Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 18

Yesuus Dabalaa Yohaannis Immoo Hirʼachaa Adeeme

Yesuus Dabalaa Yohaannis Immoo Hirʼachaa Adeeme

MAATEWOS 4:12 MAARQOS 6:17-20 LUQAAS 3:19, 20 YOHAANNIS 3:22–4:3

  • BARATTOONNI YESUUS NI CUUPHAN

  • YOHAANNIS CUUPHAAN MANA HIDHAA SEENE

Yesuusii fi barattoonni isaa Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 30, waqtii arfaasaatti kabajame erga ayyaaneffatanii booda Yerusaalemii baʼanii deeman. Haa taʼu malee, kallattiidhaan Galiilaa ishii bakka jireenyaa isaanii taatetti hin deebine. Kanaa mannaa, gara biyya Yihudaa kan deeman siʼa taʼu, achitti namoota hedduu cuuphan. Yohaannis Cuuphaanis gara waggaa tokkootiif namoota cuuphaa kan ture siʼa taʼu, barattoonni isaa tokko tokkos tarii sulula Laga Yordaanos keessa amma iyyuu isaa wajjin jiru.

Yesuus ofii isaatiin nama tokko illee hin cuuphne; kanaa mannaa, barattoota isaatu ajaja isaatiin cuupha. Yesuus tajaajila isaa jalqabee yeroo kanatti, innis taʼe Yohaannis Yihudoota cubbuu Seera Waaqayyoo irratti hojjetan irraa yaada geddaratan barsiisaa jiru.—Hojii Ergamootaa 19:4.

Haa taʼu malee, barattoonni Yohaannis waan hinaafaniif, “Namichi [Yesuus] sii wajjin . . . ture . . . cuuphaa jira; namni hundis gara isaa dhaqaa jira” jedhanii isatti himan. (Yohaannis 3:26) Yohaannis garuu hin hinaafne. Yesuus milkaaʼuu isaatti kan gammade siʼa taʼu, barattoonni isaas akka gammadan barbaade. Yohaannis, “‘Ani Kiristoos miti; kan isa dura ergame sana dha malee’ jechuu koo isinumti iyyuu dhugaa anaaf baatu” jechuudhaan wanta dubbatee ture isaan yaadachiise. Yaada kanas fakkeenya namni hundi hubachuu dandaʼuun akkana jechuudhaan dubbate: “Inni misirroo qabu hundi dhirsa misirroo ti. Michuun dhirsa misirroo sanaa garuu yommuu dhaabatee sagalee isaa dhagaʼu, sagalee dhirsa misirroo sanaatiin kan kaʼe guddaa gammada. Kanaaf, amma gammachuun koo guutuu taʼeera.”—Yohaannis 3:28, 29.

Yohaannis, jiʼoota muraasa dura yeroo barattoota isaa fi Yesuusiin wal barsiise, akkuma michuu dhirsa misirroo sanaa baayʼee gammadeera. Isaan keessaa muraasni Yesuus duukaa kan buʼan siʼa taʼu, yeroo boodas hafuura qulqulluudhaan ni dibamu. Yohaannis barattoonni isaa warri isaa wajjin jiranis Yesuus duukaa akka buʼan barbaada. Kaayyoon isaa, tajaajila Kiristoosiif karaa qopheessuu dha. Yohaannis, “Inni dabalaa adeemuu qaba; ani immoo hirʼachaa adeemuun qaba” jedhe.—Yohaannis 3:30.

Yohaannis inni kan biraan, inni duuka buutuu Yesuus taʼee ture, Yesuus eessaa akka dhufee fi fayyina ilmaan namootaa keessatti shoora inni qabu yeroo booda akkana jechuudhaan barreesseera: “Inni ol gubbaadhaa dhufe warra kaan hunda irra ni caala. . . . Abbaan Ilma ni jaallata, wanta hundumaas harka isaatti dabarsee kenneera. Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.” (Yohaannis 3:31, 35, 36) Dhugaan kun, dhugaa barbaachisaa namoonni beekuu qabani dha!

Yohaannis Cuuphaan gaʼee inni qabuu fi hojiin isaa hirʼachuu akka qabu dubbatee utuu baayʼee hin turin, Heroodis Mootichi mana hidhaatti isa galche. Heroodis, Herodiyaas ishii haadha manaa obboleessa isaa Filiphos taate fuudhee ture. Yohaannis, ejja inni raawwate kana yommuu saaxiletti Heroodis mana hidhaatti isa galche. Yesuus, Yohaannis hidhamuu isaa yommuu dhagaʼetti, barattoota isaa wajjin Yihudaa keessaa baʼee “gara Galiilaatti deebiʼe.”—Maatewos 4:12; Maarqos 1:14.