Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 22

Mootummichi Fedhi Waaqayyoo Lafarratti Akka Raawwatamu Godha

Mootummichi Fedhi Waaqayyoo Lafarratti Akka Raawwatamu Godha

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Mootummichi ilmaan namootaafi lafaa wajjin haala wal qabateen abdiin Waaqayyo kenne hundi akka raawwataman kan godhu taʼuusaa ilaalla

1, 2. (a) Yeroo tokko tokko Jannanni dhugumaan akka dhufu amanuun kan namatti ulfaatu maaliifi? (b) Amantaa abdii Waaqayyo kennerratti qabnu guddifachuuf wanti nu gargaaru maalidha?

 OBBOLEESSI amanamaa taʼe tokko oolmaansaa dadhabsiisaafi dhiphisaa kan ture taʼus gara walgaʼii dhufeera. Hogganaansaa inni wanti namni hojjetu garaa isa hin ciibsine isa aarsaa kan oole yommuu taʼu, wanta maatiisaatiif barbaachisu guutuu dandaʼuuf dhiisuunsaa baayʼee isa dhiphiseera; haati manaasaammoo waan dhukkubsattuuf waan qabee gadhiisu wallaaleera. Faarfannaan jalqabaa yommuu eegalu garuu obbolootasaa wajjin Galma Mootummaa keessa taʼuusaatiin aara galfii guddaatu itti dhagaʼame. Faarfannichi waaʼee abdii jireenya Jannata keessaa kan dubbatu yommuu taʼu, walaloonsaa achi keessa akka jirutti akka of ilaalu kan isa afeerudha. Obboleessi kun faarfannicha baayʼee kan jaallatu yommuu taʼu, maatiisaa wajjin yommuu faarfatu garaansaa dhiphate abdiidhaan guutama.

2 Isinoo akkas isinitti dhagaʼamee beekaa? Baayʼeen keenya akkas nutti dhagaʼama. Haataʼu malee jireenyi sirna moofaa kana keessatti jiraannu, jireenyi Jannata dhuftu keessatti argannu ifa taʼee akka nutti hin mulʼanne kan godhu taʼuunsaa beekamaadha. Yeroo ammaa kan jiraannu iddoo jannata fakkaatu keessa utuu hin taʼin, ‘guyyoota gara dhumaa yeroo sodaachisaa’ taʼe keessadha. (2 Xim. 3:1) Abdiin keenya ifatti akka nutti mulʼatuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti ilmaan namootaa akka bulchu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Raajiiwwan Yihowaan dubbateefi yommuu raawwiisaanii argatan sabnisaa durii argan tokko tokko mee haa ilaallu. Achiis raajiiwwan kuniifi kan biraan yeroo ammaatti raawwiisaanii argachaa kan jiran akkamitti akka taʼe ilaalla. Xumurarrattis, haala kanaan amantiin keenya erga jabaatee booda, raajiiwwan kun abdii keenya gara fuulduraa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qaban ilaalla.

Yihowaan Bara Duriitti Abdii Kenne Kan Raawwate Akkamitti?

3. Abdiin Yihudoota boojuu Baabilon jala turaniif kennameefi isaan jajjabeessee ture maalidha?

3 Dh.K.D. jaarraa jaʼaffaatti jireenyi Yihudoota boojuu Baabilon jala turanii maal akka fakkaatu mee yaadaa. Ijoollee hedduun achitti kan guddatan yommuu taʼu, warrisaaniimmoo achitti dullooman; jireenyisaaniis baayʼee ulfaataa ture. Baabilononnis sababa amantiisaaniitiin isaanitti gaʼisu turan. (Far. 137:1-3) Yihudoonni amanamoon waggaa hedduudhaaf Baabilon keessa yommuu turanitti Yihowaatti maxxananii akka jiraatan kan isaan gargaare, abdii Yihowaan sabasaa biyyasaaniitti akka deebisu dubbatee turedha. Haalli biyyasaanii gaarii akka taʼu abdii kennee ture. Yihowaan, Yihudaa haalashee duriitti deebitu iddoo dhaabaa Eedenii wajjin wal fakkeesseera! (Isaayaas 51:3 dubbisi.) Abdiiwwan kun kan kennaman shakkii saba Waaqayyootti dhagaʼamuu dandaʼu balleessuufi abdichi akka raawwatamu mirkanaaʼoo akka taʼan gochuufidha. Akkamitti? Mee raajiiwwan muraasa haa ilaallu.

4. Yihowaan Yihudoonni biyyasaanii keessa nagaadhaan akka jiraatan kan mirkaneesseef akkamitti?

4 Nagaa. Yihudoonni boojuudhaa deebiʼan kallattiidhaan gara lafa jannata taateetti utuu hin taʼin, lafa waggaa 70f ona taatee turtetti kan deebiʼan yommuu taʼu, baayʼeensaanii sirumaa biyya kana hin beekan turan. Yeroo sanatti naannoo kana leenci, yeeyyiin, qeerransiifi bineensonni kana fakkaatan baayʼinaan jiru turan. Namni maatii qabu tokko, ‘Haadha manaakoofi ijoolleekoo, akkasumas hoolotaafi saawwankoo balaarraa eeguu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhee yaaddaʼuu dandaʼa. Namni tokko gaaffii akkasii kaasuunsaa waanuma jirudha. Kanaaf, abdiin Waaqayyo kenneefi Isaayaas 11:6-9rra jiru Yihudoota hammam akka jajjabeesse mee yaadaa. (Dubbisi.) Yihowaan raajii qalbii namaa hawwatu kana dubbachuudhaan Yihudoonni boojuu jala jiraniifi horiinsaanii nagaadhaan akka jiraatan isaaniif mirkaneesseera. Leenci cidii akka nyaatu ibsamuunsaa horii Yihudootaa kan hin miine taʼuusaa kan argisiisudha. Yihudoonni amanamoon sababa itti bineensota akkasii sodaatan hin qaban. Yihowaan sabnisaa Yihudaa ishee deebitee hundeeffamtu, kanarrayyuu darbee lafa onaas taʼe bosona keessa nagaadhaan akka jiraatan abdii kenneefii ture.—His. 34:25.

5. Raajiin Yihudoonni boojuu Baabilon jalaa baʼan Yihowaan wanta isaan barbaachisu akka isaaniif guutu amanannaa akka qabaatan godhe kamidha?

5 Wanti hundi irraa hafaa taʼa. Wanti nama yaaddessu gara biraanis kaʼuu dandaʼa. ‘Biyya keenyatti gaafa deebinu maatiikoo sooruu kanan dandaʼu akkamitti? Eessa jiraanna? Hojii nan argadhaa laata? Hojiin ani hojjedhu isa namoonni nu boojiʼan na hojjechiisaa turanirra kan wayyudhaa laata?’ Yihowaan raajiiwwan geggeessaa hafuuraatiin barreessiserratti gaaffiiwwan kanaafis deebii kenneera. Yihowaan sabnisaa ajajamoo taʼan yoomiyyuu taanaan bokkaa argachuudhaan lafattiin “midhaan sonaan baayʼee” akka isaaniif biqilchitu abdii kenneera. (Isa. 30:23) Bakka jireenyaafi hojii nama gammachiisu ilaalchiseemmoo Yihowaan sabasaatiin akkas jedheera: “Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatani ija isaa in nyaatu. Siʼachi mana isaan ijaarratanitti namni kan biraa hin galu, muka waynii isaan dhaabbatanis ija isaa namni kan biraa hin nyaatu.” (Isa. 65:21, 22) Eeyyee, kallattii hedduutiin yoo ilaalle, jireenyisaanii jireenya Baabilonitti jiraachaa turanirra gaarii kan taʼedha. Haataʼu malee, waaʼee rakkina guddaa kanaan duraa Yihudoonni akka boojiʼaman godhehoo maal jechuutu dandaʼama?

6. Saba Waaqayyoo dhibee akkamiitu mudatee ture? Yihowaanoo saba boojuu jalaa baʼan kanaaf maal mirkaneesse?

6 Nageenya hafuuraa. Sabni Waaqayyoo boojiʼamuusaanii dura karaa hafuuraa dhukkubsatanii turan. Yihowaan karaa raajicha Isaayaas sabasaa ilaalchisee, ‘Mataan keessan guutummaatti dhukkubsateera; onneen keessanis guutummaatti dadhabeera’ jechuudhaan dubbatee ture. (Isa. 1:5, NW) Yihudoonni gurrisaanii gorsa Yihowaan isaaniif kennu akka hin dhageenyeefi ijisaanii beekumsa akka hin argine waan godhaniif, gama hafuuraatiin kan jaamaniifi kan duudan turan. (Isa. 6:10; Er. 5:21; His. 12:2) Yihudoonni boojuudhaa erga deebiʼanii boodas rakkinni kun kan itti fufu taanaan, nagaadhaan jiraachuu kan dandaʼan akkamitti? Ammas Yihowaa duratti fudhatama hin dhabanii? Yihowaan, “Bara sanatti warri duudan, isa macaafa keessatti caafamee jiru in dhagaʼu; iji warra jaamotaas, dukkana limixii keessatti illee in arga” jechuudhaan isaaniif mirkaneesseera. (Isa. 29:18) Eeyyee, Yihowaan namoota qalbii geddaratanii garasaatti deebiʼan karaa hafuuraa ni fayyisa. Sabichi isa dhagaʼuu, akkasumas isaaf ajajamuusaanii hamma hin dhiisnetti Yihowaan qajeelfama isaaniif kennuufi ifa jireenya kennu isaaniif ibsuusaa itti fufa.

7. Abdiin Waaqayyo sabasaa warra boojiʼamaniif kenne raawwiisaa kan argate akkamitti? Raawwiin raajii kanaa amantii keenya kan nuuf jabeessu akkamitti?

7 Yihowaan abdii kenne raawwateeraa? Seenaa saba Waaqayyoorraa deebiisaa argachuu dandeenya. Yihudoonni biyyasaaniitti deebiʼan nagaadhaan jiraachuu, wanta hunda argachuufi nageenya hafuuraa qabaachuu dandaʼaniiru. Fakkeenyaaf, Yihowaan saboota ollaasaanii humnaanis taʼe baayʼinaan isaan caalanirraa isaan eegeera. Bineensonnis horii Yihudootaa jalaa hin nyaanne. Yihudoonni raajiiwwan Isaayaas, Ermiyaasiifi Hisqiʼel dubbatan guutummaatti yommuu raawwataman arguu baatanis, wantoota raawwataman sana arguunsaanii kan isaan dinqisiise taʼuusaarrayyuu wanta isaan barbaachisus argachuu dandaʼanii turan. Wanta Yihowaan bara duriitti sabasaatiif godherratti xiinxaluun keenya amantiin keenya akka jabaatu godha. Raajiiwwan kun raawwiisaanii jalqabaa yommuu argatanii turanitti baayʼee kan nama ajaaʼibsiisaan erga taʼee, yommuu guutummaatti raawwataman immoo hammam akka nama gammachiisan tilmaamuu dandeenya. Mee wanta Yihowaan yeroo harʼaatti nuu gochaa jiru haa ilaallu.

Yihowaan Abdii Kenne Raawwachaa Kan Jiru Akkamitti?

8. Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa “biyya” akkamii qabu?

8 Sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiran kallattiidhaan saba tokko hin hundeessine, akkasumas biyya tokko keessa qofa kan jiraatan miti. Kanaa mannaa, Kiristiyaanonni dibamoon karaa hafuuraa miseensa saba tokkoo yommuu taʼan, isaanis “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamanii waamamu. (Gal. 6:16) Michoonnisaanii warri “hoolota kan biraa” taʼanimmoo akka waan “biyya” tokko keessa jiraataniitti isaanii wajjin tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffatu. Waaqeffannaan kun guutummaa jireenyasaanii kan tuqudha. (Yoh. 10:16; Isa. 66:8, NW) ‘Biyyi’ Yihowaan nuuf kenne maalidha? Jannata hafuuraati. Bakka kanatti wantoonni Jannataa wajjin haala wal qabateen ibsaman karaa hafuuraa raawwiisaanii argachaa jiru. Mee fakkeenya tokko tokko haa ilaallu.

9, 10. (a) Raajiin Isaayaas 11:6-9⁠rratti argamu yeroo harʼaa raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti? (b) Saba Waaqayyoo gidduu nagaan akka jiru wanti mirkaneessu maalidha?

9 Nagaa. Raajiin Isaayaas 11:6-9⁠rra jiru bineensota, horii manaafi namoota gidduu nagaan kan jiraatu taʼuusaa haala nama gammachiisuun ibsa. Raajiin kun yeroo harʼaa karaa hafuuraa raawwiisaa argachaa jiraa? Eeyyee! Sababa itti bineensonni kun namoota hin miine ilaalchisee lakkoofsi 9, “Akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta” jechuudhaan ibsa. ‘Beekumsi Waaqayyoo’ amala bineensotaa ni jijjiiraa? Hin jijjiiru! Kanaa mannaa, namoota Waaqayyo isa Hundumaa Gararraa Jiru beekuufi daandiisaa isa naga qabeessa taʼe barachuu dandaʼantu jijjiirama godha. Raajiin kun jannata hafuuraa keessa jirru keessatti haala nama ajaaʼibsiisuun yommuu raawwatamu kan arginu kanaafidha. Duuka buutonni Kiristos, bulchiinsa Mootummichaa jalatti amala bineensaa gidduusaaniitii balleessuudhaan obbolootasaanii wajjin nagaadhaan jiraachuu barachaa jiru.

10 Fakkeenyaaf, kitaaba kana keessatti dhimma siyaasaa keessa galuu dhiisuu ilaalchisee hubannaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe waan arganneef, dhimma kanarraa akka fagaanneefi kunimmoo ariʼatama akka nurraan gaʼe ilaalleerra. Addunyaa jalʼinaan guutame kana keessatti, ‘sabni’ miseensota hedduu qabuufi akka ajjeefamu doorsisni irra gaʼullee gocha jalʼinaa kamirrattiyyuu hin hirmaanne jiraachuunsaa nama hin ajaaʼibsiisuu? Namoonni Masiihicha isa Mootii taʼe jalatti bulan, haala nagaa Isaayaas barreessee wajjin wal fakkaatu keessa jiraachuunsaanii kana kan mirkaneessudha. Yesus duuka buutonnisaa jaalala gidduusaanii jiruun adda baafamanii kan beekaman taʼuusaanii dubbateera. (Yoh. 13:34, 35) Kiristos ‘hojjetaa amanamaafi ogeessatti’ fayyadamuudhaan Kiristiyaanonni dhugaan hundi naga qabeeyyii, jaalala qabeeyyiifi garraamii akka taʼan obsaan isaan barsiisaa jira.—Mat. 24:45-47.

11, 12. Beelli yeroo harʼaa addunyaa miidhaa jiru beela akkamiiti? Yihowaanoo wanta sabasaatiif barbaachisu isaaniif kennaa kan jiru akkamitti?

11 Wanti hundi irraa hafaa taʼa. Addunyaan kun karaa hafuuraa beelaʼeera. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo, “Kunoo, barri ani itti biyya kana irratti beela ergu dhufuuf jira; beelichis isa namoonni dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu dhabanii beelaʼan malee, beela buddeenaa fi dheebuu bishaanii miti” akka jedhe nutti hima. (Amo. 8:11) Lammiileen Mootummaa Waaqayyoos karaa hafuuraa ni beelaʼuu? Yihowaan garaagarummaa sabasaafi diinotasaa gidduu jiraatu ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Kunoo, garboonni koo in nyaatu, isin garuu in beeloftu! Kunoo, garboonni koo in dhugu, isin garuu in dheebottu! Kunoo garboonni koo in gammadu, isin garuu in yeellaasifamtu!” (Isa. 65:13) Raajiin kun yommuu raawwatamu argitaniittuu?

12 Yeroodhaa gara yerootti nyaanni hafuuraa irraa hafaa taʼe nuuf dhihaachaa jira. Addunyaa gama hafuuraatiin beelaʼe kana keessatti karaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanii, karaa wantoota sagaleedhaan waraabamaniifi viidiyoowwanii, karaa walgaʼii gumiifi walgaʼii gurguddaa, akkasumas karaa Weeb saayitii keenyaa utuu walirraa hin citin barumsi nuuf dhihaachaa jira. (His. 47:1-12; Yoe. 3:18) Abdii Yihowaan wanta irraa hafaa taʼe akka nuuf dhiheessu dubbate yommuu raawwatamu arguun keessan isin hin gammachiisuu? Nyaata hafuuraa Yihowaan dhiheessurraa yeroo hunda soorachaa jirtuu?

Gumiiwwan keenya, karaa hafuuraa akka gaariitti soorachuuf, sodaa malee jiraachuuf, akkasumas fayya buleessa taʼuuf nu gargaaru

13. Abdiin Yihowaan iji warra jaamaa akka arguufi gurri warra duudaa akka dhagaʼu kenne yeroo harʼaa raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti?

13 Nageenya hafuuraa. Yeroo harʼaa namoonni hedduun gama hafuuraatiin arguufi dhagaʼuu kan hin dandeenyedha. (2 Qor. 4:4) Haataʼu malee, Kiristos addunyaa maratti dhibee akkamiiyyuu fayyisaa jira. Isinoo iji warra jaamaa yommuu argu, gurri warra duudaas yommuu dhagaʼu hin arginee? Namoonni Macaafa Qulqulluurraa beekumsa dhugaa argachuudhaan, barumsa amantii sobaa isa yeroo taʼe tokkotti arguufi dhagaʼuu akka hin dandeenye isaan godhee ture akka dhiisan yommuu argitan, abdiin armaan gadii raawwatamaa akka jiru hubattu: “Bara sanatti warri duudan, isa macaafa keessatti caafamee jiru in dhagaʼu; iji warra jaamotaas, dukkana limixii keessatti illee in arga.” (Isa. 29:18) Addunyaa maratti waggaa waggaadhaan namoonni hedduun gama hafuuraatiin fayyina akkasii argachaa jiru. Namoonni Baabilon Guddittii keessaa baʼuudhaan jannata hafuuraa keessatti nuu wajjin waaqeffannaa dhugaarratti hirmaatan hundi, abdiin Yihowaan kenne dhugumaan akka raawwatamu kan mirkaneessanidha.

14. Ragaa akkamiirratti xiinxaluu keenyatu amantii keenya nuuf cimsa?

14 Boqonnaawwan kitaaba kanaa hundi Kiristos yeroo dhumaa kanatti duuka buutotasaa gara jannata hafuuraatti fidaa akka jiru ragaa cimaa dhiheessu. Eebba hedduu karaa jannata hafuuraa kanaa argannerratti xiinxaluu keenya itti haa fufnu. Akkas kan goonu taanaan, amantiin abdiiwwan Yihowaan yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kennerratti qabnu cimaa adeema.

“Mootummaan Kee Haa Dhufu”

15. Lafti Jannata akka taatu amanannaa qabaachuu kan dandeenyu maaliifi?

15 Kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa guutummaan lafaa jannata akka taatu ture. Addaamiifi Hewwaaniin jannata keessa erga kaaʼee booda sanyiisaaniitiin akka lafa guutaniifi uumamawwan lafarraa hunda akka kunuunsan abboomee ture. (Uma. 1:28) Haataʼu malee, Addaamiifi Hewwaan Seexana cina goranii Yihowaarratti fincila kan kaasan yommuu taʼu, kanaan kan kaʼes ijoolleensaanii cubbuu akka dhaalaniifi akka duʼan godhan. Taʼus, kaayyoon Waaqayyoo hin jijjiiramne. Yihowaan wanta dubbate utuu hin raawwatin hin hafu. (Isaayaas 55:10, 11 dubbisi.) Kanaafuu, sanyiin Addaamiifi Hewwaan lafa akka guutaniifi akka bulchan, jechuunis lafa deebitee jannata taatu keessatti uumamawwan Yihowaa hunda jaalalaan akka kunuunsan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yeroo sanatti raajiin biyyi Yihudoota boojuu jala turanii akkuma jannataa akka taatu dubbatamee ture guutummaatti raawwiisaa argata! Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

16. Macaafni Qulqulluun nagaa Jannata keessatti argannu kan ibsu akkamitti?

16 Nagaa. Raajiin nama gammachiisuufi Isaayaas 11:6-9⁠rra jiru kallattiidhaan raawwiisaa isa lammataa yommuu argatu arguu dandeenya. Dhiira, dubartiifi ijoollee utuu hin jedhin namoonni hundi nagaadhaan lafarra jiraatu. Namnis taʼe bineensi miidhaa geessisu tokkollee hin jiraatu. Guutummaan lafaa bakka jireenyaa keessan yommuu taatu, jechuunis yommuu lageen, haroowwaniifi galaana daaktan, gaarreenirra yommuu baataniifi lafa marga qaburra gammachuudhaan yommuu burraaqxan yaada qalbiitiin ilaalaa. Halkanis hin sodaattan. Yaanni Hisqiʼel 34:25⁠rratti argamu raawwiisaa waan argatuuf, sabni Waaqayyoo “lafa onaa keessa sodaa malee in jiraatu, birʼaa malees caakkaa keessa in rafu.”

17. Mootummichi guutummaa lafaa yommuu bulchutti Yihowaan wanta nu barbaachisu hunda akka nuuf guutu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

17 Wanta irraa hafaa taʼe. Hiyyummaan, hanqinni nyaataa, beelli ykn yeroo itti dhaabbanni gargaarsaa hin jirre mee yaadaa. Nyaanni hafuuraa irraa hafaa taʼeefi sabni Waaqayyoo yeroo harʼaatti argachaa jiran, Masiihichi inni Mootii taʼe namoota isa jalatti bulaniif nyaata isaan barbaachisu akka dhiheessu kan mirkaneessudha. Yesus yommuu lafarra turetti buddeenaafi qurxummii muraasaan namoota kuma hedduutti lakkaaʼamaniifi beelaʼan nyaachisuunsaa raajiiwwan kana fakkaatan raawwachuu akka dandaʼu kan mirkaneessudha. (Mat. 14:17, 18; 15:34-36; Mar. 8:19, 20) Mootummaan Waaqayyoo lafa bulchuu yommuu jalqabutti raajiiwwan kan akka armaan gadii kallattiidhaan raawwiisaanii argatu: “Yommus Waaqayyo sanyii isin maasiitti facaaftan irratti bokkaa in roobsa, laftis midhaan sonaan baayʼee in baasa; yeroo sana horiin keessan bakkee balʼaa marga lalisaa keessa isiniif in dheedu.”—Isa. 30:23.

18, 19. (a) Raajiin Isaayaas 65:20-22⁠rratti argamu isiniif hiika akkamii qaba? (b) Umriin keenya akka umrii muka gaattiraa kan taʼu akkamitti?

18 Yeroo harʼaatti namoonni hedduun mana gaarii ykn hojii isaan gammachiisu argachuu hin dandaʼan. Sirna mancaʼaa taʼe kana keessatti, namoonni hedduun saʼaatii dheeraadhaaf kan hojjetan taʼus, faayidaan isaanis taʼe maatiinsaanii argatan xinnoodha; buʼaa guddaa kan argatan garuu namoota sooreyyiifi sassatoo taʼanidha. Raajiin armaan gadii addunyaa maratti raawwiisaa yommuu argatu mee yaadaa: “Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatani ija isaa in nyaatu. Siʼachi mana isaan ijaarratanitti namni kan biraa hin galu, muka waynii isaan dhaabbatanis ija isaa namni kan biraa hin nyaatu; sabni koo akka muka gaattiraa bara dheeraa in jiraatu, warri ani foʼadhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu.”—Isa. 65:20-22.

19 “Akka muka gaattiraa bara dheeraa in jiraatu” yommuu jedhu maal jechuusaati? Muka guddaa tokko jala dhaabattanii umriinsaa hammam akka taʼe, tarii akaakileen keessan dhalachuusaanii dura akka ture yommuu yaaddan baayʼee dinqisiifamuun keessan hin oolu. Cubbuu dhaaltaniin kan kaʼe erga duutanii irraanfatamtanii boodallee, mukti kun utuu waan tokko hin taʼin nagaadhaan bara dheeraadhaaf jiraachuu dandaʼa. Yihowaan mukti kun umrii hammanaa akka jiraatu erga godhee, abdii Jannata dhuftu keessatti bara dheeraadhaaf nagaadhaan akka jiraannu nuuf kenne akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya! (Far. 37:11, 29) Yeroon itti barabaraaf jiraannuufi muka bara dheeraa jiraatellee akka waan marga harʼa argamee bor baduutti itti ilaallu ni dhufa!

20. Namoonni amanamoon Mootummicha jalatti bulan fayyaa guutuu kan argatan akkamitti?

20 Fayyaa guutuu. Dhukkubniifi duuti ilmaan namootaa hundarra gaʼa. Hundi keenya dhukkuba daddarbaa nama ajjeesuufi cubbuu jedhamuun qabamneerra. Qorichi dhukkuba kana fayyisuu dandaʼu aarsaa furii Kiristos qofadha. (Rom. 3:23; 6:23) Yesusiifi warri isaa wajjin bulchan Bulchiinsa Barkumee keessatti rakkoowwan cubbuun ilmaan namootaarratti fide hunda irraa jalaan balleessuudhaan, namoonni aarsaa kanarraa guutummaatti faayidaa akka argatan godhu. Raajiin Isaayaas, “Warra Xiyoon keessa jiraataniif yakki isaanii waan dhiifameef, isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru” jechuudhaan dubbate guutummaatti raawwiisaa argata. (Isa. 33:24) Yeroo namni arguufi dhagaʼuu hin dandeenye ykn qaamnisaa naafate itti hin jirre mee yaadaa! (Isaayaas 35:5, 6 dubbisi.) Gama qaamaa, sammuu ykn miiraatiin dhibeen Yesus fayyisuu hin dandeenye hin jiru. Namoonni amanamoon Mootummicha jalatti bulan fayyaa guutuu qabaatu!

21. Duuni maal taʼa? Abdii akkasii qabaachuun keessan kan isin jajjabeessu maaliifi?

21 Haataʼu malee, duʼa isa yeroo baayʼee sababii dhukkubaatiin dhufuufi sababii cubbuutiin nurra gaʼerratti tarkaanfii akkamiitu fudhatama? Oolee bulee ilmaan namootaa cubbamoo taʼan hundi “diina” keenya isa humna guddaa qabuun moʼamuunsaanii hin oolu. (1 Qor. 15:26) Taʼus duuti Yihowaa caalaa humna kan qabudhaa? Raajii Isaayaas, “Raawwatees duʼa in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa” jechuudhaan dubbate qalbeeffadhaa. (Isa. 25:8) Yeroo sana yaada qalbiitiin ilaaluu ni dandeessuu? Sirni awwaalchaa, iddoon awwaalchaafi booʼichi hin jiraatu! Haala kanarraa faallaa taʼeen, abdii dinqisiisaan Yihowaan warri duʼan akka duʼaa kaafaman dubbate waan raawwatamuuf namoonni imimmaan gammachuu dhangalaasu! (Isaayaas 26:19 dubbisi.) Xumurarrattis miidhaan duuti geessise ni fayyifama.

22. Mootummaan Masihiichaa, fedhi Waaqayyoo lafarratti akka raawwatamu erga godhee booda maaltu taʼa?

22 Xumura Bulchiinsa Barkumeetti Mootummaan Waaqayyoo, fedha Waaqayyoo lafarratti raawwachuusaa kan xumuru yommuu taʼu Kiristosis aboosaa Abbaasaatiif kenna. (1 Qor. 15:25-28) Yeroo kanatti ilmaan namootaa sadarkaa mudaa hin qabnerra kan gaʼan yommuu taʼu, Seexanni yeroo xumuraatiif akka isaan qoruuf iddoo lafa jalaa itti hidhamee turee ni gadhiifama. Qorumsa sana booda Kiristos boficha isa hamaa sanaafi deggertootasaa hunda ni balleessa. (Uma. 3:15; Mul. 20:3, 7-10) Namoonni amanamoon Yihowaa jaallatan garuu abdii gammachiisaa qabaatu. Abdii tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo ‘birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti geessu’ ilaalchisee yaada geggeessaa hafuuraatiin barreeffame caalaa wanti yeroo kana akka gaariitti ibsu hin jiru.—Rom. 8:21.

Mootummichi, ilmaan namootaafi lafaa wajjin haala wal qabateen abdiin Yihowaan kenne hundi akka raawwatamu godha

23, 24. (a) Abdiin Waaqayyo kenne hundi akka raawwatamu mirkanaaʼoo kan taanu maaliifi? (b) Maal gochuuf murteessitaniittu?

23 Abdiiwwan kun akkasumaan kan kennamaniifi utuu hin raawwatamin kan hafan miti. Abdiin Yihowaan kennu matumaa utuu hin raawwatamin hin hafu! Maaliif? Wanta Yesus dubbateefi boqonnaa tokkoffaarratti ilaalle yaadadhaa. Yesus, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu!” jechuudhaan Yihowaa akka kadhatan duuka buutotasaa barsiisee ture. (Mat. 6:9, 10) Mootummaan Waaqayyoo yaada sammuu namaatiin uumame utuu hin taʼin Mootummaa dhugumaan jirudha! Yeroo ammaattis samiirraa bulchaa jira. Mootummaan kun haala ifatti argamuun abdii Yihowaan kenne gumii Kiristiyaanaa keessatti jaarraa tokkoof raawwachaa tureera. Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo guutummaatti xiyyeeffannaasaa gara lafaatti yommuu godhu abdiin Yihowaan kenne hundi akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya!

24 MOOTUMMAAN WAAQAYYOO BULCHAA JIRA! Kanaaf, Mootummaan kun akka dhufuufi abdiin Yihowaan kenne hundi akka raawwatamu beekna. Hundi keenya, ‘Ani Mootummaa Waaqayyootiif bitamaan jiraa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. Mootummaa Waaqayyoo isa mudaa hin qabneefi haqa qabeessa taʼerraa barabaraaf faayidaa argachuuf, ammumaa kaasnee namoota Mootummichaaf amanamummaadhaan bitaman taʼuuf carraaqqii haa goonu!