Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bitaa: Walgaʼii guddaa bara 1945⁠tti, Landan, Ingilaanditti, alatti geggeeffame; Mirga: Walgaʼii addaa Afriikaatti, biyya Maalaawwii keessatti bara 2012⁠tti geggeeffame

KUTAA 5

Barumsa Mootummichaa—Tajaajiltoota Mootichaa Leenjisuu

Barumsa Mootummichaa—Tajaajiltoota Mootichaa Leenjisuu

NAMA waltajjiirra dhaabatee haasaa kennu tokko fuula ifaadhaan ilaalaa jirtu haa jennu. Namni kun dargaggeessa gumii keessan keessatti argamu siʼa taʼu, walgaʼii guddaarratti yeroo jalqabaatiif haasaa kennaa jira. Haasaasaa utuma dhaggeeffachaa jirtanii, leenjii sabni Waaqayyoo argatu dinqisiifattu. Obboleessi kun yeroo jalqaba waltajjiirra baʼee haasaa dhiheesse haala akkamiirra akka ture yaadachuudhaan guddinni inni argisiise isin ajaaʼibsiisa! Mana Barumsaa Leenjii Qajeelchitootaarratti erga leenjii fudhatee booda guddina argisiiseera. Dhiheenyattimmoo, inniifi haati manaasaa Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaarratti hirmaataniiru. Haasaa gaarii obboleessi kun dhiheessaa jiru dhaggeeffachuu keessan yommuu itti fuftan, asiif achi erga ilaaltanii booda qajeelfama sabni Waaqayyoo argachaa jiru dinqisiifattu.

Macaafni Qulqulluun yeroon sabni Yihowaa hundi ‘isarraa itti baratan’ akka dhufu dursee dubbatee ture. (Isa. 54:13) Harʼa yeroo kana keessa jiraachaa jirra. Barumsa kan argannu karaa barreeffamoota keenyaa qofa utuu hin taʼin, karaa walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan gurguddaafi manneen barnootaa jaarmiyaa Yihowaa keessatti hojii taʼe tokkoof nu leenjisuuf qophaaʼaniis ni arganna. Kutaa kana keessatti, manneen barnootaa kun Mootummaan Waaqayyoo yeroo harʼaatti dhugumaan bulchaa akka jiru kan mirkaneessan akkamitti akka taʼe ilaalla.

KUTAA KANA KEESSATTI

BOQONNAA 16

Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu

Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabamuun keenya faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

BOQONNAA 17

Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisuu

Manneen barnootaa tiʼookraasii tajaajiltoonni Mootummichaa itti gaafatamummaa isaaniif kenname akka raawwatan kan isaan qopheessan akkamitti?