Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Babalʼistoota Mootummichaa Jaallatamo:

MEE miseensa maatii Betʼel Biruukiliin akka taataniifi Jimaata ganama, Onkoloolessa 2, 1914 cireedhaaf iddoo taaʼumsaa isiniif ramadame teessanii dhufaatii obboleessa keenya Chaarlis Teez Raasiliin eegaa akka jirtanitti yaadaa! Raasil akkuma tasaa balbala kutaa nyaataa banee ol seena. Akkuma kanaan dura godhu dhaabatee erga takka turee booda fuula ifaadhaan miseensota maatii Betʼeliin, “Akkam bultan” jedhee nagaa gaafate. Achiis akkuma dhaabateen harkasaa erga walitti rukutee booda beeksisa nama gammachiisuufi akkas jedhu dubbate: “Barri namoota Waaqayyoo hin taʼinii ni raawwatame; barri moototasaaniis ni xumurame!” Guyyaa kana hawwiidhaan eeggachaa waan turtaniif, wanta dhageessan kanatti baayʼee akka gammaddan beekamaadha! Miira hoʼaadhaan daqiiqaa dheeraadhaaf harka walitti rukutuudhaan miseensota maatii Betʼel kaanii wajjin beeksisa kanatti gammaduu keessan ibsitan.

Obboleessi keenya Raasil beeksisa gammachiisaa kana erga dubbatee waggoonni hedduun darbaniiru. Mootummichi yeroo sanaa kaasee maalfaa raawwateera? Wanta hedduu raawwateera! Yihowaan karaa Mootummichaa irraa jalaan sabasaa qulleessaafi leenjisaa kan ture yommuu taʼu, babalʼistoonni bara 1914⁠tti kuma muraasa turan yeroo harʼaa miliyoona torbaaf walakkaa ol taʼaniiru. Isinoo leenjiiwwan akkasiirraa karaawwan kamiin faayidaa argattaniittu?

Yeroo baayʼee obboloonni keenya, “Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni ijaan hin argamne fuulduratti deemaa jira!” yommuu jedhan ni dhageenya. Wanti isaan jedhan kunis sirriidha! Haataʼu malee, akkuma kitaaba kana xiyyeeffannaadhaan yommuu dubbistan hubachuu dandeessan, kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni ijaan hin argamne bara 1914 kaasee utuu walirraa hin kutin fuulduratti adeemaa jira. Babalʼistoonni Mootummichaa misiraachicha addunyaa maratti lallabuuf malawwan haaraa garaagaraatti, jechuunis gaazexaa, hiriiraan barreeffamoota baatanii deemuu, fakkiiwwan sochoʼan, kaardii ittiin lallaban, foonograafii, raadiyoofi Intarneetiitti fayyadamaniiru.

Yihowaan hojii lallabaa kana waan eebbiseef, yeroo harʼaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan afaan 670 oliin maxxansinee kaffaltii malee raabsaa jirra. Obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan biyyoota sooreyyii taʼanittis taʼe biyyoota guddachaa jiranitti Galmawwan Mootummaa, Galmawwan Walgaʼii Gurguddaafi waajjiroota damee ijaaruurratti hirmaachaa jiru. Kana malees yommuu balaan gaʼutti obboloonni jaalala qabeeyyii taʼan, obboloota naannoo balaadhaan hubame sana jiran dhaqanii gargaaruudhaan dhugumaan obboloota ‘yeroo gidiraatiif dhalata’ taʼuusaanii argisiisaniiru.—Fak. 17:17, hiika bara 1899.

Geggeessitoonni amantiifi mormitoonni kaan, yeroo tokko tokko ‘seera jalʼisuudhaan wanta hamaa’ raawwachuuf carraaqqiin isaan godhan, “wangeela balʼisuuf” akka gargaare beekuun keenya amantii keenya kan nuuf jabeessudha.—Far. 94:20; Filp. 1:12.

“Naaʼota” hidhata keenya taatanii wajjin hojjechuu keenya akka mirga guddaatti ilaalla. Garaa keenyarraa akka isin jaallannu isiniif ibsuu barbaanna! Kitaabni kun, dhaala hafuuraa keessaniif isa yeroo kamiiyyuu caalaa dinqisiifannaa guddaa akka qabaattan akka isin gargaaru ni kadhanna.—Mat. 24:45.

Nagaan keenya onneerraa madde isin haa gaʼu

Obboloota keessan,

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa