Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 24

Hojii Addunyaa Maratti Hojjennuuf Deggersi Qarshii Kan Argamu Akkamitti?

Hojii Addunyaa Maratti Hojjennuuf Deggersi Qarshii Kan Argamu Akkamitti?

Neeppaal

Toogoo

Biritaaniyaa

Jaarmiyaan keenya waggaa waggaatti Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota kan biraa miliyoona dhibbatti lakkaaʼaman maxxansee kaffaltii malee raabsa. Galma Mootummaafi waajjira damee ni ijaarra, akkasumas ni suphina. Obboloota Betʼel keessatti hojjetaniifi misiyoonotaaf wanta barbaachisu ni dhiheessina, yeroo balaan gaʼus gargaarsa ni goona. Kanaaf, ‘Baasiin wanta kana hundaaf godhamu eessaa dhufa?’ jettee gaafachuunkee hin oolu.

Kudhan keessaa tokko hin kaffalchiisnu, buusii miseensummaa hin gaafannu, qodaa buusiis hin naannessinu. Hojiin wangeela labsuu nuti hojjennu baasii hedduu kan gaafatu yoo taʼeyyuu, gargaarsa qarshii hin gaafannu. Maxxansi lammaffaan Masaraa Eegumsaa jaarraa tokkoo ol dura baʼe, Yihowaan Waaqa gargaarsa nuu godhu waan taʼeef “eenyuniyyuu gargaarsa hin gaafannu” jedhee kan ture siʼa taʼu, nutis gaafachuu hin qabnu.—Maatewos 10:8.

Hojiin keenya buusii qarshii namoonni fedhiidhaan kennaniin hojjetama. Namoonni baayʼeen hojii Macaafa Qulqulluu barsiisuu keenya waan dinqisiifataniif buusii godhu. Dhugaa Baatonni Yihowaas, hojii isa fedhi Waaqayyoo addunyaa maratti akka raawwatamu godhu kanaaf, yeroosaanii, humnasaanii, qarshiisaaniifi qabeenyasaanii gammachuudhaan gumaacha godhu. (1 Seenaa 29:9) Galma Mootummaafi walgaʼiiwwan gurguddaatti, warra buusii gochuu barbaadaniif saanduqni buusii kaaʼameera. Yookiin karaa weebsaayitii www.pr418.com/om jedhamuu buusii qarshii gochuun ni danda‵ama. Buusii hedduun kan argamu namoota hiyyeeyyii akka haadha hiyyeessaa ishee Yesus caqaseefi saantima sibiilaa diddiimtuu lama qodaa buusii mana qulqullummaa keessa buustee taʼanirraati. (Luqaas 21:1-4) Kanaaf, abbaan “akka garaa isaatti murtoo godhetti” kennuu barbaadu yeroo hunda ‘hamma wal qixxaateef buusee walitti qabachuudhaan’ buusii gochuu dandaʼa.—1 Qorontos 16:2; 2 Qorontos 9:7.

Yihowaan fedhisaa akka raawwatamuuf garaa namoota ‘qabeenyasaaniitiin Waaqayyoof ulfina kennuufi’ hojii Mootummichaa deggeruu barbaadanii kakaasuusaa akka itti fufu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Fakkeenya 3:9.

  • Jaarmiyaa keenya dhaabbata amantii kan biraarraa adda kan godhu maalidha?

  • Buusii namoonni fedhaan godhanitti kan fayyadamnu akkamitti?