Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 4

Maariyaam—Hin Heerumne Garuu Ulfoofteetti

Maariyaam—Hin Heerumne Garuu Ulfoofteetti

MAATEWOS 1:18-25 LUQAAS 1:56

  • YOSEEF MAARIYAAM AKKA ULFOOFTE BARE

  • MAARIYAAM HAADHA MANAA YOSEEF TAATE

Maariyaam erga ulfooftee jiʼa afur guutteetti. Jiʼoottan jalqabaa kan dabarsite fira ishii Elsaabex ishii tulluuwwan Yihudaa gara kibbaatti argaman keessa jiraattu biratti akka ture yaadadhu. Amma garuu gara Naazireetitti deebiteetti. Dhiheenyatti ulfa taʼuun ishii baramuun isaa hin oolu. Haalli kun hammam ishii dhiphisuu akka dandaʼu mee yaadi!

Haalli isaa baayʼee ulfaataa akka taʼu kan godhu immoo Maariyaam kaadhima nama Yoseef jedhamuu fi naannoo sanatti hojii mukaa hojjetuu taʼuu ishii ti. Akka seera Waaqayyo saba Israaʼeliif kenneetti, durbi kaadhima nama tokkoo taate, nama kan biraa wajjin saalqunnamtii yoo raawwatte dhagaadhaan rukutamtee akka ajjeefamtu beekti. (Keessa Deebii 22:23, 24) Kanaaf, Maariyaam balleessaa raawwachuu baattus, akkamitti akka ulfoofte Yoseefiif akkamitti akka ibsituu fi wanti ishii mudachuu dandaʼu ishii yaaddessee taʼuu qaba.

Maariyaam jiʼa sadiif isa irraa fagaattee waan turteef Yoseef ishii arguuf hawwee akka ture mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yommuu wal argan, Maariyaam haala keessa jirtu isaaf ibsuun ishii hin oolu; kan ulfoofte hafuura Waaqayyootiin akka taʼe isaaf ibsuuf wanta dandeessu hunda akka gootu beekamaa dha. Haa taʼu malee, dhimma kana hubachuunis taʼe amanee fudhachuun Yoseefitti baayʼee akka ulfaatu tilmaamuu dandeessa.

Yoseef Maariyaam dubartii gaarii akka taatee fi maqaa gaarii akka qabdu beeka. Akkasumas, baayʼee ishii jaallata. Taʼus, ishiin haala isaa isaaf ibsuuf yaalii gootus, Yoseef kan ishiin ulfoofte nama kan biraa irraa akka taʼe isatti dhagaʼame. Yoseef, Maariyaam dhagaadhaan rukutamtee akka ajjeefamtu ykn haala ishiin keessa jirtu uummanni akka beeku waan hin barbaadneef, dhoksaadhaan ishii hiikuuf yaade. Bara sanatti, namoonni wal kaadhimatan akka wal fuudhanitti ilaalamu turan; kanaaf gargar baʼuuf wal hiikuun isaan barbaachisa ture.

Booda irrattis, Yoseef dhimma kana irratti utuma yaaduu hirribni isa fudhate. Yeroo kanatti maleekaan Yihowaa abjuudhaan isatti mulʼatee akkana jedheen: “Kaadhimni kee Maariyaam kan ulfoofte hafuura qulqulluudhaan waan taʼeef, gara mana keetti ishii fudhachuu hin sodaatin. Ishiin ilma ni deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee moggaasta; inni namoota cubbuu isaanii irraa ni fayyisa.”—Maatewos 1:20, 21.

Yoseef yommuu hirribaa dammaqu, dhimmichi ifa isaaf taʼuu isaatti hammam galateeffate laata! Utuu baayʼee hin turin wanta maleekaan sun isatti hime raawwateera. Maariyaamiin gara mana isaatti fudhate. Gochi inni namoota duratti raawwate kun, akka qophii cidhaatti kan ilaalamu siʼa taʼu, sana booda Yoseefii fi Maariyaam hiriyoota gaaʼelaa taʼuu isaanii argisiisa. Taʼus, Yoseef hamma ishiin Yesuusiin deessutti Maariyaamii wajjin saalqunnamtii hin raawwanne.

Jiʼoota muraasa booda, Yoseefii fi Maariyaam ishiin daʼuu jala geessee turte, mana isaanii isa Naazireetitti argamuu gara iddoo biraa deemuuf qophaaʼuu qabu turan. Yeroo Maariyaam daʼuuf jettu kanatti eessa deemuuf jedhu laata?