Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 9

Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’

Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Yihowaan sanyiin dhugaa Mootummichaa akka guddatu akka godhe ilaalla

1, 2. (a) Duuka buutonni Yesus wanta inni dubbate hubachuun kan isaanitti ulfaate maaliifi? (b) Yesus waaʼee midhaan haamuu akkamii dubbate?

 YOMMUU Yesus, ‘Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Midhaan bilchaatee [“addaatee,” NW] haamaan gaʼeera’ jedhu, bartoonnisaa wanta inni dubbate hubachuu hin dandeenye turan. Kallattii Yesus isaanitti argisiisuun yommuu ilaalan, garbuu addaate utuu hin taʼin garbuu magariisa reefuu biqilaa jiru argan. Haamaan kan gaʼu jiʼoota hedduu booda waan taʼeef, duuka buutonnisaa, ‘Haamaa maaliiti?’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa.—Yoh. 4:35.

2 Haataʼu male, Yesus waaʼee haamaa midhaanii dubbachaa hin turre. Kanaa mannaa fakkeenya kanatti fayyadamee waaʼee haamaa hafuuraa, jechuunis waaʼee namoota sassaabuu barumsa barbaachisaa lama isaan barsiisuu barbaadee ture. Barumsi kun lamaan maalidha? Waaʼee kanaa caalaatti beekuuf, seenaa kana gadi fageenyaan haa qorru.

Hojiidhaaf Waamicha Dhiheessuufi Gammachuu Akka Argatan Abdii Kennuu

3. (a) Yesus, ‘Midhaan addaatee haamaan gaʼeera’ akka jedhu wanti isa kakaase maal taʼuu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.) (b) Yesus wanta dubbate kana ifa kan godhe akkamitti?

3 Yesus duuka buutotasaa wajjin dhimma kanarratti kan mariʼate Dh.K.B. dhuma bara 30⁠tti, magaalaa Siikaar ishee Samaariyaatti argamtu biratti ture. Bartoonnisaa gara magaalattii yommuu deeman, Yesus boolla bishaanii bira taaʼee dhugaa hafuuraa dubartii tokkotti himaa kan ture siʼa taʼu, isheenis yeruma sana faayidaa barumsichaa hubatteetti. Duuka buutonnisaa yommuu deebiʼan, dubartiin sun wanta baratte sana namoota ollaasheetti himuuf daftee gara magaalaa Siikaar deemte. Wanti isheen dubbatte fedhiisaanii waan kakaaseef, namoonni ollaashee hedduun Yesusiin argachuuf yeruma sana gara boolla bishaanichaa dhaqan. Yesus tarii, ‘Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Midhaan ammuma iyyuu bilchaatee, haamaan gaʼeera’ kan isaaniin jedhe, yeroo sanatti namoota Samaariyaa hedduu maasii midhaanii boodaan garasaa dhufaa jiran ilaaluudhaan taʼuu dandaʼa. a Achiis waaʼee midhaan haamuu utuu hin taʼin, waaʼee haamaa hafuuraa dubbachaa akka jiru ifa isaaniif gochuuf, “Inni haamu . . . ija midhaanichaas jireenya bara baraatiif walitti in qaba” isaaniin jedhe.—Yoh. 4:5-30, 36.

4. (a) Yesus midhaan haamuu ilaalchisee wantoota akkamii lama barsiise? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

4 Barumsi barbaachisaan Yesus waaʼee haamaa hafuuraa barsiise lamaan kamfaʼi? Tokkoffaa, hojichi ariifachiisaadha. Yesus ‘Midhaan bilchaatee haamaan gaʼeera’ yommuu jedhu, duuka buutonnisaa hojicharratti akka hirmaatan waamicha isaaniif dhiheessuusaa ture. Itti dabalees hojichi hangam ariifachiisaa akka taʼe isaan hubachiisuuf, “Inni haamu ammayyuu gatii isaa argachaa jira” (NW) jedheera. Haamaan yeruma sanayyuu jalqabee waan tureef yeroo itti duubatti jedhan hin turre! Lammaffaa, warri hojicha hojjetan gammachuu qabu. Yesus warri facaasaniifi warri haaman, “walii wajjin akka gammadan” dubbateera. (Yoh. 4:35b, 36) Yesus ‘warri Samaariyaa baayʼeen isatti akka amanan’ yeroo argetti baayʼee gammadeera. Duuka buutonnisaas hojii midhaan haamuurratti garaa guutuudhaan yommuu hirmaatan gammachuu guddaa argatu. (Yoh. 4:39-42) Seenaan jaarraa jalqabaa kun, wanta yeroo karaa hafuuraa hojiin haamaa guddaan itti hojjetamu kana keessatti raawwatamaa jiru akka gaariitti waan argisiisuuf ergaa guddaa nuuf dabarsa. Bara keenyatti haamaan yoom jalqabe? Hojii kanarratti kan hirmaatanoo eenyufaʼi? Hojichi buʼaa akkamii argamsiise?

Mootiin Keenya Hojii Haamaa Hunda Caalu Geggeessaa Jira

5. Hojii midhaan haamuu addunyaa maratti raawwatamu kan geggeessu eenyudha? Mulʼanni Yohannis hojiin kun ariifachiisaa taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?

5 Mulʼata Yohannis ergamaan argerratti, Yihowaan Yesus hojii namoota sassaabuu addunyaa maratti raawwatamaa jiru akka geggeessu akka isa muude ibseera. (Mulʼata 14:14-16 dubbisi.) Mulʼata kanarratti, Yesus gonfoo akka kaaʼateefi haamtuu akka qabate ibsameera. ‘Gonfoon warqee Yesus mataatti kaaʼate’ Mootii taʼee bulchaa akka jiru argisiisa. ‘Haamtuun qaramaan Yesus harkatti qabatemmoo’ shoora inni Haamtuu taʼuudhaan qabu argisiisa. Yihowaan karaa ergamaa tokkoo “yeroon lafti itti haamamtu gaʼeera” (NW) jechuudhaan hojichi ariifachiisaa taʼuusaa ibseera. Dhugumayyuu ‘yeroon haamaa waan gaʼeef’ duubatti jechuun hin barbaachisu! Yesus ajaja Waaqayyoo isa “haamtuu kee ergi” jedhu fudhachuudhaan haamtuusaa kan erge siʼa taʼu, lafti jechuunis namoonni lafarra jiraatan ni haamaman. Mulʼanni nama dinqisiisu kun yeroo ammaattis ‘midhaan addaatee haamaadhaaf akka gaʼe’ nu yaadachiisa. Mulʼanni kun hojiin haamaa addunyaa maratti raawwatamu yoom akka jalqabame hubachuuf nu gargaaraa? Eeyyee!

6. (a) ‘Waqtiin midhaan haamuu’ kan jalqabe yoomi? (b) ‘Lafti haamamuu’ kan jalqabde yoomi? Ibsi.

6 Mulʼanni Yohannis, Mulʼata boqonnaa 14⁠rratti argamu, Yesus Haamtuu taʼuusaafi gonfoo kaaʼachuusaa (lakkoofsa 14) waan ibsuuf, hojiin haamaa bara 1914 booda, jechuunis erga inni Mootii taʼee booda kan raawwatamu taʼuusaa argisiisa. (Dan. 7:13, 14) Sana booda xinnoo turee, Yesus hojii haamaa akka jalqabu ajajameera (lakkoofsa 15). Fakkeenya Yesus, “Yeroon itti midhaan sassaabamu dhuma biyya lafaa ti” jechuudhaan waaʼee haamaa qamadii dubbaterrattis yaanni kanaa wajjin wal fakkaatu tartiibaan ibsameera. Kanaaf, waqtiin midhaan sassaabuufi dhumni biyya lafaa kan jalqabe yeroo tokkotti, jechuunis bara 1914⁠tti ture. Sana booda, “yeroo midhaan sassaabamutti” haamaan ni jalqabe. (Mat. 13:30, 39) Fakkeenya kanarraa kaʼuudhaan, midhaan sassaabuun kan jalqabame Yesus Mootii taʼee bulchuu erga eegalee waggoota muraasa booda akka taʼe hubachuu dandeenya. Jalqabarratti, Yesus bara 1914 hanga jalqaba bara 1919⁠tti duuka buutotasaa warra dibamoo qulleesse. (Mil. 3:1-3; 1 Phe. 4:17) Achiis bara 1919⁠tti, “yeroon lafti itti haamamtu” ni jalqabe. Yesus yeruma sana, hojjetaa amanamaa haaraa muudametti fayyadamuudhaan obboloonni keenya hojiin lallabaa ariifachiisaa taʼuusaa akka hubatan godhe. Mee wanta yeroo sanatti raawwatame haa ilaallu.

7. (a) Obboloonni keenya hojiin lallabaa ariifachiisaa taʼuusaa akka hubatan kan isaan gargaare qorannaa akkamii gochuusaaniiti? (b) Obboloonni keenya maal akka godhan jajjabeeffamanii turan?

7 Adoolessa 1920⁠tti Masaraan Eegumsaa akkas jedhee ture: “Qorannaa Macaafa Qulqulluurratti goonerraa akka hubannetti, ergaa mootummichaa akka lallabdu mirgi guddaan waldaadhaaf kan kenname fakkaata.” Fakkeenyaaf, obboloonni misiraachoon Mootummichaa addunyaa maratti lallabamuu akka qabu raajii Isaayaasirraa hubataniiru. (Isa. 49:6; 52:7; 61:1-3) Hojiin kun akkamitti akka raawwatamu beekuu baatanis, Yihowaan karaa akka isaaniif banu amantii qabu turan. (Isaayaas 59:1 dubbisi.) Obboloonni keenya hojiin lallabaa ariifachiisaa taʼuusaa ilaalchisee hubannaa guddaa argachuunsaanii sochii lallabaasaanii akka dabalan isaan jajjabeesseera. Sana booda maal godhan?

8. Bara 1921⁠tti, obboloonni keenya hojii lallabaa ilaalchisee dhugaa akkamii lama hubatan?

8 Muddee 1921⁠tti, Masaraan Eegumsaa beeksisa akkas jedhu baasee ture: “Waggaan kun waggoota darban hunda caalaa gaarii ture; bara 1921⁠tti namoonni hedduun dhugaa dhagaʼaniiru.” Barruun kun itti dabaluudhaan, “Haataʼu malee, wanti hojjetamuu qabu hedduun jira. . . . Kanaaf hojii kana gammachuudhaan haa hojjennu” jedheera. Obboloonni hojii lallabaa ilaalchisee yaadawwan barbaachisoo Yesus bartootasaatti hime lamaan, jechuunis hojichi ariifachiisaa taʼuusaafi warri hojjetanis gammachuu kan qaban taʼuusaanii akka hubatan qalbeeffadhaa.

9. Bara 1954⁠tti, Masaraan Eegumsaa waaʼee hojii midhaan haamuu maal jedhee ture? Maaliif? (b) Waggoota 50n darbanitti addunyaa maratti lakkoofsi babalʼistootaa hammam dabaleera? (Chaartii “ Guddina Addunyaa Maratti Argame” jedhu ilaali.)

9 Bara 1930⁠nitti obboloonni, namoonni tuuta sonaan baayʼee hoolota kan biraa jedhaman ergaa Mootummichaa akka fudhatan erga hubatanii booda, hojiin lallabaa caalaatti cimee itti fufeera. (Isa. 55:5; Yoh. 10:16; Mul. 7:9) Buʼaansaa maal ture? Bara 1934⁠tti namoonni ergaa Mootummichaa lallaban 41,000 kan turan siʼa taʼu, bara 1953⁠ttimmoo 500,000 taʼaniiru! Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1954, “Hojii guddaa midhaan sassaabuu addunyaa maratti raawwatame kana kan hojjete hafuura Yihowaafi humna Dubbiinsaa qabudha” jechuunsaa sirrii ture. bZak. 4:6.

 

GUDDINA ADDUNYAA MARATTI ARGAME

Biyya

1962

1987

2013

Awustiraaliyaa

15,927

46,170

66,023

Biraaziil

26,390

216,216

756,455

Faransaay

18,452

96,954

124,029

Xaaliyaanii

6,929

149,870

247,251

Jaappaan

2,491

120,722

217,154

Meksiikoo

27,054

222,168

772,628

Naayijeeriyaa

33,956

133,899

344,342

Filippiinsi

36,829

101,735

181,236

Yuunaayitid Isteetis

289,135

780,676

1,203,642

Zaambiyaa

30,129

67,144

162,370

 

GUDDINA LAKKOOFSA QAYYABANNAA MACAAFA QULQULLUU

1950

234,952

1960

646,108

1970

1,146,378

1980

1,371,584

1990

3,624,091

2000

4,766,631

2010

8,058,359

Buʼaan Hojiin Midhaan Haamuu Argamsiisu Dursee Fakkeenyaan Ibsameera

10, 11. Fakkeenya waaʼee ija sanaaficaa dubbatamerratti guddina sanyichi godhe ilaalchisee yaadawwan ibsaman kamfaʼi?

10 Yesus raajii waaʼee Mootummichaa fakkeenyaan dubbaterratti, buʼaa hojiin midhaan haamuu argamsiisu ibseera. Mee fakkeenya ija sanaaficaafi fakkeenya raacitii haa ilaallu. Fakkeenyonni kun keessumaa yeroo dhumaa kanatti raawwiisaanii kan argatan akkamitti akka taʼe ilaalla.

11 Fakkeenya ija sanaaficaa. Namni tokko ija sanaaficaa facaase. Iji kun guddatee muka simbirroonni manʼee irratti ijaarratan taʼe. (Maatewos 13:31, 32 dubbisi.) Guddina sanyii kanaa ilaalchisee yaadawwan fakkeenya kanarratti ibsaman maalfaʼi? (1) Hammi guddinasaa baayʼee kan nama ajaaʼibsiisudha. ‘Iji biqilaa lafaa hundarra xinnaatu’ kun, guddatee muka “damee gurguddaa”qabu taʼa. (Mar. 4:31, 32) (2) Sanyichi akka guddatu hin shakkisiisu. “[Sanyichi] yommuu facaʼu, biqilee in guddata.” Yesus sanyiin kun, “In guddata” jedhe malee “Tarii guddachuu dandaʼa” hin jenne. Kanaaf guddachuusaa akka itti hin fufne wanti godhu hin jiru. (3) Mukti guddachaa jiru kun warra garasaa dhaqan ni hawwata, akkasumas daʼoo isaaniif taʼa. “Simbirroonni dhufanii gaaddisa damee isaa jalatti mannʼee ijaarratu.” Wantoonni kun sadan, midhaan hafuuraa haamuu isa yeroo harʼaa hojjetamaa jirurratti kan raawwataman akkamitti?

12. Fakkeenyi ija sanaaficaa, hojii midhaan haamuu yeroo harʼaatti hojjetamu isa kam argisiisa? (Chaartii “ Guddina Lakkoofsa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu” jedhus ilaali.)

12 (1) Hamma guddina mukichaa: Fakkeenyi kun guddina ergaa Mootummichaafi gumii Kiristiyaanaa kan argisiisudha. Hojjettoonni hinaaffaa qaban, bara 1919 jalqabee gumii Kiristiyaanaa isa deebiʼee hundeeffame keessatti walitti qabamaa turaniiru. Yeroo sanatti lakkoofsi hojjettootaa muraasa kan ture taʼus, hojichi saffisaan guddateera. Guddinni jalqaba jaarraa 20⁠ffaatii kaasee hanga harʼaatti argamaa jiru baayʼee kan nama ajaaʼibsiisudha. (Isa. 60:22) (2) Guddinnisaa shakkii hin qabu: Gumiin Kiristiyaanaa guddachuusaa akka itti hin fufne wanti godhu hin jiru. Diinonni Waaqayyoo mormii akka kattaa cimaa taʼe hedduu yoo irra kaaʼaniyyuu, iji xinnoon kun gufuu hunda ofirraa garagalchuudhaan guddachuusaa itti fufeera. (Isa. 54:17) (3) Daʼoo: “Simbirroonni” muka sanarratti manʼee ijaarratan, namoota miliyoonaan lakkaaʼaman, garaa qajeelaa qabaniifi biyyoota 240 taʼan keessaa walitti qabamanii miseensa gumii Kiristiyaanaa taʼuudhaan ergaa Mootummichaa fudhatan argisiisu. (His. 17:23) Namoonni kun bakka kanatti nyaata hafuuraa, boqonnaafi eegumsa argatu.—Isa. 32:1, 2; 54:13.

Fakkeenyi ija sanaaficaa, namoonni gumii Kiristiyaanaa keessatti argaman daʼoofi eegumsa akka argatan argisiisa

(Keeyyata 11fi 12 ilaali)

13. Fakkeenya waaʼee raacitii dubbatamerratti guddina ilaalchisee yaadawwan ibsaman kamfaʼi?

13 Fakkeenya raacitii. Dubartiin tokko daakuutti raacitii xinnoo naqxee yommuu waliin maktu guutummaan bukoo sanaa ni bukaaʼa. (Maatewos 13:33 dubbisi.) Fakkeenya kanarratti wantoonni guddinaa wajjin haala wal qabateen ibsaman maalfaʼi? Mee lamaansaanii haa ilaallu. (1) Guddinni jijjiiramni akka dhufu godha. Raacitichi ‘guutummaa bukichaa’ waliin gaʼuudhaan ‘akka bukaaʼu’ godha. (2) Guddinni bakka hunda waliin gaʼa. Raacitichi “daakuu safartuu sadii” hunda, jechuunis guutummaan daakichaa akka bukaaʼu godheera. Wantoonni kun lamaan, haamaa hafuuraa isa yeroo harʼaatti geggeeffamaa jirurratti kan raawwataman akkamitti?

14. Fakkeenyi raacitii ilaalchisee dubbatame hojii midhaan haamuu yeroo harʼaatti hojjetamu kan argisiisu akkamitti?

14 (1) Jijjiirama: Raacitichi ergaa Mootummichaa kan argisiisu siʼa taʼu, daakuun sunimmoo ilmaan namootaa argisiisa. Akkuma lamaansaanii erga walitti makamanii booda raacitiin daakuurratti jijjiirama fidu, ergaan Mootummichaa garaa namoota ergaa kana fudhataniirrattis jijjiirama ni fida. (Rom. 12:2) (2) Bakka hunda waliin gaʼa: Raacitichi tamsaʼuunsaa ergaan Mootummichaa babalʼachuusaa argisiisa. Raacitichi hamma daakuu sana hunda waliin gaʼutti bukoo sana keessa tamsaʼa. Haaluma wal fakkaatuun ergaan Mootummichaas “hamma handaara lafaatti” babalʼateera. (HoE. 1:8) Fakkeenyi kun biyyoota hojiin keenya ittifame keessattillee namoonni hedduun hojiin lallabaa keenya akkamitti akka raawwatamu kan hin hubanne taʼanis, ergaan Mootummichaa akka babalʼatu argisiisa.

15. Yaanni Isaayaas 60:5, 22⁠rra jiru raawwatamaa kan jiru akkamitti? (Saanduqa “ Yihowaan Akka Dandaʼamu Godheera” jedhuufi fuula 105⁠rratti argamu, akkasumas saanduqa “‘ Inni Xinnaan Saba Aango Qabeessa’ Kan Taʼe Akkamitti?” jedhuufi fuula 108-109⁠rratti argamus ilaali.)

15 Yesus fakkeenya kana dubbachuusaa gara waggaa 800 dura, Yihowaan karaa Isaayaas hojiin midhaan haamuu bara keenyatti hojjetamu hammam balʼaa akka taʼuufi gammachuu guddaa akkamii akka argamsiisu haala irraanfatamuu hin dandeenyeen dubbateera. c Yihowaan namoonni iddoo ‘fagoodhaa’ gara jaarmiyaasaatti akka yaaʼan ibseera. Yihowaan “dubartii” Kiristiyaanota dibamoo yeroo ammaatti lafarra jiran argisiistutti yommuu dubbatu akkas jedheera: “Ati kana yommuu argitu fuulli kee in ifa, onneen kees gammachuu irraa kan kaʼe naʼee in dhaʼata; qabeenyi galaana keessa jiru hundinuu kan kee in taʼa, badhaadhummaa saba lafa irraas siif in fidu.” (Isa. 60:1, 4, 5, 9) Yaanni kun dhugumaan raawwiisaa akka argate hin shakkisiisu! Yeroo ammaatti obboloonni waggaa heduudhaaf Yihowaa tajaajilan, lakkoofsi babalʼistoota Mootummichaa biyyasaanii keessatti xinnoo ture gara kumaatama hedduutti akka guddate yommuu argan baayʼee gammadu.

Tajaajiltoonni Yihowaa Hundi Sababa Itti Gammadan Qabu

16, 17. Sababiin ‘inni facaasuufi inni haamu akka waliin gammadan’ godhu inni tokko maalidha? (Saanduqa “ Tiraaktota Lamaan Amaazon Keessatti Garaa Namoota Lamaa Tuqan” jedhus ilaali.)

16 Yesus bartootasaatiin, “Inni haamu . . . ija midhaanichaas jireenya bara baraatiif walitti in qaba; kunis inni facaasuu fi inni haamu walii wajjin akka gammadaniif in taʼa” jedheera. (Yoh. 4:36) Hojii midhaan haamuu addunyaa maratti raawwatamurratti ‘waliin gammaduu’ kan dandeenyu akkamitti? Karaawwan hedduudhaan waliin gammaduu dandeenya. Mee amma sadansaanii haa ilaallu.

17 Tokkoffaa, Yihowaan hojicharratti gaʼee akka qabu beekuun nu gammachiisa. Yommuu ergaa Mootummichaa lallabnu, sanyii facaasaa jirra. (Mat. 13:18, 19) Namni tokko duuka buutuu Kiristos akka taʼu yommuu gargaarrummoo, midhaan haamaa jirra. Yihowaan sanyii Mootummichaa akkamitti akka ‘biqilchuufi akkamitti akka guddisu’ yommuu arginu baayʼee gammanna. (Mar. 4:27, 28) Sanyiin facaasnu tokko tokko kan biqilu yeroo booda waan taʼeef namoota kaantu haama. Tarii muuxannoo obboleettii Joʼaan jedhamtuu wajjin wal fakkaatu qabdu taʼa. Joʼaan obboleettii waggaa 60 dura cuuphamteefi Biritaaniyaatti argamtudha. Akkas jetteetti: “Namoonni waggoota hedduu dura yeroo jalqabaatiif isaaniif lallabuudhaan sanyii dhugaa akkan isaanitti hime natti himan na mudataniiru. Ani beekuu baadhus, yeroo booda obboloonni garabiraan Macaafa Qulqulluu isaan qayyabsiisuudhaan tajaajiltoota Yihowaa akka taʼan isaan gargaaraniiru. Sanyiin ani facaase guddatee haamamuunsaa baayʼee na gammachiisa.”—1 Qorontos 3:6, 7 dubbisi.

18. Qorontos Isa Duraa 3:8⁠rratti wanti gammachuudhaaf sababii taʼu akkamii ibsameera?

18 Lammaffaa, yaada Phaawulos, “[Namni] adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata” jechuudhaan dubbate yommuu yaadannu hojjettoota gammachuu qaban taanee itti fufuu dandeenya. (1 Qor. 3:8) Mindaan kun buʼaa hojichi argamsiiserratti utuu hin taʼin, hamma hojjennerratti hundaaʼee kan nuuf kennamudha. Yaanni kun obboloota naannoo namoonni hedduun dhugaadhaaf fedhii hin qabnetti lallaban baayʼee kan jajjabeessudha. Dhugaa Baatuun Yihowaa garaa guutuudhaan hojii sanyii facaasuurratti hirmaatu hundi, Waaqayyo duratti ‘ija baayʼee godhachaa’ waan jiruuf sababii itti gammadu qaba.—Yoh. 15:8; Mat. 13:23.

19. (a) Raajiin Yesus Maatewos 24:14⁠rratti dubbate, gammachuu keenyaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? (b) Bartoota gochuurratti yoo milkaaʼina argachuu baannellee maal yaadachuu qabna?

19 Sadaffaa, hojiin keenya raajiin tokko akka raawwatamu waan godhuuf ni gammanna. Deebii Yesus gaaffii duuka buutonnisaa, “Nutti himi, kun yoom taʼa? Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” jechuudhaan gaafataniif kenne hubadhaa. Mallattoo sana keessaa inni tokko hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu akka taʼe isaanitti himeera. Kana yommuu jedhu waaʼee hojii duuka buutota gochuu dubbachuusaa turee? Matumaa! “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama” jedheera. (Mat. 24:3, 14) Kanaaf hojiin lallabaa, jechuunis hojiin sanyii facaasuu mallattoo sana keessaa isa tokkodha jechuudha. Kanaan kan kaʼes, yommuu misiraachoo Mootummichaa lallabnu, nama tokko duuka buutuu gochuu yoo dadhabnellee, ‘dhugaa baʼaa’ akka jirru yaadachuu qabna. d Eeyyee, namoonni deebii akkamiiyyuu yoo kennan, raajiin Yesus dubbate raawwiisaa akka argatu gochuurratti ni hirmaanna; kunimmoo hojii kanarratti ‘hidhata Waaqayyoo’ taanee tajaajiluudhaan ulfina akka argannu godha. (1 Qor. 3:9) Dhugumayyuu gammaduuf sababa gaʼaa qabna!

‘Baʼa Biiftuutii Hamma Lixasheetti’

20, 21. (a) Yaanni Miilkiyaas 1:11⁠rratti argamu raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti? (b) Hojii midhaan haamuu wajjin haala wal qabateen maal gochuuf murteessiteetta? Maaliif?

20 Yesus ergamoonnisaa jaarraa jalqabaatti turan hojiin midhaan haamuu ariifachiisaa taʼuusaa akka hubatan gargaareera. Bara 1919 jalqabee, duuka buutonnisaa yeroo harʼaa jiranis dhugaa kana akka hubatan gargaareera. Kanaan kan kaʼes sabni Waaqayyoo hojiisaanii ciminaan hojjechuusaanii itti fufaniiru. Dhugumayyuu hojiin midhaan haamuu ittifamuu akka hin dandeenye mirkanaaʼeera. Akkuma Miilkiyaas raajichi dubbate, yeroo harʼaatti hojiin lallabaa ‘baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixasheetti’ hojjetamaa jira. (Mil. 1:11, hiika bara 1899) Eeyyee, namoonni sanyii facaasaniifi midhaan haaman baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixa biiftuutti eessayyuu yoo jiraatan waliin gammadaa jiru. Akkasumas baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixasheetti, jechuunis ganamaa kaasee hamma galgalaatti ykn guyyaa guutuu miira ariifannaatiin tajaajilaa jirra.

21 Gara waggaa 100 dura lakkoofsi saba Waaqayyoo inni xinnoo ture yeroo harʼaatti “saba aango-qabeessa” taʼuusaa yommuu arginu, dhugumayyuu ‘onneen keenya gammachuurraa kan kaʼe naʼee in dhaʼata.’ (Isa. 60:5, 22) Gammachuun kuniifi jaalalli Yihowaa isa “abbaa midhaanichaa” taʼeef qabnu, hojii midhaan haamuu isa yeroo kamiyyuu caalaa balʼinaan hojjetamaa jiru kana fiixaan baasuurratti hirmaachuuf kan nu kakaasu akka taʼu ni hawwina!—Luq. 10:2.

a Yaanni Yesus ‘midhaan akka addaate’ ibse, marxoo adii namoonni Samaariyaa garasaa dhufaa jiran marxifatanis kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

b Waaʼee waggoota sanaafi sana booda turanii caalaatti beekuuf kitaaba, Dhugaa Baatota Yihowaa—Labsitoota Mootummichaa Taʼan jedhamu fuula 425-520⁠rra jiruufi waaʼee hojii midhaan haamuu bara 1919 hanga 1992⁠tti raawwatamee ibsu akka dubbistu si jajjabeessina. (Ingiliffa)

c Waaʼee raajii yaada hedduu qabate kanaa caalaatti barachuuf kitaaba Raajii Isaayaas—Ifa Ilmaan Namootaatiif Ife Jildii 2, fuula 303-320 ilaali. (Amaariffa)

d Barattoonni Macaafa Qulqulluu yeroo sanaa dhugaa barbaachisaa taʼe kana hubatanii turan. Zaayansi Waach Taawor Sadaasa 15, 1895 akkas jedhee ture: “Qamadii xinnoollee walitti qabuun yoo dandaʼame, akka gaariitti akka dhugaa baʼame ragaa taʼuu dandaʼa. . . . Hundinuu wangeela lallabuu dandaʼu.”