Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 4

Abbaashee fi Yihowaa Gammachiisteetti

Abbaashee fi Yihowaa Gammachiisteetti

Yiftaan Yihowaadhaaf waadaa akkamii galaa jira?

Salphaa taʼuu baatus, intalli Yiftaa wanta abbaanshee Yihowaadhaaf waadaa gale raawwatteetti

Intala fakkii kanarra jirtu ni argitaa?— Intala nama Yiftaa jedhamu tokkooti. Macaafni Qulqulluun maqaa intala kanaa nutti hin himu; taʼus abbaasheefi Yihowaa akka gammachiiste beekna. Mee waaʼeesheefi waaʼee abbaashee haa barannu.

Yiftaan nama gaarii ture; intalasaas yeroo fudhatee waaʼee Yihowaa ni barsiisa ture. Akkasumas, nama cimaafi geggeessaa gaarii ture. Kanaaf, Israaʼeloonni yeroo diinotasaanii waraanuuf baʼan akka isaan geggeessu isa gaafatan.

Yiftaan, moʼuuf akka isa gargaaru Yihowaa kadhate. Yoo moʼe, yeroo gara manasaatti deebiʼu manasaa keessaa nama dura baʼee isa simatu Yihowaadhaaf akka kennu waadaa gale. Namni inni kennu kun, godoo Waaqayyoo keessa jiraachuudhaan jireenyasaa guutuu achi keessatti hojjeta. Godoon, iddoo namoonni yeroo sanatti Yihowaa itti waaqeffatan ture. Yiftaan waraanicharratti ni moʼe! Yeroo inni gara manasaatti deebiʼu, isa simachuuf dursee manasaatii kan baʼe eenyu akka taʼe beektaa?—

Eeyyee, intalasaa turte! Yiftaan ishee malee ijoollee kan biraa hin qabu; ammammoo ishumayyuu kennuuf jedha. Kun taʼuunsaa baayʼee isa gaddisiise. Taʼus waadaa galee akka ture yaadadhu. Yeruma sana intallisaa, ‘Abbayye, Yihowaadhaaf waadaa galteetta, waadaakee eeguu qabda’ jetteen.

Hiriyoonni intala Yiftaa waggaa waggaadhaan ishee ilaaluuf ni dhaqu turan

Intalli Yiftaas gadditeetti. Godoo Waaqayyoo keessa yeroo jiraattu, heerumuus taʼe ijoollee godhachuu hin dandeessu. Taʼuyyuu waadaa abbaanshee gale eeguufi Yihowaa gammachiisuu barbaaddetti. Heerumuufi ijoollee godhachuurra isheedhaaf kanatu caala ture. Kanaaf, mana warrasheetii baatee, jireenyashee guutuu godoo Waaqayyoo keessa jiraatte.

Wanti isheen goote, abbaasheefi Yihowaa kan gammachiise sitti fakkaataa?— Eeyyee, gammachiiseera! Atis kan ajajamtuufi Yihowaa kan jaallattu yoo taʼe, akka intala Yiftaa taʼuu dandeessa. Atis akkumashee warrakeefi Yihowaa ni gammachiista.