Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Faarfannaa 152

Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

(Fakkeenya 14:26)

  1. Yaa Yihowaa abdii nuu laatte

    abdii dinqisiisaa.

    Namni hundi abdii kana

    akka beeku feena.

    Garuu dhiphinni nu ’rra gaʼu

    sodaa galcha nu keessa;

    Kun immoo abdii nuu laatte

    nutti dukkaneessa.

    (WALLEE)

    Abdiif, amanannaa,

    jabina keenya.

    Waan dhabne si ʼrraa arganna.

    Waan sittʼ amanamnuuf,

    sodaa hin qabnu

    Yeroo lallabnuuf barsiisnu.

  2. Egaa Yihowaa nu gargaari

    akka hin daganne,

    Jabina keenya taʼuu kee

    yoo rakkoo ’rra buune.

    Yaanni nama jajjabeessu kun

    lubbuu keenya haaromsa;

    Maqaa kee akka lallabnu

    ija nu jabeessa.

    (WALLEE)

    Abdiif, amanannaa,

    jabina keenya.

    Waan dhabne si ʼrraa arganna.

    Waan sittʼ amanamnuuf,

    sodaa hin qabnu

    Yeroo lallabnuuf barsiisnu.