Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 15

Mirga Waaqeffannaatiif Qabsaaʼuu

Mirga Waaqeffannaatiif Qabsaaʼuu

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Kiristos, duuka buutonnisaa seera duratti beekamtii argachuufi mirgi seera Waaqayyootiif abboomamuuf qaban akka isaaniif eegamu gochuuf akkamitti akka isaan gargaare ilaalla

1, 2. (a) Lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuu keessan kan mirkaneessu maalidha? (b) Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo tokko tokko mirgi amantii akka isaaniif eegamu kan qabsaaʼan maaliifi?

 LAMMII Mootummaa Waaqayyoo taataniittuu? Dhugaa Baatota Yihowaa hamma taatanitti kun shakkii hin qabu! Haataʼu malee, wanti lammii Mootummaa kanaa taʼuu keessan ibsu maalidha? Paaspoortii ykn waraqaa eenyummaa mootummaa biraa argamu miti. Kanaa mannaa lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuun keessan, akkaataa itti Yihowaa waaqeffattanirratti kan hundaaʼedha. Waaqeffannaa dhugaan amanuu qofa utuu hin taʼin, seera Mootummaa Waaqayyootiif abboomamuu kan dabalatudha. Waaqeffannaan keenya, akkaataa itti ijoollee keenya guddisnuufi fayyaa wajjin haala wal qabateen murtoo goonu dabalatee guutummaa jireenya keenyaa kan tuqudha.

2 Haataʼu malee, addunyaan keessa jiraannu lammummaa nuti iddoo guddaa kenninuuf ykn ulaagaa Mootummaan Waaqayyoo nurraa barbaaduuf kabaja hin qabu. Mootummoonni tokko tokko, waaqeffannaa keenyarratti dhiibbaa gochuuf ykn guutummaatti dhorkuuf yaalaniiru. Namoonni Kiristos jalatti bulan, mirga seera Masiihii isa Mooticha taʼeen geggeeffamuuf qaban kabachiisuuf qabsoo gochuu yeroon itti isaan barbaachise jira. Akkas gochuunsaanii kan nama ajaaʼibsiisudhaa? Matumaa! Sabni Yihowaa bara duriitti turan mirga waaqeffannaa argachuuf yeroo baayʼee qabsaaʼaniiru.

3. Bara Mootuu Asteeritti sabni Waaqayyoo qabsoo akkamii godhan?

3 Fakkeenyaaf bara Mootuu Asteeritti sabni Waaqayyoo akka hin balleeffamneef qabsoo gochuun isaan barbaachisee ture. Maaliif? Haamaan inni Muummicha Ministeeraa taʼe, ‘seerri Yihudootaa seera namoota kaanii hundumaattii kan gargar baʼe’ akka taʼe dubbachuudhaan, Yihudoonni bulchiinsa mootichaa keessa jiraatan hundi akka ajjeefaman Ahashweros Mootii Faaresiif yaada dhiheessee ture. (As. 3:8, 9, 13) Maarree Yihowaan tajaajiltoonnisaa yommuu balleeffamuuf jedhan callisee ilaalee? Matumaa! Kanaa mannaa, carraaqqii Asteeriifi Mordekaayi sabasaa oolchuuf jecha mootii Faares haasofsiisuuf godhan isaaniif eebbiseera.—As. 9:20-22

4. Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

4 Haalli yeroo harʼaa jiruhoo maal fakkaata? Boqonnaawwan darban keessatti akkuma ilaalle, yeroon mootummoonni Dhugaa Baatota Yihowaa itti morman jira ture. Boqonnaa kana keessattimmoo, karaawwan mootummoonni kun waaqeffannaa keenya dhorkuuf yaalii itti godhan tokko tokko ilaalla. Dimshaashumatti kallattiiwwan sadii jechuunis, (1) mirga jaarmiyaan keenya beekamtii akka argatu gochuufi karaa barbaanneen waaqeffannaa keenya geggeeffachuu, (2) seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuun mirga yaalii fayyaa barbaanne filachuu, akkasumas (3) warri seera amalaa Yihowaan baaseen ijoolleesaanii guddisuuf mirga isaan qabanirratti xiyyeeffanna. Tokkoon tokkoon qabxii kanaarratti, qabsoo cimaa lammiileen Mootummaa Masiihichaa lammummaasaanii isa iddoo guddaa kennaniif akka hin dhabneef godhaniifi eebba akkamii akka argatan ilaalla.

Seera Biratti Beekamtii Argachuufi Mirga Buʼuuraa Argachuuf Qabsaaʼuu

5. Gama seeraatiin beekamtii argachuun Kiristiyaanota dhugaatiif faayidaa akkamii argamsiise?

5 Yihowaa waaqeffachuuf mootummoota addunyaarraa beekamtii argachuu qabnaa? Matumaa! Taʼus, gama seeraatiin beekamtii argachuun salphaatti waaqeffannaa keenya geggeeffachuuf nu gargaara. Kunis, Galma Mootummaafi Galma Walgaʼii Gurguddaa keenya keessatti walgaʼuuf, barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan maxxansuufi biyyoota addaddaatti raabsuuf, akkasumas gufuu tokko malee misiraachoo Mootummichaa namoota kaanitti himuuf nu gargaara. Biyyoota hedduu keessatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa seera duratti beekamtii kan argatan yommuu taʼu, akkuma amantiiwwan kaanii isaanis mirga waaqeffannaa qabu. Haataʼu malee, mootummoonni seera duratti beekamtii akka hin arganne ykn mirga akka dhabnu yommuu godhanitti tarkaanfii akkamii fudhanneerra?

6. Bara 1940⁠niitti Dhugaa Baatota Yihowaa Awustiraaliyaa jiraatanirra rakkina akkamiitu gaʼe?

6 Awustiraaliyaa. Jalqaba bara 1940⁠niitti bulchaan Awustiraaliyaa amantiin keenya carraaqqii waraanaaf godhamu “kan miidhu” akka taʼe itti dhagaʼamee ture. Kanan kan kaʼes hojiin keenya ni dhorkame. Dhugaa Baatonni biyyichaa walgaʼii akka hin godhanne ykn akka hin lallabne kan dhorkaman yommuu taʼu, hojiin Betʼel akka dhaabatu godhame; Galmawwan Mootummaas ni fudhataman. Barreeffamoota keenya Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan qabatanii argamuunillee ni dhorkame. Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya sanaa waggoota hedduudhaaf dhoksaadhaan hojjechaa erga turanii booda dhumarratti mirga argataniiru. Waxabajjii 14, 1943⁠tti Manni Murtii Olaanaa Awustiraaliyaa murtoon hojiin keenya akka dhorkamuuf darbee ture akka hafu murteesse.

7, 8. Obboloonni Raashiyaa jiraatan waggoota hedduudhaaf mirga waaqeffannaatiif qabsoo akkamii gochaa turan?

7 Raashiyaa. Dhugaa Baatonni Yihowaa sirna Kooministii keessatti hojiinsaanii waggoota hedduudhaaf dhorkamee kan ture taʼus, bara 1991⁠tti seeraan galmeeffamaniiru. Tokkummaan Sooviyeet durii erga diigamee booda, bara 1992⁠tti Federeeshinii Raashiyaa duratti beekamtii arganneerra. Haataʼu malee utuu baayʼee hin turin, mormitoonni, keessumaa qaamonni Mana Sagadaa Ortodoksii Raashiyaa wajjin walitti dhufeenya qaban, lakkoofsi keenya dabalaa deemuusaatti baayʼee aaraniiru. Bara 1995 hanga 1998 gidduutti mormitoonni himata yakkaa cimaa taʼe shan Dhugaa Baatota Yihowaarratti dhiheessaniiru. Himata dhihaate kana hundarratti abbaan alangaa yakka raawwatameera jedhameef ragaa dhiheesse hin qabu. Achiis bara 1998⁠tti mormitoonni kutatanii kaʼan, falmii siivilii obbolootarratti dhiheessan. Jalqabarratti Dhugaa Baatota Yihowaatiif kan murteeffame taʼus, mormitoonni murtoo kenname waan mormaniif, Caamsaa 2001⁠tti Dhugaa Baatota Yihowaarratti murteeffame. Jiʼa Onkoloolessaa waggaa sanaatti dhimmichi irra deebiʼamee kan ilaalame yommuu taʼu, bara 2004⁠tti dhaabbanni Dhugaa Baatota Yihowaa Mooskootti argamuufi sochiiwwan isaan godhan ni dhorkame.

8 Sana booda ariʼatama cimaatu kaʼe. (2 Ximotewos 3:12 dubbisi.) Dhugaa Baatonni Yihowaa ni arrabsamu, miidhaanis irra ni gaʼa ture. Barreeffamoonni keenya ni saamaman; bakka waaqeffannaadhaaf jecha gamoowwan kireeffachuus taʼe ijaarrachuun ni dhowwame. Rakkinni akkasii yommuu isaanirra gaʼutti obboloota keenyatti maaltu dhagaʼamuu akka dandaʼu yaadaa! Bara 2001⁠tti Dhugaa Baatonni Yihowaa, Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti ol iyyannoo kan dhiheeffatan yommuu taʼu, bara 2004⁠ttimmoo Mana Murtii kanaaf odeeffannoo dabalataa dhiheessan. Bara 2010⁠tti Manni Murtii kun murtoo kenne. Manni Murtichaa, Raashiyaan sochiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa kan dhorkite jibbiinsa amantiitiin akka taʼe akka gaariitti kan hubate yommuu taʼu, ragaan Dhugaa Baatuun Yihowaa tokkittiin dogoggora akka raawwate mirkaneessu waan hin argamneef, murtoowwan manneen murtii aanaa kanaan dura dabarsan sirrii akka hin taane ibsuudhaan murteesseera. Itti dabaluudhaanis sochiiwwan Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan dhorkuun, mala taʼe jedhamee mirgasaanii sarbuuf malame akka taʼe hubachiiseera. Murtoon Manni Murtichaa dabarse Dhugaa Baatonni Yihowaa mirgi amantiisaanii akka eegamu godheera. Abbootiin taayitaa Raashiyaa tokko tokko, murtoo Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa dabarse hojiirra oolchuu kan dhiisan taʼus, sabni Waaqayyoo injifannoo kana argachuunsaanii jajjabina guddaa isaaniif taʼeera.

Tiitos Maanuusaakiis (Keeyyata 9 ilaali)

9-11. Sabni Yihowaa Giriik jiraatan mirga walgaʼii godhachuu wajjin haala wal qabateen qabsoo akkamii godhan? Buʼaa akkamii argatan?

9 Giriik. Bara 1983⁠tti Tiitos Maanuusaakiis magaalaa Heeraakiliyoon jedhamtuufi Kireetitti argamtutti, obboloonni muraasni iddoo sana jiraatan waaqeffannaadhaaf achitti akka wal gaʼan yaaduudhaan mana kireeffate. (Ibr. 10:24, 25) Haataʼu malee utuu baayʼee hin turin, qeesiin amantii Ortodoksii tokko, Dhugaa Baatonni Yihowaa manicha waaqeffannaadhaaf itti fayyadamuusaanii mormuudhaan qaama mootummaatti iyyate. Qeesiin kun akkas kan godhe maaliifi? Amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa amantii Ortodoksiirraa adda waan taʼeef qofadha. Abbootiin taayitaa Tiitos Maanuusaakiisiifi Dhugaa Baatota Yihowaa naannichaa sadiirratti himata yakkaa banan. Obboloonni kun qarshii kan adabaman taʼuusaarrayyuu hidhaan jiʼa lamaa itti murteeffame. Dhugaa Baatonni Yihowaa lammiilee Mootummaa Waaqayyoo amanamoo taʼan kun, murtoon manni murtichaa dabarse mirga amantiisaanii kan dhiibu akka taʼe waan hubataniif, manneen murtii biyyichaatti, achiis Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti ol iyyannoo dhiheeffatan.

10 Dhumarratti, bara 1996⁠tti Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa, murtoo mormitoota waaqeffannaa dhugaa naasisu dabarse. Manni Murtichaa, “Akka seera Giriikitti amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa ‘amantiiwwan beekamoo taʼan’ keessaa tokko akka taʼe” kan ibse yommuu taʼu, murtoon manneen murtii aanaa dabarsan, “mirga amantii iyyattoota kanaa kallattiidhaan kan dhiibu” taʼuusaa hubachiiseera. Kana malees Manni Murtii kun, mootummaan Giriik “amantiin ykn karaan amantiin ittiin argisiifamu sirrii taʼuufi dhiisuusaa murteessuuf” mirga kan hin qabne taʼuusaa ibseera. Achiis murtoon Dhugaa Baatota Yihowaarratti darbee ture fudhatama akka dhabu kan godhe yommuu taʼu, mirgi waaqeffannaas akka isaaniif eegamu godheera.

11 Injifannoon argame kun rakkinni Giriik keessa ture akka hafu godheeraa? Hin goone. Kanaa mannaa rakkinichi ittuma fufee ture. Kaasaandiryaa, Giriik keessatti falmiin isa armaan olii wajjin wal fakkaatu godhamaa kan ture yommuu taʼu, gama seeraatiin gara waggaa 12tiif qabsoon erga godhamee booda bara 2012⁠tti furmaata argateera. Dhimma isa kanarrattimmoo mormiin kaʼe cimaa akka taʼu kan godhe phaaphaasii amantii Ortodoksii tokkodha. Giriikitti qaama seeraa olaanaa kan taʼe Manni Maree biyyichaa saba Waaqayyootiif murteessuudhaan dhimmichi furmaata akka argatu godheera. Manni Marichaa mirga amantii heerri mootummaa Giriik kenne kan caqase yommuu taʼu, himanni yeroo baayʼee amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa beekamaa miti jechuudhaan dhihaate fudhatama akka dhabu godheera. Manni Marichaa, “Barumsi ‘Dhugaa Baatota Yihowaa’ dhokataa miti; kanaaf amantiinsaanii beekamaa akka taʼe dubbachuun ni dandaʼama” jedheera. Yeroo ammaa miseensonni gumii Kaasaandiryaa keessa jiraataniifi muraasa taʼan, Galma Mootummaasaanii keessatti walgaʼii godhachuu dandaʼuusaaniitti baayʼee gammadu.

12, 13. Faransaayitti mormitoonni ‘seera jalʼisuudhaan wanta hamaa’ raawwachuuf kan yaalan akkamitti? Buʼaan argamehoo maal ture?

12 Faransaay. Mormitoonni saba Waaqayyoo tokko tokko, ‘seera jalʼisuudhaan wanta hamaa’ raawwachuuf mala addaddaatti fayyadamaa turaniiru. (Faarfannaa 94:20 dubbisi.) Fakkeenyaaf, walakkeessa bara 1990⁠niitti abbootiin taayitaa Faransaay qaraxa sassaaban, galmee herregaa dhaabbata seera qabeessa Dhugaa Baatonni Yihowaa Faransaayitti itti fayyadamaniifi Asoosiyaasiyu lee Temwaa de Jehoovaa jedhamu sakattaʼuu jalqaban. Ministeerri baajetaa kaayyoo galmeen herregaa akka sakattaaʼamu itti godhame yommuu ibsu, ‘Galmeen herregaa sakattaaʼamuunsaa, mana murtiitti dhiheessuuf ykn yakki raawwatamuusaa qorachuuf kan gargaaru siʼa taʼu, kunimmoo jaarmiyichi sochiiwwan biyyicha keessatti geggeessu akka dhaabu godha’ jechuudhaan ifatti dubbateera. Galmeen herregaa erga sakattaaʼamee booda, dogoggorri argamuu baatus, abbootiin taayitaa qaraxa sassaaban jaarmiyichi gibira humnasaatii ol taʼe akka kaffalu itti muran. Malli kun milkaaʼina argateera utuu taʼee, obboloonni keenya gibira humnaa ol taʼe kana kaffaluuf gamoowwan waajjira damee gurguruuf dirqamu turan. Gochi baayʼee ulfaataa taʼe isaanirratti raawwatamus sabni Waaqayyoo abdii hin kutanne. Dhugaa Baatonni Yihowaa murtii haqa qabeessa hin taane kana falmaa kan turan yommuu taʼu, dhumarrattis bara 2005⁠tti Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti ol iyyannoo dhiheeffatan.

13 Manni Murtichaa murtoo dabarse Waxabajjii 30, 2011⁠tti beeksiseera. Haalli adda taʼe yoo uumame malee, mirgi amantii hamma jiraatetti, mootummaan karaa dhaabbanni amantii tokkoo itti geggeeffamu sirrii taʼuuf dhiisuusaa ykn wanta jaarmiyaan amantii tokko itti amanu sakattaʼuuf mirga akka hin qabne ibseera. Kana malees, “Gibirri . . . murteeffame kun jaarmiyichi qabeenyasaa akka dhabu kan godhu taʼuusaarrayyuu, hordoftoonni amantichaa bilisaan waaqeffannaasaanii akka hin geggeeffanne isaan godha” jedheera. Manni Murtichaa sagalee tokkoon Dhugaa Baatota Yihowaatiif murteesse! Dhumarrattis, mootummaan Faransaay gibira Asoosiyaasiyu lee Temwaa de Jehoovaa kaffalchiise dhalasaa wajjin deebisuunsaafi ajaja Mana Murtichaatiin qabeenya waajjira damee gadhiisuunsaa saba Yihowaa baayʼee gammachiiseera.

Obboloota keessan gama seeraatiin jalʼinni isaanirratti raawwatamaa jiruuf yeroo hunda kadhachuu ni dandeessu

14. Mirga waaqeffannaatiif qabsaaʼuurratti gumaacha akkamii gochuu dandeessu?

14 Akkuma Asteeriifi Mordekaayi durii, sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis karaa inni isaan ajajeen Yihowaa waaqeffachuuf jecha mirgasaanii kabachiisuuf qabsoo godhaniiru. (As. 4:13-16) Isinoo gama kanaan gumaacha gochuu dandeessuu? Eeyyee! Obboloota keessan gama seeraatiin jalʼinni isaanirratti raawwatamaa jiruuf yeroo hunda kadhachuu ni dandeessu. Kadhannaan akkasii obboloota keenya rakkinniifi ariʼatamni isaanirra gaʼaa jiru gargaaruu dandaʼa. (Yaaqoob 5:16 dubbisi.) Yihowaan kadhannaa akkasiitiif deebii ni kennaa? Injifannoowwan mana murtiitti arganne deebii akka inni kennu kan argisiisanidha!—Ibr. 13:18, 19.

Mirga Yaalii Fayyaa Amantii Keenyaa Wajjin Walsimu Filachuu

15. Sabni Waaqayyoo dhiiga kan hin fudhanne maaliifi?

15 Boqonnaa 11⁠ffaarratti akkuma ilaalle, lammiileen Mootummaa Waaqayyoo, yaalii fayyaa dhiigatti fayyadamuu isa yeroo harʼaa baramaa taʼe ilaalchisee qajeelfama Macaafa Qulqulluu ifa taʼe argataniiru. (Uma. 9:5, 6; Lew. 17:11; Hojii Ergamootaa 15:28, 29 dubbisi.) Dhiiga fudhachuu baannus, nuufis taʼe maatii keenyaaf seera Waaqayyoo haala hin cabsineen hamma dandaʼametti yaaliin fayyaa gaarii taʼe akka nuuf godhamu barbaanna. Manneen murtii olaanaa biyyoota hedduu, namoonni ilaalchaafi amantiisaanii wajjin haala wal qabateen yaalii fayyaa itti fayyadamuu barbaadan filachuuf ykn dhiisuuf mirga akka qaban ibsaniiru. Haataʼu malee, gama kanaan biyyoota tokko tokko keessatti sabni Waaqayyoo rakkinni cimaan isaan mudateera. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

16, 17. Malli yaalii fayyaa obboleettii keenya Jaappaan turteef kennameefi ishee naasise maalidha? Kadhannaanshee deebii kan argate akkamitti?

16 Jaappaan. Miisaayee Taakedaan, obboleettii umrii waggaa 63 Jaappaanitti argamtu yommuu taatu, yaaliin fayyaa baqassanii hodhuu cimaa taʼe ishee barbaachisee ture. Obboleettii amanamtuun lammii Mootummaa Waaqayyoo taate kun, dhiiga malee yaaliin fayyaa akka isheedhaaf godhamu doktooriidhaaf ibsitee turte. Haataʼu malee, yaaliin fayyaa baqassanii hodhuu godhameefii jiʼoota muraasa booda, dhiigni kennameefii akka ture yommuu bartu baayʼee naate. Obboleettiin keenya Miisaayeen mirgishee akka hin eegamneefi akka gowwoomfamte waan itti dhagaʼameef, Waxabajjii 1993⁠tti doktoorota sanaafi hospitaalicharratti himata bante. Obboleettiin gad of deebistuu taateefi hamaan afaanshee keessaa hin baane kun amantii cimaa qabdi turte. Dhaabachuun kan itti ulfaatu taʼus, namoota kutaa mana murtichaa keessa guutanii turan dura saʼaatii tokkoo oliif dhaabachuudhaan ija jabinaan sagalee kenniteetti. Yeroo dhumaatiif mana murtiitti dhihaattee jiʼa tokko booda boqotteetti. Ija jabinni isheen argisiisteefi amantiin isheen qabdu nama hin ajaaʼibsiisuu? Obboleettiin keenya Miisaayeen qabsoo gochaa turteen Yihowaan akka ishee gargaaru yeroo hunda kadhachaa akka turte dubbatteetti. Kadhannaanshee deebii kan argatu taʼuusaas mirkanaaʼaa turte. Kadhannaanshee deebii argateeraa laata?

17 Obboleettiin keenya Miisaayeen erga boqottee waggaa sadii booda, Manni Murtii Olaanaa Jaappaan fedhiisheetiin ala dhiiga kennuufiin sirrii akka hin taane ibsuudhaan obboleettii keenyaaf murteesseera. Murtoon Guraandhala 29, 2000⁠tti darbe namni tokko dhimmoota akkasiirratti ‘murtoo mataasaa yoo godhe mirgisaa kabajamuufii akka qabu’ ibseera. Obboleettiin keenya Miisaayeen yaada garaashee seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin leenjiʼeen kan kaʼe mirgashee kabachiisuuf gara kuteenyaan qabsaaʼuunshee, yeroo harʼaa Dhugaa Baatonni Yihowaa Jaappaanitti argaman humnaan dhiigni nuu kennama jedhanii utuu hin sodaatin yaalii fayyaa filatanitti fayyadamuuf isaan dandeessiseera.

Paabloo Albaaraasiinii (Keeyyata 18 hanga 20 ilaali)

18-20. (a) Manni murtii ol iyyannoo Arjantiinaa, yaanni namni tokko kaardii dhiiga akka hin fudhanne ibsurratti kenne akka kabajamuuf kan murteesse akkamitti? (b) Dhiigatti fayyadamuu wajjin haala wal qabateen bulchiinsa Kiristosiif akka ajajamnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Arjantiinaa. Lammiileen Mootummaa Waaqayyoo, yeroo dhukkubsatanii of wallaalanitti yaalii akka isaaniif godhamu barbaadan beeksisuuf duraan dursanii qophii akkamii gochuu dandaʼu? Akkuma Paabloo Albaaraasiiniin godhe, sanadii seera qabeessa taʼeefi bakka keenya buʼee waaʼee keenya dubbatu qabachuu dandeenya. Caamsaa 2012⁠tti, namoonni isa saamuuf jecha rasaasaan iddoo baayʼee isa rukutan. Mana yaalaatti kan geeffame yommuu taʼu, yeroo kanatti of wallaalee waan tureef ejjennoo dhiiga fudhachuu ilaalchisee qabu ibsuu hin dandeenye. Haataʼu malee, sanadii yaalii fayyaa waggaa afur dura guutee irratti mallatteesse qabatee ture. Miidhaa cimaa isarra gaʼeen kan kaʼe doktooronni tokko tokko lubbuusaa oolchuuf dhiiga kennuufii akka qaban kan itti dhagaʼame taʼus, warri kaan garuu fedhiisaa eeguuf murteessan. Haataʼu malee, abbaan Paabloo inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane ajaja murtoon ilmasaa akka jijjiiramu godhu mana murtiitii baasee geesse.

19 Abukaatoon haadha manaa Paabloo bakka buʼe yerumasana ol iyyannoo dhiheesse. Saʼaatii muraasa gidduutti, manni murtii ol iyyannoo ilaalu, murtoon manni murtii aanaa dabarse fudhatama akka dhabu gochuudhaan, fedhiin Paabloon qabuufi sanadicharratti ibsame eegamuufii akka qabu murteesse. Abbaan Paabloo Mana Murtii Olaanaa Arjantiinaatti ol iyyannoo dhiheeffate. Haataʼu malee Manni Murtii kun, ‘yaanni Paabloon dhiiga akka hin fudhanne sanadicharratti ibse, dhiibbaan utuu isarratti hin godhamin, irratti yaadamee, hubannaadhaan kan godhame taʼuunsaa akka hin shakkisiisne’ addeesseera. Manni Murtichaa akkas jedheera: “Namni gaʼeessa taʼeefi hamaaf gaarii gargar baasuu dandaʼu kamiyyuu, fayyaasaa wajjin haala wal qabateen dursee qajeelfama kaaʼuu, yaalii fayyaa itti fayyadamuuf filatu ykn hin barbaanne ibsuu dandaʼa . . . Doktooronni dhimmichi isaan ilaallatus qajeelfama kana hojiirra oolchuu qabu.”

Sanadii yaalii fayyaa keessan guuttaniittuu?

20 Yeroo booda obboleessi keenya Paabloon akka gaariitti fayyeera. Sanadii yaalii fayyaa dursee guutuusaatti inniifi haati manaansaa baayʼee gammadaniiru. Obboleessi kun wanta salphaa taʼus baayʼee barbaachisaa taʼe kana gochuudhaan, bulchiinsa Kiristosiif kan ajajamu taʼuusaa argisiiseera. Isiniifi maatiin keessanoo sanadii yaalii fayyaa guuttaniittuu?

Eeppiriil Kaadoree (Keeyyata 21 hanga 24 ilaali)

21-24. (a) Manni Murtii Olaanaa Kaanaadaa, ijoollee xixinnoofi dhiiga fudhachuu wajjin haala wal qabateen murtoo ajaaʼibsiisaa akkamii dabarse? (b) Dhimmi kun ijoollee Yihowaa tajaajilan kan jajjabeessu akkamitti?

21 Kaanaadaa. Manneen murtii, warri mala yaalii fayyaa gaarii taʼe ijoolleesaaniitiif filachuuf mirga akka qaban hubataniiru. Kana malees, ijoollee ilaalchisee yaalii fayyaa filatanii wajjin haala wal qabateen fedhiinsaanii akka kabajamu yeroon itti godhan jira. Haala Eeppiriil Kaadooree akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Eeppiriil umrii waggaa 14⁠tti dhiigni qaamashee keessatti waan dhangalaʼeef mana yaalaa seente. Jiʼoota muraasa dura sanadii balaan tasaa yeroo isheerra gaʼuttillee dhiiga akka hin fudhanne ibsu, jechuunis kaardii Yaadachiisa Yaalii Fayyaa Ilaalchisee Kenname jedhuufi qajeelfama tokko tokko qabate guuttee turte. Ogeessi fayyaa Eeppiriiliin gargaaruuf jedhu sanadii fedhashee ibsu kana mormuudhaan ajaja dhiigni akka isheedhaaf kennamu ibsu mana murtiitii baase. Kanaan kan kaʼes humnaan Eeppiriiliif seelii dhiiga diimaa yuuniitii sadii kennaniif. Eeppiriil tarkaanfii isheerratti fudhatame kana dirqisiisanii gudeeduutti fakkeessiteetti.

22 Eeppiriiliifi warrishee mana murtiitti iyyatan. Dhimmi kun waggaa lama booda Mana Murtii Olaanaa Kaanaadaatti dhihaate. Heera mootummaa Kaanaadaa wajjin haala walsimuun Eeppiriiliif murteeffamuu baatus, Manni Murtichaa falmii gochaa turterratti baasii isheen baaste akka kaffalamuuf, akkasumas isheenis taate ijoolleen kaan, yaalii fayyaa itti fayyadamuu barbaadan filachuuf mirga akka qaban ibseera. Manni Murtii kun akkas jedheera: “Yaalii fayyaa wajjin haala wal qabateen ijoolleen umrii waggaa 16 gad taʼan, namoonni kaan utuu dhiibbaa isaanirratti hin godhin ofumasaaniitiin yaalii fayyaa itti fayyadamuu barbaadan akka murteessan carraan kennamuufii qaba.”

23 Murtoon Manni Murtii Olaanaan dabarse kun, mirgi heerri mootummaa ijoolleef kenne akka kabajamu waan godheef bakki guddaan kan kennamuufidha. Murtoon kun darbuusaa dura, manneen murtii Kaanaadaa yaaliin fayyaa tokko ijoollee waggaa 16 gad taʼaniif barbaachisaa akka taʼe yoo itti dhagaʼame yaaliin sun akka isaaniif kennamu ajaja dabarsuu dandaʼu turan. Murtoo kana booda garuu, manni murtii kamiyyuu ijoolleen umrii waggaa 16 gad taʼan ofiisaaniitiin murteessuuf gaʼumsa qabaachuuf dhiisuusaanii utuu hin mirkaneessin, fedhiisaaniitiin ala yaalii fayyaa tokkotti akka fayyadaman ajajuu hin dandaʼu.

“Maqaa Waaqayyootiif kabaja fiduurratti hamma humna kootii carraaqqii gochuufi Seexanni sobduu taʼuusaa mirkaneessuuf gumaacha gochuu kootti baayʼeen gammada”

24 Qabsoon waggaa sadiif godhame kun buʼaa argamsiiseeraa? Haala Eeppiriilirraa akka hubannutti, eeyyee argamsiiseera. Eeppiriil isheen yeroo ammaa qajeelchituufi fayya buleettii taate, “Maqaa Waaqayyootiif kabaja fiduurratti hamma humna kootii carraaqqii gochuufi Seexanni sobduu taʼuusaa mirkaneessuuf gumaacha gochuu kootti baayʼeen gammada” jetteetti. Muuxannoon Eeppiriil ijoolleen ejjennoo cimaa qabaachuudhaan lammiilee Mootummaa Waaqayyoo taʼuusaanii argisiisuu akka dandaʼan kan mirkaneessudha.—Mat. 21:16.

Mirga Ijoollee Ofii Ulaagaa Amalaa Yihowaan Baaseen Guddisuu

25, 26. Gaaʼelli ennaa diigamutti yeroo tokko tokko haala akkamiitu uumama?

25 Yihowaan, warri ijoolleesaanii ulaagaa amalaa inni baaseen akka guddisan itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. (Kes. 6:6-8; Efe. 6:4) Itti gaafatamummaan kun, keessumaa hiriyoonni gaaʼelaa yommuu wal hiikan baayʼee ulfaataa taʼa. Akkaataa itti ijoollee guddisanii wajjin haala wal qabateen ilaalchi warri qaban baayʼee gargar taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, inni Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe mucichi ulaagaa amalaa Macaafa Qulqulluutiin akka guddatu yommuu barbaadu, inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taanemmoo yaada kanarraa adda taʼe qabaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, gaaʼellisaanii yoo diigameyyuu, inni Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe mucicha guddisuurratti lamaansaaniiyyuu itti gaafatamummaa akka qaban hubachuu qaba.

26 Inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane, amantii wajjin haala wal qabateen ijoolleesaa karaa barbaadeen guddisuuf mirga akka qabu mana murtiitti iyyachuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko amantii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti guddachuun ijoollee akka miidhu dubbatu. Namoonni kun, ‘Guyyaa dhalootaas taʼe ayyaana addaddaa hin kabajan, lubbuunsaanii duʼaaf yoo saaxilamellee yaalii fayyaa dhiiga fudhachuu isa “duʼarraa ooluuf gargaarutti” hin fayyadaman’ jedhanii dubbachuu dandaʼu. Manneen murtii hedduun fedhiin mucichaarratti malee, amantiin isa tokkoo gadhee taʼuuf dhiisuusaarratti kan hin xiyyeeffanne taʼuunsaa baayʼee nama gammachiisa. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

27, 28. Manni Murtii Olaanaa Ohaayoo, iyyata amantii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti guddachuun mucaa tokko akka miidhu dhihaateef murtoo akkamii kenne?

27 Yuunaayitid Isteetis. Bara 1992⁠tti Manni Murtii Olaanaa Ohaayoo, iyyata abbaan Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane tokko ilmisaa amantii kana keessatti guddachuunsaa isa miidhuu dandaʼa jechuudhaan dhiheeffate ilaalee ture. Manni murtii aanaa yaada abbaa mucichaarratti walii galuudhaan mirgi guddisuu akka isaaf kennamu godhe. Haadha mucichaa kan taate Janiifar Peetar mucaashee dhaqxee akka gaafattu isheedhaaf heyyamamus, “karaa kamiiniyyuu taanaan amantii Dhugaa Baatota Yihowaa akka isa hin barsiifne” ajajamte. Ajajni manni murtii aanaa dabarse kun obboleettiin keenya Janiifar mucaashee Boobee wajjin waaʼee Macaafa Qulqulluu ykn ulaagaa amalaa achi keessa jiru dubbachuu akka isheen hin dandeenye kan argisiisudha. Janiifaritti maaltu dhagaʼamee akka ture tilmaamuu dandeessuu? Haalichi baayʼee ishee gaddisiisee kan ture taʼus, obsa qabaachuufi hamma Yihowaan tarkaanfii fudhatutti eguu akka qabdu akka ishee barsiise dubbatteetti. Janiifar, “Yeroo sana hundatti Yihowaan na wajjin ture” jetteetti. Abukaatoonshee, gargaarsa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaarraa argatteen Mana Murtii Olaanaa Ohaayootti ol iyyannoo dhiheessite.

28 Manni Murtii kun, “Warri waaʼee amalaafi waaʼee amantii dabalatee ijoolleesaanii barsiisuuf mirga qabu” jechuudhaan murtoo manni murtii aanaa dabarserratti akka walii hin galle ibseera. Amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa gama qaamaafi sammuutiin fayyaa mucichaarratti miidhaa hamma hin geessisnetti, manni murtii amantii sababa godhachuudhaan mirga warri qaban sarbuu kan hin dandeenye taʼuusaa Manni Murtii Olaanaan addeesseera. Manni Murtii kun, ragaa amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa gama qaamaanis taʼe gama sammuutiin mucicha akka miidhu mirkaneessu hin arganne.

Manneen murtii hedduun mirga mucaa guddisuu wajjin haala wal qabateen warra Kiristiyaanota taʼaniif murteessaniiru

29-31. Obboleettiin Deenmaarki jiraattu tokko mirga intalashee guddisuu kan dhabde maaliifi? Manni Murtii Olaanaa Deenmaarkihoo murtoo akkamii dabarse?

29 Deenmaarki. Obboleettii keenya Aneetaa Haansanis qorumsi akkasii ishee mudatee kan ture yommuu taʼu, abbaan manaashee kanaan duraa mucaasaanii umrii waggaa torbaa Amaandaa jedhamtu guddifachuuf mana murtiitti iyyate. Bara 2000⁠tti manni murtii godinaa obboleettiin keenya Aneetaan mucaashee akka guddistu kan murteesseef taʼus, abbaan Amaandaa mana murtii olaanaatti ol iyyannoo waan dhiheeffateef, manni murtii kun murtoo kanaan dura kenname hambisuudhaan abbaan akka guddisu murteesse. Manni murtichaa, warri kun sababa amantiitiin kan kaʼe gama jireenyaatiin ilaalchisaanii garaagara waan taʼeef, abbaan mucattii utuu guddisee gaarii akka taʼu ibseera. Obboleettiin keenya Aneetaan, Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taateef qofa mirga mucaashee Amaandaa guddisuuf qabdu dhabdeetti.

30 Obboleettiin keenya Aneetaan haalli rakkisaan yeroo ishee mudate kanatti, yeroo tokko tokko garmalee waan dhiphattuuf maal jettee akka kadhattullee hin beektu turte. Akkas jetteetti: “Taʼus, yaanni Roomaa 8:26fi 27⁠rratti argamu baayʼee na jajjabeesseera. Yihowaan maal jechuu akkan barbaade akka naaf hubatu yeroo hunda natti dhagaʼama. Yeroo maras ijasaatiin na hordofa, akkasumas na gargaara ture.”—Faarfannaa 32:8; Isaayaas 41:10 dubbisi.

31 Obboleettiin keenya Aneetaan Mana Murtii Olaanaa Deenmaarkitti ol iyyannoo dhiheeffatte. Manni Murtichaa murtoo dabarserratti, “Mirgi mucaa guddisuu eenyuuf kennamuu akka qabu murteessuuf duraan dursanii mucaa sana sirriitti guddisuu kan dandaʼu eenyu akka taʼe hubachuun barbaachisaadha” jedheera. Kana malees, murtoon mirga mucaa guddisuu wajjin haala wal qabateen kennamu, karaa itti warri hundi walitti buʼiinsa gidduusaaniitti uumame hiikanirratti malee, “barumsaafi ejjennoo” Dhugaa Baatonni Yihowaa qabanirratti hundaaʼuu akka hin qabne ibseera. Obboleettiin keenya Aneetaan, Manni Murtichaa mucaashee Amaandaa akka guddistu waan murteesseef baayʼee gammaddeetti.

32. Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa warra Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanirratti loogiin akka hin raawwatamne kan murteesse akkamitti?

32 Biyyoota Awurooppaa garaagaraa. Falmii ijoollee guddisuu wajjin haala wal qabateen kaʼu tokko tokkoof murtoo kennuun, humna manneen murtii olaanaa biyyichaatii ol yeroon itti taʼe jira. Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaas dhimmoota akkasii ni ilaala. Manni Murtii kun, dhimma kanaa wajjin haala qabateen manneen murtii aanaas taʼan manneen murtii olaanaa biyyichaa, warra Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼaniifi Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taaneef yommuu murteessan amantii buʼuura godhachuudhaan garaagarummaa akka uuman ibseera. Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa, gochi akkasii gocha loogii taʼuusaa ibsuudhaan, ‘amantii buʼuura godhachuudhaan garaagarummaa uumuun fudhatama akka hin qabne’ murteesseera. Obboleettiin, murtoo Manni Murtii kun dabarserraa fayyadamte tokko, “Kiristiyaana taʼanii akka guddatan, jechuunis ijoolleenkoo wanta gaarii akka taʼe natti dhagaʼame hunda akka argataniif utuun carraaqqii godhuu akkan isaan miidhaa jirutti himatamuunkoo garaa na madeessee ture” jetteetti.

33. Warri Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan seera buʼuuraa Filiphisiiyus 4:5⁠rratti argamu hojiirra oolchuu kan dandaʼan akkamitti?

33 Dhugaa Baatonni Yihowaa warra taʼaniifi ijoolleesaanii seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin guddisuu wajjin haala wal qabateen mana murtiitti falmuun isaan barbaachise, amala garraamummaa argisiisuuf carraaqqii gochuu akka qaban beekamaadha. (Filiphisiiyus 4:5 dubbisi.) Akkuma isaan ijoolleesaanii qajeelfama Waaqayyootiin guddisuuf mirga qaban, inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taanes yoo barbaade gaʼee warra taʼuudhaan qabu raawwachuuf mirga akka qabu hubachuun barbaachisaadha. Haataʼu malee, inni Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe itti gaafatamummaa ijoollee guddisuuf qabu akkamitti ilaaluu qaba?

34. Warri Kiristiyaana taʼan wanta Yihudoonni bara Nahimiyaatti turan godhanirraa barumsa akkamii argatu?

34 Wanti bara Nahimiyaatti taʼe gama kanaan barumsa guddaa nuuf taʼa. Yihudoonni dallaa Yerusaalem suphuufi deebisanii ijaaruuf cimanii hojjechaa turan. Akkas gochuun, isaaniinis taʼe maatiisaanii diinota ollaasaanii jiranirraa akka eegu beeku. Kanaan kan kaʼes Nahimiyaan, “Obboloota keessaniif, ilmaan keessaniif, intaloota keessaniif, dubartoota keessaniif mana keessaniif lolaa!” isaaniin jedheera. (Nah. 4:14) Aarsaan Yihudoonni waraana sanarratti kaffalan kan isaan gaabbisiisu hin turre. Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaas, warri Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan ijoolleesaanii mana dhugaa keessatti guddisuuf carraaqqii cimaa godhu. Mana barumsaattis taʼe naannoo manasaaniitti ijoolleensaanii wanta gadhee akka raawwatan dhiibbaa guddaan akka isaanirra gaʼu beeku. Dhiibbaan akkasii karaa miidiyaa manasaaniillee seenuu dandaʼa. Warri, ijoolleen keessan dhiibbaa gadhee isaanirra gaʼurraa eegumsa akka argatan gochuuf, haala hafuuraa gaarii taʼeen akka guddataniif carraaqqii cimaa gochuun keessan akka isin kiisu matumaa hin dagatinaa!

Yihowaan Waaqeffannaa Dhugaa Akka Deggeru Amanannaa Qabaadhaa

35, 36. Qabsoon gama seeraatiin mirga argachuuf godhame Dhugaa Baatota Yihowaatiif faayidaa akkamii argamsiiseera? Maal gochuuf murteessitaniittu?

35 Yihowaan qabsoo jaarmiyaansaa inni yeroo harʼaa jiru bilisaan isa waaqeffachuuf godhe eebbiseera. Sabni Waaqayyoo mirga waaqeffannaasaanii kabachiisuuf yommuu qabsaaʼanitti, yeroo baayʼee manneen murtiittis taʼe hawaasicha biratti akka gaariitti dhugaa baʼuu dandaʼaniiru. (Rom. 1:8) Kana malees, injifannoowwan gama seeraatiin arganne baayʼeen, mirgi namoota hedduu Dhugaa Baatota Yihowaa hin taanees akka kabajamu godheera. Haataʼu malee, sabni Waaqayyoo namoota sirna jiru jijjiiruuf qabsaaʼan ykn isaan qofti sirrii akka taʼan mirkaneessuuf carraaqan miti. Hunda caalaammoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa mirgisaanii akka isaaniif eegamuuf mana murtiitti kan iyyatan waaqeffannaan dhugaa akka babalʼatu gochuufidha.—Filiphisiiyus 1:7 dubbisi.

36 Barumsa amantii obboloota bilisaan Yihowaa waaqeffachuuf qabsoo godhanirraa arganne kana matumaa akka laayyootti ilaaluu hin qabnu! Yihowaan hojii hojjechaa jirru akka deggeruufi jabina fedhiisaa raawwachuuf nu dandeessisu akka nuuf kennu amanannaa qabaachuudhaan amanamoo taanee itti haa fufnu.—Isa. 54:17.