Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 9

Yesuus Naazireetitti Guddate

Yesuus Naazireetitti Guddate

MAATEWOS 13:55, 56 MAARQOS 6:3

  • LAKKOOFSI MAATII YOSEEFII FI MAARIYAAM NI DABALE

  • YESUUS OGUMMAA HARKAA BARATE

Yesuus magaalaa Naazireet ishii xinnoo taatee fi iddoo guddaan hin kennamneef keessatti guddachaa jira. Magaalaan kun kaaba Yihudaa, tulluuwwan Galiilaatti argaman keessatti, lixa haroo guddaa Galaana Galiilaa jedhamee waamamuutti argamti.

Yoseefii fi Maariyaam Gibxiidhaa gara iddoo kanaa kan isa fidan umuriin isaa gara waggaa lamaa yommuu taʼetti dha. Yeroo kanatti Yoseefii fi Maariyaam isa malee ijoollee kan biraa waan godhatan hin fakkaatu. Yeroo booda garuu obboloonni isaa Yaaqoob, Yoseef, Simoonii fi Yihudaa jedhaman dhalataniiru. Yoseefii fi Maariyaam ijoollee durbaas waan godhataniif Yesuus obbolaa durbaas qaba jechuu dha. Eeyyee, Yesuus yoo xinnaate obbolaa dhiiraa fi durbaa quxisuu isaa taʼan jaʼa qaba.

Yesuus firoota kan biraas qaba. Elsaabexii fi mucaan ishii Yohaannis fira isaa taʼuu isaanii beekna. Yohaannis, Yihudaa ishii gara kibbaatti kiiloo meetira hedduu isaan irraa fagaattee argamtu keessa jiraata. Isaanitti dhihaattee Galiilaa keessa kan jiraattu immoo Saloomee dha. Salomeen Maariyaamiif obboleettii, Yesuusiif immoo adaadaa taʼuu hin ooltu. Abbaan manaa Saloomee Zabdeewos jedhama. Ijoolleen isaanii lamaan Yaaqoobii fi Yohaannis durbii Yesuus warra jalqabaa taʼuu hin oolan. Yesuus ijoollummaa isaatti ijoollee kanaa wajjin yeroo baayʼee dabarsuu fi dhiisuu isaa wanta beeknu hin qabnu; haa taʼu malee yeroo booda ergamoota isaa keessaa tokko taʼuudhaan hidhata isaa taʼaniiru.

Yoseef ijoollee hedduu waan qabuuf, isaan kunuunsuuf jabaatee hojjechuu qaba. Yoseef anaaxii dha. Yesuusiin akka mucaa isaatti waan guddiseef, Yesuus, “Ilma isa anaaxii sanaa” jedhameera. (Maatewos 13:55) Yoseef, Yesuusiinis anaaxummaa kan barsiise siʼa taʼu, innis sirriitti barateera. Yeroo booda namoonni Yesuusiin “Anaaxicha” jedhanii waamaniiru.—Maarqos 6:3.

Maatiin Yoseef waaqeffannaa Yihowaatiif iddoo guddaa kenna ture. Akka Seerri Waaqayyoo isaan ajajutti Yoseefii fi Maariyaam ‘yeroo mana isaanii keessa taaʼan, karaa irra yeroo adeeman, yeroo ciisan, yeroo kaʼanis’ ijoollee isaanii karaa hafuuraa ni barsiisu turan. (Keessa Deebii 6:6-9) Naazireet keessa manni sagadaa jira. Yoseef maatii isaa wajjin waaqeffannaadhaaf yeroo hundumaa achi deemaa akka ture mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yeroo booda, Yesuus ‘akkuma barsiifata isaa guyyaa Sanbataatti’ mana sagadaa dhaqaa akka ture ibsameera. (Luqaas 4:16) Waliin taʼanii waggaa waggaadhaan gara mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamuu deemuunis maaticha baayʼee gammachiisa.