Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 18

Qarshiin Hojii Mootummichaaf Oolu Eessaa Argama?

Qarshiin Hojii Mootummichaaf Oolu Eessaa Argama?

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Sabni Yihowaa hojii Mootummichaa qarshiidhaan kan deggeran maaliifi akkamitti akka taʼe ilaalla

1, 2. (a) Obboleessi keenya Raasil, tajaajilaa hojiin Barattoota Macaafa Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu baruu barbaade tokkoof deebii akkamii kenne? (b) Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

 YEROO tokko, tajaajilaan waldaa amantii Riiformid Charchi jedhamu tokkoo, obboleessa keenya Chaarlis Teez Raasilitti dhihaatee hojiin Barattoonni Macaafa Qulqulluu raawwatan deggersa qarshii kan argate akkamitti akka taʼe isa gaafate.

 Yeroo kanatti obboleessi keenya Raasil, “Irra deemnee qarshii hin sassaabnu” jedhee deebiseef.

 Tajaajilaan sunis, “Qarshii kan argattan akkamittiree?” jedhee isa gaafate.

 Raasilis akkas jedhee isaaf deebise: “Dhugaasaa yoon sitti hime hin amantu. Namoonni gara walgaʼii keenyaa ennaa dhufan, qodaa qarshii itti sassaaban isaan dura hin naannessinu. Baasiin addaddaa akka godhame garuu ni hubatu. Kanaafuu, ‘Galma kanatti baasiin baʼeera . . . Qarshii muraasa buusii gochuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhanii of gaafatu.”

 Tajaajilaan sunis haala amanuun akka isatti ulfaate argisiisuun obboleessa keenya Raasiliin callisee ilaale.

 Obboleessi keenya Raasilis itti fufuudhaan akkas jedheen: “Dhugaasaan sitti himaa jira. Namoonni as dhufan, ‘Buusii gochuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhanii na gaafatu. Namni tokko yommuu qarshii argatu Gooftaadhaaf kennuu barbaada. Namni kun qarshii hin qabu yoo taʼe garuu, buusii akka godhu maaliif isa dirqisiisna?” a

2 Dhugumayyuu obboleessi keenya Raasil ‘dhugaasaa’ itti himaa ture. Sabni Yihowaa waaqeffannaa dhugaa deggeruuf fedhiidhaan buusii gochuurratti muuxannoo yeroo dheeraa qabu. Boqonnaa kana keessatti, buusii gochuu ilaalchisee fakkeenyota Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamanis taʼe bara keenyatti argaman muraasa ilaalla. Yeroo harʼaatti hojiin Mootummichaa deggersa qarshii argachaa kan jiru akkamitti akka taʼe yommuu ilaallu, hundi keenya, ‘Anoo gama kanaan Mootummicha deggeruu kanan dandaʼu akkamitti?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.

‘Namni Kennuudhaaf Garaasaa Guutuu Jaallatu Hundinuu Waaqayyoof Kennaa Haa Dhiʼeessu’

3, 4. (a) Yihowaan waaqeffattootasaarratti amanannaa akkamii qaba? (b) Sabni Israaʼel ijaarsa godoo qulqullaaʼaatiif deggersa akkamii godhan?

3 Yihowaan namoota isa waaqeffatanirratti amanannaa guddaa qaba. Carraa yoo argatan, fedhasaaniitiin kakaʼanii buusii gochuudhaan jaalala isaaf qaban akka argisiisan beeka. Seenaa saba Israaʼel keessaa mee fakkeenya lama haa ilaallu.

4 Yihowaan saba Israaʼeliin biyya Gibxii keessaa erga baasee booda, dunkaana ykn godoo keessatti isa waaqeffatan akka ijaaran isaan ajajee ture. Manicha ijaaruufis taʼe meeshaalee achi keessatti barbaachisan guutuuf wantoonni barbaachisan jiru. Yihowaan, sabni sun fedhasaaniitiin deggersa barbaachisaa taʼe gochuu akka dandaʼan akka isaan yaadachiisu akkas jechuudhaan Museetti hime: “Namni kennuudhaaf garaa isaa guutuu jaallatu hundinuu Waaqayyoof kennaa . . . haa dhiʼeessu.” (Bau. 35:5) Sabni ajajni kun isaaniif kennamuusaa yeroo muraasa dura, hojii garbummaa hojjechuudhaan ‘jireenyi itti hadhaaʼee’ ture yeroo kanatti maal godhan? (Bau. 1:14) Fedhaan kakaʼanii warqee, meetiifi qabeenya gati jabeessa tarii namoota Gibxii duraan isaan bulchaa turanirraa fudhatan buusii gochuudhaan deggersa barbaachisaa taʼe godhaniiru. (Bau. 12:35, 36) Sabni Israaʼel hamma barbaachisu caalaa waan kennaniif, sana booda waan tokkoyyuu ‘akka hin fidne ni ittifaman.’—Bau. 36:4-7.

5. Sabni Israaʼel Daawit ijaarsa mana qulqullummaatiif buusii gochuu akka dandaʼan yommuu isaanitti hime maal godhan?

5 Gara waggaa 475 boodammoo, Daawit mana qulqullummaa isa yeroo sanatti giddu galeessa waaqeffannaa dhugaa taʼee tajaajilaa ture ijaaruuf, ‘qabeenya dhuunfaasaatii’ keessaa kennuudhaan deggersa barbaachisaa taʼe godheera. Achiis, “Amma egaa eenyutu fedha isaatiin of kennee mana qulqullummaa isa Waaqayyoof ijaaramu kanaaf kennaa dhiʼeessa ree?” jechuudhaan sabicha gaafate. Sabichis, “fedha isaaniitiin kennaa in dhiʼeessan.” (1 Sen. 29:3-9) Daawit, maddi qabeenya buusii godhame sanaa eenyu akka taʼe waan hubateef kadhannaa Yihowaadhaaf dhiheesserratti, “Wanti hundinuu si biraa nuuf dhufa, waanuma si harkaa fudhanne keessaa siif kennine” jedheera.—1 Sen. 29:14.

6. Yeroo harʼaatti hojii Mootummichaa hojjechuuf qarshiin barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Gaaffii akkamiitu kaʼa?

6 Museenis taʼe Daawit, sabni Yihowaa buusii akka godhan hin dirqisiisne. Kanaa mannaa, fedhasaaniitiin kakaʼanii buusii godhaniiru. Yeroo harʼaahoo haala akkamiitu jira? Hojii Mootummaa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen hojjetamu hundaaf qarshiin akka barbaachisu beekna. Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan maxxansuufis taʼe raabsuuf, bakka walgaʼiin itti geggeeffamus taʼe waajjira damee ijaaruufi suphuuf, akkasumas yeroo balaan gaʼutti obboloota balaa sanaan miidhaman gargaaruuf qarshiin barbaachisaadha. Kanaaf, gaaffii barbaachisaa taʼeefi akkas jedhu kaasuun keenya gaariidha: ‘Qarshiin hojii kanaaf barbaachisu eessaa argama? Duuka buutonni Mootichaa buusii akka godhan dirqisiifamuu qabuu?’

“Namootarraa Matumaa Gargaarsa Hin Gaafatu Yookiin Hin Kadhatu”

7, 8. Sabni Yihowaa namoota kaanirraa gargaarsa qarshii kan hin gaafanne ykn kan hin kadhanne maaliifi?

7 Obboleessi keenya Raasiliifi hiriyoonnisaa, fakkeenya dhaabbilee amantii Saba Kiristiyaanaa hordofuudhaan qarshii argachuu hin barbaanne. Masaraa Eegumsaa maxxansa lammaffaa, mataduree, “Masaraa Eegumsaa Xiyoon Ni Barbaadduu?” jedhu qabu jalatti, obboleessi keenya Raasil akkas jedhee ture: “Masaraa Eegumsaa Xiyooniif deggersa kan godhu YIHOWAA akka taʼe ni amanna; kanaaf barruun kun namootarraa matumaa gargaarsa hin gaafatu yookiin hin kadhatu. Waaqni inni, ‘Meetichi kan koo ti, warqichis kan koo ti’ jechuudhaan dubbate hojii kanaaf gargaarsa gochuu yoo dadhabe, yeroo sana barreeffama kana maxxansuu ni dhiisna.” (Hag. 2:7-9) Waggoota 130 ol booda, Masaraan Eegumsaas taʼe jaarmiyaan barruu kana maxxansu ammayyuu hojiisaa itti fufeera!

8 Sabni Yihowaa qarshii argachuuf hin kadhatan. Meeshaa buusii itti godhan gumii keessa hin naannessan, akkasumas namoonni buusii akka godhan xalayaa barreessuudhaan hin gaafatan. Qarshii argachuuf jechas caalbaasii, baazaarii addaddaafi qophiiwwan kana fakkaatan hin qopheessan. Yaada Masaraan Eegumsaa waggaa hedduu dura akkas jechuudhaan dubbate hordofu: “Barsiifata waldaa kaanitti baramaa taʼe hordofuudhaan hojii Gooftaatiif qarshii walitti qabuun sirrii nutti hin fakkaatu . . . Malawwan qarshii kadhachuuf gargaaran addaddaatti fayyadamuudhaan maqaa gooftaatiin qarshii funaanuun, jibbisiisaa, Gooftaa duratti fudhatama kan hin qabneefi warra kennaniifis taʼe hojii hojjetamu sanarratti eebba kan hin argamsiisne taʼuusaa ni amanna.” b

‘Namni Adduma Addaan Akka Garaasaatti Murtoo Godhetti Haa Kennu’

9, 10. Sababiiwwan fedhaan kakaanee buusii itti goonu keessaa inni tokko maalidha?

9 Yeroo harʼaas taanaan, namoonni Mootummichaaf bitamnu buusii akka goonu hin dirqisiifamnu. Kanaa mannaa, fedha keenyaan kakaanee qarshii keenyaanis taʼe qabeenya keenya kaaniin hojii Mootummichaa ni deggerra. Fedhaan kakaanee buusii kan goonu maaliifi? Mee sababiiwwan sadii haa ilaallu.

10 Tokkoffaa, fedhaan kakaanee buusii kan goonu Yihowaa waan jaallannuufi “waan isa gammachiisu” hojjechuu waan barbaannuufidha. (1 Yoh. 3:22) Yihowaan nama jaalalaan kakaʼee kennutti baayʼee gammada. Buusii Kiristiyaanonni godhan ilaalchisee wanta Phaawulos ergamaan jedhe haa ilaallu. (2 Qorontos 9:7 dubbisi.) Kiristiyaanni dhugaan kennuuf fedha kan hin qabne ykn dirqamaan buusii kan godhu miti. Kanaa mannaa, buusii kan godhu kennuuf ‘garaasaa keessatti waan murteesseefidha.’ c Kana jechuun, barbaachisummaansaa erga isaaf galeefi akkamitti buusii gochuu akka dandaʼu erga yaadee boodadha jechuudha. ‘Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf’ namni akkasii Yihowaa duratti jaallatamaadha. Hiikni Macaafa Qulqulluu kan biraan, “Waaqayyo namoota kennuu jaallatan ni jaallata” jedha.

Ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa Moozaambiik keessatti argamanis kennuun isaan gammachiisa

11. Yihowaadhaaf garaa guutuudhaan kennaa kennuuf kan nu kakaasu maalidha?

11 Lammaffaa, buusii qarshii kan goonu, galateeffannaa eebba Yihowaarraa arganneef qabnu argisiisuufidha. Seera buʼuuraa Seera Musee keessatti argamuufi irratti yaaduun barbaachisaa taʼe tokko haa ilaallu. (Keessa Deebii 16:16, 17 dubbisi.) Israaʼeloonni hundi ayyaanota waggaatti siʼa sadii ayyaaneffatanirratti ennaa argaman, ‘akka eebba Waaqayyo isaaniif kenneetti’ kennaa kennuu qabu turan. Kanaaf, ayyaanota kanarratti argamuusaanii dura, namni kamiyyuu eebba Waaqayyo isaaf kennerratti xiinxaluudhaan kennaa akkamii kennuu akka dandaʼu murteessuu qaba ture. Haaluma wal fakkaatuun, eebbawwan Yihowaarraa argannerratti yommuu xiinxallu, wanta kennuu dandeenyu kennuuf kakaana. Qabeenya keenya dabalatee, kennaan garaa guutuudhaan kenninu hundi, karaa eebba Yihowaan nuuf godhe hammam akka dinqisiifannu itti argisiisnudha.—2 Qor. 8:12-15.

12, 13. Buusiin fedhaan kakaanee goonu, Mootii keenya akka jaallannu kan argisiisu akkamitti? Namni tokko hammam kennuu qaba?

12 Sadaffaa, fedhaan kakaanee buusii gochuun keenya Yesus Kiristos isa Mootii keenya taʼe akka jaallannu kan argisiisudha. Akkamitti? Yesus galgala jireenyasaa isa lafarraa xumuruusaa dura turetti, bartootasaatiin maal akka jedhe haa ilaallu. (Yohannis 14:23 dubbisi.) “Eenyu illee yoo na jaallate dubbii koo in raawwata” jedheera. ‘Dubbiin’ Yesus, ajaja inni misiraachoo Mootummichaa hamma andaara lafaatti akka labsinu nuuf kenne kan dabalatudha. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Wanta qabnu hundatti, jechuunis yeroo, humnaafi qabeenya keenyatti fayyadamnee misiraachoo Mootummichaa labsuudhaan ‘dubbiisaa’ kana raawwanna. Mootii keenya isa Masiihii taʼe akka jaallannu kan argisiisnu yoo akkas goonedha.

13 Eeyyee, namoota Mootummaa kanaaf amanamummaadhaan bulan waan taaneef, qabeenya keenya buusii gochuudhaan Mootummaa kana garaa guutuudhaan akka deggerru argisiisuu barbaanna. Haataʼu malee, akkas gochuu kan dandeenyu akkamitti? Kun murtoo mataa keenyaarratti kan hundaaʼedha. Namni hundi akka dandeettiisaatti buusii godha. Haataʼu malee, obboloonni keenya hedduun sooreyyii miti. (Mat. 19:23, 24; Yaq. 2:5) Taʼus, obboloonni kun Yihowaanis taʼe Ilmisaa kennaa xinnoo isaan garaadhaa kakaʼanii kennaniif bakka guddaa akka kennan beekuunsaanii jajjabina isaaniif argamsiisa.—Mar. 12:41-44.

Buusiin Kan Godhamu Akkamitti?

14. Dhugaa Baatonni Yihowaa waggoota hedduudhaaf barreeffamootasaanii haala akkamiitiin raabsaa turan?

14 Dhugaa Baatonni Yihowaa waggoota hedduudhaaf, buusii fedhaan kennamuun barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan raabsaa turaniiru. Kanaan dura, namoota qarshii hedduu hin qabnes xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan buusii hammamii gochuun akka dandaʼamu ni ibsama ture. Haataʼu malee, namni tokko barreeffama keenya dubbisuuf fedhii qabaatee wanta buusii godhu yoo dhabe, labsitoonni Mootummichaa gammachuudhaan barreeffama sana isaaf kennu turan. Fedhiinsaanii inni guddaan namoonni yaada garaa qajeelaa qaban barreeffama sana fudhachuudhaan dubbisanii akka irraa fayyadamanidha.

15, 16. (a) Bara 1990⁠tti Qaamni Olaanaan akkaataa barreeffamoota keenya itti raabsinurratti sirreeffama akkamii godhe? (b) Buusiin kan godhamu akkamitti? (Saanduqa “ Buusiin Godhamu Hojiirra Kan Oolu Akkamitti?” jedhus ilaali.)

15 Bara 1990⁠tti, Qaamni Olaanaan akkaataa barreeffamoota keenya itti raabsinurratti sirreeffama gochuu eegale. Waggaa sanaa kaasee, Yuunaayitid Isteetis keessatti, barreeffamoonni keenya hundi buusii fedhiidhaan kennamuun raabsamuu eegalan. Xalayaan yeroo sanatti gumiiwwan biyyattii keessatti argaman hundaaf ergamee ture akkas jedha: “Barruulees taʼan barreeffamoonni keenya babalʼistootaafi namoota fedhii qabaniif kan kennaman buusii murtaaʼaa taʼe akka kennan utuu hin gaafatin taʼuu qaba. . . . Namni baasii barumsa kana babalʼisuuf baʼe bakka buusuu barbaadu fedhiisaatiin buusii gochuu dandaʼa; haataʼu malee buusii godhanis gochuu baatanis barreeffamoota keenya argachuu qabu.” Qophiin godhame kun amantiin keenyas taʼe hojiin keenya maal akka fakkaatu ifa kan godhe siʼa taʼu, nuti ‘namoota dubbii Waaqayyoo gurguran akka hin taanes’ mirkaneesseera. (2 Qor. 2:17, NW) Yeroo boodas, qophiin buusii ilaalchisee godhame kun waajjiroota damee addunyaa maratti argaman keessattis hojiirra akka oolu godhame.

16 Buusiin kan godhamu akkamitti? Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessa saanduqoonni buusii kaaʼamaniiru. Namni kamiyyuu saanduqoota kanatti fayyadamuudhaan buusii gochuu ykn kallattiidhaan dhaabbata Dhugaa Baatonni Yihowaa itti fayyadamaniif eguu dandaʼa. Masaraan Eegumsaa waggaa waggaadhaan mataduree akkamitti buusii gochuun akka dandaʼamu ibsu qabatee baʼa.

Buusiin Argamu Hojiirra Kan Oolu Akkamitti?

17-19. Buusiin godhamu (a) hojii addunyaa maraatiif, (b) ijaarsa Galma Mootummaa addunyaa maraatiif, akkasumas (c) baasiiwwan gumiitiif kan oolu akkamitti akka taʼe ibsi.

17 Hojii addunyaa maraa. Buusiin argamu hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamuu wajjin haala wal qabateen baasii godhamu deggeruuf hojiirra oola. Qarshiin argamu barreeffamoota maxxansuudhaan addunyaa maratti raabsuuf, waajjiroota damee ijaaruufi suphuuf, akkasumas manneen barnootaa tiʼookraasii addaddaa hundeessuuf oola. Dabalataanis, wantoota misiyoonota, daawwattoota olaanaafi qajeelchitoota addaatiif barbaachisan guutuuf ni gargaara. Akkasumas, buusiin godhamu, obboloota keenyarra balaan tasaa ennaa gaʼu gargaarsa gochuuf ni oola. d

18 Ijaarsa Galma Mootummaa addunyaa maraa. Buusiin argamu gumiiwwan Galma Mootummaa ittiin ijaarrachuuf ykn haareffachuuf akka itti fayyadaman godhama. Gumiiwwan keessatti buusiin kan godhamu taʼus, gargaarsi garabiraas godhamuu dandaʼa. e

19 Baasiiwwan gumii. Buusiin gumii keessatti godhamu, wantoota gumii sanaaf barbaachisan guutuufi Galma Mootummaa ittiin haaressuuf oola. Akkasumas, jaarsoliin gumii, buusii godhamu keessaa muraasni hojii addunyaa maratti hojjetamuuf akka oolu gara waajjira dameetti akka ergamu murteesuu dandaʼu. Haalawwan akkasii keessatti, jaarsoliin gumii murtoo godhan kana gumichaaf beeksisu. Gumichi erga irratti walii galee booda qarshiin sun gara waajjira dameetti ergama. Obboleessi tajaajilaa herrega gumii taʼee tajaajilu, jiʼa jiʼaan gabaasa herregaa qopheessee gumiidhaaf akka dubbifamu godha.

20. Qabeenya’ keessaniin Yihowaadhaaf ulfina kennuu kan dandeessan akkamitti?

20 Hojii lallabaafi duuka buutota gochuu addunyaa maratti raawwatamaa jiru geggeessuuf wantoota godhamaa jiran yommuu ilaallu, ‘qabeenya keenyaan Waaqayyoof ulfina kennuuf’ kakaana. (Fak. 3:9, 10) Qabeenyi keenya karaa qaamaa, sammuufi hafuuraa wanta nuti qabnu hunda kan dabalatudha. Wantoota kana hundatti fayyadamuudhaan hojii Mootummichaa raawwachuu barbaanna. Qabeenyi keenya qarshiifi wantoota kana fakkaatanis kan dabalatudha. Kanaaf yeroo dandeenyutti wanta dandeenyu gochuuf haa murteessinu. Buusiin fedhaan kakaanee goonu, Yihowaadhaaf ulfina kan fidu taʼuusaarrayyuu Mootummaa Masihiichaa deggeraa akka jirru kan argisiisudha.

a Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 1915, fuula 218-219. (Ingiliffa)

b Masaraa Eegumsaa, Hagayya 1, 1899, fuula 201. (Ingiliffa)

c Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko, jechi afaan Giriikii asirratti “murteessuu” jedhamee hiikame “dursanii murteessuu yaada jedhu of keessaa qaba” jechuudhaan dubbataniiru. Itti dabaluudhaan, “Kennuun gammachuu guddaa kan namaaf argamsiisu yoo taʼellee, buusii gochuuf karoora baafachuufi malaan gochuun barbaachisaadha” jedhaniiru.—1 Qor. 16:2.

d Gargaarsa yeroo balaan uumamaa gaʼutti godhamu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Boqonnaa 20⁠ffaa ilaali.

e Ijaarsa Galma Mootummaa ilaalchisee odeeffannoo balʼaa argachuuf Boqonnaa 19⁠ffaa ilaali.