Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 21

Mootummaan Waaqayyoo Diinotasaa Ni Balleessa

Mootummaan Waaqayyoo Diinotasaa Ni Balleessa

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Waaʼee wantoota hamma waraana Armaagedoonitti raawwiisaanii argatanii ilaalla

1, 2. (a) Ragaan Mootiin keenya bara 1914⁠tti bulchuu akka jalqabe argisiisu kamidha? (b) Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

 WANTOOTA Mootummaan Waaqayyoo diinotasaa gidduutti raawwate irra deebinee ilaaluun keenya amantii keenya nuuf cimsa. (Far. 110:2) Mootiin keenya raayyaa namootaa fedhiidhaan kakaʼanii lallaban gurmeesseera. Karaa hafuuraafi karaa amalaatiin duuka buutotasaa qulleesseera. Diinonni Mootummichaa garaagarummaa nu gidduutti uumuuf carraaqqii guddaa godhanillee, yeroo harʼaa addunyaa maratti tokkummaa qabaachuu dandeenyeerra. Wantoonni kuniifi wantoonni kan biraan Mootummaan Waaqayyoo raawwateefi kitaaba kana keessatti ilaalle, Mootichi bara 1914 kaasee diinotasaa gidduutti bulchaa akka jiru kan mirkaneessanidha.

2 Dhiheenyattimmoo Mootummichi wanta dinqisiisaa kana caalu raawwata. Mootummaan kun diinotasaa ‘caccabsee hurreessuuf’ ‘dhufa.’ (Mat. 6:10; Dan. 2:44) Haataʼu malee kun taʼuusaa dura wantoonni gurguddaan raawwatamuu qaban jiru. Wantoonni kun maalfaʼi? Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran hedduun gaaffii kanaaf deebii ni kennu. Raajiiwwan wantoota gara fuulduraatti raawwataman ibsan keessaa muraasasaanii haa ilaallu.

Wantoota ‘Badiisni Itti Hin Yaadamin Dhufuusaa’ Dura Raawwataman

3. Wantoota gara fuulduraatti raawwataman keessaa inni jalqaba raawwatamu kamidha?

3 Nagaa labsuu. Phaawulos ergamaan xalayaa warra Tasaloniiqeetiif barreesserratti wanta gara fuulduraatti taʼu keessaa isa jalqabaa ibseera. (1 Tasaloniiqee 5:2, 3 dubbisi.) “Guyyaan gooftaa” Phaawulos xalayicharratti caqase tarkaanfii ‘Baabilon Guddittiirratti’ fudhatamuun kan jalqabudha. (Mul. 17:5) Haataʼu malee, guyyaan Yihowaa jalqabuusaa dura mootummoonni “Nagaa dha, gabii dhas” jechuudhaan labsu. Yaanni kun labsii yeroo tokko qofa ykn labsii xiyyeeffannaa harkisuufi walitti aansuudhaan dhihaatu kan argisiisuu taʼuu dandaʼa. Geggeessitoonni amantii labsii kanarratti ni hirmaatuu laata? Kutaa biyya lafaa hamma taʼanitti isaanis mootummootaa wajjin taʼuudhaan “Nagaa dha, gabii dhas” jedhanii labsuu dandaʼu. (Er. 6:14; 23:16, 17; Mul. 17:1, 2) Labsiin nagaa ilaalchisee darbu kun guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa kan argisiisudha. Diinonni Mootummaa Waaqayyoo badiisa gaʼu ‘kana jalaa baʼuu hin’ dandaʼan.

4. Raajii Phaawulos nagaafi gabii ilaalchisee barreesse hubachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

4 Hiika raajii kanaa beekuun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa? Phaawulos, “Isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra gaʼuu hin dandaʼu” jechuudhaan barreesseera. (1 Tas. 5:3, 4) Haala namoota kaanirraa adda taʼeen wantoonni yeroo harʼaatti raawwatamaa jiran garamitti akka geessan hubachuu ni dandeenya. Raajiin waaʼee nagaafi gabii dubbatu raawwiisaa kan argatu akkamitti? Dhimma kana yeroonsaa yommuu gaʼu argina. Kanaaf ‘dammaquufi of qabnee’ jiraachuuf haa murteessinu.—1 Tas. 5:6; Sef. 3:8.

Rakkinni Guddaan Ni Jalqaba

5. Jalqaba ‘rakkina guddaarratti’ maaltu raawwatama?

5 Miidhaa amantiiwwanirra gaʼu. Phaawulos, “‘Nagaa dha, gabii dhas’ utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin . . . isaan irra in gaʼa” jechuudhaan barreessuusaa qalbeeffadhaa! Akkuma balaqqeessi bakakkaa mulʼatee yeruma sana sagaleensaa dhagaʼamu, “Nagaa dha, gabii dhas” akkuma jedhameen “badiisni itti hin yaadamin” ni dhufa. Badiisni kun eenyurra gaʼa? Jalqaba, “Baabilon guddittii” ishee bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraafi ‘ejjituu’ jedhamtetu bada. (Mul. 17:5, 6, 15) Sabni Kiristiyaanaafi dhaabbanni amantii sobaa hundi yeroo balleeffamanitti kutaa jalqabaa ‘rakkina guddaatu’ eegala. (Mat. 24:21; 2 Tas. 2:8) Haalli kun namoonni hedduun utuu itti hin yaadin kan raawwatamu taʼa. Maaliif? Hamma yeroo sanaatti ejjituttiin, “mootuu” ‘gaddi matumaa isheerra hin geenye’ akka taatetti of ilaalaa waan turteefidha. Haataʼu malee, amanannaan isheen qabdu kun gatii akka hin qabne akka tasaa hubatti. Achiis akkuma waan ‘guyyaa tokko keessatti’ raawwatameetti saffisaan barbadeeffamti.—Mul. 18:7, 8.

6. ‘Baabilon Guddittiirratti’ miidhaa kan geessisu eenyudha?

6 ‘Baabilon Guddittiirratti’ miidhaa kan geessisu eenyudha? ‘Bineensa gaanfa kudhan’ qabudha. Macaafni Mulʼataa bineensi kun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka argisiisu ibsa. Gaanfonni kurnanimmoo humnoota siyaasaa yeroo harʼaa jiraniifi “bineensa bildiimaa” kana deggeran hunda kan argisiisudha. (Mul. 17:3, 5, 11, 12) Miidhaan gaʼu hammam cimaadha? Miseensonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii qabeenya ejjituu sanaa ni saamu, qullaatti ishee hambisu, “ibiddaanis ishee in gubu.”—Mulʼata 17:16 dubbisi. a

7. Raajiin Yesus Maatewos 24:21, 22⁠rratti dubbate, Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti raawwiisaa kan argate akkamitti? Gara fuulduraattoo raawwiisaa kan argatu akkamitti?

7 Guyyoota sana gabaabsuu. Mootiin keenya yeroo rakkina guddaatti wanta raawwatamu ibseera. Yesus, “Warra foʼamaniif jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru” jedheera. (Maatewos 24:21, 22 dubbisi.) Yaanni Yesus dubbate kun hamma tokko Dh.K.B. bara 66⁠tti raawwiisaa kan argate yommuu taʼu, yeroo kanatti Yihowaan miidhaan waraanni Roomaa Yerusaalemirratti geessisu akka ‘gabaabbatu’ godheera. (Mar. 13:20) Kunimmoo Kiristiyaanonni Yerusaalemiifi Yihudaa jiraatan akka oolan godheera. Yeroo rakkina guddaatti addunyaa maratti maaltu raawwatama laata? Yihowaan amantiin dhugaan amantii sobaa wajjin akka hin balleeffamneef Mootii keenyatti fayyadamuudhaan, miidhaan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii amantiiwwanirratti geessisu akka ‘gabaabbatu’ godha. Haala kanaan dhaabbileen amantii sobaa hundi yommuu badanitti amantiin dhugaan badiisarraa oola. (Far. 96:5) Kutaan rakkina guddaa inni jalqabaa haala kanaan erga darbee booda wanta raawwatamu mee haa ilaallu.

Wantoota Armaagedoon Dura Raawwataman

8, 9. Yesus mallattoowwan akkamii akka mulʼatan dubbate? Namoonni wanta argan kanaan maaltu isaanitti dhagaʼama?

8 Raajiin Yesus waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee dubbate, Armaagedoon jalqabuusaa dura wantoonni hiika guddaa qabaniifi raawwataman akka jiran argisiisa. Kanatti aansuudhaan wantoota lamaan jalqaba raawwatamaniifi Wangeela Maatewos, Maarqosiifi Luqaas keessatti ibsaman ilaalla.—Maatewos 24:29-31 dubbisi; Mar. 13:23-27; Luq. 21:25-28.

9 Mallattoo samiirraa mulʼatu. Yesus, “Biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu; urjoonni waaqa irraa in harcaʼu” jechuudhaan dubbateera. Yeroo sanatti namoonni geggeessitoota amantiirraa ifa ykn qajeelfama argachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Yesus, yeroo kanatti wanti haaraan samiirraa akka mulʼatus dubbachuusaa turee? Taʼuu dandaʼa. (Isa. 13:9-11; Yoe. 2:1, 30, 31) Namoonni wantoota kana yommuu argan maaltu itti dhagaʼama laata? ‘Waan godhan wallaaluusaanii irraa’ kan kaʼe ni dhiphatu. (Luq. 21:25; Sef. 1:17) Eeyyee diinonni Mootummaa Waaqayyoo, ‘moototaa kaasee hanga garbootaatti’ jiran ‘wanta dhufuuf jiru sodaachuurraan kan kaʼe kan laafan’ yommuu taʼu badiisa kanarraa ooluufis ni baqatu. Haataʼu malee, dheekkamsa Mootii keenyarraa isaanitti dhufu jalaa bakki itti baqatanii ooluu dandaʼan hin jiru.—Luq. 21:26; 23:30; Mul. 6:15-17.

10. Yesus murtoo akkamii dabarsa? Yeroo kanatti deggertoonni, akkasumas mormitoonni Mootummaa Waaqayyoo maal godhu?

10 Murtoo kennuu. Diinonni Mootummaa Waaqayyoo hundi wanta dhiphinnisaanii akka itti caalu godhu arguuf dirqamu. Yesus, “Yommus ilmi namaa humna guddaadhaan ulfinaanis duummessootaan utuu dhufuu in argu” jechuudhaan dubbateera. (Mar. 13:26) Yesus haala humna guddaa akka qabu argisiisuun ibsamuunsaa murtoo kennuuf akka dhufu kan argisiisudha. Yesus guyyoota gara dhumaa ilaalchisee raajii dubbaterratti murtoo yeroo kanatti kennuu wajjin haala wal qabateen ibsa balʼaa kenneera. Yaada kana fakkeenya hoolotaafi reʼoota ilaalchisee dubbaterraa hubachuu ni dandeenya. (Maatewos 25:31-33, 46 dubbisi.) Namoonni Mootummaa Waaqayyoo amanamummaadhaan deggeran ‘hoolotatti’ kan fakkeeffaman yommuu taʼu, ‘furamuunsaanii akka dhihaate’ waan hubataniif ‘mataasaanii ol qabu.’ (Luq. 21:28) Namoonni Mootummicha morman garuu “reʼootatti” kan fakkeeffaman yommuu taʼu, ‘gara adaba barabaraatti’ kan darbataman taʼuusaanii waan hubataniif ni “booʼu.”—Mat. 24:30; Mul. 1:7.

11. Wanta gara fuulduraatti taʼuuf jiru ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

11 Yesus ‘namoota biyya lafaa hundarratti’ murtoo erga dabarsee booda, waraanni Armaagedoon jalqabuusaa dura wantoonni gurguddaan raawwataman hedduun jiru. (Mat. 25:32) Wantoota raawwataman kana keessaa lamaansaanii ilaalla. Isaanis miidhaa Goog geessisuufi warra dibamtoota taʼan walitti qabuudha. Haataʼu malee wantoota kana ennaa ilaallutti, Macaafni Qulqulluun duraa duuba yeroo isaan itti raawwatamanii kan hin ibsine taʼuusaa yaadachuu qabna. Taʼus, yeroon wantonni kun itti raawwataman hamma taʼe kan walirra buʼu fakkaata.

12. Seexanni Mootummicharratti miidhaa cimaa akkamii geessisa?

12 Miidhaa cimaa. Goog inni biyya Maagoog dibamtoota warra lafarratti hafaniifi hoolota kan biraa michootasaanii taʼanirratti miidhaa geessisa. (Hisqiʼel 38:2, 11 dubbisi.) Miidhaan Seexanni, Mootummaa Waaqayyoo isa hundeeffamerratti kaasu kun, samiirraa erga gad darbatamee eegalee waraana inni dibamtoota lafarra jiranirratti banaa ture keessaa isa xumuraa taʼa. (Mul. 12:7-9, 17) Dibamtoonni gumii Kiristiyaanaa deebiʼee hundeeffametti sassaabamuu erga jalqabanii kaasee, Seexanni eebba gama hafuuraatiin argamaa jiru balleessuuf carraaqqii gochaa kan ture taʼus isaaf hin milkoofne. (Mat. 13:30) Haataʼu malee, dhaabbileen amantii sobaa hundi erga badanii booda sabni Waaqayyoo, haala ‘dallaa, karraafi danqaraa hin qabne’ keessa kan jiran waan fakkaataniif Seexanni carraa kanatti fayyadamee isaan miidhuuf kaʼa. Seexanni deggertootasaa hamoo taʼan kakaasuudhaan warra Mootummicha deggeranirratti miidhaa cimaa akka geessisan godha.

13. Yihowaan sabasaatiif jedhee gidduu kan galu akkamitti?

13 Hisqiʼel wanta yeroo sanatti raawwatamu ibseera. Googiin ilaalchisee raajiin dubbatame akkas jedha: “Ati iddoo kee biyya gara bitaa isa fagoodhaa in dhufta, sabni baayʼeenis sii wajjin achii baʼanii in dhufu; hundumti isaaniis farda in yaabbatu; isaan saba baayʼee dha, loltuu jajjaboodhas . . . Ati akkuma duumessi gad buʼee lafa uffisu, saba koo . . . irratti gad in buuta.” (His. 38:15, 16) Yihowaan weerara salphaatti hin dhaabanne fakkaatu kanarratti tarkaanfii akkamii fudhata laata? Yihowaan, “Aariin koo inni bobaʼaan in kaʼa,” akkasumas ‘Ani billaa nan waama’ jedheera. (His. 38:18, 21; Zakaariyaas 2:8 dubbisi.) Yihowaan tajaajiltootasaa lafarra jiraniif jedhee gidduu gala. Tarkaanfiin inni gidduu galuudhaan fudhatu kun waraana Armaagedoon jedhama.

14, 15. Seexanni miidhaa cimaa geessisuu akkuma jalqabeen maaltu eegala?

14 Yihowaan yeroo waraana Armaagedoonitti sabasaa akkamitti akka eegu ilaaluu keenya dura, wanta raawwatamu kan biraa haa ilaallu. Wanti kun kan raawwatamu Seexanni miidhaa guddaa geessisuu erga jalqabee booda taʼus, Armaagedoon eegaluusaa duradha. Akkuma keeyyata 11⁠rratti caqasame, wanti lammaffaarratti raawwatamu dibamtoota lafarratti hafan walitti qabuudha.

15 Dibamtoota walitti qabuu. Maatewosiifi Maarqos, yaanni Yesus “warra foʼaman,” jechuunis Kiristiyaanota dibamoo ilaalchisee dubbate, wantoota Armaagedoon jalqabuusaa dura walitti aansuudhaan raawwataman keessaa tokko akka taʼe barreessaniiru. (Keeyyata 7 ilaali.) Yesus Mootii taʼuudhaan wanta raawwatu akkas jechuudhaan dubbateera: “Ergamoota waaqa irraa ergee, warra Waaqayyoof foʼaman qixa arfanii, andaara lafaatii, andaara bantii waaqaatiis walitti in qaba.” (Mar. 13:27; Mat. 24:31) Yesus waaʼee walitti qabuu akkamii dubbachuusaa ture? Waaʼee mallattoo xumuraa Kiristiyaanota dibamoo lafarra jiranirratti godhamuu dubbachuusaa hin turre; sababnisaas kun kan taʼu rakkinni guddaan jalqabuusaa yeroo muraasa duradha. (Mul. 7:1-3) Kanaa mannaa, waaʼee wanta yeroo rakkina guddaatti raawwatamuu dubbachuusaa ture. Kanaaf, Seexanni saba Waaqayyoorratti miidhaa cimaa geessisuu eegalee yeroo muraasa booda dibamtoonni lafarratti hafan samiitti kan walitti qabaman fakkaata.

16. Dibamtoonni duʼaa kaafaman waraana Armaagedoonirratti qooda akkamii qabaatu?

16 Dibamtoota lafarratti hafan walitti qabuun wanta ittaansuudhaan raawwatamuu wajjin, jechuunis Armaagedoonii wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? Yeroon kun waraanni Armaagedoon jalqabuusaa dura dibamtoonni hundi samiirratti walitti qabamuu akka qaban kan argisiisudha. Namoonni 144,000 Kiristos faana bulchan, isaa wajjin taʼuudhaan “siiqqee sibiilaatiin” diinota Mootummaa Waaqayyoo hunda balleessuuf samiirratti aboo argatu. (Mul. 2:26, 27) Achiis, ergamoonniifi dibamtoonni, Kiristos Mooticha isa Goota waraanaa taʼe faana ‘loltoota jajjaboo’ saba Yihowaa balleessuuf qophaaʼanirratti waraana banu. (His. 38:15) Waraanni Armaagedoon yeroo kanatti jalqaba!—Mul. 16:16.

Xumura Rakkina Guddaa

Waraana Armaagedoon!

17. Yeroo waraana Armaagedoonitti warra “reʼootatti” fakkeeffamanirra maaltu gaʼa?

17 Murtoo fudhatamu. Waraanni Armaagedoon xumura rakkina guddaa taʼa. Yeroo kanatti Yesusiif hojii dabalataatu kennama. ‘Namoota biyya lafaa hundarratti’ abbaa murtii taʼuu malees, warra reʼootatti fakkeeffamanirratti murtoo duʼaa dabarsa. (Mat. 25:32, 33) Mootiin keenya ‘billaa qaramaadhaan warra saba Waaqayyoo hin taʼin ni rukuta.’ Eeyyee, warri reʼootatti fakkeeffaman, jechuunis ‘moototaa kaasee hanga garbootaatti’ kan jiran hundi “gara adaba bara baraa . . . in dhaqu.”—Mul. 19:15, 18; Mat. 25:46.

18. (a) Haalli namoota Yesus ‘hoolotatti’ fakkeessee kan jijjiiramu akkamitti? (b) Yesus moʼichasaa kan raawwatu akkamitti?

18 Haalli namoota Yesus ‘hoolotatti’ fakkeessee karaa nama ajaaʼibsiisuun jijjiirama! ‘Tuutni sonaan baayʼeen’ ‘hoolota’ eegumsa hin qabnetti fakkeeffaman, miidhaa raayyaa Seexanaa isa “reʼootatti” fakkeeffameen isaanirra gaʼurraa baraaramuudhaan ‘rakkina guddaa keessaa baʼu.’ (Mul. 7:9, 14) Yesus namoota diinota Mootummaa Waaqayyoo taʼan erga balleessee booda, Seexanaafi ergamootasaa iddoo isa lafa jalaatti gad darbata. Haala duʼaa wajjin wal fakkaatu keessa taʼuudhaan waggaa kuma tokkoof iddoo kanatti hidhamu.—Mulʼata 6:2; 20:1-3 dubbisi.

Of Qopheessuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

19, 20. Gorsa Isaayaas 26:20⁠fi 30:21⁠rra jiru hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Wantoota rifaasisaa gara fuulduraatti lafarratti gaʼuuf jiraniif of qopheessuu kan dandeenyu akkamitti? Waggoota muraasa dura barruun Masaraa Eegumsaa, “Badiisarraa ooluun ajajamuurratti kan hundaaʼedha” jedhee ture. Akkas kan jennu maaliifi? Deebiisaa akeekkachiisa Yihowaan Yihudoota boojuu Baabilon durii jala turaniif kennerraa arganna. Yihowaan Baabilon kan moʼamtu taʼuushee dubbateera; taʼus sabni Waaqayyoo wanta gaʼuuf jiruuf qophaaʼuu kan dandaʼan akkamitti? Yihowaan, “Yaa saba koo as kottu! Kutaa mana keetti ol gali, balbala kees cufadhu; dheekkamsichi hamma darbutti, iddoo baqaa tolfadhu!” jedheera. (Isa. 26:20) Jechoonni caqasa kanarra jiraniifi “kottu,” “ol gali,” “cufadhu,” “iddoo baqaa tolfadhu” jedhan haala ajajaatiin kan dhihaatan taʼuusaanii hubachuun keenya gaariidha. Yihudoonni ajaja kana hojiirra oolchan manasaanii keessa taaʼuudhaan, weerartoota daandiirra turanirraa oolaniiru. Kanaafuu, badiisa jalaa ooluunsaanii qajeelfama Yihowaan isaaniif kennu hojiirra oolchuurratti kan hundaaʼe ture. b

20 Kanarraa maal baranna? Akkuma tajaajiltoota Waaqayyoo durii, nutis wantoota gara fuulduraatti taʼan jalaa ooluun keenya qajeelfama Yihowaan nuuf kennuuf ajajamuu keenyarratti kan hundaaʼedha. (Isa. 30:21) Qajeelfamni kunimmoo kan nuuf kennamu karaa gumiiti. Kanaaf, amala qajeelfama fudhachuudhaan hojiirra oolchuu guddifachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (1 Yoh. 5:3) Yeroo harʼaa qajeelfama nuuf kennamuuf kan ajajamnu taanaan, gara fuulduraatti akkas gochuun nutti hin ulfaatu. Kunimmoo Yihowaa Abbaa keenyaafi Yesus isa Mootii keenya taʼerraa eegumsa nuuf argamsiisa. (Sef. 2:3) Eegumsi Yihowaa biraa argannu kun Mootummaan Waaqayyoo diinotasaa hunda yommuu balleessu ija keenyaan arguuf carraa nuu bana. Wanta raawwatamu sanas matumaa hin irraanfannu!

a Badiisni “Baabilon guddittii” namoonni amantii qaban hundi dimshaashumatti kan balleeffaman utuu hin taʼin, dhaabbileen amantii akka balleeffaman kan argisiisudha. Kanaaf, namoonni kanaan dura miseensa Baabilon guddittii turan badiisicharraa kan oolan yommuu taʼu, akka Zakaariyaas 13:4-6⁠rratti ibsamettimmoo namoonni kun amantiirraa kan fagaatan fakkaata.

b Ragaa dabalataa argachuuf, kitaaba Raajii Isaayaas—Ifa Ilmaan Namootaatiif Ife Jildii 1, fuula 282-283 ilaali. (Amaariffa)