Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 26

Galma Mootummaa Keenya Kunuunsuu Irratti Hirmaachuu

Galma Mootummaa Keenya Kunuunsuu Irratti Hirmaachuu

Istooniyaa

Zimbaabuwee

Mongooliyaa

Porto Riikoo

Galmi Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa hundi maqaa Waaqayyoo isa qulqulluu taʼeef ulfina fida. Kanaaf galmicha qulqulleessuun, miidhagsuufi sirriitti qabuun, mirga guddaa taʼuusaarrayyuu kutaa waaqeffannaa keenya keessaa isa tokko akka taʼe nutti dhagaʼama. Miseensi gumichaa hundis irratti hirmaachuu dandaʼu.

Walgaʼii booda galmicha qulqulleessuuf fedhaan of dhiheessi. Obboloonni, walgaʼii booda Galma Mootummichaa qulqulleessuusaaniitti baayʼee gammadu. Torbanitti siʼa tokkommoo guutummaa galmichaatu akka gaariitti qulqulleeffama. Jaarsi ykn tajaajilaan gumii tokko, wantoota qulqulleeffamuu qaban ilaalchisee qajeelfamni baʼee jiru itti hojjetamuusaa hordofa. Akka barbaachisummaasaatti, obboloonni lafasaa ni haru, ni miicu, meeshaalee dhukkee qaban ni haxaaʼu, teessuma ni sisirreessu, mana fincaanii ni qulqulleessu, foddaafi daawwitii ni miicu, kosii ni gatu, mooraa ni qulqulleessu, akkasumas abaaboo ni kunuunsu. Yoo xinnaate waggaatti siʼa tokko galmichi akka gaariitti ni qulqulleeffama. Ijoolleen keenyas hojiiwwan tokko tokkorratti akka hirmaatan gochuudhaan, bakka waaqeffannaa keenyaaf ulfina akka qabaatan isaan barsiisna.—Lallaba 5:1.

Galmicha suphuurratti hamma dandeessu gargaarsa godhi. Keessaafi alli Galma Mootummaa waggaa waggaadhaan akka gaariitti ilaalama. Qorannaa kanarratti hundaaʼuudhaan, galmichi yeroo yeroodhaan kan suphamu yommuu taʼu, kunis gumichi baasii barbaachisaa hin taane keessa akka hin galle godha. (2 Seenaa 24:13; 34:10) Galmi Mootummaa qulqulluu taʼeefi sirriitti suphame iddoo itti Waaqa keenya waaqeffachuuf maludha. Hojii kanarratti hirmaachuudhaan, Yihowaa akka jaallannuufi iddoo itti isa waaqeffannuuf ulfina akka qabnu argisiisuu dandeenya. (Faarfannaa 122:1) Namoonni naannoo galmichaa jiranis iddoo kanaaf ilaalchaa gaarii akka qabaatan godha.—2 Qorontos 6:3.

  • Bakka itti Yihowaa waaqeffannu akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?

  • Qulqullina Galma Mootummaa eeguuf qophiiwwan akkamiitu godhame?