Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 3

NAMNI DAANDICHA QOPHEESSU TOKKO NI DHALATE

NAMNI DAANDICHA QOPHEESSU TOKKO NI DHALATE

LUQAAS 1:57-79

  • YOHAANNIS CUUPHAAN NI DHALATE, NI MOGGAAFAMES

  • ZAKKAARIYAAS WANTA YOHAANNIS GARA FUULDURAATTI HOJJETU DUBBATE

Elsaabex daʼuu jala geesseetti. Firri ishii Maariyaam jiʼa sadiif ishii wajjin turte. Amma yeroon Maariyaam Elsaabexitti nagaa dhaamtee karaa dheeraa deemuudhaan gara mana ishii isa Naazireetitti argamutti itti deebitu dhihaateera. Naazireet tulluuwwan Yihudaa irraa gara kaabaatti argamti. Maariyaamis jiʼa jaʼa booda ilma ni deessi.

Maariyaam deemtee utuu baayʼee hin turin Elsaabex ni deesse. Nagaadhaan ofkaluu ishiitti, akkasumas ishiinis taate mucaan ishii fayyaa gaarii kan qaban taʼuu isaatti gammachuu guddaatu taʼe! Elsaabex ilma ishii ollootaa fi firoota ishiitti yommuu argisiistu, ishii wajjin gammadan.

Seerri Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne, mucaan tokko dhalatee guyyaa saddeettaffaa isaatti dhaqna qabachuu akka qabu dubbata; achiis maqaan ni moggaafamaaf. (Lewwoota 12:2, 3) Namoonni tokko tokko ilmi Zakkaariyaas maquma abbaa isaatiin waamamuu akka qabu itti dhagaʼamee ture. Haa taʼu malee Elsaabex, “Hin taʼu! Yohaannis jedhamuu qaba” jette. (Luqaas 1:60) Gabriʼeel mucaan kun Yohaannis jedhamee waamamuu akka qabu dubbachuu isaa yaadadhu.

Olloonnii fi firoonni ishii, “Firoottan kee keessaa eenyu illee maqaa kanaan waamamee hin beeku” jechuudhaan yaada ishii morman. (Luqaas 1:61) Achiis, Zakkaariyaas ilma isaa eenyu jedhee moggaasuu akka barbaadu mallattoodhaan isa gaafatan. Zakkaariyaasis gabatee akka isaaf fidan gaafatee, “Maqaan isaa Yohaannisi” jedhee irratti barreesse.—Luqaas 1:63.

Yeroo kanatti dandeettiin dubbachuu Zakkaariyaas dinqiidhaan deebiʼeef. Dandeettii dubbachuu isaa kan dhabe maleekaan sun Elsaabex ilma akka godhattu yeroo isatti himetti amanuu waan dideef akka taʼe ni yaadatta taʼa. Kanaaf, yeroo Zakkaariyaas dubbatu kanatti olloonni isaa ajaaʼibsiifatanii “Mucaan kun maal taʼa laata?” jedhanii of gaafatan. (Luqaas 1:66) Moggaasa maqaa Yohaannisii wajjin haala wal qabateen Waaqayyo gaʼee akka qabu hubatan.

Achiis Zakkaariyaas hafuura qulqulluudhaan guutamee akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel saba isaatiif xiyyeeffannaa waan kennee fi fayyina waan isaanii fideef haa galateeffamu. Inni mana Daawit tajaajilaa isaa keessaa gaanfa fayyinaa nuu kaaseera.” (Luqaas 1:68, 69) “Gaanfa fayyinaa” kan jedhe Yesuus Kiristoos isa dhalachuuf jedhuun ture. Zakkaariyaas, wanta Waaqayyo karaa isa dhalatu sanaa raawwatu yommuu dubbatu, “Harka diinota keenyaa keessaa erga nu baasee booda, sodaa malee tajaajila qulqulluu akka isaaf dhiheessinu mirga nuu kenna; kunis amanamoo akka taanuu fi bara jireenya keenya hundatti wanta qajeelaa taʼe akka hojjennuufi” jechuudhaan dubbateera.—Luqaas 1:74, 75.

Zakkaariyaas ilma isaa ilaalchisee akkana jechuudhaan dursee dubbate: “Ati . . . yaa mucaa nana, daandii isaa qopheessuuf Yihowaa dura waan deemtuuf, raajii Isa Hundaa Olii sanaa jedhamtee waamamta; sabni isaa dhiifamni cubbuu isaaniif godhamee, beekumsa fayyina akka argatan isaan gargaaru isaaniif kennita. Kunis kan taʼe gara laafina guddaa Waaqayyo keenyaatiin kan kaʼe dha. Gara laafina kanaanis ifni akka barii ganamaa ol gubbaadhaa nuu baʼa; inni warra dukkana keessa jiranii fi warra gaaddidduu duʼaa jala jiraataniif ifa kenna; akkasumas miilli keenya daandii nagaa irra akka deemu godha.” (Luqaas 1:76-79) Raajiin kun baayʼee kan nama jajjabeessu dha!

Yeroo kanatti Maariyaam ishiin hanga yoonaatti hin heerumne, mana ishii isa Naazireetitti argamu geesseetti. Ulfaaʼuun ishii ifatti yeroo beekamu maaltu ishii mudata laata?