Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 6

Daawit Hin Sodaanne

Daawit Hin Sodaanne

Yeroo sodaattu maal goota?— Gargaarsa argachuuf gara haadhakee ykn abbaakee dhaqxa taʼa. Qaamni si gargaaruu dandaʼu kan biraanis jira. Inni eenyuyyuu caalaa humna guddaa qaba. Qaamni kun eenyu akka taʼe beektaa?— Eeyyee, Yihowaadha. Mee waaʼee dargaggeessa Daawit jedhamu tokkoo Macaafa Qulqulluurraa haa ilaallu. Daawit Yihowaan yeroo hundumaa akka isa gargaaru waan beekuuf hin sodaatu ture.

Daawit Yihowaa akka jaallatuuf warrisaa xinnummaasaatii jalqabanii isa barsiisanii turan. Kunimmoo, Daawit wanti sodaachisaan yeroo isa mudatuttillee akka hin sodaanne isa gargaareera. Daawit, Yihowaan Michuusaa akka taʼeefi akka isa gargaaru beeka ture. Gaaf tokko utuu hoolota eegaa jiruu, leenci guddaan tokko dhufee hoolaa tokko jalaa qabate. Daawit maal akka godhe beektaa? Leencicha duukaa buʼee harkumasaatiin qabee ajjeese! Amaakenni tokko dhufee hoolaasaa yeroo qabatetti isas ajjeeseera! Daawitiin kan gargaare eenyu sitti fakkaata?— Eeyyee, Yihowaadha.

Yeroo kan biraattimmoo Daawit, karaa adda taʼeen ija jabina argisiiseera. Israaʼeloonni Filisxeemotaa wajjin wal lolaa turan. Loltoota Filisxeem keessaa inni tokko garmalee dheeraafi guddaa ture! Maqaansaa Goliyaad jedhama. Namichi kun Israaʼelootaafi Yihowaa tuffate. ‘Mee kottaa na lolaa’ jechaa gara loltoota Israaʼel dhufa ture. Israaʼeloonni hundi garuu isa sodaatan. Daawit yeroo kana dhagaʼu, ‘Ani siin nan lola! Yihowaan waan na gargaaruuf sin moʼa!’ jedheen. Daawit ija jabeessa akka taʼe sitti dhagaʼamaa?— Eeyyee, baayʼee ija jabeessa ture. Ittaansee maaltu akka taʼe beekuu barbaaddaa?

Daawit furrisasaafi dhagaa shan fudhatee, namicha garmalee guddaa sana loluu dhaqe. Goliyaad, Daawit mucaa xinnoo taʼuusaa ennaa argu isa tuffate. Daawit garuu, ‘Ati billaa qabattee natti dhufta, ani garuu maqaa Yihowaatiinan sitti dhufa!’ jedheen. Achiis, furrisasaa keessa dhagaa kaaʼee, gara Goliyaaditti fiigee itti darbate. Dhagichi adda Goliyaad rukute! Namichi garmalee guddaa taʼe sun lafatti kufee duʼe! Filisxeemonnis sodaatanii baqatan. Daawit mucaa xinnoo taʼee utuu jiruu nama guddaa akkasii akkamitti moʼuu dandaʼe?— Eeyyee, Yihowaatu isa gargaare; Yihowaan nama hammas gaʼu sana caalaa humna guddaa qaba!

Daawit Yihowaan akka isa gargaaru waan beekeef hin sodaanne

Seenaa Daawitirraa maal baratta?— Yihowaan eenyuyyuu caalaa humna guddaa qaba. Yihowaan michuu keeti. Kanaafuu, kana booda yoo sodaatte, Yihowaan si gargaaruu akka dandaʼu yaadadhu!

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI