Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 4

Yihowaan Maqaasaa Ol Ol Godha

Yihowaan Maqaasaa Ol Ol Godha

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Sabni Waaqayyoo maqaa Waaqayyootiif bakka guddaa akka kennan ibsa

1, 2. Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo ol ol kan godhe akkamitti?

 KIBXATA, Muddee 2, 1947 ganama aduun kan baate taʼus qilleensisaa qabbanaaʼaa ture. Yeroo kanatti obboloonni dibamoon muraasni Betʼel isa Biruukiliin Niiwu Yoork jirutti argaman hojii guddaa tokko hojjechuuf kaʼan. Hojichi ulfaataa taʼus, obboloonni kun waggaa 12f ciminaan hojjechuusaanii itti fufaniiru. Dhumarrattis Dilbata, Bitootessa 13, 1960⁠tti Macaafa Qulqulluu haaraa hiikanii xumuran. Jiʼa sadii booda, jechuunis Waxabajjii 18, 1960⁠tti obboleessi keenya Naataan Noor walgaʼii guddaa biyya Ingiliiz magaalaa Maanchestaritti godhamerratti guutummaan Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa baʼuusaa kan beeksise siʼa taʼu, dhaggeeffattoonni hundi baayʼee gammadan. Obboleessi haasaa dhiheessu, ‘Guyyaan harʼaa Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argamaniif guyyaa gammachuuti!’ jechuudhaan miira dhaggeeffattootaa akka gaariitti ibseera. Sababiin inni guddaan obboloonni kun itti gammadan, hiikni adda taʼe kun bakka hedduutti maqaa Waaqayyoo kan qabate taʼuusaati.

Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Walgaʼii Guddaa bara 1950⁠tti mataduree, ‘Guddina Tiʼookraasii’ jedhuun godhamerratti baʼe (Mirga: Niiwu Yoorki Siitii, Istaadiyomii Yaankiitti; bitaa: Gaanaa)

2 Hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduun maqaa Waaqayyootti hin fayyadamne. Tajaajiltoonni Yihowaa warri dibamoon garuu, haxxummaa Seexanni ilmaan namootaa maqaa Waaqayyoo akka irraanfatan gochuuf qopheesse jalaa fashaleessuuf tarkaanfii cimaa fudhataniiru. Yaanni seensa Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa guyyaa sanatti baʼerra jiru, “Hiikkaa kana warra kaanirraa adda kan godhu inni guddaan, maqaa Waaqayyoo iddoosaa isa sirriitti deebisuusaati” jedha. Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu siʼa 7,000 ol itti fayyadama. Dhugumayyuu hiikni kun maqaa Yihowaa Abbaa keenya isa samii ol ol godheera!

3. Hiika maqaa Waaqayyoo ilaalchisee obboloonni keenya maal hubatanii turan? (b) Yaada Baʼuu 3:13, 14⁠rra jiru akkamitti hubachuu qabna? (Saanduqa “ Hiika Maqaa Waaqayyoo” jedhu ilaali.)

3 Sana dura Barattoonni Macaafa Qulqulluu maqaan Waaqayyoo hiika “Ani ‘Isa jiraataa’ dha” jedhu akka qabu godhanii yaadu turan. (Bau. 3:14, Kiingi Jamsi Varshin) Kanaan kan kaʼes, Masaraan Eegumsaa Amajjii 1, 1926 “Maqaan Yihowaa jedhu, Waaqayyo Waaqa ofiin of jiraachisu akka taʼeefi . . . jalqabas taʼe dhuma akka hin qabne argisiisa” jedhee ture. Haataʼu malee, obboloonni Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa qopheessan yeroo hojiisaanii jalqabanitti, Yihowaan hiikni maqaasaa ofiin kan of jiraachisu taʼuusaa qofa kan argisiisu utuu hin taʼin, Waaqa kaayyoo qabuufi waan tokko raawwatu kan argisiisu taʼuusaa akka hubatan isaan gargaareera. Maqaan Yihowaa jedhu kallattiidhaan yeroo hiikamu, “Akka Taʼu Godha” jechuu akka taʼe hubatan. Yihowaan, uumamni cuftis taʼe qaamonni yaaduu dandaʼan hundi akka uumaman godheera; gara fuulduraattis fedhiinsaafi kaayyoonsaa akka raawwatamu gochuusaa itti fufa. Haataʼu malee, maqaan Waaqayyoo ol ol godhamuunsaa baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Nutoo maqaa kana ol ol gochuurratti gaʼee akkamii qabna?

Qulqulleeffamuu Maqaa Waaqayyoo

4, 5. (a) “Maqaankee haa qulqullaaʼu” jennee yommuu kadhannu maal gaafachuu keenyadha? (b) Waaqayyo maqaasaa kan qulqulleessu akkamittiifi yoomidha?

4 Yihowaan maqaansaa akka ol ol godhamu barbaada. Kaayyoonsaa inni guddaanis maqaansaa akka qulqullaaʼu gochuudha. Yesus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiiserratti, ‘Maqaankee haa qulqullaaʼu’ kan jedhe kanaafidha. (Mat. 6:9, hiika bara 1899) Yeroo kadhannaa kana dhiheessinu maaltu akka raawwatamu gaafachaa jirra?

5 Akkuma Boqonnaa 1⁠ffaarratti baranne, kadhannaan ‘Maqaankee haa qulqullaaʼu’ jedhuufi Yesus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiiserratti ibse, kadhannaa kaayyoo Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qaban sadan keessaa isa tokkodha. Warri hafan lamaanimmoo, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee . . . haa taʼu!” kan jedhanidha. (Mat. 6:10) Kanaaf, Yihowaan Mootummaasaa akka fiduufi fedhasaa akka raawwatuuf akkuma isa kadhannu, maqaasaa akka qulqulleessus isa kadhanna. Kana jechuun, Yihowaan arrabsoo fincila Eeden keessatti isarratti kaʼee kaasee maqaasaarratti tuulame qulqulleessuuf tarkaanfii akka fudhatu isa gaafachaa jirra jechuudha. Yihowaan kadhannaa akkasiitiif deebii akkamii kenna? “Ani maqaa koo isa guddaa isa saba warra kaan gidduutti xuraaʼe . . . nan qulqulleessa” jedheera. (His. 36:23; 38:23) Yihowaan Armaagedoonitti yommuu hammina hunda balleessu, uumamawwan hunda duratti maqaasaa ni qulqulleessa.

6. Maqaa Waaqayyoo qulqulleessuurratti hirmaachuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Yihowaan baroota darbanitti tajaajiltoonnisaa maqaasaa qulqulleessuurratti akka hirmaatan isaaniif heyyameera. Maqaan Waaqayyoo guutummaatti qulqulluu waan taʼeef, nuyi maqaa kana caalaatti qulqulleessuu akka hin dandeenye beekamaadha. Maqaasaa kan qulqulleessinu akkamittiree? Isaayaas, “Ani Waaqayyo [“Yihowaan,” NW] gooftaan maccaa duwwaan qulqulluu akkan taʼe beeki!” jechuudhaan barreesseera. Yihowaan sabasaa ilaalchisee, “Isaan maqaa koo [“in qulqulleessu,” hiika bara 1899] . . . ana Waaqayyo isa kan Israaʼel in sodaatu” jedheera. (Isa. 8:13; 29:23) Kanaaf, maqaansaa adda akka taʼeefi maqaawwan hundarra akka caalu goonee ilaaluudhaan, qaama maqaan kun bakka buʼuuf ulfina kennuudhaan, akkasumas namoonni maqaasaa akka qulqulluutti akka ilaalan gargaaruudhaan maqaasaa qulqulleessuu dandeenya. Keessumaammoo, Yihowaan Bulchaa keenya akka taʼe amannee yommuu fudhannuufi garaa guutuudhaan yommuu isaaf ajajamnu, maqaasaatiif ulfina akka kenninu argisiisna.—Fak. 3:1; Mul. 4:11.

Maqaa Waaqayyootiin Waamamuufi Maqaasaa Ol Ol Gochuuf Qophaaʼuu

7, 8. (a) Sabni Waaqayyoo maqaasaatiin waamamuuf yeroo kan itti fudhate maaliifi? (b) Kanatti aansuudhaan waaʼee maalii ilaalla?

7 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo keenyatti argaman, bara 1870⁠nii jalqabee maqaa Waaqayyoo barreeffamootasaaniirratti caqasaa turaniiru. Fakkeenyaaf, Zaayansi Waach Taawar Hagayya 1879⁠tti baʼe, akkasumas kitaabni faarfannaa Soongis oov Za Biraayid jedhamuufi baruma sanatti qophaaʼe maqaa Yihowaa caqasee ture. Taʼus Yihowaan sabnisaa maqaasaa isa qulqulluu kanaan ifatti akka waamaman heyyamuusaa dura, ulaagaa mirga guddaa kana argachuuf isaanirraa eegamu akka guutan kan barbaade fakkaata ture. Maarree, Yihowaan Barattoonni Macaafa Qulqulluu bara sana turan maqaasaatiin akka waamaman kan isaan qopheesse akkamitti?

8 Wantoonni dhuma jaarraa 19⁠ffaattiifi jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti raawwataman, Yihowaan dhugaawwan barbaachisoo maqaasaa wajjin walitti dhufeenya qaban sabasaatiif ifa akka taʼan kan godhe akkamitti akka taʼe nu hubachiisu. Mee dhugaawwan kana keessaa sadansaanii haa ilaallu.

9, 10. (a) Masaraan Eegumsaa jalqabarratti maxxanfamaa ture Yesusirratti kan xiyyeeffate maaliifi? (b) Bara 1919 jalqabee jijjiirama akkamiitu godhame? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise? (Saanduqa  Masaraan Eegumsaa Maqaa Waaqayyoo Ol Ol Kan Godhe Akkamitti?” jedhus ilaali.)

9 Tokkoffaa, tajaajiltoonni Yihowaa maqaa Waaqayyootiif iddoo guddaa kennuun barbaachisaa taʼuusaa hubatan. Barattoonni Macaafa Qulqulluu amanamoo taʼan, qophiin furii barumsa Macaafa Qulqulluu isa hundarra caalu akka taʼe godhanii yaadu turan. Barruun Masaraa Eegumsaas yeroo baayʼee Yesusirratti xiyyeeffachaa kan ture kanaafidha. Fakkeenyaaf, waggaa barruun kun maxxanfamuu jalqabetti, maqaan Yesus maqaa Yihowaarra harka kudhan caalaa caqasamee ture. Masaraan Eegumsaa Bitootessa 15, 1976 Barattoonni Macaafa Qulqulluu warri jalqabaa, Yesusiif “iddoo isaaf hin malle” kennaa akka turan ibseera. Oolee bulee garuu, Yihowaan namoonni kun Macaafni Qulqulluun maqaa Waaqayyootiif bakka guddaa akka kennu akka hubatan isaan gargaare. Kana hubachuunsaanii maal gochuuf isaan kakaase? Masaraan Eegumsaa olitti caqasame, keessumaa bara 1919 jalqabee “Namoonni kun Abbaa Masiihichaa isa samiirra jiruuf, jechuunis Yihowaadhaaf caalaatti ulfina kennuu jalqaban” jedheera. Bara 1919 kaasee waggaa kudhan keessatti, Masaraan Eegumsaa maqaa Yihowaa siʼa 6,500 ol caqaseera.

10 Obboloonni keenya kun maqaa Yihowaatiif iddoo isaaf malu kennuudhaan jaalala maqaa kanaaf qaban argisiisaniiru. Isaanis akkuma Musee, ‘maqaa Yihowaa labsaniiru.’ (Kes. 32:3, NW; Far. 34:3) Yihowaanis akkuma Macaafa Qulqulluu keessatti waadaa gale, jaalala maqaasaatiif argisiisan hubatee isaan eebbiseera.—Far. 119:132; Ibr. 6:10.

11, 12. (a) Bara 1919 booda utuu baayʼee hin turin barreeffamoota keenyarratti jijjiirama akkamiitu godhame? (b) Yihowaan tajaajiltoonnisaa maalirratti akka xiyyeeffatan godhe? Maaliif?

11 Lammaffaa, Kiristiyaanonni dhugaan hojii Waaqayyo isaaniif kenne sirriitti hubataniiru. Obboloonni dibamoon itti gaafatamummaa qaban, bara 1919 booda utuma baayʼee hin turin raajii Isaayaas qoruu jalqaban. Yeroo sanaa kaasee, wanti barreeffamoonni keenya irratti xiyyeeffatan jijjiiramuu jalqabe. Sirreeffamni kun ‘nyaata yeroosaatti dhihaate’ kan taʼe akkamitti?—Mat. 24:45.

12 Bara 1919 dura barruun Masaraa Eegumsaa raajii karaa Isaayaas, “Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani foʼadhes isinuma” jechuudhaan dubbaterratti ibsa balʼaa kennee hin beeku. (Isaayaas 43:10-12 dubbisi.) Bara 1919 booda utuu baayʼee hin turin garuu, barreeffamoonni keenya caqasa Macaafa Qulqulluu kanarratti xiyyeeffachuu kan jalqaban siʼa taʼu, Kiristiyaanonni dibamoon hundi hojii Yihowaan isaaniif kenne, jechuunis hojii isaaf dhugaa baʼuurratti akka hirmaatan jajjabeeffaman. Keessumaa bara 1925 hanga 1931⁠tti qofa, Isaayaas boqonnaa 43 barruu Masaraa Eegumsaa maxxansa 57⁠rratti kan ibsame taʼuusaarrayyuu, maxxansi kun hundi raajiin Isaayaas dubbate kun Kiristiyaanota dhugaa kan argisiisu akka taʼe ibseera. Yihowaan yeroo sanatti tajaajiltoonnisaa hojii inni isaaniif kennerratti akka xiyyeeffatan isaan gargaaraa akka ture kanarraa hubachuun ni dandaʼama. Yihowaan kana kan godhe maaliifi? Gaʼumsi isaan qaban ‘duraan dursee qoramee akka ilaalamu’ gochuuf taʼuu dandaʼa. (1 Xim. 3:10) Barattoonni Macaafa Qulqulluu kun, maqaa Waaqayyootiin waamamuuf mirga argachuusaanii dura dhugaa baatotasaa taʼuusaanii hojiidhaan argisiisuudhaan Yihowaa duratti fudhatama argachuu qabu turan.—Luq. 24:47, 48.

13. Macaafni Qulqulluun dhugaan bakki guddaan kennamuufii qabu maal akka taʼe kan ibse akkamitti?

13 Sadaffaa, sabni Yihowaa maqaan Waaqayyoo qulqulleeffamuunsaa baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubatan. Bara 1920⁠niitti maqaan Waaqayyoo qulqulleeffamuunsaa wanta kamiyyuu caalaa barbaachisaa taʼuusaa hubatan. Dubbiin Waaqayyoo dhugaa bakki guddaan kennamuuf kana kan ibsu akkamitti? Mee fakkeenya lama haa ilaallu. Sababii guddaan Waaqayyo Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa itti baase maal ture? Yihowaan, “Maqaan koos biyya hundumaa keessatti akka beeksifamuuf” jechuudhaan dubbateera. (Bau. 9:16) Yommuu Israaʼeloonni isarratti kaʼanoo gara laafina kan itti argisiise maaliifi? Yeroo kanattis Yihowaan, “Maqaan koo saba lafa irraa sana duratti akka hin xuroofneef jedhee kana nan godhe” jedheera. (His. 20:8-10) Barattoonni Macaafa Qulqulluu caqasoota kanaafi warra kaanirraa barumsa akkamii argataniiru?

14. (a) Sabni Waaqayyoo dhuma bara 1920⁠niitti maal hubatan? (b) Hubannaa guddaan Barattoonni Macaafa Qulqulluu argatan hojii lallabaarratti dhiibbaa akkamii geessise? (Saanduqa “ Sababii Guddaa Itti Lallabnu” jedhus ilaali.)

14 Dhuma bara 1920⁠niitti, sabni Waaqayyoo yaanni Isaayaas waggaa 2,700 dura dubbate hiiknisaa maal akka taʼe hubachuu dandaʼaniiru. Isaayaas Yihowaa ilaalchisee, “Ulfinni maqaa kee akka beekamuuf ati saba kee akkasitti geggeessaa turte” jedheera. (Isa. 63:14) Barattoonni Macaafa Qulqulluu, wanti hunda caalaa bakki guddaan kennamuufii qabu fayyina nama tokkoo utuu hin taʼin, maqaan Waaqayyoo qulqulleeffamuusaa akka taʼe hubataniiru. (Isa. 37:20; His. 38:23) Bara 1929⁠tti kitaabni Piroofeesii jedhamu, “Maqaan Yihowaa, uumama hunda duratti wanta bakki guddaan kennamuufii qabudha” jechuudhaan yaada kana ibseera. Sabni Waaqayyoo ilaalcha gama kanaan qaban sirreessuunsaanii, waaʼee Yihowaa dhugaa akka baʼaniifi maqaasaa arrabsoorraa qulqulleessuuf caalaatti carraaqqii akka godhan isaan kakaaseera.

15. (a) Bara 1930⁠niitti obboloonni keenya maal hubatanii turan? (b) Yeroo itti maal godhantu dhufe?

15 Jalqaba bara 1930⁠niitti, obboloonni keenya maqaa Waaqayyootiif iddoo guddaa kennuun barbaachisaa taʼuusaa, akkasumas hojii Waaqayyo isaaniif kenneefi dhimma bakki guddaan kennamuufii qabu ilaalchisee hubannaa sirrii argatanii turan. Yeroon Yihowaan tajaajiltoonnisaa maqaasaatiin waamamuuf mirga akka argatan itti godhu gaʼee ture. Mee haala kana hubachuuf wantoota yeroo sana dura raawwataman tokko tokko haa ilaallu.

Yihowaan “Namoota Maqaasaatiif Taʼan” Filate

16. (a) Karaa Yihowaan maqaasaa ol ol itti godhe inni guddaan maalidha? (b) Sabni jalqaba maqaa Waaqayyootiin waamamaa ture eenyudha?

16 Karaa Yihowaan maqaasaa ol ol itti godhe inni guddaan, sabni maqaasaatiin waamamu lafarra akka jiraatu gochuudhaani. Israaʼeloonni Dh.K.D. bara 1513 jalqabee sabasaa taʼuudhaan Yihowaa bakka buʼanii turan. (Isa. 43:12) Haataʼu malee, kakuu Waaqasaanii wajjin galan utuu hin eegin waan hafaniif, Dh.K.B. bara 33⁠tti walitti dhufeenya addaa isaa wajjin qaban dhabaniiru. Sana booda utuu baayʼee hin turin, Yihowaan “namoota maqaasaatiif taʼan fudhachuuf xiyyeeffannaasaa gara warra sabasaa hin taʼiniitti naanneesse.” (HoE. 15:14, NW) Sabni haaraan Yihowaan filate kun, “Israaʼel Waaqayyoo” kan jedhamu siʼa taʼu, gareen kun duuka buutota Kiristos warra dibamoo saba addaddaa keessaa dhufan kan qabatedha.—Gal. 6:16.

17. Haxxummaan Seexanni milkaaʼina ittiin argatee ture maalidha?

17 Dh.K.B. naannoo bara 44⁠tti, duuka buutonni Kiristos “qajeelfama Waaqayyo kenneen . . . Kiristiyaanota jedhamanii waamaman.” (HoE. 11:26, NW) Jalqabarratti maqaan kun Kiristiyaanota dhugaa qofa waan argisiisuuf, maqaawwan kaanirraa adda ture. (1 Phe. 4:16) Haataʼu malee, akkuma fakkeenya Yesus waaʼee qamadiifi inkirdaadaa dubbaterratti ibsame, Seexanni haxxummaadhaan Kiristiyaanonni sobaa hundi maqaa adda taʼe kanaan akka waamaman godheera. Kanaan kan kaʼes, Kiristiyaanonni dhugaan jaarraa hedduudhaaf Kiristiyaanota sobaarraa adda baʼanii mulʼachuu hin dandeenye. Haataʼu malee haalli kun “yeroo midhaan sassaabamutti,” jechuunis bara 1914 kaasee jijjiiramuu jalqabe. Kun kan taʼe akkamitti? Ergamoonni Waaqayyoo, Kiristiyaanota sobaa Kiristiyaanota dhugaarraa foʼuu waan jalqabaniifidha.—Mat. 13:30, 39-41.

18. Obboloonni keenya maqaa haaraa qabaachuun barbaachisaa taʼuusaa akka hubatan kan isaan gargaare maalidha?

18 Hojjetaa amanamaan bara 1919⁠tti erga muudamee booda, Yihowaan hojii inni isaaniif kenne akka hubatan sabasaa gargaareera. Manaa gara manaa dhaqanii lallabuun, Kiristiyaanota sobaarraa adda akka isaan godhu yeruma sana hubachuu dandaʼaniiru. Dhugaa kana erga hubatanii booda garuu maqaan, “Barattoota Macaafa Qulqulluu” jedhu warra kaanirraa adda taʼuusaanii akka gaariitti kan argisiisu akka hin taane hubatan. Kaayyoonsaanii inni guddaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu qofa utuu hin taʼin, waaʼee Waaqayyoo dhugaa baʼuu, maqaasaatiif ulfina kennuufi maqaasaa ol ol gochuudha. Maarree maqaan hojii isaan hojjechaa jiran kana akka gaariitti ibsuu dandaʼu kamidha? Gaaffiin kun bara 1931⁠tti deebii argateera.

Sagantaa walgaʼii guddaa, bara 1931

19, 20. (a) Walgaʼii koonyaa bara 1931 godhamerratti ibsa ejjennoo nama gammachiisu akkamiitu darbe? (b) Obboloonni keenya maqaa haaraa argachuusaaniitti maaltu itti dhagaʼame?

19 Barattoonni Macaafa Qulqulluu 15,000 taʼan, walgaʼii guddaa Adoolessa 1931, Kolombos, Ohaayoo, Yunaayitid Isteetisitti godhamerratti argamanii turan. Obboloonni kun fuula jalqabaa waraqaa sagantaa walgaʼichaa ibsurratti qubeen J fi W jedhu iccitii isaanitti taʼee ture. ‘Qubeewwan kun hiika maalii qabu laata?’ jedhanii yaadanii turan. Obboloonni tokko tokko ‘Jasti Waach,’ kaanimmoo ‘Jasti Weeyit’ jechuu akka taʼe yaadanii turan. Achiis Dilbata Adoolessa 26 Obboleessi keenya Raazarfordi, “Maqaa dhugaa baatota Yihowaa jedhuun beekamuufi ittiin waamamuu barbaanna” jechuudhaan ibsa ejjennoo cimaa qabu dubbate. Yeroo kanatti obboloonni achitti argaman hundi, qubeewwan iccitii isaanitti taʼan sun Jehoovaas Wiitinasis (Dhugaa Baatota Yihowaa) jechuu akka taʼeefi Isaayaas 43:10⁠rratti kan hundaaʼe taʼuusaa hubatan.

20 Dhaggeeffattoonni galma walgaʼii sana keessa turan hundi, ibsa kana ennaa dhagaʼan sagalee guddaa dhageessisuudhaan, akkasumas yeroo dheeraadhaaf harkasaanii walitti rurrukutuudhaan miirasaanii ibsaniiru. Sagantaan miira hoʼaadhaan Kolombositti dhihaachaa ture addunyaa maratti raadiyoodhaan tamsaʼeera. Obboloonni Awustiraaliyaa Ernastiifi Naaʼomii jedhaman, waaʼee yeroo sanaa akkas jechuudhaan dubbataniiru: “Obboloonni Ameerikaa yommuu harka rurrukutan, obboloonni Meelboornitti argamanis utaalanii kaʼuudhaan harkasaanii walitti rurrukutuu jalqaban. Yeroo kana matumaa hin irraanfannu!” a

Maqaan Waaqayyoo Addunyaa Maratti Ol Ol Godhame

21. Maqaan haaraan kun hojii lallabaatiif caalaatti kan isaan kakaase akkamitti?

21 Sabni Waaqayyoo maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuufi Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeen waamamuunsaanii, hojii lallabaarratti caalaatti akka hirmaatan humna isaaniif kenneera. Hiriyoonni gaaʼelaa Ediwaardiifi Jeesii jedhamaniifi qajeelchitoota taʼan, walgaʼii guddaa bara 1931 Kolombositti godhamerratti argamanii kan turan siʼa taʼu akkas jedhaniiru: “Yommuu manaa baanu Barattoota Macaafa Qulqulluu kan turre siʼa taʼu, Dhugaa Baatota Yihowaa taanee manatti deebine. Maqaa, maqaa Waaqa keenyaaf ulfina akka kenninu nu gargaaru argachuu keenyatti baayʼee gammannee turre.” Walgaʼii guddaa sana booda Dhugaa Baatonni tokko tokko mala maqaa Yihowaatiif ulfina kennuuf isaan gargaarutti fayyadamaniiru. Manaa gara manaatti yommuu lallaban kaardii ergaan “Ani dhugaa baatuu YIHOWAATI; kanan lallabus waaʼee Mootummaa Waaqa keenya YIHOWAATI” jedhu irratti barreeffame namootaaf kennu turan. Sabni Waaqayyoo maqaa Yihowaatiin waamamuusaaniitti boonanii turan; akkasumas hiika maqaan kun qabu addunyaa maratti beeksisuuf qophaaʼanii turan.—Isa. 12:4.

“Yommuu manaa baanu Barattoota Macaafa Qulqulluu kan turre siʼa taʼu, Dhugaa Baatota Yihowaa taanee manatti deebine”

22. Sabni Yihowaa adda taʼuusaanii kan argisiisu maalidha?

22 Yihowaan obboloonni keenya dibamoon maqaa adda taʼe kanaan akka waamaman erga godhee waggoonni hedduun darbaniiru. Haataʼu malee, yaaliin Seexanni yeroo sana booda eenyummaa saba Waaqayyoo dhoksuuf godhe isaaf milkaaʼeeraa? Amantiiwwan kaanirraa adda taʼuu keenya beekuun akka ulfaatu gochuuhoo dandaʼeeraa? Matumaa! Kanaa mannaa, eenyummaan dhugaa baatota Waaqayyoo taʼuu keenya adda baasee beeksisu yeroo kamiyyuu caalaa ifa taʼeera. (Miikiyaas 4:5; Miilkiyaas 3:18 dubbisi.) Yeroo hunda maqaa Yihowaatti waan fayyadamnuuf, namni maqaa kanatti fayyadamu tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼetti ilaalama. Waaqeffannaan Yihowaa inni dhugaan amantiiwwan sobaa hedduu akka tulluu taʼaniin dhokfamuu mannaa, “tulloota hundumaa keessaa akka isa caaluutti jabaatee [dhaabateera].” (Isa. 2:2) Dhugumayyuu, yeroo harʼaatti waaqeffannaan Yihowaafi maqaansaa inni qulqulluun hunda caalaa ol ol jedheera.

23. Akka Faarfannaan 121:5 jedhutti waaʼee Yihowaa dhugaa isa kam beekuu keenyatu jajjabina guddaa nuu kenna?

23 Yihowaan miidhaa Seexanni yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti nutti fidurraa akka nu eegu beekuun baayʼee nama jajjabeessa! (Far. 121:5) Yaada faarfatichi, “Sabni gooftaan kun Waaqayyo isaa taʼeef, warri Waaqayyo ofiif isaan foʼates haa gammadan!” jechuudhaan barreessee wajjin wal fakkaatu qabaachuun keenya sirriidha.—Far. 33:12.

a Raadiyootti akkamitti fayyadamaa akka turan ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Boqonnaa 7, fuula 81-84 ilaali.