Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bitaa: Bara 1945⁠tti obboleessi keenya Ayintihooven, Neezarlaanditti utuu lallabuu poolisiin yommuu isa qabuuf jedhu; Mirga: Seerri biyya keessanii akka lallabdan ni heyyamaa?

KUTAA 4

Injifannoowwan Mootummichaa—Misiraachicha Karaa Seera Qabeessa Taʼeen Labsuu

Injifannoowwan Mootummichaa—Misiraachicha Karaa Seera Qabeessa Taʼeen Labsuu

MANAA gara manaatti utuu tajaajilaa jirtanii poolisoonni gara keessan dhufaa akka jiran fagootti argitan haa jennu. Mana ittaanu deemtanii nama haasofsiisuu akkuma jalqabdaniin obboleessi waliin jirtan poolisoonni gara keessanitti adeemaa waan jiraniif yaannisaa ni hihhirame. Poolisoonni sunis akkuma isin bira gaʼaniin, “Manaa gara manaatti deemtanii Macaafa Qulqulluu lallabaa kan turtan isinii? Odeeffannoon waan nu gaʼeef dhufne!” isiniin jedhan. Isinis karaa ulfina qabuun Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keessan itti himtan. Sana boodahoo maaltu taʼa laata?

Deebiin gaaffii kanaa haala Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyicha keessatti dabarsanirratti kan hundaaʼedha. Biyya keessan keessatti mootummaan Dhugaa Baatota Yihowaatiif ilaalcha akkamii qaba? Mirgi amantii jiraa? Taanaan waggoota hedduu darban keessatti obboloonni ‘misiraachichaaf falmuufi karaa seera qabeessa taʼeen labsuuf’ gumaacha guddaa akka godhan hin shakkisiisu. (Filp. 1:7) Biyya kamiyyuu keessa yoo jiraattan injifannoo Dhugaa Baatonni Yihowaa gama seeraatiin argatan qoruun keessan amantii keessan isiniif cimsa. Kutaa kana keessatti injifannoowwan arganne keessaa muraasasaanii ilaalla. Carraaqqii mataa keenyaatiin injifannoo akkasii argachuu matumaa waan hin dandeenyeef, injifannoon arganne Mootummaan Waaqayyoo dhugumaan bulchaa akka jiru kan nuuf mirkaneessudha.

KUTAA KANA KEESSATTI

BOQONNAA 13

Labsitoonni Mootummichaa Mana Murtiitti Iyyatan

Abbootiin seeraa yeroo harʼaa jiran tokko tokko ilaalcha Gamaaliʼel isa barsiisaa Seeraa beekamaa taʼee wajjin wal fakkaatu akka qaban argisiisaniiru.

BOQONNAA 14

Amanamummaadhaan Mootummaa Waaqayyoo Qofa Deggeruu

Ariʼatamni akka ‘bishaaniitti’ Dhugaa Baatota Yihowaa, dhimma siyaasaa keessa hin seennerratti dhangalaʼe qaama hin beekamne tokkoon liqimfameera.

BOQONNAA 15

Mirga Waaqeffannaatiif Qabsaaʼuu

Sabni Waaqayyoo, mirgi Mootummaa Waaqayyootiif abboomamuuf qaban akka isaaniif eegamu gochuuf qabsaaʼaniiru.