Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 17

Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisuu

Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisuu

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Manneen barnootaa tiʼookraasii tajaajiltoonni Mootummichaa itti gaafatamummaasaanii akka raawwatan akkamitti akka isaan qopheessan ilaalla

1-3. Yesus hojii lallabaa kan babalʼise akkamitti? Kunoo gaaffiiwwan akkamii kaasa?

 YESUS gara waggaa lamaatiif guutummaa biyya Galiilaatti lallabeera. (Maatewos 9:35-38 dubbisi.) Magaalotaafi mandaroota hedduu, akkasumas manneen sagadaa keessatti misiraachoo Mootummichaa lallabeera. Bakka inni lallabe hundatti namoonni hedduun isa dhaggeeffachuuf isa duukaa buʼaniiru. Kanaan kan kaʼes Yesus, ‘midhaan sassaabamu baayʼee, hojjettoonni garuu’ muraasa akka taʼan dubbateera.

2 Yesus hojiin lallabaa balʼinaan akka geggeeffamuuf qophii godhee ture. Akkamitti? Ergamoonnisaa 12n ‘Mootummaa Waaqayyoo akka labsaniif’ isaan erguudhaan ture. (Luq. 9:1, 2) Ergamoonnisaa hojii kana akkamitti akka raawwatan gaaffii isaanitti taʼuu hin oolu. Tajaajilaaf isaan erguusaa dura jaalalaan kakaʼee wanta Abbaansaa inni samii kenneefii ture, jechuunis leenjii isaaniif kenneera.

3 Kanaa wajjin haala wal qabateen gaaffiiwwan armaan gadii ni kaʼu: Yesus Abbaasaarraa leenjii akkamii argatee ture? Yesus ergamootasaatiif leenjii akkamii kenne? Yeroo harʼaattoo Masiihii inni Mootii taʼe duuka buutonnisaa tajaajilasaanii akka raawwataniif isaan leenjisaa jiraa? Taanaan akkamitti?

‘Isa Abbaan Na Barsiisen Dubbadha’

4. Yesus Abbaasaarraa kan barate yoomiifi eessatti?

4 Yesus Abbaasaarraa akka barate ifatti dubbateera. Lafarratti tajaajilaa yeroo turetti, ‘Isa abbaan na barsiisen dubbadha’ jedheera. (Yoh. 8:28) Yesus kan barate yoomiifi eessattidha? Leenjii argachuu kan eegale tokkicha Ilma Waaqayyoo taʼee erga uumamee utuu baayʼee hin turin taʼuu hin oolu. (Qol. 1:15) Abbaasaa isa “Barsiisaa” Guddicha taʼeefi samiirra jiruu wajjin waggoota hammana hin jedhamneef yommuu turetti, isa dhaggeeffachaafi wanta inni godhu ilaalaa ture. (Isa. 30:20) Kanaaf, Ilmi amala, hojiifi kaayyoo Abbaasaa ilaalchisee beekumsa guddaa argateera.

5. Tajaajila inni lafarratti raawwatu ilaalchisee Abbaan Ilmasaatiif qajeelfama akkamii kenne?

5 Yommuu yeroonsaa gaʼuttimmoo Yihowaan tajaajila Ilmisaa gara fuulduraatti lafarratti raawwatu ilaalchisee isa barsiiseera. Raajii walitti dhufeenya Barsiisaa Guddichaafi tokkicha Ilmasaa gidduu ture ibsu tokko mee haa ilaallu. (Isaayaas 50:4, 5 dubbisi.) Raajiin kun Yihowaan ‘ganama ganama’ Ilmasaa akka ‘dammaqsu’ dubbata. Yaadni fakkeenyaan ibsame kun barsiisaa barataasaa barsiisuuf ganama bariidhaan isa kaasu kan nu yaadachiisudha. Kitaabni Macaafa Qulqulluurratti ibsa kennu tokko, ‘Akka fakkeenyaatti Yihowaan tajaajilaasaa mana barumsaatti geessuudhaan wanta inni lallabuufi akkamitti akka lallabu isa barsiiseera’ jechuudhaan addeesseera. Yihowaan “mana barumsaa” samiirra jiru sana keessatti ‘wanta Ilmisaa dubbatu’ isa barsiiseera. (Yoh. 12:49) Kana malees Abbaan, Ilmisaa akkamitti barsiisuu akka qabu qajeelfama isaaf kenneera. a Yesus leenjii argate kana yommuu lafarra turetti tajaajilasaa raawwachuuf qofa utuu hin taʼin, duuka buutonnisaa tajaajilasaanii raawwachuu akka dandaʼaniif isaan leenjisuufis itti fayyadameera.

6, 7. (a) Yesus bartootasaatiif leenjii akkamii kenne? Kunoo hojii kamiif isaan qopheesse? (b) Yesus duuka buutonnisaa bara keenyatti argaman leenjii akkamii akka argatan mirkaneesseera?

6 Akkuma olitti caqasame Yesus ergamootasaatiif leenjii akkamii kenne? Maatewos boqonnaa 10⁠rraa akka hubannutti tajaajilaa wajjin haala wal qabateen qajeelfama ifa taʼe armaan gadii isaaniif kenneera. Fakkeenyaaf, eessatti akka lallaban (lakkoofsa 5, 6), ergaa akkamii akka lallaban (lakkoofsa 7), Yihowaatti amanamuunsaanii barbaachisaa taʼuusaa (lakkoofsa 9, 10), namoota akkamitti haasofsiisuu akka qaban (lakkoofsa 11-13), namoonni yommuu isaan dhagaʼuu didanitti maal gochuu akka qaban (lakkoofsa 14, 15) akkasumas, yommuu ariʼatamni isaanirra gaʼu maal gochuu akka qaban (lakkoofsa 16-23) isaan leenjiseera. b Leenjiin Yesus ergamootasaatiif kenne, Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti misiraachicha lallabuuf isaan hidhachiiseera.

7 Haalli yeroo harʼaa jiruhoo maal fakkaata? Yesus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe, ‘saba hundumaatti dhugaa akka baʼamuuf, wangeela mootummaa guutummaa biyya lafaatti akka lallabaniif’ duuka buutotasaatiif itti gaafatamummaa guddaa kenneera. (Mat. 24:14) Mootichi hojii baayʼee barbaachisaa taʼe kana akka raawwannuuf nu leenjiseeraa? Eeyyee, akka gaariitti nu leenjiseera! Mootichi samiirra taaʼee duuka buutonnisaa namoota gumiidhaa ala jiraniif akka lallaban, akkasumas leenjii itti gaafatamummaa addaa gumii keessaa qaban raawwachuuf isaan dandeessisu kenneera.

Tajaajiltoonni Waaqayyoo Labsitoota Wangeelaa Akka Taʼan Leenjisuu

8, 9. (a) Kaayyoon Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii inni guddaan maal ture? (b) Walgaʼiin torban gidduutti godhamu tajaajila keessanirratti milkaaʼina akka argattan kan isin gargaare akkamitti?

8 Jaarmiyaan Yihowaa walgaʼiiwwan gurguddaafi kutaa Walgaʼii Tajaajilaa walgaʼii gumiirratti dhihaatuun saba Waaqayyoo leenjisaa tureera. Haataʼu malee, bara 1940⁠nii kaasee obboloonni waajjira muummee keessatti adda durummaadhaan hojjetan, manneen barnootaa addaddaa hundeessuudhaan leenjii kennuuf qophii gochuu jalqaban.

9 Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii. Boqonnaa darberratti akkuma ilaalle manni barumsaa kun bara 1943⁠tti hundeeffame. Kaayyoon mana barumsaa kanaa barattoonni walgaʼiiwwan gumiirratti kutaa gaarii akka dhiheessan leenjisuu qofa turee? Matumaa! Kaayyoon mana barumsichaa inni guddaan, sabni Waaqayyoo dandeettii dubbachuusaaniitti fayyadamuudhaan tajaajilarratti Yihowaa akka jajatan isaan leenjisuu ture. (Far. 150:6) Manni barumsaa kun, obboloonni mana barumsichaarratti hirmaatan hundi tajaajiltoota Mootummichaa buʼa qabeessa taʼan akka taʼan isaan qopheesseera. Amma leenjiin akkanaa kun karaa walgaʼii torban gidduutti godhamuu kennama.

10, 11. Yeroo ammaatti, Mana Barumsaa Giilʼaadirratti kan hirmaatan eenyufaʼi? Kaayyoon mana barumsaa kanaahoo maalidha?

10 Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad. Manni barumsaa kun Wiixata, Guraandhala 1, 1943⁠tti hundeeffame. Manni barumsaa kun kan hundeeffame qajeelchitoonniifi tajaajiltoonni yeroo guutuu misiyoonii taʼuudhaan addunyaa maratti akka tajaajilan leenjisuuf ture. Haataʼu malee, Onkoloolessa 2011 kaasee obboloonni tajaajila yeroo guutuu addaa keessa jiran, jechuunis qajeelchitoonni addaa, daawwattoonni olaanaaniifi haadhotiin manaasaanii, miseensonni maatii Betʼeliifi misiyoononni kanaan dura mana barumsichaa galanii hin baranne qofti akka leenjiʼan godhame.

11 Kaayyoon Mana Barumsaa Giilʼaad maalidha? Obboleessi waggaa hedduudhaaf mana barumsaa kanatti barsiise tokko akkas jechuudhaan deebii kenneera: “Barattoonni Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qoruudhaan amantiisaanii akka cimsatan, akkasumas amala rakkina itti gaafatamummaasaanii yommuu raawwatan isaan mudatu moʼuuf isaan fayyadu akka horatan gargaaruufidha. Kana malees, kaayyoon mana barumsichaa inni buʼuuraa barattoonni hojii wangeelaatiif fedhii guddaa akka qabaatan gargaaruudha.”—Efe. 4:11.

12, 13. Manni Barumsaa Giilʼaad hojii lallabaa addunyaa maratti geggeeffamuuf gumaacha akkamii godheera? Fakkeenya kenni.

12 Manni Barumsaa Giilʼaad hojii lallabaa addunyaa maratti geggeeffamuuf gumaacha akkamii godheera? Bara 1943 kaasee obboloonni 8,500 ol taʼan mana barumsaa kana galanii kan leenjiʼan yommuu taʼu, c misiyoononni Giilʼaaditti leenjiʼan kunis addunyaa maratti biyyoota 170 ol taʼan keessatti ramadamanii tajaajilaniiru. Misiyoononni leenjii argatanitti akka gaariitti kan fayyadaman yommuu taʼu, tajaajilarrattis taʼe obboloota kaan leenjisuurratti fakkeenya gaarii taʼaniiru. Misiyoononni biyya babalʼistoonni Mootummichaa qubaan lakkaaʼaman jiranitti ykn sirumaa hin jirretti hojichi akka babalʼatu godhaniiru.

13 Mee wanta Jaappaanitti taʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Hojiin lallabaa biyya kanatti geggeeffamaa ture yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti guutummaatti dhaabatee ture jechuun ni dandaʼama. Hagayya 1949⁠tti babalʼistoonni Jaappaan keessa turan kudhan hin caalan turan. Haataʼu malee, dhuma waggaa sanaatti misiyoononni Giiliʼaaditti leenjiʼan 13 biyyichatti dammaqinaan lallabuuf deemanii turan. Dabalataanis misiyoononni hedduun biyyicha seenan. Jalqabarratti magaalota gurguddaarratti kan xiyyeeffatan yommuu taʼu, boodas gara magaalota kaanii deemuu eegalan. Misiyoononni kun barattoonnisaaniis taʼe obboloonni kaan qajeelchitoota akka taʼan baayʼee jajjabeessu turan. Hinaaffaan misiyoononni kun argisiisan eebba guddaa argamsiiseera. Yeroo harʼaa Jaappaan keessa labsitoonni Mootummichaa 216,000 ol taʼan kan jiran yommuu taʼu, isaan keessaa garri parsantii 40 qajeelchitootadha! d

14. Manneen barnootaa Tiʼookraasii maal mirkaneessu? (Saanduqa “ Manneen Barnootaa Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisan” jedhuufi fuula 212⁠rratti argamus ilaali.)

14 Manneen barnootaa tiʼookraasii kaan. Manni Barumsaa Qajeelchitootaa, Manni Barumsaa Macaafa Qulqulluu Hiriyoota Gaaʼelaafi Manni Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeentee, warri achitti leenjiʼan karaa hafuuraa akka guddataniifi wangeela labsuurratti hinaaffaadhaan akka hirmaatan isaan gargaareera. e Manneen barnootaa tiʼookraasii kun hundi, Mootiin keenya duuka buutonnisaa tajaajilasaanii akka raawwataniif akka gaariitti isaan qopheessaa akka jiru kan argisiisanidha.—2 Xim. 4:5.

Itti Gaafatamummaa Addaa Isaaniif Kennamu Akka Raawwataniif Obboloota Leenjisuu

15. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban gama kamiin fakkeenya Yesus hordofuu barbaadu?

15 Raajii Isaayaas, isa Yesus Waaqayyorraa akka barate ibsu yaadadhaa. Ilmi kun “mana barumsaa” samiirra jiru sana keessatti ‘warra dadhabanitti dubbii barbaachisu dubbatee akkamitti akka isaan jajjabeessu’ barateera. (Isa. 50:4) Lafarra yommuu turetti namoonni ‘dhamaʼanii dadhabaniifi baʼaan isaanitti ulfaate’ garasaa dhaqanii boqonnaa akka argatan gochuudhaan barumsa samiirratti barate hojiirra oolcheera. (Mat. 11:28-30) Dhiironni itti gaafatamummaan kennameefis fakkeenya Yesus hordofuudhaan obbolootasaaniitiif madda jajjabinaa taʼuu barbaadu. Gama kanaanis obboloonni gaʼumsa qaban warra hidhata amantiisaanii taʼan jajjabeessuudhaan buʼa qabeeyyii akka taʼan gargaaruuf manneen barnootaa addaddaa hundeeffamaniiru.

16, 17. Kaayyoon Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa maalidha? (Miiljalees ilaali.)

16 Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa. Manni barumsaa kun kan eegale Bitootessa 9, 1959, Saawuz Laansiingi, Niiwu Yoorkitti ture. Daawwattoonni olaanaaniifi tajaajiltoonni gumii (yeroo ammaa qindeessaa qaama jaarsolii jedhamu) leenjii jiʼa tokkoof kennamurratti akka hirmaatan afeeramu turan. Yeroo boodas leenjiin mana barumsaa kanatti kennamu Ingiliffarraa gara afaanota kaaniitti kan hiikame yommuu taʼu, suuta suuta obboloota addunyaa maratti argaman leenjisuu jalqabe. f

Obboleessi keenya Looyid Baar, Jaappaanitti Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarratti yommuu barsiisu, bara 1970

17 Kaayyoo Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa ilaalchisee Kitaabni Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1962 (Ingiliffa) akkas jedheera: “Addunyaa namoota hojiidhaan muddamaniin guutame kana keessatti, ilaaltonni olaanaan jaarmiyaa Yihowaa keessa jiran, obboloota gumii keessatti argamaniif xiyyeeffannaa kennuu akka dandaʼaniif jireenyasaanii karaa qindaaʼina qabuun geggeessuu kan dandaʼan taʼuu qabu. Yeroo kanatti garuu gumicha gargaaruuf jecha itti gaafatamummaa maatii keessatti qaban dagachuu hin qaban. Kanaa mannaa, ilaalcha madaalliisaa eege qabaachuu qabu. Tajaajiltoonni gumii (qindeessitoota qaama jaarsolii) gumiiwwan addunyaa maratti argaman keessa jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarratti hirmaachuudhaan wanta ilaaltuun olaanaan tokko raawwachuu qabu ilaalchisee ulaagaa Macaafni Qulqulluun ibsu galmaan gaʼuuf leenjii argachuu dandaʼuunsaanii eebba guddaadha!”—1 Xim. 3:1-7; Tit. 1:5-9.

18. Sabni Waaqayyoo hundi Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarraa kan fayyadaman akkamitti?

18 Sabni Waaqayyoo hundi Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarraa faayidaa argataniiru. Akkamitti? Jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii wanta mana barumsaa kanarratti baratan yommuu hojiirra oolchan, isaanis akkuma Yesus obbolootasaaniitiif madda jajjabinaa taʼu. Jaarsi ykn tajaajilaan gumii tokko garaadhaa nu haasofsiisuunsaa, nu dhaggeeffachuunsaa ykn mana keenya dhufee nu gaafachuunsaa baayʼee nu hin jajjabeessuu? (1 Tas. 5:11) Dhiironni gaʼumsa akkasii qaban gumiisaaniitiif eebba guddaa argamsiisu!

19. Manneen barnootaa Koreen Barumsaa olaantummaadhaan toʼatu kaan kamfaʼi? Manneen barnootaa kunoo kan hundeeffaman maaliifi?

19 Manneen barnootaa tiʼookraasii kaan. Koreen Barumsaa Qaama Olaanaa, manneen barnootaa obboloota jaarmiyicha keessatti itti gaafatamummaa qabaniif leenjii kennan garabiraas adda durummaadhaan ni toʼata. Manneen barnootaa kun kan hundeeffaman, obboloonni itti gaafatamummaa qaban, keessumaa jaarsoliin gumii, daawwattoonni olaanaaniifi miseensonni Koree Waajjira Damee hojii hedduu isaanitti kenname karaa buʼa qabeessa taʼeen raawwachuu akka dandaʼan gargaaruufidha. Leenjiin Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼee kennamu, obboloonni ofiisaaniitiif karaa hafuuraa akka jabaataniifi karra hoolotaa Yihowaan adaraadhaan isaanitti kenne yommuu kunuunsan, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuuf isaan gargaara.—1 Phe. 5:1-3.

Maalaawwiitti Manni Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa yeroo jalqabaatiif yommuu kennamu, bara 2007

20. Yesus, hunda keenya ‘Waaqayyotu barsiise’ jechuudhaan dubbachuu kan dandaʼe maaliifi? Maal gochuuf murteessitaniittu?

20 Masiihii inni Mootii taʼe duuka buutonnisaa leenjii gaarii akka argatan gochaa akka jiru ifadha. Leenjiin kun hundi sadarkaa sadarkaadhaan kan kennamu yommuu taʼu, Yihowaan Ilmasaa leenjise, Ilmisaa immoo duuka buutotasaa leenjise. Kanaaf, Yesus hunda keenya ‘Waaqayyotu barsiise’ jechuunsaa sirriidha. (Yoh. 6:45; Isa. 54:13) Leenjii Mootiin keenya nuu kennurraa faayidaa guutuu argachuuf carraaqqii haa goonu! Akkasumas, kaayyoon leenjii kanaa inni guddaan, karaa hafuuraa jabaachuudhaan tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu akka dandeenyu nu gargaaruu akka taʼe haa yaadannu!

a Akkamitti akka barsiisu ilaalchisee Abbaan Ilma akka barsiise akkamitti beekna? Mee yaada armaan gadiirratti xiinxalaa: Yesus yommuu barsiisaa turetti fakkeenyota hedduutti fayyadamuunsaa, raajiin utuu inni hin dhalatin jaarraa hedduu dura barreeffame raawwiisaa akka argatu godheera. (Far. 78:2; Mat. 13:34, 35) Kanarraa hubachuu akka dandeenyutti, Yihowaa inni madda raajii kanaa taʼe, Ilmisaa fakkeenyatti fayyadamee akka barsiisu beeka ture.—2 Xim. 3:16, 17.

b Yesus jiʼoota muraasa booda ergamootasaa ‘lama lamaan ramadee’ akka lallabaniif ergee ture. Leenjiis isaaniif kenneera.—Luq. 10:1-16.

c Barattoonni tokko tokko Mana Barumsaa Giilʼaadirratti siʼa tokkoo ol hirmaataniiru.

d Misiyoonota Giilʼaaditti leenjiʼuudhaan hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamurratti buʼaa gaarii argamsiisan ilaalchisee odeeffannoo balʼaa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaa—Labsitoota Mootummichaa Taʼan jedhamu boqonnaa 23 ilaali. (Ingiliffa)

e Manni Barumsaa Hiriyoota Gaaʼelaafi Manni Barumsaa Obboloota Qeentee, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaatiin bakka buufamaniiru.

f Yeroo ammaa Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarratti kan hirmaatan jaarsolii gumii hunda siʼa taʼu, dheerinni leenjichaa haalasaarratti kan hundaaʼeefi waggoota murtaaʼan keessatti kan kennamudha. Bara 1984 kaasee, manni barumsaa kun tajaajiltoota gumiitiifis leenjii kennaa jira.