Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 5

Yesuus Ni DhalateEessatti? Yoom?

Yesuus Ni DhalateEessatti? Yoom?

LUQAAS 2:1-20

  • YESUUS BEETALIHEEMITTI DHALATE

  • TIKSITOONNI YESUUS ISA REEFUU DHALATE ILAALUU DEEMAN

Mootii Mootota Bulchiinsa Roomaa kan ture Awugusxos Qeesaar, namoonni hundi akka galmaaʼan labsii baase. Kanaaf, Yoseefii fi Maariyaam gara biyya Yoseef itti dhalatee, jechuunis gara magaalaa Beetaliheem ishii Yerusaalem irraa gara kibbaatti argamtuu dhaquu qabu.

Namoonni hedduun galmaaʼuuf gara Beetaliheem dhufaniiru. Iddoon Yoseefii fi Maariyaam buufachuu dandaʼan bakka harroonnii fi horiin garaa garaa itti galan qofa ture. Yesuus iddoo kanatti dhalate. Maariyaam huccuudhaan isa martee bidiruu horiin keessaa nyaatan keessa isa ciibsite.

Awugusxos Qeesaar labsii kana akka baasu kan godhe Waaqayyo taʼuu qaba. Akkas kan jennu maaliifi? Sababni isaas labsiin kun baʼuun isaa Yesuus Beetaliheem keessatti akka dhalatu waan godheefi dha. Beetaliheem magaalaa Daawit Mootichaa isa abaabilii Yesuus taʼee ti. Kitaabonni Qulqulluun magaalaan kun iddoo Mootichi abdachiifame itti dhalatu akka taʼe yeroo dheeraa dura raajii dubbataniiru.—Miikiyaas 5:2.

Halkan iddoo guddaa qabu ture! Utuma tiksitoonni dirree irra jiranii ifni guddaan isaanitti ife. Ifichi ulfina Yihowaa ture! Maleekota Waaqayyoo keessaa inni tokko tiksitoota sanaan akkana jedhe: “Hin sodaatinaa! Kunoo, ani misiraachoo namoota hundaaf gammachuu guddaa argamsiisu isinitti nan hima. Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha dha. Kun mallattoo isiniif haa taʼu: Mucaan tokko huccuudhaan maramee bidiruu horiin keessaa nyaatu keessa utuu ciisuu argitu.” Battaluma sanatti maleekonni kan biraa hedduun mulʼatanii, “Samii irratti Waaqayyoof ulfinni haa taʼu; lafa irrattis namoota inni jaallatuuf nagaan haa taʼu” jedhan.—Luqaas 2:10-14.

Erga maleekonni sun deemanii booda tiksitoonni sun, “Kottaa ammuma gara Beetaliheem dhaqnee wanta taʼee fi Yihowaan nutti hime haa ilaallu” waliin jedhan. (Luqaas 2:15) Achiis, hatattamaan deemanii Yesuus isa reefuu dhalate bakkuma maleekaan sun isaanitti himetti argan. Tiksitoonni kun wanta maleekaan isaanitti hime yommuu dubbatan kan dhagaʼan hundi baayʼee ajaaʼibsiifatan. Maariyaam wanta jedhame hundaaf bakka guddaa kan kennite siʼa taʼu, garaa ishiittis irratti xiinxalte.

Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun Yesuus kan dhalate jiʼa Muddeetti akka taʼe amanu. Haa taʼu malee, naannoo Beetaliheemitti jiʼi kun jiʼa bokkaa fi qorraa ti. Yeroo tokko tokko immoo cabbiin iyyuu jira. Yeroo kanatti tiksitoonni horii isaanii wajjin ala buluu hin dandaʼan. Akkasumas, mootiin mootota Roomaa uummanni duruma iyyuu isa irratti kaʼuu barbaadu guyyoota hedduudhaaf deemee akka galmeeffamuuf waqtii gannaa cimaa taʼetti ni ajaja jechuun wanta hin fakkaanne dha. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti Yesuus jiʼa Onkoloolessaa keessa dhalate.