Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 6

Namoota Lallaban—Tajaajiltoota Fedhiidhaan Of Dhiheessan

Namoota Lallaban—Tajaajiltoota Fedhiidhaan Of Dhiheessan

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Mootichi namoota lallaban hedduu akka gurmeesse ilaalla

1, 2. Yesus hojii guddaan akkamii akka hojjetamu raajii dubbate? Gaaffii barbaachisaa akkamiitu kaʼa?

 BULCHITOONNI SIYAASAA yeroo baayʼee abdii hin raawwatamne kennu. Bulchitoonni yaada gaarii qabanillee abdii kennan raawwachuu hin dandaʼan taʼa. Kan nama gammachiisu garuu, Mootii Mootummaa Masiihichaa kan taʼe Yesus Kiristos, yeroo hunda wanta dubbate akka raawwatu mirkaneesseera.

2 Yesus bara 1914⁠tti erga Mootii taʼee booda, raajii gara waggaa 1,900 dura dubbate tokko raawwachuuf qophaaʼee ture. Duʼuusaa yeroo muraasa dura, “Wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama” jechuudhaan dubbatee ture. (Mat. 24:14) Raajiin kun raawwatamuunsaa mallattoo Yesus Mootii taʼee muudamuusaa argisiisu keessaa isa tokko ture. Haataʼu malee, gaaffii barbaachisaan kaʼu tokko jira. Mootichi guyyoota gara dhumaa yeroo namoonni ofittoo, jaalala kan hin qabneefi waaqeffannaadhaaf dantaa kan hin qabne taʼan kanatti, namoota fedhiidhaan lallaban gurmeessuu kan dandaʼu akkamitti? (Mat. 24:12; 2 Xim. 3:1-5) Gaaffiin kun Kiristiyaanota dhugaa hunda kan ilaallatu waan taʼeef deebiisaa beekuun keenya barbaachisaadha.

3. Yesus amanannaa akkamii akka qabu argisiise? Amanannaa kanahoo eessaa argate?

3 Mee ammas raajii Yesus dubbate irra deebinee haa ilaallu. Yaanni, “In lallabama” jedhu amanannaa Yesus qabu ni argisiisaa? Eeyyee ni argisiisa! Yesus, guyyoota gara dhumaatti namoota fedhiidhaan isa deggeran akka qabaatu mirkanaaʼaa ture. Amanannaa akkasii qabaachuu kan dandaʼe Abbaasaarraa waan barateefidha. (Yoh. 12:45; 14:9) Yesus nama taʼee dhalachuusaa dura, Yihowaan waaqeffattoonnisaa fedhiidhaan akka isa tajaajilan amanannaa kan qabu taʼuusaa argeera. Mee Yihowaan amanannaa qabu kana akkamitti akka ibse haa ilaallu.

“Namoonni Kee Jaalala Isaaniitiin Of In Dhiʼeessu”

4. Yihowaan Israaʼeloonni hojii isa kam akka deggeran gaafate? Isaanoo deebii akkamii kennan?

4 Mee wanta yeroo Yihowaan Museen godoo ykn dunkaana isa saba Israaʼeliif handhuura waaqeffannaa taʼee tajaajilu akka ijaaru isa ajajetti raawwatame yaadadhaa. Yihowaan Museetti fayyadamee namoonni hundi hojicha akka deggeran afeeree ture. Museen, “Namni kennuudhaaf garaa isaa guutuu jaallatu hundinuu Waaqayyoof kennaa . . . haa dhiʼeessu!” isaaniin jedhe. Buʼaansaahoo maal ture? Namoonni sunis, “dabalanii ganama ganama jaalala isaaniitiin kennaa isaanii . . . in dhiʼeessu turan.” Haataʼu malee wanta barbaachisurra caalaa waan fidaniif, sana booda ‘waan tokkoyyuu akka hin fidne ittifaman.’ (Bau. 35:5; 36:3, 6) Dhugumayyuu, Israaʼeloonni Yihowaan amanannaa isaanirratti gatuunsaa sirrii akka ture jireenyasaanii keessatti argisiisaniiru.

5, 6. Akka Faarfannaa 110:1-3⁠rratti ibsametti, Yihowaanis taʼe Yesus guyyoota gara dhumaatti waaqeffattoonni dhugaan maal akka godhan isaanirraa eegu?

5 Yihowaan guyyoota gara dhumaa kanatti waaqeffattoonnisaa fedhiidhaan akka of dhiheessan eegee turee? Eeyyee! Yesus nama taʼee dhalachuusaa waggaa 1,000 dura Yihowaan Daawit hafuuraan geggeeffamee wanta yeroo Masiihichi lafarratti bulchuu jalqabu raawwatamu akka barreessu godheera. (Faarfannaa 110:1-3 dubbisi.) Yesus inni Mootii haaraa taʼee muudame diinota isa morman ni qabaata. Haataʼu malee, namoota hedduu isa deggeranis ni qabaata. Namoonni kun Mooticha akka tajaajilan hin dirqisiifaman. Dargaggoonni isaan gidduutti argamanillee fedhiidhaan kan of dhiheessan siʼa taʼu, lakkoofsisaanii hedduu waan taʼeef fixeensa ganamaa lafa uwwisutti fakkeeffamuunsaanii sirriidha. a

Namoonni fedhiidhaan Mootummicha deggeran akka fixeensaa hedduu taʼaniiru (Keeyyata 5 ilaali)

6 Yesus raajiin Faarfannaa 110⁠rratti argamu isarratti akka raawwatamu beeka ture. (Mat. 22:42-45) Kanaaf, namoonni amanamummaadhaan isa deggeruudhaan fedhiisaaniitiin misiraachicha addunyaa maratti lallaban akka jiraatan amanuuf sababii gaʼaa qaba ture. Gama kanaan seenaan maal argisiisa? Mootichi guyyoota gara dhumaa kanatti namoonni fedhiisaaniitiin kakaʼanii misiraachicha lallaban hedduun akka jiraatan godheeraa?

“Mirgiifi Itti Gaafatamummaankoo Ergaa Sana Beeksisuudha”

7. Yesus erga Mootii taʼee booda, namoota isa deggeran hojii isaan eeggatuuf isaan qopheessuuf tarkaanfii akkamii fudhate?

7 Yesus Mootii taʼee utuu baayʼee hin turin, hojii balʼaa hojjetamuu qabuuf duuka buutotasaa qopheessuuf tarkaanfii fudhateera. Akkuma Boqonnaa 2⁠ffaarratti ilaalle, bara 1914 hanga jalqaba bara 1919⁠tti hojii sakattaʼuufi qulleessuu raawwateera. (Mil. 3:1-4) Achiis bara 1919⁠tti, hojjetaa amanamaa adda durummaadhaan duuka buutotasaa geggeessu muudeera. (Mat. 24:45) Yeroo sanaa jalqabee hojjetaan kun haasaawwan walgaʼii gurguddaarratti dhihaataniifi barreeffamoota keenyatti fayyadamuudhaan nyaata hafuuraa dhiheessaa kan ture siʼa taʼu, Kiristiyaanonni hundi lallabuuf itti gaafatamummaa akka qaban irra deddeebiʼee hubachiiseera.

8-10. Walgaʼiiwwan gurguddaan obboloota hojii lallabaatiif kan kakaasan akkamitti? Fakkeenya kenni. (Saanduqa “ Walgaʼiiwwan Gurguddaa Obboloota Hojii Lallabaatiif Kakaasan” jedhus ilaali.)

8 Haasaawwan walgaʼii gurguddaa. Barattoonni Macaafa Qulqulluu qajeelfama argachuu barbaadan, Waraanni Addunyaa Tokkoffaa erga xumuramee booda Fulbaana 1 hanga 8 bara 1919⁠tti Seedaar Pooyinti, Ohaayoo, Yunaayitid Isteetisitti yeroo jalqabaatiif walgaʼii guddaa godhanii turan. Obboleessi keenya Raazarfordi haasaa guyyaa lammaffaa walgaʼichaarratti dhiheesserratti, “Hojiin Kiristiyaanni tokkoo lafarratti qabu . . . ergaa mootummaa Gooftaa labsuudha” jedhee ture.

9 Dhuma guyyaa sadaffaatti obboleessi keenya Raazarfordi haasaa xumuraa mataduree, “Waamicha Hojjettoota Gargaartota Taʼaniif Dhihaate” jedhuufi Masaraa Eegumsaa mataduree “Mootummicha Beeksisuu” jedhu jalatti baʼee ture dhiheesse. Akkas jedheera: “Kiristiyaanni tokko yeroo haalli tasgabbaaʼaan jirutti, ‘Gaʼeen ani lafarratti qabu maalidha?’ jedhee of gaafachuu qaba. Deebiinsaa, ‘Gooftaan gaarummaasaatiin qophii Waaqayyo araaraaf godhe addunyaa maratti akkan labsuuf ambaasaaddarasaa na godheera; mirgiifi itti gaafatamummaankoo ergaa sana beeksisuudha’ kan jedhu taʼuu qaba.”

10 Obboleessi keenya Raazarfordi haasaa seena qabeessa taʼe sanarratti, barruun haaraan Za Gooldan Eej (yeroo ammaatti Dammaqaa! jedhama) abdiin ilmaan namootaa Mootummicha qofa taʼuusaa namootatti himuuf akka qophaaʼu beeksisee ture. Achiis namoota walgaʼicharratti argaman keessaa barruu kana raabsuuf fedha kan qaban meeqansaanii akka taʼan gaafate. Gabaasni walgaʼicharraa argame, “Deebiin argame baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu ture. Namoonni achitti argamaniifi kuma jaʼa taʼan walii galuusaanii argisiisuuf ol kaʼanii dhaabatan” jedheera. b Dhugumayyuu, Mootichi namoota fedhiidhaan isa deggeraniifi Mootummaasaa labsuuf hawwii qaban qaba ture!

11, 12. Masaraan Eegumsaa bara 1920⁠tti yeroo hojiin Yesus raajiidhaan dubbate itti raawwatamu ilaalchisee maal jedhee ture?

11 Barreeffamoota. Barruun Masaraa Eegumsaa, faayidaa hojii guddaan Yesus raajiidhaan dubbate, jechuunis misiraachoo Mootummichaa labsuun qabu yeroodhaa gara yerootti caalaatti ifa godheera. Mee wantoota jalqaba bara 1920⁠niitti raawwataman tokko tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu.

12 Ergaan raawwii raajii Maatewos 24:14⁠rra jiruu wajjin haala wal qabateen lallabamuu qabu isa kamidha? Hojichi kan hojjetamu yoomi? Masaraan Eegumsaa Adoolessa 1, 1920 mataduree, “Wangeela Mootummichaa” jedhu jalatti, “Asirratti misiraachoo kan jedhame dhuma sirna kanaafi mootummaan Masiihichaa hundeeffamuusaa kan argisiisudha” jechuudhaan ergaa kana ilaalchisee ibsa kenneera. Itti dabaluudhaanis, “Ergaan kun yeroo waraana guddaa [Waraana Addunyaa Tokkoffaa] fi yeroo ‘rakkina isa guddaa’ gidduu jirutti lallabamuu qaba” jechuudhaan ibseera. Kanaaf, matadureen kun, “Amma yeroo . . . misiraachoon kun Saba Kiristiyaanaa gidduutti balʼinaan itti lallabamudha” jedheera.

13. Masaraan Eegumsaa bara 1921⁠tti Kiristiyaanonni dibamoon hojicha raawwachuuf fedhiidhaan akka of dhiheessan kan jajjabeesse akkamitti?

13 Sabni Waaqayyoo hojii Yesus raajiidhaan dubbate akka hojjetan ni dirqisiifamuu? Matumaa. Matadureen “Jabaadhaa Abdii Hin Kutatinaa” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 1921⁠rratti baʼe Kiristiyaanonni dibamoon hojicha raawwachuuf fedhiidhaan akka of dhiheessan kan jajjabeessu ture. Hundisaanii, “Hojii kanarratti hirmaachuun mirgakoo isa guddaafi itti gaafatamummaakoo mitii?” jedhanii akka of gaafatan jajjabeeffamanii turan. Barruun kun itti fufuudhaan akkas jedheera: “Isinis [hojii kanarratti hirmaachuu akka mirga guddaatti yoo ilaaltan] akkuma Ermiyaas isa dubbiin Gooftaa garaasaa keessatti ‘lafeesaa keessa lixee, akka ibidda bobaʼuu itti taʼeefi’ ittisuu hin dandeenye sanaa taatu.” (Er. 20:9) Jajjabinni miira hoʼaadhaan kenname kun, Yihowaaniifi Yesus namoota amanamummaadhaan Mootummicha deggeranirratti amanannaa guddaa akka qaban kan argisiisudha.

14, 15. Masaraan Eegumsaa bara 1922⁠tti, Kiristiyaanonni dibamoon karaa kamiin akka lallaban gorsee ture?

14 Kiristiyaanonni dhugaan ergaa Mootummichaa namoota kaanitti lallabuu kan qaban akkamitti? Mataduree gabaabaan ergaa guddaa qabuufi “Tajaajilli Barbaachisaadha” jedhu, Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 1922⁠rratti baʼe, Kiristiyaanonni dibamoon “ergaa barreeffamaan qophaaʼe kana namootaaf akka hiraniifi manasaanii dhaqanii isaan haasofsiisuudhaan mootummaan Waaqayyoo dhihaachuusaa akka dhugaa baʼan” jajjabeessee ture.

15 Kiristos bara 1919 jalqabee hojjetaa amanamaafi ogeessi, mirgiifi itti gaafatamummaan Kiristiyaanni tokko lafarratti qabu inni guddaan ergaa Mootummichaa lallabuu akka taʼe irra deddeebiʼee akka hubachiisu gochaa tureera. Maarree, Barattoonni Macaafa Qulqulluu jalqabaa hojii Mootummicha lallabuurratti akka hirmaatan jajjabina isaaniif kennameef deebii akkamii kennan?

‘Namoonni Amanamoo Taʼan Fedhiidhaan Of Dhiheessu’

16. Jaarsoliin filataman tokko tokko yaada Kiristiyaanonni hundi tajaajilarratti hirmaachuu qabu jedhuuf maaltu itti dhagaʼamee ture?

16 Bara 1920⁠niifi 1930⁠niitti obboloonni tokko tokko yaada Kiristiyaanonni dibamoon hundi tajaajilarratti hirmaachuu qabu jedhu mormanii turan. Masaraan Eegumsaa Sadaasa 1, 1927, wanta raawwatamaa ture akkas jechuudhaan ibseera: “Namoonni yeroo ammaatti waldaa [gumii] keessatti jaarsolii taʼaniyyuu . . . obboloonnisaanii tajaajilarratti akka hirmaatan jajjabeessuu didaniifi ofiisaaniis tajaajilarratti hirmaachuu didan jiru. . . . Namoonni kun yaada manaa gara manaatti deemuudhaan ergaa Waaqayyoo, ergaa Mootichaafi mootummaasaa namootatti himuu ilaalchisee kennametti ni qoosu.” Barruun kun kallattiidhaan, “Yeroon namoonni amanamoon, namoota kanarratti mallattoo itti godhaniifi tarkaanfii irratti fudhatan, akkasumas kana booda namoota kanaaf mirga jaarsa taʼanii tajaajiluu itti hin kennine gaʼeera” jedhee ture. c

17, 18. Obboloonni hedduun gumii keessa turan qajeelfama waajjira muummeerraa ergameef deebii akkamii kennan? Waggoota 100 darbanitti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman deebii akkamii kennan?

17 Kan nama gammachiisu, obboloonni hedduun gumii keessa turan qajeelfama waajjira muummeerraa kenname kana gammachuudhaan fudhataniiru. Ergaa Mootummichaa labsuurratti hirmaachuun mirga guddaa akka taʼetti ilaalaniiru. Masaraan Eegumsaa Bitootessa 15, 1926, ‘Obboloonni amanamoo taʼan ergaa kana namoota kaanitti himuuf fedhiidhaan of dhiheessu’ jedheera. Obboloonni amanamoon kun yaada raajiidhaan dubbatameefi Faarfannaa 110:3⁠rratti argamuu wajjin haala walsimuun jiraataniiru; akkasumas Mootii Mootummaa Masiihichaa fedhiidhaan akka deggeran argisiisaniiru.

18 Waggoota 100 darbanitti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ergaa Mootummichaa lallabuuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru. Boqonnaawwan muraasa ittaananirratti namoonni kun akkamitti akka lallaban, jechuunis malaafi meeshaalee lallabaa akkamiitti akka fayyadaman, akkasumas buʼaawwan akkamii akka argatan ilaalla. Jalqaba garuu namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman addunyaa ofittoo taʼe keessa utuu jiraatanii fedhiidhaan ergaa Mootummichaa labsuurratti kan hirmaatan maaliif akka taʼe haa ilaallu. Ergaa kana labsuurratti kan hirmaannu maaliif akka taʼe yommuu qorru, ‘Anoo misiraachicha labsuurratti kanan hirmaadhu maaliifi?’ jennee of gaafachuu qabna.

“Duraan Dursaatii Yaada Keessan Mootummaa Waaqayyoo . . . Barbaaduutti Hidhaa”

19. Gorsa Yesus ‘duraan dursinee yaada keenya mootummicha barbaaduutti akka hiinu’ nuu kenne kan hordofnu maaliifi?

19 Yesus, “Duraan dursitanii yaada keessan Mootummaa Waaqayyoo . . . barbaaduutti hidhaa!” jechuudhaan duuka buutotasaa gorseera. (Mat. 6:33) Gorsa kana hojiirra kan oolchinu maaliifi? Mootummichi kaayyoo Waaqayyoo keessatti iddoo guddaa akka qabu waan hubannuufidha. Akkuma boqonnaa darberratti ilaalle, hafuurri qulqulluun Mootummicha ilaalchisee dhugaawwan nama ajaaʼibsiisan irraa jalaan ifa godheera. Dhugaan Mootummichaa gati jabeessa taʼe kun yommuu garaa keenya tuqu, duraan dursinee Mootummicha barbaaduu akka qabnu nutti dhagaʼama.

Akkuma namicha qabeenya dhokfame argatee baayʼee gammade sanaa, Kiristiyaanonnis dhugaa Mootummichaa baayʼee gammadaniiru (Keeyyata 20 ilaali)

20. Fakkeenyi Yesus qabeenya dhokfame ilaalchisee dubbate, duuka buutonnisaa duraan dursanii yaadasaanii Mootummicha barbaaduutti akka hidhan gorsa isaanii kennameef deebii isaan kennan kan ibsu akkamitti?

20 Yesus duuka buutonnisaa gorsa duraan dursanii yaadasaanii Mootummicha barbaaduutti akka hidhan isaanii kennameef deebii akkamii akka kennan beeka ture. Mee qabeenya dhokfame ilaalchisee fakkeenya inni dubbate haa ilaallu. (Maatewos 13:44 dubbisi.) Namni qacaramee hojjetuufi fakkeenyicharratti ibsame sun qabeenya dhokfame kan argate siʼa taʼu yeruma sanas faayidaa qabeenyi sun qabu hubateera. Yeroo kanatti maal godhe? “Gammachuu irraa kan kaʼe dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lafa qotiisaa sana bitate.” Nutoo kanarraa maal baranna? Dhugaawwan Mootummichaa yommuu argannuufi faayidaasaa yommuu hubannu, Mootummichaaf dursa kennuuf jecha, gammachuudhaan aarsaa barbaachisaa taʼe hunda ni kaffalla. d

21, 22. Namoonni amanamummaadhaan Mootummicha deggeran jireenyasaanii keessatti Mootummichaaf dursa akka kennan kan argisiisan akkamitti? Fakkeenya tokko kenni.

21 Namoonni amanamummaadhaan Mootummicha deggeran, dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin gochasaaniitiinis duraan dursanii yaadasaanii Mootummicha barbaaduutti akka hidhan ni argisiisu. Jireenyasaanii, dandeettiisaaniifi qabeenyasaanii Mootummicha lallabuuf itti fayyadamu. Obboloonni hedduun tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf jecha aarsaawwan gurguddaa kaffalaniiru. Obboloonni fedhiidhaan lallaban kun hundi Yihowaan namoota duraan dursanii yaadasaanii Mootummicha barbaaduutti hidhan akka eebbisu ijasaaniitiin arganiiru. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu.

22 Averiifi Loveeniyaan dhuma bara 1920⁠niitii jalqabee kolportaroota (qajeelchitoota) taʼuudhaan kibba Yunaayitid Isteetisitti tajaajilaniiru. Waggoota hedduu booda Loveeniyaan akkas jetteetti: “Yeroo sanaa kaasee aniifi Averiin waggoota hedduudhaaf qajeelchaa taanee tajaajiluudhaan gammachuu guddaa arganneerra. Yeroo baayʼee qarshii bobaʼaafi nyaata ittiin bitannu eessaa akka argannu hin beeknu turre. Haataʼu malee, Yihowaan karaa taʼe tokkoon yeroo hunda wanta nu barbaachisu nuu kenna ture. Nuyis qajeelchitoota taanee tajaajiluu keenya hin dhiisne. Yoomiyyuu wanta nu barbaachisu dhabnee hin beeknu.” Loveeniyaan yeroo biyya Filooriidaa magaalaa Pensaakoolaa jedhamtutti tajaajilaa turanitti qarshiis taʼe wanta nyaatan dhabanii akka turan ni yaadatti. Gara manasaaniitti yommuu deebiʼan zambiilii gurguddaa wantoota nyaataaf taʼaniin guutame lamaafi yaadannoo, “Isin jaallanna Kaampaanii Pensaakoolaarraa” jedhu argatan. e Loveeniyaan waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniifi tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarsite yaadachuudhaan, “Yihowaan matumaa nu hin dhiisne. Isatti waan amanamneef matumaa nu hin ganne” jetteetti.

23. Dhugaa Mootummichaa argachuu keessanitti maaltu isinitti dhagaʼama? Maal gochuuf murteessitaniittu?

23 Haalli keenya garaagara waan taʼeef, hundi keenya tajaajilarratti yeroo qixxee dabarsuu akka hin dandeenye beekamaadha. Taʼus, hundi keenya garaa guutuudhaan misiraachicha lallabuu keenya akka mirga guddaatti ilaalla. (Qol. 3:23) Dhugaa Mootummichaa arganneef iddoo guddaa waan kenninuuf, hamma dandeenye garaa guutuudhaan tajaajiluuf jecha aarsaa nurraa barbaadamu kamiyyuu kaffaluuf fedhii guddaa qabna. Isinoo akkas gochuuf murteessitaniittuu?

24. Wantoota gurguddaa Mootummichi guyyoota gara dhumaatti raawwatu keessaa inni tokko maalidha?

24 Dhugumayyuu jaarraa darbetti Mootichi raajii Maatewos 24:14⁠rratti dubbate raawwachaa tureera. Kana kan godhemmoo namoota dirqisiisuudhaan hin turre. Duuka buutonnisaa addunyaa ofittummaadhaan guutame kana keessaa erga baʼanii booda, hojii lallabaarratti hirmaachuuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru. Misiraachoon isaan addunyaa maratti lallaban kun, mallattoo Yesus aangoo Mootummaasaarratti argamuusaa argisiisuufi hojii guddaa Mootummichi guyyoota gara dhumaatti raawwatu keessaa isa tokkodha.

a Macaafa Qulqulluu keessatti fixeensi baayʼina wanta tokkoo argisiisuuf itti hojjetameera.—Uma. 27:28; Mik. 5:7.

b Tiraaktiin, Tuu Huum za Woork Iiz Eentirastid jedhamu, yaada akkas jedhu kennee ture: “Kaayyoon barruu Za Gooldan Eej duula ergaa mootummichaa manaa gara manaatti labsuuf godhamu gargaaruudha. . . . Ergaa mootummichaa isaanitti himuu malees, namoonni ajajatanis ajajachuu baatanis barruun Za Gooldan Eej mana hundumaatiif tokko tokko kennamuu qaba.” Sana booda waggoota hedduudhaaf obboloonni barruu Za Gooldan Eej, akkasumas barruu Masaraa Eegumsaa namoota kontiraata akka galchan jajjabeeffamaa turaniiru. Guraandhala 1, 1940 jalqabeemmoo sabni Yihowaa barruulee kana akka raabsaniifi hammam akka raabsan akka gabaasanis jajjabeeffamaa turaniiru.

c Yeroo sanatti, gumiin karaa dimookraatawaa taʼeen jaarsolii filata ture. Kanaaf, gumiin namoota tajaajila morman filachuu dhiisuu ni dandaʼa ture. Jijjiiramni karaa tiʼookraasiitiin jaarsolii filachuuf godhame Boqonnaa 12⁠ffaarratti ibsama.

d Yesus fakkeenya waaʼee daldaltuu callee gati jabeessa barbaaduu deeme sanaa dubbaterratti yaada wal fakkaatu caqaseera. Daldaltichi callee sana yommuu argatu, wanta qabu hundumaa gurguree callee sana bitate. (Mat. 13:45, 46) Fakkeenyonni kun lamaan, nuyis dhugaawwan Mootummichaa karaa addaddaa barachuu akka dandeenyu nu hubachiisu. Namoonni tokko tokko dhugaa kanaan kan gufatan siʼa taʼu, kaanimmoo dhugaa kana barbaaduusaanii itti fufu. Taʼus, dhugaa kana kan arganne karaa kamiiniyyuu yoo taʼe, jireenya keenya keessatti Mootummichaaf dursa kennuuf jecha aarsaa barbaachisaa taʼe kaffalluuf fedhii qabna.

e Yeroo sanatti gumiin kaampaanii jedhamee waamama ture.