Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 1

“Mootummaan Kee Haa Dhufu”

“Mootummaan Kee Haa Dhufu”

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee barumsa Yesus barsiiserratti xiyyeeffata

1, 2. Yihowaan utuma ergamoonni Yesus sadan dhagaʼanii maal jedhe? Isaanoo maal godhan?

 YIHOWAAN hojii taʼe tokko akka hojjettan kallattiidhaan utuu isin ajajee maal gootu? Wanti inni isin ajaje kun maaliyyuu yoo taʼe qajeelfamasaa hojiirra oolchuuf akka kakaatan hin shakkisiisu.

2 Ayyaanni Faasikaa Dh.K.B. bara 32⁠tti kabajamee utuu baayʼee hin turin, ergamoota Yesus keessaa sadii jechuunis Phexros, Yaaqoobiifi Yohannisiin haalli akkasii mudatee ture. (Maatewos 17:1-5 dubbisi.) Yesus Gooftaasaanii wajjin “gara gaara dheeraa tokkotti” erga ol baʼanii booda, ulfina Yesus samiirratti Mootii taʼee yommuu bulchu qabu mulʼataan argan. Phexros mulʼanni kun yeroodhuma sana wanta raawwatamaa jiru waan isatti fakkaateef, mulʼata sana keessatti hirmaachuuf yaada dhiheesse. Phexros utuu dubbachaa jiruu duumessi isaan uffise. Achiis Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis mirga namoonni muraasni argatan argachuu, jechuunis yommuu Yihowaan dubbatu dhagaʼuu dandaʼaniiru. Yihowaan, Yesus Ilmasaa akka taʼe erga dubbatee booda, “Isa dhagaʼaa!” jechuudhaan qajeelfama isaaniif kenne. Ergamoonni Yesus qajeelfama Waaqayyo isaaniif kenne kana hojiirra oolchaniiru. Wanta Yesus barsiise kan dhagaʼan yommuu taʼu, namoonni kaanis hojiirra akka oolchan isaan jajjabeessaniiru.—HoE. 3:19-23; 4:18-20.

Yesus wanta kamiyyuu caalaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbateera

3. Yihowaan Ilmasaa akka dhageenyu kan barbaadu maaliifi? Waaʼeesaa qoruu kan qabnuhoo maaliifi?

3 Yaanni, “Isa dhagaʼaa!” jedhu faayidaa keenyaaf jecha Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffameera. (Rom. 15:4) Yesusiin dhagaʼuu kan qabnu maaliifi? Sagalee dabarsituu Yihowaa waan taʼeefi yeroo hunda wanta Abbaansaa akka beeknu barbaadu waan nu barsiisuufidha. (Yoh. 1:1, 14) Yesus wanta kamiyyuu caalaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo, jechuunis waaʼee bulchiinsa Masiihichaa isa Kiristos Yesusiifi namoota 144,000 isaa wajjin bulchanii balʼinaan waan barsiiseef, kana gad fageenyaan qoruun keenya barbaachisaadha. (Mul. 5:9, 10; 14:1-3; 20:6) Jalqaba garuu, Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo balʼinaan kan barsiise maaliif akka taʼe haa qorru.

‘Waan Garaa Keessa Guute . . . ’

4. Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo garaadhaa dubbachaa kan ture akkamitti?

4 Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo yeroo hunda garaadhaa dubbata ture. Maaliif? Yaanni garaadhaa dubbannu wanta nuti bakka guddaa kenninuuf kan argisiisu waan taʼeefidha. Yesusumtiyyuu, “Waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata” jedheera. (Mat. 12:34) Yesus carraa argate hundatti fayyadamee waaʼee Mootummaa Waaqayyoo garaadhaa dubbata ture. Waaʼeen Mootummaa Waaqayyoo Wangeelota arfan keessatti al 100 ol kan caqasame siʼa taʼu, irra caalaasaa kan dubbate Yesusidha. Ijoon lallabasaa waaʼee Mootummaa kanaa akka ture ennaa ibsu, “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedheera. (Luq. 4:43) Yesus erga duʼaa kaʼee boodallee waaʼee Mootummaa Waaqayyoo bartootasaa barsiisuusaa itti fufeera. (HoE. 1:3) Yesus Mootummaa Waaqayyoo garaadhaa kan dinqisiifatu yommuu taʼu, kunimmoo waaʼee Mootummichaa dubbachuuf isa kakaaseera.

5-7. Yihowaan waaʼee Mootummaasaa garaadhaa dubbachaa akka ture akkamitti beekna? Fakkeenyaan ibsi. (b) Nutoo waaʼee Mootummaa kanaa garaadhaa akka dubbannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Yihowaanis waaʼee Mootummaasaa garaadhaa dubbata. Kana akkamitti beekuu dandeenya? Yihowaan tokkicha Ilmasaa gara addunyaatti akka erge, akkasumas wanti Yesus dubbateefi barsiise hundi Yihowaarraa akka madde yaadadhaa! (Yoh. 7:16; 12:49, 50) Waaʼee jireenya Yesusiifi tajaajilasaa isa lafarraa ilaalchisee yaanni Wangeelota arfan keessatti barreeffame hundi Yihowaarraa kan maddedha. Kun maal jechuu akka taʼe mee yaadaa!

Hundi keenya, ‘Anoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo garaadhaa nan dubbadhaa?’ jennee of gaafachuu qabna

6 Suuraawwan miseensota maatii keessanii albamii keessa kaaʼaa jirtu haa jennu. Suuraawwan kun hedduu yommuu taʼan, albamichi garuu suura muraasa qofa qabachuu dandaʼa. Yeroo kanatti maal gootu? Suuraa isa kam albamicha keessa akka galchitan filattu. Albamii kanaa wajjin haala wal fakkaatuun, Wangeelonnis odeeffannoo ifa taʼeefi waaʼee Yesus ibsu qabataniiru. Yihowaan barreessitoonni Wangeelaa, wanta Yesus yommuu lafarra ture dubbateefi raawwate hunda akka galmeessan hin goone. (Yoh. 20:30; 21:25) Kanaa mannaa, hafuurri qulqulluun jechootaafi gochawwan kaayyoo tajaajila Yesus hubachuufi wanta Yihowaan bakka guddaa kennuuf baruuf nu gargaaran qofa akka barreessan isaan gargaareera. (2 Xim. 3:16, 17; 2 Phe. 1:21) Wangeelonni, wanta Yesus Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee barsiise hedduu kan qabatan waan taʼaniif, Yihowaan waaʼee Mootummaasaa garaadhaa dubbateera jechuun ni dandaʼama. Dhugumayyuu Yihowaan Mootummaasaa ilaalchisee wanta hunda akka beeknu barbaada!

7 Hundi keenya, ‘Anoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo garaadhaa nan dubbadhaa?’ jennee of gaafachuu qabna. Mootummichi hammam barbaachisaa akka taʼe, akkamitti akka dhufuufi yoom akka dhufu ilaalchisee wanta Yesus dubbate, akkasumas wanta inni barsiise xiyyeeffannaadhaan ni dhaggeeffanna taanaan garaadhaa dubbachuu ni dandeenya.

“Mootummaan Kee Haa Dhufu”—Akkamitti?

8. Yesus Mootummaan Waaqayyoo barbaachisaa taʼuusaa kan ibse akkamitti?

8 Mee kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti barsiise haa ilaallu. Yesus jechoota hiika guddaa qabaniifi salphaatti namaa galanitti fayyadamuudhaan, wanta Mootummichi raawwatuufi barbaachisummaasaa gabaabsee ibseera. Kadhannaan kun yaada torba of keessaa qaba. Yaanni jalqabaa sadan waaʼee kaayyoo Yihowaa, jechuunis waaʼee qulqullina maqaasaa, waaʼee dhufaatii Mootummaasaa, akkasumas fedhiinsaa waaqarratti akkuma taʼe lafarrattis akka taʼu kan ibsudha. (Maatewos 6:9, 10 dubbisi.) Yaadawwan kun sadan walitti dhufeenya cimaa qabu. Yihowaan Mootummaa Masiihichaatti fayyadamee, maqaasaa ni qulqulleessa, fedhasaas ni raawwata.

9, 10. (a) Mootummaan Waaqayyoo kan dhufu akkamitti? (b) Abdiin Macaafa Qulqulluu yommuu raawwatamu arguu barbaaddu isa kami?

9 Mootummaan Waaqayyoo kan dhufu akkamitti? “Mootummaan kee haa dhufu” jennee yommuu kadhannu, Mootummichi tarkaanfii murteessaa taʼe akka fudhatu gaafachuu keenyadha. Mootummichi yeroo dhufu, lafa kana guutummaatti toʼata. Akkasumas mootummaa ilmaan namootaa dabalatee, sirna hamaa kana kan balleessu taʼuusaarrayyuu, addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu fida. (Dan. 2:44; 2 Phe. 3:13) Achiis bulchiinsa Mootummichaa jalatti lafti kun jannata taati. (Luq. 23:43) Namoonni duʼan deebiʼanii jireenya argachuudhaan michootasaanii wajjin jiraachuu jalqabu. (Yoh. 5:28, 29) Namoonni ajajaman, cubbuurraa walaba taʼuudhaan jireenya barabaraa argatu. (Mul. 21:3-5) Dhumarrattis fedhi Yihowaa akkuma samiirratti raawwatame lafarrattis ni raawwatama. Isinoo raajiiwwan Macaafa Qulqulluu kun yommuu raawwataman arguuf hin hawwitanii? Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu yeroo kadhattan hundatti, abdiiwwan dinqisiisoon olitti ibsaman akka raawwataman gaafachaa akka jirtan yaadadhaa!

10 Mootummaan Waaqayyoo kadhannaa akka fakkeenyaatti ibsame kana raawwachuuf hanga ammaatti akka hin dhufne beekamaadha. Kana malees, ilmaan namootaa ammayyuu bulchaa kan jiran siʼa taʼu, addunyaa haaraan qajeelummaan keessa buufatus hin dhufne. Taʼus, wanti nama gammachiisu tokko jira. Akkuma boqonnaa ittaanurratti ilaallu, Mootummaan Waaqayyoo hundeeffameera. Mee amma Mootummaan kun yoom akka hundeeffamuufi yoom akka dhufu ilaalchisee wanta Yesus dubbate haa qorru.

Mootummaan Waaqayyoo Yoom Hundeeffame?

11. Yesus waaʼee hundeeffamuu Mootummaa Waaqayyoo maal ibseera?

11 Duuka buutonni Yesus tokko tokko Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti Mootummichi akka hundeeffamu eeganii kan turan taʼus, Yesus Mootummichi kan hundeeffamu yeroo sanatti akka hin taane ibseera. (HoE. 1:6) Mee fakkeenya Yesus waggaa lama gidduutti dubbate lama haa qorru.

12. Fakkeenyi qamadiifi inkirdaadaa, Mootummichi Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti akka hin hundeeffamne kan argisiisu akkamitti?

12 Fakkeenya qamadiifi inkirdaadaa. (Maatewos 13:24-30 dubbisi.) Yesus Dh.K.B. bara 31 tarii waqtii birraatti, fakkeenya kana erga duuka buutotasaatti himee booda hiikasaa isaaniif ibseera. (Mat. 13:36-43) Yaanni ijoo fakkeenyichaafi hiiknisaa akka armaan gadiiti: Ergamoonni erga duʼanii dhumanii booda Seexanni inkirdaada (Kiristiyaanota sobaa) qamadii (“ilmaan Mootummichaa” ykn Kiristiyaanota dibamoo) gidduutti facaase. Qamadiin sunis taʼe inkirdaanni sun hanga yeroo midhaan itti sassaabamuutti, jechuunis hamma ‘dhuma biyya lafaatti’ waliin akka guddatan isaaniif heyyamameera. Waqtiin midhaan sassaabuu erga jalqabee booda inkirdaadichi walitti sassaabama. Ittaansuudhaan qamadichatu walitti sassaabama. Kanaaf fakkeenyi kun, Mootummichi kan hundeeffamu Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti utuu hin taʼin, waqtiin guddinaa erga xumuramee booda taʼuusaa argisiisa. Fakkeenya kanaa wajjin haala walsimuun, waqtiin guddinaa kun kan xumurameefi waqtiin midhaan sassaabuu kan jalqabe bara 1914⁠ttidha.

13. Yesus akkuma samiitti deebiʼeen Mootii akka hin taane fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

13 Fakkeenya warqee ilaalchisee kenname. (Luqaas 19:11-13 dubbisi.) Yesus fakkeenya kana kan dubbate Dh.K.B. bara 33⁠tti yeroo dhumaatiif gara Yerusaalem yommuu deemaa turettidha. Namoonni isa dhaggeeffachaa turan tokko tokko, akkuma Yerusaalem gaʼaniin Yesus Mootummaasaa ni hundeessa jedhanii yaadanii turan. Yesus ilaalchasaanii kana sirreessuufi Mootummichi kan hundeeffamu bara dheeraa booda taʼuusaa isaan hubachiisuuf, ‘Abbaa qoroo mootummaa fudhatee deebiʼuudhaaf biyya fagoo’ dhaqe tokkotti of fakkeesseera. a ‘Biyyi fagoon’ Yesus dhaqu, samii bakka inni Abbaasaa biraa aangoo Mootummaa itti argatu kan argisiisudha. Haataʼu malee, Yesus akkuma samiitti deebiʼeen Mootii Mootummaa Masiihichaa taʼee akka hin muudamne beeka ture. Kanaa mannaa, mirga Waaqayyoo taaʼee hanga yeroon murteeffame sun gaʼutti eeguu qaba ture. Akkuma beekamummoo, yeroo kana jaarraa hedduudhaaf eegaa tureera.—Far. 110:1, 2; Mat. 22:43, 44; Ibr. 10:12, 13.

Mootummaan Waaqayyoo Kan Dhufu Yoomi?

14. (a) Yesus gaaffii ergamoonnisaa arfan isa gaafatan kan deebise akkamitti? (b) Raajiin Yesus argamuusaafi Mootummicha ilaalchisee dubbate raawwatamuunsaa maal nu hubachiisa?

14 Yesus ajjeefamuusaa guyyoota muraasa dura, ergamoonnisaa afur, “Milikkinni dhufa [“argama,” NW] keetii, kan dhuma barichaas maali?” jedhanii isa gaafatan. (Mat. 24:3; Mar. 13:4) Yesus raajii hedduu Maatewos boqonnaa 24fi 25⁠rratti ibsame isaanitti himuudhaan gaaffii kanaaf deebii kenneera. Yesus raajii kanarratti wantoota addaddaa addunyaa maratti raawwatamaniifi ‘argamuusaatiif’ mallattoo taʼan balʼinaan ibseera. Yeroon argamuunsaa itti jalqabu yeroo Mootummichi itti hundeeffamuu wajjin, yeroon argamuunsaa itti xumuramummoo yeroo Mootummichi itti dhufuu wajjin tokkodha. Raajiin Yesus dubbate, bara 1914 jalqabee raawwatamaa akka jiru ragaawwan argisiisan hedduun jiru. b Kanaaf, argamni Yesus kan jalqabes taʼe, Mootummichi kan hundeeffame bara sanatti ture jechuudha.

15, 16. Yaanni ‘dhaloota siʼanaa’ jedhu eenyuunfaa argisiisa?

15 Haataʼu malee, Mootummaan Waaqayyoo yoom dhufa? Yesus guyyaa Mootummaan kun itti dhufu hin dubbanne. (Mat. 24:36) Taʼus, wanta Mootummichi dhiheenyatti akka dhufu nuu mirkaneessu tokko dubbateera. Yesus Mootummichi kan dhufu, “dhaloonni siʼanaa” mallattoowwan raawwii raajii kanaa erga argee booda akka taʼe dubbateera. (Maatewos 24:32-34 dubbisi.) Yaanni ‘dhaloota siʼanaa’ jedhu eenyuun argisiisa? Mee wanta Yesus dubbate kana gad fageenyaan haa qorru.

16 ‘Dhaloota siʼanaa.’ Yesus yaada kana kan dubbate namoota Kiristiyaana hin taane sammuutti qabateetii? Lakki. Mee yaada kana kan dubbate eenyufaatti akka taʼe haa ilaallu. Yesus raajii kana kan dubbate, ergamootasaa muraasa warra ‘kophaatti garasaa dhufanitti’ ture. (Mat. 24:3) Ergamoonnisaa yeroo muraasa booda hafuura qulqulluudhaan ni dibamu. Mee yaada naannoo caqasichaa jirus hubadhaa. Yesus waaʼee ‘dhaloota siʼanaa’ dubbachuusaa dura, “Muka harbuu fakkeenya godhadhaatii irraa baraa! Dameen isaa quqquuqee baala yommuu biqilchu, bonni akka dhiʼaate in hubattu. Akkasuma isinis immoo, kana hundumaa yommuu argitan, akka inni balbalatti dhiʼaate beekaa!” jedhee ture. Raajii Yesus dubbate hubachuufi hiika raajiin kun qabu, jechuunis ‘akka inni balbalatti dhihaate beekuu’ kan dandaʼan, namoota hin amanne utuu hin taʼin duuka buutotasaa warra dibamanidha. Kanaaf, Yesus ‘dhaloota siʼanaa’ yommuu jedhu, duuka buutotasaa warra dibamoo sammuutti qabatee ture jechuudha.

17. Yaanni ‘dhaloota’ akkasumas “wanti kun hundi” jedhu hiika maalii qaba?

17 “Wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti . . . hin darbu.” Yaanni kun raawwiisaa kan argatu akkamitti? Gaaffii kana deebisuuf, yaanni ‘dhalootaafi’ “wanti kun hundi” jedhu hiika maalii akka qabu beekuu qabna. Jechi ‘dhaloota’ jedhu yeroo baayʼee namoota umrii addaddaa qabaniifi yeroo taʼe tokko keessatti waliin jiraatan argisiisuuf itti hojjetama. Dhaloonni tokko garmalee dheeraa kan hin taane taʼuusaarrayyuu xumuras qaba. (Bau. 1:6) Yaanni “wanti kun hundi” jedhu, wantoota yeroo argamuu Yesus isa bara 1914⁠tti jalqabee kaasee, hamma xumura argamuusaa isa yeroo ‘rakkina guddaatti’ raawwataman hunda kan dabalatudha.—Mat. 24:21.

18, 19. Yaada Yesus ‘dhaloota siʼanaa’ jechuudhaan dubbate akkamitti hubachuu qabna? Kanarraa kaʼuudhaan yaada xumuraa akkamiirra gaʼuu dandeenya?

18 Maarree yaada Yesus ‘dhaloota siʼanaa’ jechuudhaan dubbate kana akkamitti hubachuu qabna? Dhaloonni kun garee Kiristiyaanota dibamoo yeroo taʼe tokkotti waliin jiraatan lamaan kan argisiisudha. Gareen inni tokkoffaan, obboloota dibamoo yeroo mallattoon argamuu Yesus bara 1914⁠tti raawwatamuu jalqabe argan kan argisiisu siʼa taʼu, gareen lammaffaanimmoo, Kiristiyaanota dibamoo yeroo taʼe tokko keessa garee tokkoffaa wajjin jiraatan kan argisiisudha. Yoo xinnaate Kiristiyaanonni garee lammaffaa keessa jiran tokko tokko yeroo rakkinni guddaan jalqabu ni argu. Gareen Kiristiyaanota dibamoo kun lamaan yeroo taʼe tokkotti waan waliin jiraataniif, dhaloota tokko jedhamuu dandaʼu. c

19 Kanarraa kaʼuudhaan yaada xumuraa akkamiirra gaʼuu dandeenya? Mallattoon Yesus aangoo Mootummaasaatiin argamuusaa ibsu addunyaa maratti raawwatamaa jira. Akkasumas Kiristiyaanonni dibamoon kutaa ‘dhaloota siʼanaa’ taʼaniifi yeroo ammaa jiran dulloomaniiru; taʼus rakkinni inni guddaan jalqabuusaa dura hundisaanii duʼanii hin dhuman. Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti dhufee lafa kana akka bulchu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Maarree, kadhannaan Yesus “Mootummaan kee haa dhufu” jechuudhaan barsiise yommuu raawwatamu arguun baayʼee kan nama gammachiisu mitii?

20. Kitaaba kana keessatti barumsa barbaachisaa taʼe akkamii baranna? Boqonnaan ittaanu waaʼee maalii ibsa?

20 Kanaaf, yaada Yihowaan Ilmasaa ilaalchisee, “Isa dhagaʼaa!” jechuudhaan samiirraa dubbate matumaa dagachuu hin qabnu. Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, qajeelfama Waaqayyoo kana hordofuuf hawwii guddaa qabna. Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee wanta Yesus dubbateefi barsiise hundaaf xiyyeeffannaa ni kennina. Kitaaba kana keessatti, barumsa barbaachisaa wanta Mootummaan kun raawwateefi gara fuulduraatti raawwatu ibsu balʼinaan ilaalla. Boqonnaan ittaanu, wantoota dinqisiisoo yeroo Mootummaan Waaqayyoo samii keessatti dhalatetti raawwataman ibsa.

a Fakkeenyi Yesus dubbate, tarii dhaggeeffattoonnisaa waaʼee Arkelaawos ilma Herodis Guddichaa akka yaadatan godheera taʼa. Herodis duʼuusaa dura, Arkelaawos mootummaasaa dhaaluudhaan Yihudaafi naannoowwan kaan akka bulchu isa muudee ture. Arkelaawos garuu bulchuu jalqabuusaa dura, Awugusxos Qeesaar aangoosaa akka isaaf mirkaneessuuf karaa dheeraa deemee Roomaa dhaquu qaba ture.

b Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 9 ilaali.

c Kiristiyaanni, Kiristiyaanota dibamoo bara 1914⁠tti “jalqaba ciniinsuu” argan keessaa inni dhumaa erga duʼee booda hafuura qulqulluudhaan dibame, kutaa ‘dhaloota siʼanaa’ taʼuu hin dandaʼu.—Mat. 24:8.