Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 16

Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu

Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Guddina walgaʼiiwwan keenya argisiisaniifi faayidaa irraa arganne ilaalla

1. Bartoonni Yesus yommuu walitti qabamanitti gargaarsa akkamii argatan? Gargaarsi kun kan isaan barbaachise maaliifi?

 YESUS duʼaa kaafamee utuma baayʼee hin turin, bartoonnisaa wal jajjabeessuuf walitti qabaman. Haataʼu malee, diinotasaanii waan sodaataniif balbalasaanii cufatanii turan. Yesus isaan gidduutti mulʼachuudhaan, “Hafuura qulqulluu fudhadhaa!” yommuu isaaniin jedhe sodaansaanii kun baayʼee dabalee ture taʼa. (Yohannis 20:19-22 dubbisi.) Yeroo booda, ammas kan walitti qabaman siʼa taʼu, yeroo kanatti Yihowaan hafuura qulqulluu isaanirratti dhangalaaseera. Sana booda hojii lallabaatiif humna guddaa argatanii akka turan hin shakkisiisu!—HoE. 2:1-7.

2. (a) Yihowaan jabina akkamii nuuf kenna? Jabinni kan nu barbaachisuhoo maaliifi? (b) Waaqeffannaan Maatii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Miiljaleefi saanduqa “Waaqeffannaa Maatii” jedhuufi fuula 197⁠rratti argamu ilaali.)

2 Haalli obboloota keenya jaarraa jalqabaa turanii wajjin wal fakkaatu nuunis nu mudata. (1 Phe. 5:9) Nu keessaa tokko tokko nama sodaanna taʼa. Kanaaf tajaajila keenyatti cimuuf jabinni Yihowaan kennu nu barbaachisa. (Efe. 6:10) Yihowaan jabina kana kan nuuf kennummoo karaa walgaʼiiti. Yeroo harʼaa torbanitti walgaʼiiwwan lama qabna. Isaanis, Haasaa Sabaafi Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa, akkasumas walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaati. a Akkasumas, walgaʼiiwwan waggaa keessatti geggeeffannu afur qabna. Isaanis, walgaʼii naannoo, walgaʼiiwwan aanaa lamaafi Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesus Kiristosidha. Walgaʼiiwwan kanarratti argamuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Walgaʼiiwwan yeroo harʼaa geggeeffannu sadarkaa kanarra kan gaʼan akkamitti? Ilaalchi walgaʼiiwwan kanaaf qabnu waaʼee keenya maal ibsa?

Walitti Kan Qabamnu Maaliifi?

3, 4. Yihowaan sabasaarraa maal barbaada? Fakkeenya kenni.

3 Bara duriitii jalqabee, Yihowaan sabnisaa isa waaqeffachuuf akka walitti qabaman barbaada ture. Fakkeenyaaf, Dh.K.D. bara 1513⁠tti Yihowaan saba Israaʼeliif seera kennee ture. Seerri sunimmoo Sanbata torbanii isa Yihowaa waaqeffachuufi waaʼee seerichaa barachuuf isaan gargaaru kan dabalatu ture. (Kes. 5:12; 6:4-9) Sabni Israaʼel abboommii kana ennaa hordofan, maatiinsaanii ni jabaata, sabichis karaa hafuuraa qulqulluufi cimaa taʼee jiraata ture. Seera sana hojiirra oolchuu yommuu didanimmoo, fakkeenyaaf yeroo hunda Yihowaa waaqeffachuuf walgaʼiirratti argamuu yoo dhiisan, Waaqayyo duratti fudhatama hin argatan.—Lew. 10:11; 26:31-35; 2 Sen. 36:20, 21.

4 Mee gama kanaan fakkeenya Yesus kaaʼe haa ilaallu. Torban torbaniin gaafa guyyaa Sanbataa gara mana sagadaa ni deema ture. (Luq. 4:16) Erga Yesus duʼaa kaʼee booda, duuka buutonnisaa seera Sanbataa jala yoo jiraachuu baataniyyuu yeroo hundumaa walitti qabamu turan. (HoE. 1:6, 12-14; 2:1-4; Rom. 14:5; Qol. 2:13, 14) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, walgaʼiiwwan kanarratti kan argaman, qajeelfamaafi jajjabina argachuuf qofa utuu hin taʼin, kadhannaadhaan, yaada wal jijjiiruudhaan, akkasumas faarfannaadhaan aarsaa galataa Waaqayyoof dhiheessuuf ture.—Qol. 3:16; Ibr. 13:15.

Bartoonni Yesus wal jajjabeessuf jecha walitti qabamaa turan

5. Walgaʼiiwwan gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarratti kan argamnu maaliifi? (Saanduqa “Walgaʼii Waggaatti Geggeeffamuufi Saba Waaqayyoo Tokko Godhu” jedhuufi fuula 198⁠rratti argamus ilaali.)

5 Yeroo harʼaas, walgaʼiiwwan gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarratti yommuu argamnu, Mootummaa Waaqayyoo akka deggerru argisiisna, jajjabina hafuurri qulqulluun nuuf kennu arganna, akkasumas amantii qabnu ibsuudhaan namoota kaan jajjabeessina. Hunda caalaammoo, kadhannaadhaan, yaada wal jijjiiruudhaan, akkasumas faarfannaadhaan Yihowaa waaqeffanna. Walgaʼiiwwan keenya isa kan saba Israaʼeliifi Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarraa adda yoo taʼaniyyuu faayidaansaanii tokkodha. Walgaʼiiwwan yeroo harʼaa geggeeffannu sadarkaa kanarra kan gaʼan akkamitti?

Walgaʼiiwwan Torbanii ‘Jaalalaafi Hojii Gaarii’ Jajjabeessan

6, 7. (a) Kaayyoon walgaʼiiwwan keenyaa maalidha? (b) Walgaʼiiwwan tuuta tokkorraa gara isa kaaniitti garaagarummaa akkamii qabu turan?

6 Obboleessi keenya Chaarlis Teez Raasil, dhugaa Macaafa Qulqulluurra jiru argachuuf yommuu qorannaa eegaletti, namoota kaayyoo isa kansaa wajjin wal fakkaatu qaban faana walitti qabamuunsaa barbaachisaa akka taʼe itti dhagaʼamee ture. Bara 1879⁠tti, akkas jechuudhaan barreesseera: “Namoota Piitisbargi keessatti argamanii wajjin taanee Dilbata yeroo hunda yeroo ramaduudhaan Macaafa Qulqulluu qoruuf gurmoofneerra.” Namoonni barruu Zaayansi Waach Taawor dubbisan kaanis akka walitti qabaman kan jajjabeeffaman siʼa taʼu, bara 1881⁠tti, Piitisbargi, Pensilvaaniyaa keessatti Dilbataafi Roobii walgaʼiin gumii geggeeffamaa ture. Masaraan Eegumsaa Sadaasa 1895, kaayyoon walgaʼiiwwan kanaa, ‘Jaalalliifi walitti dhufeenyi gaariin Kiristiyaanota gidduu akka jiraatuufi’ carraa itti wal jajjabeessan akka argatan gochuu akka taʼe ibseera.—Ibroota 10:24, 25 dubbisi.

7 Waggoota hedduudhaaf, akkaataan gumiin itti geggeeffamuufi hammisaa Barattoota Macaafa Qulqulluu hundaaf tokko hin turre. Fakkeenyaaf, xalayaan tuutni Yuunaayitid Isteetis keessa ture barreesseefi bara 1911⁠tti maxxanfame, “Torbanitti yoo xinnaate walgaʼiiwwan shan geggeeffanna turre” jedheera. Walgaʼiiwwan kana kan geggeeffatan, Wiixata, Roobii, Jimaataafi gaafa Dilbataammoo siʼa lama ture. Xalayaa kan biraan tuuta Afriikaa keessa turerraa ergameefi bara 1914⁠tti maxxanfamemmoo, “Jiʼatti siʼa lama walgaʼii godhanna turre, yeroo kanatti gaafa Jimaataa jalqabnee Dilbata xumurra turre” jedheera. Yeroo booda garuu, akkaataan walgaʼiin itti geggeeffamuufi isa ammaa wajjin wal fakkaatu ni hundeeffame. Mee seenaa walgaʼiiwwan kanaa haa ilaallu.

8. Matadureewwan haasaawwan sabaa duraan dhihaachaa turan tokko tokkoo maalfaʼi?

8 Haasaa Sabaa. Obboleessi keenya Raasil barruu Zaayansi Waach Taawor maxxansuu eegalee waggaa tokko booda, jechuunis bara 1880⁠tti, fakkeenya Yesus hordofuudhaan iddoo addaddaa deemee barsiisuu eegale. (Luq. 4:43) Akkas gochuudhaan Haasaa Sabaa yeroo harʼaa dhihaachaa jiruuf buʼuura kaaʼeera. Masaraan Eegumsaa, adeemsi Raasil gochaa ture maal akka fakkaatu ennaa ibsu, “‘Wantoota mootummaa Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qaban’ ilaalchisee haasaa sabaa kennuun akka isa gammachiisu” ibseera. Bara 1911⁠tti, biyyoota hedduu keessatti gumiiwwan erga hundeeffamanii booda, guyyaa firdiifi furii ilaalchisee obboloonni haasaa sabaa dhiheessuu dandaʼan akka dhiheessaniif gara gumiiwwaniitti ni ergamu turan. Xumura haasichaarratti, torban ittaanutti haasaa sabaa kan dhiheessu eenyu akka taʼeefi matadureensaa maal akka jedhu beeksisni ni himama ture.

9. Haasaan Sabaa waggoota hedduu darbanitti kan jijjiirame akkamitti? Walgaʼii kana deggeruu kan dandeessanoo akkamitti?

9 Bara 1945⁠tti, Masaraan Eegumsaa duulli Haasaa Sabaa, haasaa Macaafa Qulqulluu kutaa saddeet qabuun dhihaatuufi waaʼee “rakkoowwan yerichaa” ibsu addunyaa maratti akka geggeeffamu addeessee ture. Waggoota kurnan hedduudhaaf, obboloonni haasaa sabaa akka dhiheessaniif ramadaman, haasaa hojjetaa amanamaan qopheesse qofa utuu hin taʼin, haasaa ofiisaaniitii qopheessanis ni dhiheessu turan. Bara 1981⁠tti garuu, obboloonni haasaa dhiheessan hundi, toorii gumiiwwaniif ergamerratti hundaaʼanii akka dhiheessan jajjabeeffaman. b Hamma bara 1990⁠tti, haasaawwan dhihaatan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu ykn hojiin argisiisa qabu turan; bara sanaa eegalee garuu qajeelfamni kan kenname siʼa taʼu, haasaan sabaa haasaadhaan qofa dhihaachuu eegale. Amajjii 2008⁠ttimmoo haasaan sabaa daqiiqaa 45f dhihaachaa ture daqiiqaa 30f akka dhihaatu godhame. Akkaataa haasaan sabaa itti dhihaaturratti sirreeffamni tokko tokko yoo godhameyyuu, haasaawwan sabaa qophii gaariin irratti godhamee dhihaatan, amantii Macaafa Qulqulluurratti qabnu nuuf cimsuufi bifa addaddaa Mootummaan Waaqayyoo qabu hubachuuf nu gargaaruusaanii itti fufaniiru. (1 Xim. 4:13, 16) Namoonni deddeebii gaaffii isaaniif gootaniifi namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane, haasaawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan kana akka dhaggeeffatan ni afeertuu?

10-12. (a) Qayyabannaan Masaraa Eegumsaa akkamitti geggeeffamaa akka ture ibsi. (b) Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuun keenya gaariidha?

10 Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa. Bara 1922⁠tti, obboloonni piilgiriimota taʼan, jechuunis obboloonni Waach Taawor Soosaayitiin haasaa sabaa akka dhiheessaniifi hojii lallabaa olaantummaadhaan akka geggeessaniif ramade, qayyabannaa Masaraa Eegumsaa akka geggeessan yaadni isaaniif kennamee ture. Yaada isaaniif kenname kanarratti hundaaʼuudhaan torban gidduutti ykn gaafa Dilbataa Masaraa Eegumsaa ni qayyabatu turan.

Qayyabannaa Masaaraa Eegumsaa Gaanaa, bara 1931

11 Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 15, 1932, walgaʼiin kun akkamitti geggeeffamuu akka qabu qajeelfama kennee ture. Matadureen kun, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa Betʼel keessatti geggeeffamu akka fakkeenyaatti caqasuudhaan, walgaʼii kana obboleessi tokko geggeessuu akka qabu caqaseera. Obboloonni sadii teessuma fuulduraarra taaʼanii dabaree dabareedhaan keeyyata dubbisu turan. Matadureewwan yeroo sana baʼaa turan gaaffii qophaaʼe waan hin qabneef, obboleessi qayyabannaa sana geggeessu, dhaggeeffattoonni gaaffii mataasaanii akka gaafatan godha. Achiis, gaaffiiwwan kaʼan sana isaanumti akka deebisan godha. Ibsi dabalataa yoo barbaachise, obboleessi qayyabannaa sana geggeessu ibsa “gabaabaafi ifa taʼe” kenna.

12 Jalqabarratti, gumiin hundi barruu qayyabachuu barbaadan akka filatan ni heyyamamaaf ture. Haataʼu malee, Masaraan Eegumsaa Ebla 15, 1933, gumiiwwan hundi barruu jiʼa sanaaf qophaaʼe qayyabachuu akka qaban ibse. Bara 1937⁠tti, Masaraan Eegumsaa gaafa Dilbataa akka qayyabatamu qajeelfamni ni kenname. Sirreeffamni dabalataa godhamee akkaataa amma qayyabachaa jirrutti akka qayyabatamu kan ibsamemmoo Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 1942⁠rratti ture. Jalqabarratti, Masaraan Eegumsaa kun, gajjallaa mataduree qayyabannaarratti gaaffiin akka baʼuufi matadureen sun gaaffiiwwan kanatti fayyadamuudhaan qayyabatamuu akka qabu ibse. Ittaansuudhaan, qayyabannaan kun saʼaatii tokkoof geggeeffamuu akka qabu ibseera. Obboloonni deebii kennanis keeyyaticharraa kallattiidhaan dubbisuu mannaa “jecha mataasaaniitiin” akka ibsan jajjabeeffamaniiru. Qayyabannaan Masaraa Eegumsaa, karaa hojjetaa amanamaan yeroosaatti nyaata hafuuraa itti dhiheessu keessaa isa guddaadha. (Mat. 24:45) Kanaaf, tokkoon tokkoon keenya, ‘Qayyabannaa Masaraa Eegumsaatiif torban torbaniin nan qophaaʼaa? Hamma naaf dandaʼame deebii kennuuf carraaqqii nan godhaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.

13, 14. Seenaan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii maal fakkaata? Walgaʼii kanaa wajjin haala wal qabateen wanti isin gammachiisu maalidha?

13 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii. Walakkeessa bara 1890⁠nii keessa, kitaabni Miileeniiyaal Daawun jedhamu erga baʼee booda, Barataan Macaafa Qulqulluu Raan jedhamuufi magaalaa Baaltiimoor, Meeriilandi, Yuunaayitid Isteetis keessa jiraachaa ture, Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf walitti qabamaa akka turaniifi maqaansaas “Daawun Sarkilsi” akka jedhamu dubbateera. Jalqabarratti, walgaʼiiwwan kun taʼuuf dhiisuusaanii ilaaluuf mana dhuunfaa keessatti geggeeffamu turan. Fulbaana 1895⁠tti garuu, walgaʼiin kun magaalaawwan Yuunaayitid Isteetis hedduu keessatti geggeeffamaa ture. Kanaaf, Masaraan Eegumsaa jiʼa sana keessa baʼe namoonni dhugaa baratan hundi qayyabannaa kanarratti akka hirmaatan afeereera. Akkasumas obboleessi geggeessu sirriitti dubbisuu kan dandaʼu taʼuu akka qabu ibseera. Obboleessi kun hima tokko erga dubbisee booda yaada akka irratti kennan godha ture. Tokkoon tokkoon hima keeyyata sana keessa jiranii dubbisee erga irratti mariʼatanii booda, caqasoota achirratti argaman dubbisa. Yommuu boqonnicha xumuran, namoonni qayyabannaa sanaarratti argaman hundi barumsa boqonnicharraa argatan gabaabsanii ibsu.

14 Maqaan walgaʼii kanaa siʼa baayʼee jijjiirameera. Yeroo tokko Beriyaan Sarkilsi foor Baayibil Istadii jedhamaa kan ture siʼa taʼu, maqaa namoota Beriyaa jaarraa jalqabaatti Caaffata Qulqullaaʼoo qoraa turanirraa kan fudhatamedha. (HoE. 17:11) Yeroo booda maqaansaa Qayyabannaa Kitaabaa Gumii jedhameera. Ammammoo Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii kan jedhamu siʼa taʼu, gumiin tuuta tuutaan hiramee mana dhuunfaatti walitti qabamuu mannaa, hundisaanii Galma Mootummaatti walitti qabamu. Waggoota kurnan darbaniif, kitaabonniifi birooshuroonni addaddaa, akkasumas matadureewwan Masaraa Eegumsaa tokko tokkollee walgaʼii kanarratti qayyabatamaniiru. Jalqabumaa kaasee namoonni qayyabannaa kanarratti argaman hundi yaada kennuudhaan akka irratti hirmaatan ni jajjabeeffamu turan. Walgaʼiin kun beekumsa Macaafa Qulqulluu keenya akka nuuf guddise hin shakkisiisu. Yeroo hundumaa walgaʼii kanaaf qophaaʼuudhaan hamma dandeettii keessanii hirmaannaa ni gootuu?

15. Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii kan hundeeffame maaliif ture?

15 Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii. Obboleessi keenya Keerii Baarbar, inni bara 1942⁠tti waajjira muummee Biruukiliin, Niiwu Yoorki keessatti tajaajilaa ture, haala yeroo sanaa yaadachuudhaan akkas jedheera: “Guraandhala 16, 1942⁠tti, Wiixata galgala obboloonni dhiiraa miseensota maatii Betʼel taʼan hundi, walgaʼii yeroo booda Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii jedhamerratti hirmaachuuf akka galmeeffaman afeeraman.” Obboleessi keenya Baarbar, yeroo booda miseensa Qaama Olaanaa kan taʼe yommuu taʼu, manni barumsaa kun “karaa guddaa Yihowaan yeroo harʼaa sabasaa itti leenjisu” akka taʼe ibseera. Leenjiin bara 1943 eegalee mana barumsaa kanarratti kennamu, obboloonni hedduun dandeettii barsiisuusaanii akka fooyyeffatan kan gargaare siʼa taʼu, buukleetiin Koorsi in Tiʼookraatiik Ministirii jedhamu yeroo booda gumiiwwan addunyaa maratti argamaniif akka raabsamu godhameera. Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1, 1943, Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii, sabni Waaqayyoo “waaʼee Mootummichaa sirriitti dhugaa baʼuuf akka of leenjisan” gargaaruuf kan qophaaʼe taʼuusaa ibseera.—2 Xim. 2:15.

16, 17. Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii ogummaa barsiisuu qofa namaaf argamsiisa turee? Ibsi.

16 Obboloonni hedduun, jalqabarratti dhaggeeffattoota hedduu fuuldura dhaabatanii dubbachuun itti ulfaatee ture. Obboleessi keenya Kilaayitan Wuudwoorzi, inni abbaansaa bara 1918⁠tti obboleessa keenya Raazarfordiifi obboloota kaanii wajjin hidhamee ture, bara 1943⁠tti yeroo jalqabaatiif mana barumsaa kanarratti hirmaachuu yommuu eegale miira isatti dhagaʼamee ture ibseera. Akkas jedheera: “Haasaa dhiheessuun baayʼee natti ulfaata ture. Arrabnikoo ni xaxama, afaankoo ni goggoga, akkasumas sagaleenkoo siʼa tokko furdatee siʼa tokkommoo qalʼata ture.” Haataʼu malee dandeettiin obboleessa kanaa yeroo booda kan fooyyaʼe siʼa taʼu, haasaawwan hedduus dhiheesseera. Manni barumsaa kun dandeettii barsiisuu qofa utuu hin taʼin, gad of deebisuufi Yihowaatti amanamuun barbaachisaa akka taʼe isa hubachiiseera. Obboleessi keenya Kilaayitan itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Namni haasaa dhiheessu jiraachuunsaa qofti gaʼaa akka hin taane hubadheera. Kanaa mannaa, sirriitti yoo qophaaʼeefi Yihowaatti yoo amaname, haasaa namatti toluufi barumsa irraa argatan dhiheessuu dandaʼa.”

17 Bara 1959⁠tti, obboleettonnis mana barumsaa kanarratti akka hirmaatan afeeraman. Obboleettiin Idnaa Baayuwaar jedhamtu, yeroo beeksisni walgaʼii isheen irratti hirmaatte tokkorratti itti himame yaadachuudhaan akkas jetteetti: “Obboleettonni hundi hammam akka gammadan nan yaadadha. Amma carraan obboleettonni qaban balʼateera.” Waggoota kana keessatti obboloonniifi obboleettonni hedduun, carraa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti hirmaachuufi Yihowaa irraa barachuuf argatanitti fayyadamaniiru. Yeroo ammaattis leenjii akkasii walgaʼii torban gidduutti godhamurraa argachuu keenya itti fufna.—Isaayaas 54:13 dubbisi.

18, 19. (a) Yeroo ammaatti qajeelfamni Tajaajila keenya raawwachuuf nu gargaaru kan nuu kennamu akkamitti? (b) Walgaʼiirratti kan faarfannu maaliifi? (Saanduqa “Dhugaadhaaf Faarfachuu” jedhu ilaali.)

18 Walgaʼii Tajaajilaa. Jalqaba bara 1919⁠tti, tajaajila dirree gurmeessuuf walgaʼiin addaddaa ni godhama ture. Walgaʼii kanarratti kan argaman namoota gumii keessatti argaman hunda utuu hin taʼin, obboloota barreeffamoota raabsuurratti hirmaatan qofa ture. Bara 1923 keessa, Walgaʼiin Tajaajilaa jiʼatti siʼa tokko geggeeffamaa kan ture siʼa taʼu, obboloonni gumii keessa jiran hundi irratti argamu turan. Bara 1928⁠tti, gumiiwwan hundi Walgaʼii Tajaajilaa torban torbaniin akka godhatan kan jajjabeeffaman siʼa taʼu, bara 1935⁠ttimmoo, Masaraan Eegumsaa gumiiwwan Walgaʼii Tajaajilaa godhatan hundi qajeelfama barreeffama Daayireektara (yeroo booda Infoormaant jedhamee ture; achii boodammoo Tajaajila Mootummaa jedhama ture) jedhamurratti baʼu akka hordofan itti himame. Walgaʼiin kun, yeroo dhihoodhaa asitti sagantaa dhaabbataa gumii hunda fayyadu taʼeera.

19 Yeroo harʼaa walgaʼii torban gidduutti godhannurraa qajeelfama hojii lallabaa keenya raawwachuuf nu gargaaru arganna. (Mat. 10:5-13) Barreeffama qoʼannaa walgaʼii fudhachuu jalqabdeetta yoo taʼe, barreeffamicha qayyabachuudhaan yaadawwan achirratti caqasaman tajaajilarratti itti fayyadamuuf carraaqqii ni gootaa?

Walgaʼii Baayʼee Barbaachisaa Taʼeefi Waggaatti Geggeeffamu

Kiristiyaanonni Dh.K.B. jaarraa jalqabaatii kaasee, Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus kabajuuf waggaa waggaadhaan walitti qabamaa turaniiru (Keeyyata 20 ilaali)

20-22. (a) Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus kan kabajnu maaliifi? (b) Ayyaana Yaadannoorratti waggaa waggaadhaan argamuun keessan faayidaa akkamii isiniif argamsiisa?

20 Yesus hamma inni deebiʼee dhufutti yaadannoo duʼasaa akka kabajan duuka buutotasaa ajajeera. Akkuma Ayyaana Faasikaa, Ayyaanni Yaadannoo duʼa Yesusis waggaatti siʼa tokko kabajama. (1 Qor. 11:23-26) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman waggaa waggaadhaan ayyaana kanarratti ni argamu. Ayyaanni kun dibamtoonni mirga Mootummaa Waaqayyoo akka dhaalaniif isaaniif kenname isaan yaadachiisa. (Rom. 8:17) Hoolonni kan biraanimmoo, carraa Mootii Mootummaa Waaqayyootiif kabaja guddaa itti kennan akka argatan godha.—Yoh. 10:16.

21 Obboleessi keenya Raasiliifi hiriyoonnisaa, Ayyaana Irbaata Gooftaa kabajuun barbaachisaa akka taʼeefi ayyaanni kunimmoo waggaatti siʼa tokko kabajamuu akka qabu hubatanii turan. Masaraan Eegumsaa Ebla 1880 akkas jedheera: “Obboloota as magaalaa Piitisbargitti argamnu keessaa baayʼeen keenya waggoota hedduudhaaf . . . Faasikaa [Ayyaana Yaadannoo] kabajaa, maxinoofi wayinii fooniifi dhiiga Gooftaa keenyaa argisiisu nyaachaa, akkasumas dhugaa turreerra.” Achiis Ayyaana Yaadannoo ilaalchisee walgaʼiiwwan gurguddaan geggeeffamaniiru. Lakkoofsi namoota walgaʼiiwwan akkasiirratti argamanii yeroo jalqabaatiif kan galmeeffame bara 1889⁠tti ture; yeroo kanatti namoonni 225 kan argaman siʼa taʼu, 22 cuuphamaniiru.

22 Yeroo harʼaa, Ayyaana Yaadannoo akka walgaʼiiwwan gurguddaatti kan hin ilaalle taʼus, hawaasa akkamii keessayyuu yoo jiraanne, namoonni Galma Mootummaatti ykn bakka kireeffannetti argamuudhaan ayyaana kana nu faana akka kabajan ni afeerra. Bara 2013⁠tti, namoonni miliyoona 19 ol taʼan Ayyaana Yaadannoorratti argamaniiru. Ayyaana kanarratti argamuu qofa utuu hin taʼin, namoonni kaan guyyaa adda taʼe kanatti nu faana ayyaanicharratti akka argaman afeeruufis mirga guddaa arganneerra! Waggaa waggaadhaan namoonni Ayyaana Yaadannoo kanarratti akka argamaniif hamma isiniif dandaʼame ni afeertuu?

Ilaalchi Nuti Qabnu Maal Argisiisa?

23. Walitti qabamuu keenya ilaalchisee maaltu isinitti dhagaʼama?

23 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan, qajeelfama akka walitti qabamaniif isaaniif kenname akka baʼaatti hin ilaalan. (Ibr. 10:24, 25; 1 Yoh. 5:3) Fakkeenyaaf Daawit Mootichi, waaqeffannaadhaaf jecha mana Yihowaa deemuu ni jaallata ture. (Far. 27:4) Keessumaa namoota Waaqayyoon jaallatanii wajjin bakka kanatti argamuun isatti tola ture. (Far. 35:18) Mee fakkeenya Yesusirrattis yaadaa! Yommuu ijoollee turettillee, mana waaqeffannaa Abbaasaa dhaquuf fedhii guddaa qaba ture.—Luq. 2:41-49.

Walgaʼiirratti argamuuf fedhii qabaachuun keenya Mootummaan Waaqayyoo hammam akka nuuf dhugoome kan argisiisudha

24. Walgaʼiirratti yommuu argamnu, carraawwan akkamii arganna?

24 Walgaʼiirratti ennaa hirmaannu, Yihowaa akka jaallannu, akkasumas obboloota keenya jajjabeessuufi Mootummaa Waaqayyootiif bitamuu kan qabnu akkamitti akka taʼe baruuf fedhii guddaa akka qabnu argisiisna. Barumsa akkasii kan argannummoo, walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan aanaafi walgaʼiiwwan naannoorrattidha. Akkasumas, walgaʼiiwwan keenya dandeettiifi jabina hojii Mootummaan Waaqayyoo yeroo harʼaatti hojjechaa jirurratti, jechuunis namoonni bartoota Yesus Kiristos akka taʼan gochuufi isaan leenjisuurratti hirmaachuuf nu dandeessisu nuuf kennu. (Maatewos 28:19, 20 dubbisi.) Wal faana walgaʼiirratti argamuuf fedhii guddaa qabaachuun keenya Mootummaan Waaqayyoo hammam akka nuuf dhugoome akka argisiisu hin shakkisiisu. Yeroo hundumaa walgaʼii keenyaaf bakka guddaa haa kenninu!

a Walgaʼiiwwan gumii malees, obboloonni hundi qayyabannaa dhuunfaa ykn waaqeffannaa maatii akka godhatan ni jajjabeeffamu.

b Hanga bara 2013⁠tti, tooriiwwan haasaa sabaa 180 ol taʼan qophaaʼaniiru.