Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 14

Mootummaa Guutummaa Lafaa Bulchu

Mootummaa Guutummaa Lafaa Bulchu

Waaʼee Mootummaa isa kamii dubbachaa akka jirru beektaa?— Eeyyee, waaʼee Mootummaa Waaqayyooti. Mootummaan kun lafa jannata godha. Waaʼee Mootummaa kanaa caalaatti beekuu barbaaddaa?—

Mootummaan hundumtuu mootii qaba. Mootiin tokko namoota biyyasaa keessa jiran bulcha. Mootiin Mootummaa Waaqayyoo eenyu akka taʼe beektaa?— Yesus Kiristosidha. Inni kan jiraatu samiirradha. Yeroo dhihootti, namoota lafarra jiran hundarratti Mootii taʼa! Yeroo Yesus guutummaa lafaarratti Mootii taʼu waan gammannu sitti hin fakkaatuu?—

Wanti Jannata keessatti arguu barbaaddu maalidha?

Eeyyee, baayʼee gammanna! Jannata keessatti namoonni wal hin lolan, waraannis hin jiraatu. Namni hundi wal jaallata. Eenyuyyuu hin dhukkubsatu ykn hin duʼu. Namoonni ijisaanii hin argine ijisaanii ni banamaaf, namoonni gurrisaanii hin dhageenye ni dhagaʼu, warri miillisaanii deemuu hin dandeenyes ni fiigu ykn ni utaalu. Namni hundumtuu nyaata baayʼee qabaata. Bineensonni, waliisaanii wajjinis taʼe nuu wajjin nagaadhaan jiraatu. Namoonni duʼan ni kaʼu. Namoonni birooshura kana keessatti waaʼeesaanii baratte kan akka Ribqaa, Rahaab, Daawitiifi Eliyaas duʼaa ni kaʼu! Yeroo duʼaa kaʼan isaan argachuu hin barbaadduu?—

Yihowaan waan si jaallatuuf akka gammaddu barbaada. Waaʼeesaa barachuufi isaaf ajajamuukee yoo itti fufte, jannata keessa barabaraaf jiraatta! Jannata keessa jiraachuu ni barbaaddaa?—