kadhachuu keenya baayʼee galateeffata.

  • Jaarraa tokkoffaatti qaama olaanaa kan turan eeyufaʼi?

  • Yeroo harʼaa, Qaamni Olaanaan qajeelfama Yihowaa kan argatu akkamitti?