Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 21

Betʼel maalidha?

Betʼel maalidha?

Dippaartimentii Aartii, Yu.Essi.Ee.

Jarman

Keeniyaa

Kolombiyaa

Afaan Ibrootaatiin maqaan Betʼel jedhu, “Mana Waaqayyoo” jechuudha. (Uumama 28:17, 19) Maqaan kun gamoowwan Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti hojii lallabaatiif qajeelfama kennuufi deggeruuf itti fayyadaman ittiin waamamudha. Qaamni Olaanaan Waajjira Muummee Niiwu Yoorki, Yu.Essi.Ee. jiru keessatti kan tajaajilu siʼa taʼu, hojii waajjiroonni damee biyyoota hedduu keessatti hojjetan toʼata. Akka gareetti, namoonni gamoowwan kana keessatti hojjetan miseensota maatii Betʼel jedhamu. Akkuma maatii tokkoo, waliin jiraatu, waliin hojjetu, waliin nyaatu, akkasumas tokkummaadhaan Macaafa Qulqulluu qayyabatu.—Faarfannaa 133:1.

Iddoo addaa miseensonni maatichaa guutummaatti itti of kennanidha. Gamoowwan Betʼel hunda keessatti Kiristiyaanonni dhiirotaafi dubartoota taʼan yeroosaanii guutuu Waaqayyoon tajaajilu, akkasumas fedha Mootummichaa raawwatu. (Maatewos 6:33) Mindaan kan isaanii hin kaffalamne taʼus; manni jireenyaa, nyaanniifi qarshiin baasii dhuunfaatiif oolu ni kennamaaf. Betʼel keessa kan tajaajilan hundi, biiroo, kutaa nyaata itti qopheessan ykn kutaa itti nyaatan keessatti akka hojjetaniif ramadamu. Tokko tokkommoo kutaa maxxansaa, qulqullina manaa eeguu, uffata miicuu, meeshaalee waajjiricha keessa jiran suphuu ykn akka gaariitti qabuufi kkf hojjetu.

Hojii Mootummicha lallabuu deggeruuf iddoo hojii baayʼeen itti hojjetamudha. Kaayyoon Betʼel inni guddaan, hamma dandaʼametti dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota hundaan gaʼuudha. Birooshurri kun kanaaf fakkeenya tokkodha. Birooshurri kun Qaama Olaanaatiin kan qophaaʼu siʼa taʼu, faayilli elektiroonikiisaa, tuuta hiikaa addunyaa maratti argamaniif ergama. Achiis erga hiikamee booda meeshaalee maxxansaa saffisa guddaa qabaniifi Betʼel addaddaa keessatti argamanitti maxxanfamee gumii 110,000 ol taʼaniif ergama. Wanti miseensonni maatii Betʼel hojjetan hundi, hojii misiraachoo Mootummichaa labsuu isa barbaachisaa taʼeef deggersa guddaa godha.—Maarqos 13:10.

  • Betʼel keessatti kan tajaajilan eenyufaʼi? Waan isaan barbaachisu kan argatan akkamitti?

  • Hojiin deggersa maatii Betʼeliin hojjetamuufi baayʼee barbaachisaa taʼe maalidha?